Dippilomaasii
Namootni hedduun dippilomaasii (misiyoonummaa) ilaalchisee biyyi keenya hanga barbaachisu sababa hariiroo biyyoottan garaa garaa wajjin hin uumneef biyyootni dadhaboo fakkaatan kaleessaas ta’e uummatni xiqqoon biyya kana injifataa jiru; mirga argataas jiru jedhanii yeroo isaan qeeqan dhaga’uun keenya hinoolle. Namootni tokko tokko ammoo dippilomaasiin maal akka ta’ee, maaliif akka milkaa’aniifi akka kufan kan hubachuu fedhan jiraachuu danda’u. Haa ta’u iyyuu malee dippilomaasiin har’a dubbannu kun umurii dheeraa qaba.
Barreessitootni garaa garaa akka ibsanitti yeroo jalqabaaf hojii dippilomaasii kan eegalan ergamoota Waaqaati jedhu. Isaantu Waaqa irraa ergamee gara biyya lafaa kana dhufe jedhanii amanu. Egaa falmiin kun Waaqa akka bulchaatti ilaaluun ergamoota ammoo akka dippilomaatotaa (misiyoonotaa) yookaan akka bakka buutotaatti ilaaluun namoota ibsuuf yaalaniidha, Kana irraa kan ka’e dhalli namaa uumamaan dippilomaatiidha jedhu.
Haa ta’u iyyuu malee jechi dippilomaasii jedhu kun jecha Afaan Giriikii “diploun” jedhu irraa kan dhufe yeroo ta’u hiikkaan isaa ‘dachaasuu’ kan jedhutti hiikuun nidandaa’ama. Sababii dachaasuu jedhameefis bara mootummaa Roomaa keessa namootni daandii mootii Roomaa irra waan darbaniif saanii sibiila irraa hojjetame lama irratti chaappessanii walitti dachaasuun kennamaaf. Inni kun akka harshima seera qabeessaatti kan gargaaru yeroo ta’u maqaan isaa “diplomas” jedham. Egaa inni kun namootni walitti dhufeenya biyyoottan ambaa wajjin qaban akka harshima seera qabeessaatti akka itti fayyadamaniifi bakkaa bakkatti socho’aniif gargaara. Namootni kun tooftaa sirriitti fayyadamuun ilaalchaafi murtoo mootummootaa irratti namoota mareedhaan, walii galtee uumuun dhiibbaa geessisuu dandaa’aniidha. Egaa hariiroon (diploomaasiin, misiyoonummaan) biyyoota walaba ta’an lama gidduutti karaa seera qabeessa ta’een hariiroo uumamuudha.
Karaa biraas dippilomaasii jecha jedhu hundee isaa yeroo ilaallu jecha ‘diploma’ jedhu kan qabuufi jechi kun ammoo jechoota lama ‘diplo’ jecha jedhuufi ‘ma’ jecha jedhu irraa dhufe. ‘diplo’ jechuun dachaasuu jechuu yeroo ta’u ‘ma’ kan jedhu ammoo meeshaa jecha jedhutti hiikama. Kana jechuun akka harshima ittiin bakkaa bakkatti deemaniif bifa seera qabeessaan kan gargaaru yeroo ammoo akka harshima geggeessitootni yookaan aangawootni ittiin socho’an “diplomatic passport’ isa jedhamuutti kan gargaaraa tureedha.
Booda keessa garuu harshima walii galtee yookaan harshima ittiin hariiroo biyya lafaa wajjin uuman ta’aa dhufe. Keessumatti yeroo waraqaan walii galteewwan garaa garaa haddaarsa (archive) keessa baay’achaa dhufe namootni isa kana sirriitti toora qabachiisan nibarbaadaman. Jaarraa 18ffaa keessa biyyi Faransaay jecha “diplomate” jedhamu yookaan nama seera qabeessaan ramadamee waa’ee biyya isaa irratti maree taasisu yookaan walii galtee garaa garaa raawwachuu danda’u (diplomat/diplomatist) jecha jedhuun waamuu eegalan.
Itti fufuun bara mootummaa Roomaa hadaarsituun harshimaa (diplomatic archivist) daran barbaachisaa ture. Egaa hadaarsituun harshima walii galtee biyyoottan garaa garaa wajjinii “Cancellarius” jedhama. Inni kun isa har’a “Chancellor” jedhamu jechuudha. ‘Chancellarius’ jechuun bara mootummaa Roomaa keessa nama karra mana murti eegu jechuudha. Jaarra saddeettaffaa keessa gita addunyaatti barbaadamuu hadarsuu wajjin kan wal qabate bulchiinsa yookaan taliiga harshima gara bulchiinsa yookaan taliiga walittidhufeenyaatti ce’e. Haa ta’u iyyuu malee akka namootni hedduun irratti walii galanitti hojii diploomaasii akka taliiga walitti dhufeenya addunyaatti hanga bara 1792tti hineegalle ture.
