“Nama beekamtuu malee nama siyaasaan ta’a jedhee yaadee hinbeeku” -Aadde Warqinash Birruu

Saamraawiit Girmaatiin

Dubartoonni gama siyaasaatiin milka’aanii biyyaafi ummatasaaniif bu’aa buusaa jiran akkasumas, dubartoota kaaniif fakkeenya ciminaa ta’an jiru.

Keessumaa bara hoggansa jijiiramaa dubartoonni baay’een fuulleetti ba’anii ittigaafatama olaanaa fudhatanii hojjechuurratti argamu.

Bara jijjiiramaa kana keessammoo dhaabbilee haaraa hundaa’an keessaa Ministeerri Nageenyaa isa tokko. Ministeerichatti dubartoonni ciccimoon keessumaa hogganummaan ramadamanii miira haadhummaa qabaniin nagaa biyyaa eegsisuuf hojjetaa jiru. Isaan keessaas ministir de’eetaan ministeerichaa Aadde Warqinash Birruu isaan tokko. Nutis akka isaan muuxannoofi mudannoosaanii dubbistoota keenyaaf qoodaniif keessummaa Bariisaa maxxansa kanaa taasifanneerraan.

Bariisaa:  Mee dubbistoota keenyaan walbaraa. Eessatti dhalattanii, guddattanii, barattan?

Aadde Warqinash: Tole, Warqinash Birruun jedhama. Godina Shawaa Lixaa, Aanaa Meettaa Roobiittiin dhaladhe. Dhalootikoo achi ta’us daa’imummaadhaan Aanaa Ada’aa Bargaatti gallee, achittin hanga kutaa ja’affaatti Mana Barnootaa Ulaa Booraa jedhamutti baradhe. Kutaa 7fafi 8fa Ada’aa Bargaa, Magaalaa Incinniittin baradhe. Kutaa sagalfaa Hoolotatti, 10fa irraa eegaleemmoo Finfinneettin baradhe. 

Utuun barachaa jiru gaafan kutaa 11fa ga’u ADWUIn  waan seeneef tureef barnoota addaan kuteen qabsootti dabalame. Bara 1983 qabsootti makamee 1984 kutaa 12fa xumure jechuudha.

Isaa booda hojiitti seeneen bakkeewwan garagaraa sadarkaalee adda addaatiin hojjedheera. Jalqaba hojii kanin eegale Godina Shawaa Kaabaa, Magaalaa Sandaafaa, Aanaalee Alaltuu, Jiddaafi Abbichuutti. Bara 1985 godinan gale.

Sadarkaa godinaarraa kaasee hanga naannoofi federaalaattis waajjiraalee garagaraa keessa ittigaafatamummaan hojjedheera. Keessumaa ergan gara federaalaatti dhufee ministeerota kanneen akka kominikeeshinii, dhimma hojjetaafi hawaasummaatti ministir de’eetaa akkasumas, sadarkaadhuma sanaan waajjira ministira muummeetti, qophii karoora ittifayyadama lafaarra hojjedheera.

Hoggansa jijjiiramaatii asis sadarkaadhuma ministir de’eetaatti daarektara Masaraa Mootummaa Biyyaalessaa, Ejansii Fandii Inshuraansiifi wayita ammaammoo Ministir De’eetaa Ministeera Nageenyaa ta’een hojjechaan jira. 

Bariisaa: Maatii keessaniifi intala meeqaffaadha? 

Aadde Warqinash: Maatiinkoo ijoollee saddeet godhatan. Ani sadaffaadha. Kanneen keessaa hangaftikoo tokko lubbuudhaan hinjirtu, warreen hafne torba garuu ni jirra. Waliigalli keenya durba ja’aafi dhiira lama jechuudha.

Bariisaa: Barnootaanoo hangam deemtaniittu?

