Namni maqaansaa ‘Chuck Palahniuk’ jedhamu haala hammayyummaafi rakkoolee teknolojiin sammuu dhaloota irratti qaqqabsiisuu danda’an ilaalchisee si’achi “sammuun kan abbaa miti” jedha.
Sammuun namaa nigarboofatama jechuusaati. Sammuun namaa garboofatamuun garbummaa kamuurra hamaadha. Sammuun qabeenya dhala namaa isa guddaadha. Namni biraa akka sammuusaatti fayyadamu namni eeyyame yoomiyyuu garba namaa ta’ee jiraata.
Garba nama sammuusaatti akka fayyadamuuf eeyyameefii ta’a jechuudha. Inni kun du’a cimaadha. Du’a sammuuti. Utuu deemanii jiraa fakkaatanii du’uudha; jiraatti du’uu isa jedhamu. Garbummaa kana jalaa akka isa kaanii nama irraa lolanii jalaa nama baasuun hindandaa’amu. Abbaatu jalaa ba’a.
Garbummaan sammuu akka garbummaa kan biraa miti. Karaa itti seenanii harka kennaniin deebi’anii ba’uu gaafata. Garuu akkitti ba’amu salphaa miti. Namni namaan garboofatame garbummaa jala jiraachuu sirriitti beeka.
Nama haalli addumaan bara keessa jirru kanatti teknolojiis ta’e hammayyummaan garboomfate garuu sirriitti hinhubatu. Akka nama raacha affeeluu suuta suutaan ajjeesa. Bishaan yeroo nama nyaatu kofalchiisaati jedhama mitiiree?
Egaa garbummaan sammuu hamaadha. Miidiyaaleen hawaasummaa, wantootni nuti agarruufi dhageenyu, haalli yeroon fidee dhufu dhugaa sobarraa adda hinbaafannu taanaan sadarkaa sammuu nama to’achuurra ga’a.
Isa kanaaf gadi fageessanii xiinxaluu yookaan yaaduu danda’uu yookaan isa afaan Ingiliziin ‘critical thinking skill’ jedhamugabbifachuu gaafata. Sababiinsaas barichi wantoota gaarii jala hamaa dhokseera.
Akkuma beekamu teknolojiin yookaan hammayyummaan ofiisaaniitiin hamoo miti. Bakkatti jireenya dhalootaarratti dhiibbaa gaarii geessisuu danda’an niqabaatu. Keessumaa teknolojiin jireenya ilmaan namootaa kallattiilee hedduun geeddaruunsaa kan haalamu ta’uu baatus akkuma wantootni gaariin jiran wantootni dhaloota miidhuu dandaa’anis hindhababan.
Isa sirrii adda baafachuun isa hamaarraa akka dhuunfaattis ta’e walootti irraa fagaachuun barbaachisaadha. Dhugaa jiru hubatanii hamaa jiruun wal’aansoo qabuun miidhaasaa ofirraas ta’e dhalootarraa qolachuun murteessaadha.
Tarii baay’een keenya kitaabota adda addaarraa waa’ee guchii dubbisnee beekna ta’a. Afaan Ingiliziitiin namoota rakkoodhaan wal’aansoo qabanii injifachuurra akka waan hinagarreefi hindhageenyeetti callisanii irraa dheessanii jiraachuu yaalaniin “akka guchii mataasaa cirra keessa dhokfata” jedhu.
Kun afaan Ingiiziitiin ‘hiding their head in the sand, like an ostrich’ jedhu. Sababiin mammaaksa kanaa dheerinni guchii hanga meetira 2.4 yoo ta’u, ulfaatinnisa hanga kiiloo giraama 155 ta’a. Akka qorattootni ibsanitti guchiin tokko sa’aatii tokkotti hanga kiiloo meetira 65 kaachuu danda’a.
Sibiila miliimeetira 10 ta’u dhiitee dabsuu danda’a. Nama dhiitee cabsuu akkasumas ajjeesuu nidanda’a. Humnaafi dandeettii akkasii haaqabaatus rakkoo isa mudatu akka waan hinagarreefi hinargineetti mataasaa dhokfattee jiraachuu yaala. Rakkoo jirus dabarsuu yaala.
Isa kana namootni bara mootummaa Roomaatii eegalee hanga har’aatti cirra keessa mataa dhokfachuu jechi jedhu yoo jiraatellee dhoksaansaa inni guddaan mammaaksa kanaan dahatanii kan isaan ibsuu yaalan rakkoo nama mudatuufi furmaata barbaachuu dhiisanii jalaa miliqanii ooluuf yaaluu yookaan hirraanfachuu yaaluun sirrii akka hintaane ibsuuf jedhaniiti.
