Gaazexaa Bariisaa
Ministirri Muummee Abiyyi Ahmad sagantaa galateeffannaa Kibxata darbe qaamolee miidiyaa hojii filannoo milkaa’inaan raawwataniif qophaa’eerratti haala qabatamaa Naannoo Tigraayirratti ibsa kennaniiru. Qabxiileen ijoo isaan ibsanis:
- Ji’oota saddeet dura yommuu Maqalee deemnu bakka hawataa, teessoo mootummaafi qabeenyi beeknuufi hinbeekne itti argamu turte. Har’a gaafa dhiisnee baanu garuu humnoota keessa dhokotanii kuma 80 caalan dabalachuusaatiin ala waanti hawachiisaan hinjiru.
- Durumayyuu kaayyoon keenya Maqalee ykn magaalaa biraa bilisa baasuu osoo hintaane waan namoonni seera cabsaniif, loltoonniifi hidhannoon keenya waan nu jalaa qabameefi.
- “Diinni rukuteen injifadheen baase” jedha. Dubbii keenyarratti diinni mo’amee hinbeeku. Gaafa nuti Maqalee galleyyuu isaantu torban tokkoof akka itti bashannannu nuu eeyyamaniitu malee isaan guyya guyyaan nu balleessu, nu injifatu; feesbuukiifi tiwutariidhaan. Diinni yoomiyyuu hawwii keessasaa waan dubbatuuf hangas mara nama hinajaa’ibsiisu.
- Kaayyoon ‘TPLF” injifachuufi mootummaa ta’uu miti. Daaraa ta’eeraatii walqabannee daaraa taanaadha. Biyyoo uffadheeraa walqabannee biyyoo uffanna, daakameeraati walqabannee daakamna hojii jedhu hojjetu.
Yommuu kana ummanni dhaabbatee bo’oon isaan naa qotan eessa na geessa jedhee ilaalee bo’oo mataasaa qotachuu dhiisee isa gadjallaa taa’ee isa harkisuuf harkifata taanaan wajjin qilee seenuudha.
- Utuu dhiibbaawwan garagaraa keessa jirruu, ji’oota saddeettan darbanitti baasii dhimma loltummaaf oolu osoo hindabalatiin qarshii biliyoona 100 ol Tigraayiiti baafneerra. Kana jechuun bajata bara dhufuuf qabanne %20, bajata Tigraayiif qabannu dachaa 13 ol jechuudha.
- Hojii dadhabbiifi baasii olaanaa gafatu hedduu hojjenneellee hawaasi idil addunyaas ta’u biyya keessaa waan gaarii hojjettan jedhee jabaadhaa nuun jedhe hinjiru. Himannaawwan sababa keessaniin ummanni rakkataafi beel’aa jira, kominikeeshinii dhorkitan, waraana Ertiraa galchitan kanneen jedhaniifi kkf qofatu ture.
- Gaafa Juuntonni ummata isaan hindeggare ajjeesan jalqaban ummanni nu dhiistanii hindeeminaa jedhee raayyaa ittisaa gaafannaan amananii nama muraasa bira kaa’anii sakatta’uu eegalan. Namoonni ganama akkas jedhan, waaree booda humna waraanaa muraasa achi turan ba’anii fixan. Gochi akkanaa babal’achaafi baay’achaa deeme.
- Bakkawwan tokko tokkotti qeesonni kilaashii qabatanii ummata kakaasaa turan. Bataskaanota hedduu keessattis akka waan namni awwaalamuutti guyyaa guyyaadhaan boolli qootamee meeshaan waraanaa awwaalamaa ture.
- Nuti kan fudhanne raayyaan ittisa biyyaa ummata bal’aa akka diinaatti fudhatee seenaa keessatti godaannisa gurraacha kaa’ee, innis kan itti qaana’uufi addunyaanis ulee hedduun Itoophiyaarratti kan itti ka’u uumamuurra, gara ummata da’oo nuu ta’a jennuutti siqnee teenyee ummatichaaf yeroo aara galfii kenninaaf. Turtii ji’oota muraasaan booda dadhabbii mootummaafi raayyaa ittisaa kan ilaallu ta’a.
- Yoo yeroo kennineef wanti bardheengaddaa nu sodaachise barana nun sodaachisu. Hunda caalaammoo yoo xiqqaate ganna kana dhimmi dursa kenninuuf, waa’een hidha haaromsaa waan jiruuf maallaqa, hidhannoofi humna keenya qusachuun gara dhimma ijootti xiyyeeffachuutu nurra jiraata.
- Amma yakkamaa ta’aa kan jiruufi guyyaa guyyaan haleelamaa kan jiru humna qabeenya hinqabneen isa du’eefis, isa beela’eefis, isa madaa’eefis deggarsa taasisuudha.
- Maatiin tokko miseensota shan yoo qabaate 10 jedhee galmeessisee qooda nama shanii fudhate shan juuntaaf kenna.
Miseensi raayyaa ittisaa garuu gaafa warana ittifufiinsaa qabu guyyaa afur shaniif bishaan akka hinarganne taasifamaa, juuntaan garuu bishaan haayilaandi dhuga. Kanaaf nuti juuntaas qallabaa galatas dhabaa deemuurra yeoo aaragalfii lanneefi, dhimma keenya raawwatannee booda walitti deebi’uu dandeenya.
- Gaafa nuti Maqaleedhaa baanu juuntaan Maqalee qabanne jedhee odeessus bakki juuntaan qabate tokkollee hinjiru. Maqalee keessatti kan shubbisaa ture humnuma magaalicha keessa dhokote ta’aa tureedha.
- Bakka qabachuufi turuun nurra jiru qabanne turra. Humna gurmaa’ee gara sana dhufuu barbaadus gammachuu olaanaadhaan keessummeessina.
- Namoonni hedduun murtoo kanaan yaaddoo qabaachuu danda’u. Garuu akkuma filannoo Itoophiyaan injifattee, Itoophiyaan olkaate, humni nu’iin diina taasifate walitti qabame waliisaa waloolee injifannoo lammataatiin akka walagarru shakkii xiqqoollee hinqabu; Itoophiyaafi Itoophiyaanummaa eenyuuyyuu hinmo’atu. Itoophiyaan kan mo’attu Waaqa sodaachuufi kadhachuu akkasumas ogummaa abbootii fayyadamuuni.
Gaazexaa Bariisaa Waxabajjii 26/2013