Aadde Warqinash:  Barnootakoo kanin xumure qabsoo keessa seeneeni. Achuma keessa taa’een sadarkaa barnootakoos fooyyeeffachaa ture. Haala kanaan digriikoo maanajimantiidhaan fudhadhe. Akkasumas digrii biraa ‘Organizational Leadership’ baradhe.  Maastarsiikoommoo ‘Transformational Leadership and Change Development’ baradhe.

Bariisaa: Yommuu barataa turtan siyaasa keessa seenee sadarkaa hoggansa akkasiirra qaqqaba jettanii yaaddaniittuu?

Aadde Warqinash: Ani ijoollummaadhumaa kaasee hawwiinkoo daran guddaa ture. Sababnisaas maatiin keessatti dhaladhe daran bal’aafi guddaadha; karaa haadhakoos abbaakoos jechuudha. Gosti keenya gosa Bachoo jedhama.

Gosni kun daran bal’aa yoo ta’u, aanaaleen afuriifi shan ta’an akkuma maatiitti lakkaa’amu jechuudha. Kana qofas osoo hintaane maatiin keenya gootummaadhaan beekama. Keessumaa akaakayyuunkoo (abbaan haadhakootii) nama cimaafi sirna cunqursaa hawaasarra ga’aa ture balaaleffachuun fincilawwan addaddaa gaggeessaa tureedha.

Darbee yeroo weerara Xaaliyaanii diina biyyarraa qolachuuf hojii guddaa hojjeteera. Keessumaa Shawaa Lixaa keessa naannawa Mannaagashaatti diina biyyaa baasuu keessatti adda durummaan hiriiruun Xaaliyaanii bakka ciisteetti hambisee matarayyasii 50 ol booji’uun qabsoon akka cimu taasiseera.

Kana kaasuu kanin barbaadeef maatiin irraa dhufte murteessaa ta’uu agarsiisuufi. Haatiifi abbaankoo akkaataan itti dubbadhuufi wantoota sodaachuufi dhokfachuu dhabuukoo yommuu argan amallikoo kan akaakayyuukoo akka fakkaatuufi fuulduratti maatii sana keessaa bakka guddaa akkan ga’u kan abdatan ta’uu natti himu turan.

Kunimmoo sammuukoo keessatti gootummaa uumaan guddadhe. Maatii keessaas beekamtuun ta’aa jedhee yaadaan ture, garuu nama siyaasaan ta’aa jedhee yaadee hinbeeku.

Waanti si dhibu ammayyuu bakka kana caaluu ga’uudha kanin yaadu. Barreessuutiin ta’uu, kalaqa biraatiin kana caalaatti hojjedhee bakka guddaa ga’uun yaada. Fuulduratti seenaa ani, maatiinkoofi biyyi tun dabarsite barreessuuf yaadan qaba; wantan jalqabes qaba. Yoo Waaqayyo na gargaare yeroo dhihootti xumuree ummatakoo biraan nan ga’a jedheen yaada.

Kana malees, naannawan ittidhaladhetti wanti Waldaan Maccaafi Tuulamaa yaadeefi karoorfate barreeffate jira. Wantoota akka daandii, riqichaafi hojiilee misoomaa garagaraa maqaadhaan adda baasanii kaa’aniiru. Isas yoo Waaqni na gargaare wanta waggoota hedduuf hinhojjetamne namootaafi qaamoleen beeku kakaasuun qarshii miliyoona 200 ol ta’u sassaabee riqichaafi daandii yeroo hojjechiisee xumurameera. Akka waliigalaatti wanta namoonni guguddaan yaadan milkeessuun hawwiikooti.

Bariisaa: Maatiin keessan yommuu bakka geessan kana argan maal jedhu? Obboloota keessan keessaawoo namni akka keessan gara siyaasaatti dhufee jiraa?

Aadde Warqinash: Akka carraa ta’ee haadha koo malee abbaankoo lubbuudhaan hinjiru. Waggaa sadii har’aa balaa konkolaataa namni irraa ooluu hindandeenyerraa haftee haala gaariirra jirti. Isheenis bakkan ga’e kanatti daran gammadduudha. Namni deggarsa maatii hinqabne bakka guddaa ga’uu hindanda’u.