Dhuguma mataasaa cirra keessa dhokfatee kan jedhu gaaffii mataasaa danda’e yoo ta’ellee hanga har’aatti Raashiyaafi biyyoota akka Ingiliz fa’itti mammaaksi kun nidubbatama. Rakkoo uumameef furmaata barbaaduu malee jalaa dhokachuuf yaaluun akka furmaata hintaane agarsiisuuf itti fayyadamu.
Ta’us dhokachuusaatiin rakkoo isa mudate jalaa hinoolu. Sababiinsaa uumamaan mataasaa xiqqoo sababa ta’eef kan inni dhoksuu yaalu qaamasaa isa meetira lamaa ol dheeratu utuu hinta’in mataasaa isa xiqqaadha. Inni kun akka inni irbaata bineensaa ta’uuf qopheessa.
Egaa rakkoo hammayyummaan fidee dhufu jalaa dhokatanii ooluun hindanda’amu. Fudhachuu dhiisuunis murtoo bilchaataa miti. Akka bishaaniittis dhuguun nagummaa miti. Rakkoolee falaasamni bara keenyaa fidee dhufu duraan dursinee sakattaanee ilaaluu gaafata.
Yeroon keessa jirru yeroo warraaqsa hammayyummaafi teknolojiiti jechuun nidanda’ama. Hammayyummaas ta’e kalaqni teknolojii jireenya namootni guyyaadhaa gara guyyaatti jiraatan keessatti warraaqsa cimaa fidee akka dhufe eenyuyyuu hinhaalu.
Jireenya kanaan dura abbootni keenya jiraataa turan fooyyessuun geejjiba gaarii, magaalaa babbareedoo, jijjiirama wal’aansa fayyaa, omisha ba’eessaafi warshaalee hammayyaafi kk fiduun jireenya namootaa fooyyesseera. Ilmaan namootaas isa kanaan dura jiraataa turanirraa jireenya fooyya’aa akka jiraataniif shoora guddaa taphateera.
Eenyuyyuu faayidaa hammayyummaa wajjin walqabatu yookaan teknolojiin fide ganuu hindanda’u. Karaa biraas miidhaa hammayyummaan akkasumas teknolojiin hawaasummaa dhalootarraan ga’us haaluun hindandaa’amu.
Barnootarratti, jireenya safuu yookaan duudhaa hawaasni tokko qabu miidhuu keessatti, walitti dhufeenya isaan namootaa wajjin qabanirratti, jireenya hawaasummaafi kkf keessatti eeggannoo hingoonu taanaan hammayyummaan dhiibbaa alta’umsa mataasaa danda’e qaqqabsiisa.
Keesumaa yeroo ammaa mucooliirraa eegalee hanga namoota guguddootti dhiibbaa hamaa arguun keenya hinoolle. Fakkeenyaaf namni tokko akka kanaan duraa namootarraa barachuurra yookaan namoota wajjin walitti dhufeenya uumuurra meeshaalee elektirooniksii akka filatu qorannoowwan gara garaa ni addeessu.
Dhalootni keenya bohaaruuf, xabaaf, barachuuf, hiriyaa qabaachuuf akka teknolojii filatan qorannoowwan gara garaa nimirkaneessu. Kana ilaalchisee dargaggootni dhibbantaan 57 ta’an hiriyaansaanii baay’inaan namoota taphoota adda addaa taphachuuf jecha interneetiiirratti argan akka ta’e qorannoon ni addeessa. Kana keessaa dhibbantaan 40 ol waan ofiif barbaadan utuu hinta’in waan namoota biraa ni gammachiisa jedhanii yaadan qofa akka fuula interneetiirratti maxxansan dubbatu.
Karaa biraas dhibbantaan 39 ol ta’an ammoo maxxansa ofiif itti amanan utuu hinta’in kan namootni biraa arganii jaalataniifi yaada itti kennan qofa maxxansu. Inni kun waan sammuunsaanii itti amanu utuu hinta’in nama biraarra dhiibbaa ga’uuf kan raawwatan akka ta’e agarra.
Sammuusaaniin, waan itti amanan kan godhan utuu hinta’in kan sammuun gara biraa jaalatu qofa hojjetu. Egaa inni kun ofitti amanamummaa dhabuu, sammuu namaan geggeeffamuudha. Jireenyi akkasii duudha hawaasni keenya qabu qisaasessuun garbummaa hamaa keessatti nama gateera. Namoota hedduus gara jireenya qophagaleessummaatti geesseera.
