“Itoophiyaan Olompikiirratti meedaaliyaa kan argatte atileetiksii qofaani” -Garramawu Danboobaa

 Tashoomaa Qadidaatiin

Finfinnee: Sababii weerara Covid 19 kan ka’ee waaggaa tokkoof achi kan siqe Olompikiin Tookiyoo 2020n Adoleessa 16 hanga Hagayya 6 bara 2013 Magaalaa guddoo Jaappaan, Tookiyootti akka adeemsifamu guyyaan isaa murteeffameera.

Itoophiyaan qophii kanaaf biyya keessaafi biyyaa alatti minimaa olompikii guuttachuuf jecha magaaloota Hoolaandi, Finfinneefi Sabbataatti dorgommiiwwan gulaallii adeemsisuun atileetota 34 filachuun hoteela akka galan taasifamaniiru.

Seenaa olompikii keessatti yeroo jalqabaaf Awustiraaliyaa,Meelboornitti hirmaannaan ishee kan beekamu Itoophiyaan Atileetiksiifi Biskileetaan ture.Haata’u malee yeroodhaa gara yerootti cimaa adeemuudhaan ispoortii Bunyaafi Daakaan bishaanii itti dabalame hanga ammaatti akaakuuwwan ispoortii afur qofaan hirmaachaa turteetti.Barana ammoo Woorlid Tekuwaandoodhaan minimaan waan guutameef hirmaannaan ishee gara shaniitti ol siqeera.

Itoophiyaan Yeroo jalqabaaf addababa’ii olompikiirratti kan mul’atte ispoortii atileetiksiifi Biskileetiitiin ta’us atileetiksiirraa kan hafe biskileetiin meedaaliyaa tokkollee argattee hin beektu. Kanaaf ammoo rakkinni isaa akkaataa gurmaa’ina ispoortichaatti jedhu obbo Garramaw.

Obbo Garramaw Damboobaa manguddoo Umrii 86ti ALA bara 1956 Biskileessitoota Olompikii Meelboorni 16farratti Itoophiyaa bakka bu’uudhaan hirmaatanMasifin Tasfaayee,Tsahaay Baahaataafi Mangistuu Nigusee wajjin hirmaataniiru.

Dhiyeenya kana sirna waggaa 60fa miila duwwaa jedhu yaadannoo Shaalaqaa Baashaa Waamii Birraatuuf Hoteela Sharaatan Addisitti gaggeeffamerratti Gaazexaa Bariisaaf akka ibsanitti, biyya keenyatti ispoortiiwwan ammayyaa hangafoota keessaa biskileetiin isa tokko.

Itoophiyaan miseensa koree Olompikii Biyyoolessaa ta’uuf wayita gaafattu akaakuuwwan ispoortii shaniin hirmaachuu akka qabdudha kan itti himame. Kanarraa kan ka’e Atileetiksii, Biskileeta, kubbaa kachoo, buunyaafi daakaa bishaaniin hirmaachuuf beeksisuun galmoofte.

Haata’u malee jedhu Obbo Garramaw, biyyattiin yeroo sana ispoortiiwwan hafaniin hirmaachuuf rakkoo faayinaansii waan ishee mudateef atileetiksiifi biskileeta qofaan hirmaachuuf dirqamteetti.

Guyyoota jahaaf qilleensarra balali’uudhaan gaafa guyyaa torbaffaa Meelbornii kan seene jilli ispoortii Itoophiyaa qilleensa magaalattiitiin wal baruuf jecha guyyoota lamaaf shaakaluudhaan dorgommii keessa kan gale jedhu Obbo Garramawu.

Dorgommii gulaalaa duraa adeemsifametti ani dhuunfaadhaan 6fa baheen kan itti aanutti darbe. Kan marsaa lammaffaarratti qabxii gaarii fida jedhamee eegamaa turus biskileetarraa gara galee miidhaa guddaan waan narra gaheef Hospitaala gale jedhu.

Yeroo sana nuyi muxannoo waan hinqabnef gulufsiistota biyyoota muxannoo qaban wajjin tartiibaan walqixa gulufuuf hafuura nu kute ture.Kanaaf kaa hiriyoonni kiyyas yeroomaan gulaalaa ala kan ta’an.

Itoophiyaan hanga ammaatti akaakuu ispoortii kanaan olompikii 13 irratti hirmaattus meedaaliyaa argachuu dhiisii sadarkaa keessallee galtee hin beektu jedhaniiru.

Sababiin isaa jedhu obbo Garramaw, akkaataa gurmaa’ina ispoortichaati. Ispoortichi biyya keenyatti hangafa ta’uun isaa osoo beekamuu ilaalchi qaama gaggeessaa gadi aanaa ta’usaatti qabxiin argamus gadi aanaa akka ta’e ibsaniiru.

Guddina ispoortichaaf ummanni, keessumattuu dargaggoonni baay’inaan jiraachuu qabu jedhanii yeroo baay’ee gabaasaa alatti qaamni ispoortii biskileetii hoogganu ispoorticha achi siqsuu hin dandeenye. Kanumarraa kan ka’e waggaa afuritti al tokko ispoortessaa tokko qofatu miinimaa guuttatee hirmaata.

Koreen raawwachiftuu hojii federeeshinii biskileetii waggaa afuritti al tokko kan filatamu yoo ta’u yeroo filannoon gaggeeffamu namoota hubannoo ispoortii qaban osoo hin ta’iin kan filataman bakka bu’oota naannooleeti. Ispoortichifi isaan gargar waan jiraniif hirmaannaan alatti qabxiin argamu harka duwwaadha.

Ispoortiin kan ummataati kan jedhan obbo Garamaaw akkaataan gurmaa’inasaas gandaa kaasee hanga biyyaaleessaatti gurmaa’u qaba.Kilaboonni Biskileetii jiraachuu qabu. Waajirri koree Biskileetii ganda keessatti cimuu qaba. Iddoowwan oolmaa ispoortii gandoota keessatti bal’inaan jiraachuu qabu.

Akkasumas kilaboota Biskileetii kanneen naannoleefi bulchinsa magaalotaa baajeta mataasaaniitiin akka socho’an gochuuf miseensotaafi ispoonsaroota biyya keessaa bal’inaan horachuun barbaachisa jedhaniiru.

Koreen Federeeshinii Biskileetii Itoophiyaa waggaa afuritti filannoo gaggeeffamuuf walunkuruu keessaa bahanii damee ispoortichaa guddisuuf tumsuu akak qabanis dhaamaniiru.

Guddina ispoortichaa yoo hawwine Biskileesitoota heddu minimaa olompikii guuttatan horachuun barbaachisaadha. Akkamitti qabxii ittin arganna yaada jedhurraattis wal dhaggeeffachuun, marii gochuun murteessaadha. Ispoortichaafis qaamni quuqamu jiraachu qaba.

Kana ta’uu baannaan ispoortichi golaa bahus qabxiin quubsaa waan hingalmoofneef ummanni mufatee akka irraa hinfagaanne sodaan qaban ibsuun xiyyeeffannoon kennamuu akka malu dhaamaniiru.

Gaazexaa Bariisaa Waxabajjii 26/2013  

Recommended For You