Maatiinkoo hundi bakkan ga’uu barbaaduufi waanin hojjechuu barbaadurratti yeroo danuu na wajjin jiru. Waan si ajaa’ibu obbolaankoo amma waanin nama siyaasaa ta’eef waan dubbataniifi hojjetanirrattillee naa eeggatu. Obbolaankoo kaan hojii mootummaa, kaan daldala, kaanimmoo barumsarra jiru malee namni siyaasatti dhufe hinjiru.

Hunda caalaa ammoo bakkan har’a ga’eef cimina guddaa kan naa ta’e abbaa warraakoo, Dhaabaa Dabaleeti (Hogganaa Biiroo Qonnaafi Qabeenya Uumamaa Oromiyaa). Hojiin isa wajjin  hojjennu walfakkaata. Alattis manattis wanti haasofnu walfakkaata, hojii walii walii keenya ni beekna. Kanaaf wanti hojii kana hojjechuu maaliif deemte, maaliif turte jedhu hinjiru. Kanaaf walgargaarree, waldeggarreefi yaada waljijjiirree hojjechuuf carraa guddaa naa uumeera. 

Kunneen hundi walitti qabamanii yoo ilaalaman egaa iccitii milkaa’inakooti jechuudha. Kanarraa kan ka’e mannikoollee mana nagaafi milkaa’ina qabuudha. Ijoollee shan qabna; dhiira tokkoofi dubara afur.

Shananuu haala gaariirra jiru. Isheen hangafaa, Seenaa Dhaabaa barnootasheetiin qaxaleefi badhaafamtuudha. Ameerikaatti fayyaa hawaasaa (Public Health) barattee biyyasheetti deebitee hojjetaa jirti. Inni lammaffaa dhiira yoo ta’u, Naa’ol Dhaabaa jedhama, (Hundeessaafi Ittigaafatamaa “N Jet Dynamic Ltd. Co).

Innis akkuma miidiyaa addaddaarratti argamu ilma cimaadha. Barnootasaattis daran qaxalee ta’uurraan kan ka’e ‘NASA’tti dorgomee hojii argatus, innis fedhiinsaa biyyasaatti deebi’ee tajaajiluu waan tureef faayidaafi beekamtii tokko malee ijoollee hedduu barsiisaafi kakaasaa ture.

Waajjiraalee garagaraatti hojii tola ooltummaa hojjetaa ture. Hojiinsaa oolee bulee ifatti ba’ee sadarkaa ministira muummeetti dinqisifatamullee qaqqabeera. Inni amma nurraa haadhalatu malee kan biyyaa ta’eera.  Ijoolleen hafan sadanis barnootarra jiru, isaanis qaxaleewwani.

Akka waliigalaatti maatiidhumaan milkaa’ina kan qabaanneef nagaa waan qabnuufi. Mana keessa baay’annee jiraanna. Ijoollee haadhaafi abbaa hinqabnes ni guddisna; ijoolleen firaas ni jiru. Hunduu waliigalteefi jaalalaan jiraatu. Aniifi dhaabaan erga bultii ijaarrannee waliin jiraachuu eegallee waggoota 28 ta’uuf deema. Guyyuma tokkollee walitti mufachuufi dheekkamuun hinjiru. Kanas lamaan keenyayyuu maatiiwwan keenyarraa dhaalle.

Bariisaa: Garuu warri lamaan hojii siyaasaa keessumaa hoggansaa hojjechuun ijoollee guddisuurratti miidhaa hinqabaatu?