Egaa rakkoon kun rakkoo keenya qofa miti. Rakkoo hundumaati. Hundumarra garuu ardiilee akka Afrikaatiif salphaa miti. Nuti, ummatoonni akka biyyoota Afrikaafaa akka warra kaanii suuta suutaan sadarkaa har’aarra hingeenye. Sadarkaa keessa dabarre baay’ee hinqabnu. Jireenyiifi yaadni hammayyummaa wajjin wal-qabate jireenya, safuu hawaasni qabu, duudhaalee hawaasaa keenya mancaasuun dargaggoota irratti dhiibbaa hamaa geessiseera. Geessisaas jira. Isa kana gara fuula duraatti bal’inaan ilaaluun keenya hinoolu.
Haa ta’u malee hammayyummaan inni nuti hanga ammaatti waa’eesaa kaasaa oolle maali?
Hammayyummaan seenaa ilmaan namaa keessatti bara namootni itti yaada saayinsiitti amantan, duudhaalee kanaan dura, Waaqa (supernatural and metaphysical) simachuu irra falaasama saayinsii qofa yeroo itti amanataniidha.
Inni kun kan eegalame gara dhuma jaarraa 19fafi jalqaba jaarraa 20fatti akka ta’e namoonni seenaafi falaasamaa ni ibsu. Hawaasni industirii eegalamuun magaalaa guguddoofi namoota danuun guutuu jalqabuu; rakkoo loliisa addunyaa isa 1fa bu’ereffachuufi kkf irraa ka’uun ummanni lixaa bifa addaatiin yaaduufi amanuu eegale. Jijjiiramni ilaalcha warra lixaa kun egaa namoota seenaafi falaasamaaf bara ammayyummaa jedhame.
Egaa barri ammayyumaa saayinsii qofa kan amanatuyookiin waan hundatti saayinsiin hiikaa nikenna jedhanii yaaduudha. Beekumsi qorannoon argama jedhanii amanu; wantoota guruddoo jireenya namaatiif hiikaa kennan kan akka dhugaa, safuu, hayaata, seenaafi Waaqa dhugaa kan fakkaatan bara itti amanachuun nama danquudha.
Dhugaa qabatamaan(absolute truth) akka jiru hinfudhatu. Arguufi hubachuun kan dandaa’amu wantoota mul’atan qofa jedha. Falaasama waanti hundinuu hiika hinqabujedhu hordofa. Waanti dhugaan waan hinjirreef waa tokkoyyuu amanuun hindanda’amu.
Falaasamni kun hundumaa shakka. Kanaaf hammayyummaan yaalii namni gargaarsa Waaqayyoo malee ofii isaa hubachuuf (selfhood) taasisu akka ta’eefi inni kun ce’umsa gara yaada qabatamaafi dhugaa ta’e mormuun (rejection of realism and objective thinking) addunyaa keessa ofii ibsuuf yaalii taasisuutti ce’uuti (expression of the subjective inner world) jedhamee yaadama.
Egaa hammayyummaaf dhugaa bira ga’uuf beekumsatu barbaachisa; hammayyummaaf Waaqayyo du’eera; amantiin safartuu loojikiitiin kufaadha; jiraachuu Waaqayyoo amanuun hindanda’amu. Falaasamni kun dhaloota gara kufaatii hamaatti geese. Kasaaraa jireenyaa, duudhaa, amantiifi kkf keessa buuse. Qorannoowwan jiranis isaan kana mirkaneessu.
“USA Today Poll” kan jedhu qorannoo geggeesseen dhiirotni dhibbeentaan 46 fi dubartootni dhibbeentaan 40 hiikkaafi faayidaa jireenyaa namoota barbaadan akka ta’e ibsa. Falaasamni hammayyummaa akka kasaaraa keessa isaan buuse namoota ibsaniidha.
Egaa furmaatni kanaa maali? Isa kana ilaalchisee barreeffama keenya isa itti aanu keessatti gadi fageenyaan ilaalla.
“Sammuun namaa garboofatamuun garbummaa kam caalaa hamaadha. Sammuun qabeenya ilma namaa isa guddaadha. Namni kan biraa akka sammuu isaatti fayyadamu namni heeyyame yoom iyyuu garba namaa ta’ee jiraata. Inni kun du’a cimaadha. Jiraa fakkaatanii du’uudha.
Garbummaa sammuu jalaa lolanii nama baasuun hindandaa’amu. Abbaatu of irraa qolata. Garbummaan sammuu akka garbummaa kan biraa miti. Karaa itti seenanii harka kennaniin deebi’anii ba’uu gaafata.”
Zarihun Gabree
Gaazexaa Bariisaa Waxabajjii 19/2013