Ministeerichi hojii tola ooltummaan qarshii biliyoona 10tti tilmaamamu raawwachuuf karoorfate

Sinqinash Alamuutiin

Finfinnee: Hojiin tola ooltummaa lammiileen fedhasaaniifi ilaalcha namummaa qabanirraa ka’uun yeroo, humna, qabeenyafi beekumsa qabaniin hawaasa keessa jiraataniif gumaachamuudha.

Ministir De’eetaa Ministeera Dubartootaa, Daa’immaniifi Dargagootaa Aadde Hiyiwot Hayiluu ibsa addatti Gaazexaa Bariisaaf dheengadda kennaniin akka jedhanitti, sagantaa tajaajila tola ooltummaa baatiiwwan gannaa mataduree ‘Tola  ooltummaa tajaajila dargagootaatiin Itoophiyaa yaa uwwisnu’ jedhuun Gudina Guraagee, magaalaa Buttaajiraatti  kaleessa jalqabsiifameera.

Sagantaa kanaanis dameewwan tajaajilaa 13 irratti dargaggoota miliyoona 16 hirmaachisuun, lammiilee miliyoona 38 fayyadamaa taasisuun, hojii tola ooltummaa kanaanis  hojiin qarshii biliyoona 10tti tilmaamamu kan hojjetamu ta’uu beeksisaniiru.

Dameewwan tajaajilaa dargaggoonni irratti hirmaatanis hawaasa ijaaruun hojii hubannoo uumuu, eegumsaafi kunuunsa naannawaa, ijaarsa dargagootaa beekumsarratti hundaa’e qarshiifi humnaan cimsuu, barmaatileefi aadaawwan biyya alaa miidhaa geessisanirratti hubannoo uumuufi ittisa baqannaa seeraan alaarratti ta’uu himaniiru.

Dargagoonni sagantaa tajaajila tola ooltummaa baatiiwwan ganaarratti hirmaatanis aadaafi duudhaa hawaasichaa kabajuun, yaadrimeen tola ooltummaa hawaasicha keessattii akka aadaa ta’uuf hojjechuu, rakkoolee mul’atan furuuf qajeelfama diriirsuufi baqannaa seeraan alaa bal’inaan mul’atu ittisuuf gaheen dargaggootaa olaanaa ta’uus ibsaniiru.

Ministeerichi  sagantaa tajaajila tola ooltummaa baatiiwwan gannaa waggoota lamaan darbanii magaalota Adaamaafi Dabrabirhaanitti eegalchiisuu yaadachiisanii, barana Naannoo Ummatoota Kibbaa, Magaalaa Buttaajiraatti kaleessaa eegalchiifamuu eeraniiru.

‘Hojiin tola ooltummaa miira wajjin waan walqabatuuf gammachuu bu’aa sagantaa tajaajila tola ooltummaa bona darbee dabalatee sagantaa gannaa kanaa milkeessuuf dargaggoonni qophooftaniifi hojiittii jirtan gammachuu olaanaa akka argattaniin nanamana’ jedhan.

Sagantaa tajaajila Ashaaraa magariisaa kaa’uun Itoophiyaa magariisa taasisuu cinaatti hojii dhalootatti darbu waan ta’eef dargagoonni saganticharratti hirmaattan hunduu bu’uura jijjiiramaa ta’uu himaniiru.

Oduudhuma walqabateen dubartoonni miliyoona 2.5 hanga miiliyoona 3 ta’aniifi dargaggoonni miliyoonni sadii har’aafi boru biqiltuuwwan miliyoona 44 dhaabuuf qophaa’uu Hoggantuun Biiroo Dhimma Dubartootaa, Daa’immaniifi Dargaggootaa Oromiyaa, Aadde Sa’aadaa Usmaan himan.

Humna jijjiramaafi misoomaa dargaggootaafi dubartoota hirmaachisuun ashaaraa magariisaafi hojii hola ooltummaa kana milkeessuuf hojiitti galameera jedhan.

Ummanni hojii misoomaarratti akka xiyyeeffatuuf hojjetamaa jiraachuus himanii, ganna kana Sagantaa Ashaaraa magariisaa mataduree “Koottaa Oromiyaa haa uwwisnuu” jedhuun kan adeemsifamu ta’uu beeksisaniiru.

Sagantaan kunis walduraa duubaan sadarkaa naannootti godinaalee Jimmaafi Buunnoo Beddelleetti kan adeemsifaman ta’uu ibsaniiru.

Gaazexaa Bariisaa Waxabajjii 26/2013  

Recommended For You