Aadde Warqinash: Ni qabaata. Garuu ani uumamumakooti fakkaata carra qabeettiidha. Abbaan warraakoo maatiisaaf ilma tokkicha; obboloota biraa hinqabu, abbaansaa lubbuun hinjiran. Kanaaf haatisaa waggaa 24 ol nu waliin jiraataniiru. Manakoofi maatiikoo hunda isaantu kanaan naa ga’e jechuudha. Obboleewwankoos hamma mana godhatan ykn hojii argatanitti ani bira taa’anii baratan. Kanarraa kan ka’e hangas mara dhiibbaa natti hinuumne. 

Asiratti garuu wantin otoo sii hinkaasiin hindabarre, waantonni hundi qajeeloo turan jechuu miti. Qabsootti seentee barnoota barachaa, maatii dhaabbattee ijoollee godhachaa bakka kana ga’uun waan guddaadha. Anaaf ijoollee shan godhachuun ‘PhD’ shan hojjechuun gadi miti. Keessumaa biyya guddataa jirtutti qormaata hedduutu jira. Gaafa ati fuulduratti ba’uuf tattaafattu waantonni booddeetti si harkisan baay’eetu jiru. Sana hunda keessa darbanii bakka kana ga’uun cimina guddaadha. 

Bariisaa: Ogummaa gola keessaa ykn kaamettummaarratti akkami mee? Gaafa ayyaanaafaas ta’u, guyyoota boqonnaa gara golaa hinseentanii?

Aadde Warqinash: Waanti si dhibu namoonni hedduun milkaa’ina jireenyakoo ilaalanii “eebba haadhakeetu asiin si ga’e” naan jedhu. Haatikoo hojjettuun meeqa jiraattuyyuu ogummaa qabaachuu qabdu jechuun hojiiwwan hunda na barsiifteetti. Waanin hojjedhuttis waan gammadduuf na eebbisaa turte. Ammas yeroon hinqabu malee gaafan yeroo argadhu nan hojjedha. 

Bariisaa: Ijoolleen keessan Finfinneetti dhalatanii guddatan. Garuu Afaan Oromoos ni danda’u, maqaansaaniis Afaan Oromooti. Kun sababa fiiroonni afaan danda’an baay’een isin waliin jiraataniif ta’emoo sabboonummaarratti, ejjennoo addaa qabdu? 

Aadde Warqinash: Anaafi abbaan warraakoo ijoolleen keenya eenyummaasaanii beekanii akka guddataniif cimsinee hordofna. Nuti amantaa namni qooqa kamuu barachuu qaba jedhu qabna. Ta’us kan kee gattee kaan baruu osoo hintaane, kan kee qabattee kaan irratti dabalachuudha ta’uu kan qabu.

Ijoollee keenyas kanuma itti himaa guddifne. Nutis mana keessa afaanuma keenyaan fayyadamna. Kanaratti haati abbaa warraakoo Afaan Oromoo malee beekuu dhabuun, firoonni biyyaa dhufanis akkanuma afaanicha dubbachuun isaan gargaareera.

Bariisaa: Dubartoonni baay’een qormaatawwan keessa darbanii yommuu fiixee milkoominaarra ga’an hinmul’atan. Walumaagalattuu dubartootaaf dhaamsa akkamii qabdu mee?

Aadde Warqinash: Ani akka nama dhuunfaatti waanin itti amaneefi waan ummata fayyadu hojjechuurraa duubatti hindeebi’u. Akka salphaattis asi hingeenye. Waan baay’ee keessa darbee, gumaacha hedduu gumaacheen as ga’e. Kanaaf dubartoonnis wantootaan osoo abdii hinkutatiin, karaa inni tokko gaafa baasuu didu isa kaan yaalaa milkaa’inasaanii bira ga’uu qabu. 

Bakka tokko tokkotti dubartoota dandeettiifi humna qaban harkifnee gara sadarkaatti fiduuf yommuu yaallu “anarra osoo abaluu ta’ee, ani iddoo kanaaf hinmalu” jedhanii duubatti of deebisu. Akkasumas dubartiin dubartii bira jirtu “isheerra abalu wayya” jedhanii carraa ofirra dabarsu. Ilaalchi kun garuu jijjiiramuu qaba.

