Lafti tokkollee agabuu hinbulu!

“Bulchiinsi magaalichaa mataduree, “Nyaata keenya oddoo keenyaa” jedhuun deeggarsa itti gala teknolojii omishaafi omishtummaa qonnaan bulaa guddistuu taasisuun hojii qonna arfaasaa magaalaa eegalchiiseera.

Tola ooltoota gara garaa komishinii qonna magaalaa wajjin ta’uun qonnaan bultoota jiraattota kutaalee magaalaa keenyaa ta’an omishtummaansaanii akka dabaluuf tiraaktaroota, obaastuuwwan bishaanii, xaa’oofi sanyii filatamaa bakka bu’oota qonnaan bultootaatiif dabarsineerra.

Jenereetaroota Dhaabbata Maantoo Wandaa Dhuunfaa Ittigaafatamummaansaa Murtaa’een naa kennaman qonnaan bultoota dubartootaatiif dabarsee kenneera.

Milkaa’ina hojii kanaatiif kan hojjatan komishinii qonnaa bulchiinsa magaalichaafi omisha warshichaa kennaadhaan akka kennamu nuu dhiheesse waldicha onnee kiyyarraan galateeffadha.

Lafti tokkollee agabuu akka hinbulle ”Nyaata keenya oddoo keenyaa” waan jenneef kutannoodhaan, gahumsaafi osoo rakkoof hinjilbiiffanne misoomsuufi biyya keenya magariisa uwwisuuf yeroo kamuu caalaa akka ifaajnu waamicha kiyyan dhiheessa.”

  • Adaanach Abeebee, Kantiibaa Ittaantuu Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee

Gaazexaa Bariisaa Waxabajjii 26/2013

Recommended For You