Dippilomaasiin waggootta dheeraaf jiraachuu isaaf ragaalee jiran keessaa tokko barreeffama ‘Dhagaa Amarna’ jedhamu biyya Misiritti bara 1887 argame irraa hubachuun nidandaa’ama. Xalayootni dippilomaasii afaan warra Bahaa keessumatti warra Mesopotaamiyaatiin (Ancient Near East) harkaan barreeffaman, qaroominni akka tureef ilmaan namootaa wagga dheeraa dura hangam akka hariiroo waliin uumuuf fedha qaban kan agarsiisuudha. Xalayootni kunis haasawaa diploomaatikaa mootummoota Sooriyaa, Filisxeem, Baabiloon, Asoor, Kana’aan, Hatii, Mittanniifi mootota yookaan biyyoottan xixiqqoo gidduutti akka ta’aa ture agarsiisu. Ijoon diploomaasii barasii inni guddaan kan irratti xiyyeeffate daldalaafi hariiroo waliin uumuu irratti ture. Itti fufee dhaloota Kiristoos dura bara 1274 loliisa Fara’ooniifi mootummaa Heetotaa booda walii galteen nagaa gabatee dhagaa irratti mallatteeffame. Har’a caccabaan dhagaa gabatee irratti walii galteen ta’e kanaa mallattoof jira. Walii galteen kuns kan addunyaa kana irratti bara dheeraa dura ta’aa tureef mallattoodha jedhamee yaadama.
Egaa dippilomaasiin akka kanatti eegalee dhufe kun bifa hammayyaa’een biyya lafaa kana irratti argaa jirru hundeen isaa gara warra Giriikii, Roomaafi Faransaayitti nudeebisuun isaa hinoolu. Mootummoota gidduutti hojii diploomaasii garaa garaa kan geggeeffamaa turan namoota erguufi daldaltoota daldalaaf deemanitti fayyadamuun ture.
Akkuma namootni hedduun irratti walii galan diploomaasiin bifa har’aa qabatee kan eegale dhaloota Kiristoos dura jaarraa 5ffaafi 4ffaa gidduutti akka ta’e beekamaadha. Jalqaba irratti magaalota Giriikii gidduutti walii galteen garaa garaa akka ta’aa tureefi addumaan jaarraa ja’aaffaa keessatti dhaloota Kiristoosiin dura daldalaafi siyaasa irratti walii galtee hundaa’e magaalotni Giriikii yookaan biyyoota Giriikii jalatti bulan gidduutti akka ture ragaan addaa addaa nimirkaneessa.
Egaa akka bara si’anaa kana namoota misiyoonota (diplomats) warri jennu biyyoottan addaa addaatti ergaman magaalota Giriikii keessatti namootni akka ‘proxenos’ jedhamaniifi ‘heralds’ jedhaman hojii dippilomaatummaa hojjetaa turan. ‘Proxenos’ warri jedhaman diplomaatii yeroo ta’an warri ‘heralds’ jedhaman ammoo namoota sirriitti waan dhagaa’an yaadatti qabatanii; waan geggeessitootni itti himan sagalee guddaan magaalota kan biraatti dabarsuu dandaa’an turan. Hojii kanaafis namootni baay’ee barbaachisan namoota haasaa dandaa’an, haasa’anii nama amansiisuu kan dandaa’an baay’ee filatamu turan.
Booda keessa garuu warri Roomaa aadaa dippilomaasii biyya Giriikii keessa jiru faayidaa isaa yoo itti hinamanne ta’an illee fudhachuun dippilomaatota warra Giriikii irra bifa adda ta’een leenjisuun ogeessota horachuu yaalan. Dippilomaatota ogeeyyii ta’an kanaan hojii garaa garaa akka hojjechaa turte seenaan ni addeessa.
Isa kanatti aansuun dippilomaasii biyya Xaaliyaanii caqasuun gaarii ta’a. Dippilomaasiin biyya xaaliyaanii kan irra fudhatame Biizaantaayin irra yeroo ta’u kan Xaaliyaanii kan warra Bizaantaayin irraa kan adda taasisu yoo jiraate xiqqoo ishee amanamummaafi beekumsa irratti kan ijaarame ture. Dippiloomaasiin kun namoota bakka bu’oota ta’anii seeraan kaa’aman qofa irratti kan bu’uureffatame ture. Itti fufuun magaalotni Xaaliyaanii garaa garaa kan akka Savoy, Venice, Florensiifi kkf., dippilomaasii hammayya’aatti gara tarkaanfachiisuutti dhufan. Yeroo misiyononni (dippilomaatotni) ergaman dura ta’aan nama biyya isaanii qofa akka ta’u, misiyooniin (dippilo\omaatiin) akka biyya itti ergame jiraatu ta’uun deemsa dippilomasummaa isa darbe hundumaa irra adda taasise.