Hunda caalaa miira “nan danda’a” horachuu barbaachisa. Kanaaf ammoo walgargaaruufi walbira dhaabachuun murteessaadha. Isheen sadarkaa gaariitti dhuftemmoo akka boodatti hindeebine jajjabeessuufi akka isheen fakkeenya taatu gochuu barbaachisa.

Gaafa dubarri tokko gara milkaa’inaatti dhuftummoo dubartootumti mataansaanii jajjabeessuun bira dhaabachuufi walutubuu malee hamilee walbuusuu hinqaban.

Namni waan baay’ee keessa darbee bakka milkoominaa ga’emmoo tottolfatee taa’uu qofa osoo hintaane, akkamiin dubartoota biroo harkifnee fidnee sadarkaa keenyaan ga’uu dandeenya isa jedhurratti hojjechuu qabu. Of biraan ga’uu qofa osoo hintaane kanneen dandeettii qaban darbanii akka deemaniifillee haala mijeessuun barbaachisaadha.

Bariisaa: Mee seenaa dhuunfaa keessan keessaa haa baanuutii waa’ee dhaabbata amma keessa hojjetaa jirtanii haa kaasnu. Hojiin qoodni hojii Ministeera Nageenyaa maallinni?

Aadde Warqinash: Ministeerri Nageenyaa dhaabbilee bara hoggansa jijjiiramaa kana keessa hundeeffaman keessaa tokko. Yommuu hundaa’us ergamoota guguddoo qabateetu. Keessumaa, walta’iinsa waloo naannolee, federaalizimii, seera kabachisiisuufi dhimmoota addaddaarratti xiyyeeffatee hojjeta. 

Dhaabbatichi akka namni maqaasaa ilaaluun nagaa kabachiisuu qofa jedhee tilmaamu osoo hintaane, waa hundarraa bilisa ta’ee akkaataa nageenyi biyyattiitti mirkanaa’uu danda’u, namni akkamiin nageenya buusuu danda’a? Wantoonni nageenyi akka hinbuune taasisan maalfa’i kanneen jedhaniifi kkfrratti maddawwan nageenya booreessan qorate addaan baasuun hojiisaati.

Kana malees isa qoratee adda baaserratti barnoota kennuun akka rakkoon uumame dafee furamu taasisuurrattis ni hojjeta. Kunis mootummaa qofaan osoo hintaane  qaamni sadarkaa sadarkaarra jiru ofiisaatiin nagaasaa eegsifachuun waan irra jiruuf nageenya dhuunfaa, maatii, ganda, aanaa,  godina, naannoofi biyyattii akka kununsuu barsiifama. Nageenyi biyyaa akka dhufuuf namni dura ofiin araarama, achii maatii araarsa, achii ganda, ittaanee aanaa jechaa sadarkaadhaan deemuu qaba. 

Nageenyi ofirraa ka’a yommuu jennu wantoota rakkoo bulchiinsa gaariitiin walqabatan, bakka jiruufi jireenyaatti wanti namootaan walitti isa buusuufi kkfn jiraachuu danda’a. Kanas dura ofiisaatiin maddasaa adda baafatee furmaata itti kenna.

Kana jechuun rakkoo mudate keessaa isa ofiin hiikuu danda’u, isa maatiin hiikuu danda’u, isa gandi hiikuu danda’uufi qaamolee biraatiin hiikamu adda baasuu qaba. Kanarrattis marii bal’aa adeemsisuun irra jiraata. Wantoota nageenyasaa, kan maatiifi biraa jeeqanis qaama biraatti erguu osoo hintaane achumatti akka furmaata itti kennatu taasisuudha. 

Aadaan akkanaa biyya kana keessatti hangas mara hinbaramne. Aadaan jiru yoo wanti bade isa biratti ta’ellee “abalutu akkas godhe” jedhee nama ykn qaama biraatti quba qaba malee ana bira jedhee of hinsakatta’u. 

Kanarraa ka’uun namoonni hundi akkanaan akka of ilaalaniif sadarkaa gandaarraa kaasee marii bal’aan akka adeemsisfamuuf ministeerichi haala mijeessaa jira. Rakkoosaanii ofiinsaaniitiin hiikkachaa jiraachuus ministeerichi ni ilaala.

Fakkeenyaaf magaalaan tokko rakkoo bulchiinsa gaarii yoo qabaate, akkamiin mari’atee akka hiikkate, hawaasa walitti qabeemmoo gaaffii irraa fuudhee akkamiin deebii akka itti kenne ni ilaalama. Haala kanaan rakkoon har’a hiikamuu qabu har’a, inni bor hiikamuu qabu bor, isa turee hiikamummoo sababasaa wajjin amansiisee sammuusaa tasgabbeessee deebisa.

Inni biraa walitti bu’iinsi naannolee gidduutti yoo uumame, sababasaa qorannee adda baasna. Maaltu walitti isaan buusa, akkasumas, miidhaa akkamiitu irra qaqqabe isa jedhu erga adda baafnee booda rakkooleesaaniirratti taa’ani akka mari’ataniifi rakkoosaanii ofiin hiikkatan taasifna. Kan isaan dadhaban ammoo qaamni ittaanu akka hiiku taasifama. 

Kana malees rakkoo akka biyyaatti uumamu maaltu fide isa jedhurratti qorannoon taasifamee maariin ni gaggeeffama. Kanaan dura namoonni seenaa barreessan walitti dhufanii dubbachuu hinbarbaadan. Akka diinaa walirraa baqatu. Kun sirrii miti jedhamee gara mariitti yommuu seenamu dhimmoota garagaraarratti yaada waljijjiiruun danda’ameera. Seenaan biyya kanaa akkamiin barraa’uu qaba, maaltu itti dabalamuu qabaafi kkf irratti mari’atameera. Halaalatti walbaqachuufi walqeequurra walitti dhufani dubbatanii akka hiikan taasifamaa jira.

Kana qofaa soo hintaane, paartiileen morkattootaa dura akka diinaatti walilaalaniifi waltajjii tokkorratti waliin hinhaasofne amma sadarkaa biyyaatti waltajjii dhaabbatanii akka mari’ataniif haala mijeesseera. 

Yeroo baay’ee dhimma federaalizimiirrattis ta’uu dhimmoota kaanirratti waldhabdeen kan uumamu hubannoo dhabuufi seeronni akka barreeffamanii kaa’amanitti hojiirra ooluu dhabuudha. Wantoonni baay’een cufamaniidhuma kaa’amu malee ummata bira ga’anii hubannoon irratti hinuumamu. Kanaaf dhimmoonni akkanaa abbaa qabaatanii hawaasa biratti akka hubatamaniifis hojiin ministeerichaan hojjetamu bal’aadha. 

Akkaataa naannoleen walitti dhufuufi qixa fayyadamuu danda’anirrattis wanti hojjetamu danuudha. Fakeenyaaf hojiin naannawawwan horsiisee bultootaarratti hojjetamu kaasuun ni danda’ama. 

Akka waliigalaatti biyya kanarratti karaa hundaan nagaan tasgabbii qabu akka dhufu, ummannis irratti amanee fudhatee akka deemuuf ni hojjetama. Kanaaf qooda hojii ministeerichaa yoo ilaalle nama dhuunfaarraa kaasee hanga biyyaatti nageenyi akka dhufuuf kan hojjetuudha jechuudha. Hojii kana keessattis dhiibbaafi loogiiwwan garagaraa akka hinjiraanneef seeraafi heera bu’uura godhatee hojjeta.

Sana hundarra darbee ummanni yoo qe’eefi qabeenyasaarraa buqqa’ae haala deebifamee dhaabamuun danda’amu, namni akka hinbeeloofneefi rakkooleen addaddaa irra hingeenyeef maaltu taasifamuu qaba, ummanni akkamiin ofiin ofgargaaruu danda’a, mootummaanoo maal hojjechuu qaba isa jedhus ni hojjeta.