Seera ittiin bulmaataa qabaachuufi biyya itti ergaman jiraachuun adeemsa misiyoonummaa gara hammayyummaattis ceesise. Inni kun ammoo gama dinagdee Xaaliyaaniinis bu’aa cimaa argamsiise. Gara jaarraa kudha torbaffaatii hanga jaarraa kudha saddeettaffaatti biyyi Faransaay adeemsa misiyoonummaa biyya Xaaliyaanii fudhachuun bifa isheef ta’utti qopheeffatte.
Haa ta’u iyyuu malee rakkoon misiyoonota (diploomaatota) Faransaay mudate keessaa tokko biyya isaaniif hojjechuu irra turtii keessa aadaa biyya itti ergamaniin liqimsamuun biyya isaanii irra biyya keessa jiraniif hojjechuutu itti hammaate. Karaa adda biraa ammoo isa kana hambisuuf yaalii ta’een misiyoononni (dippiloomatotni) gabaasa biyya itti ergamanii al-ta’umsa kan ta’e yeroo biyya isaaniitti ergan walitti dhufeenya isaan qabaniifi amanamummaa isaanii hir’isuun adeemsa misiyoonummaa isaanii miidhuu eegale.
Fudhatama isaan qabanis hir’isuu eegale. Sababiin isaa misiyoononni biyya ambaatti ergaman kam iyyuu biyya itti ergamanii wajjin walitti dhufeenya cimaa qabaachuun akka biyyootni lamaan waliin fayyadamtoota ta’an taasisuu qabu. Keesumatti bara keessa jirru kana keessatti akka addunyaa kanaatti wantootni hedduun geeddaramaniiru.
Misiyoonotni jaarraa 21ffaa keessaa akka bara kanaan duraatti hojjechuufi yaaduu hinqaban. Sadarkaa ilmaan namootaa irra ga’an, gama barnootaan, gama hariiroo uumuun, gama dhiibbaa gaarii geessisuun, gama siyaasa addunyaa hubachuun, ilaalchaafi fedhii biyyootaa adda baafachuun, kallattii adeemsa addunyaa kana hubachuu, sadarkaa yaadaafi kkf., sirriitti kan beekan, beekumsa irratti kan ijaaramaniifi walitti dhufeenya biyyaattan qaban ijaaruuf kan dandaa’an namoota dhiibbaa gaarii geessisan ta’uutu irraa eegama.
Dippilomaatotni har’a biyyaaf bu’aa buusan namoota dandeettii misiyoonummaa qaban, amala namootaa yookaan geggeessitoota biyyoottan addaa addaa xiinxaluuf dandeettii qaban, jecha xiqqoo isaan dubbatan dhiibbaa dhaggeeffattoota irraan kan ga’an, wantoota xixiqqoo fakkaatan tuffatanii kan cina taran utuu hinta’in kan hubannaan hordofan, namootaa wajjin walii galuun kan isaan hindanqine, namoota dubbisan, seenaa kan beekan, afaanni kan hindanqine, obsa qabeeyyii, dantaa biyyaafi saba isaanii kan kabachiisan, walii galtee tarsiimoo sirrii irratti hundaa’e biyyi isaan itti ergaman akka biyya isaanii wajjin qabaattu kan taasisan fa’i. Dandeettii daldalaafi teeknooloojiitiin biyya isaan ergee wajjin walitti hidhuu kan dandaa’an, biyyi isaan itti ergaman biyya isaan ergitee wajjin hariiroo obbolummaa uumuu akka dandeessu kan taasisan, hariiroo gaarii uumuu kan dandaa’an, nagaan bakka qisaasa’etti nagaa bakkatti deebisuu kan dandaa’an ta’uu qabu.
Akka biyya keenyaattis keessumatti yeroo ammaa kana namoota dandeettii akkasii qaban nibarbaachisu. Namoota biyya itti ergaman irratti dhiibbaa gaarii geessisuu dandaa’an, hariiroo cimaa uumuu kan dandaa’an, wantoota walitti dhufeenya biyyoottan lamaanii miidhuu dandaa’an dursanii adda baafachuun kan irratti hojjetaniifi hambisan ta’uu malu.
“Dippilomaatii sirriin maaliif akka biyyi isa/ishee ergite nama sirriitti beekuudh”
Zarihun Gabree
Gaazexaa Bariisaa Waxabajjii 26/2013