Bariisaa: Akka irranatti nuu kaaftanitti ministeerichi hojii bal’aa hojjeta. Erga hundaa’ee yeroo dhihoo ta’us ergamasaa hojiitti hiikeera jechuun ni danda’amaa? Yoo hindanda’amne maaltu danqaa itti ta’e? Qeeqni ministeerichi ofumaa hundaa’e malee homaa hojjetaa hinjiru jedhu waan jiruuf kanarratti yaada maalii qabdu? 

Aadde Warqinash: Ministeerii Nageenya erga hundeeffamee waggoota muraasa; hoggansa jijjiiramaa keessa siin jedheera. Yeroo hoggansi jijjiiramaa aangootti dhufemmoo biyyi maal keessa akka turte hundi keenyayyuu ni beekna.

Rakkooleen kanaan dura qabannee, dirqamaan baattanne dhufne hojii guddaa gaafata. Bu’aa ba’ii hedduu keessa akka dabarrus nu dirqamsiiseera. Rakkooleen tokko tokko yeroo gabaabaa keessatti kan hiikaman yoo ta’an, kaan ammoo yeroo dheeraa kan gaafataniidha.

Kanarraan yommuu jijjiiramni dhufu namni hundi walqixa hinfudhatu. Inni jijjiirama fudhatu nagaasaa eeggatee, waan hojjettu si gargaaree si waliin deema. Inni jijjiirama hinfudhannemmoo waantota hundatti mudaa baasee isa hojjettetti waa dibeetu akka waan nageenyi hinjirreetti kaasa; maqaa biraas sii kenna. Yeroo hundas nageenyi hinjiru jechuun dubbiin akka toluufitti akka dubbatamu barbaada.

Kunniin hundi osoo jiru akka waliigalaatti yoo ilaalame garuu biyyattiitti Ministeerri Nageenyaa waan kan dura argameefi ta’ee hinbeekne hojjeteera. Qaamni kanaan dura walitti dhufee waliin mari’achuu hindandeenye mari’achuu danda’uuniifi yaada walii qooduun waan guddaadha.

Haadholiin nageenyaa kaka’umsa mataasaaniin dhaabbatanii nageenya biyya kanaa mirkaneessuu keessatti hojii bal’aadha kan hojjetan. Keessumaa nageenya naannooleerratti wanti hojjetan kan sammuu namoota baay’ee keessa jiruudha. Naannoleen tokko tokko garuu kadhaa isaaniif deebii kennuu didanii turan. Fakkeenyaaf Naannoo Tigraayitti wayita juuntaan aangoorra turetti haadholiin dhaqanii yommuu araaraaf boo’anii kadhatan “nuti nagaa qabna, dhaqaa achumaa nagaa barbaadaa” jedhanii deebisan. Silaa dubartiin kabaja qabdi, dubartiin waraana gidduullee yoo galte waranni ni dhaabbata. Haadholiin boo’anii abaaranii deebi’an. Warreen akkanaa garuu biyyattii keessa nagaan hinjiru jedhanii odeessuuf ammoo kan isaan dursu hinjiru.

Kanaaf akka waliigalaatti yommuu ilaallu ministeerichi hojii hunda hojjetee fixeera, rakkoonis hinjiru jechuun hindanda’amu. Garuu erga hundaa’ee yeroo dhihoo ta’uusaatiin walqabatee jalqabbiin jiru jajjabeessaadha. Fuulduratti ammoo hojii bal’aan waan nu hafuuf bal’isnee muuxannoo fudhachaa kan hojjennu ta’a.

Bariisaa: Naannawawwan biyyattii tokko tokko keessa darbee darbee ammayyuu rakkoon nageenyaa ni mul’ata. Ummanni sodaa keessa jira. Kun furmaata waaraa akka argatuuf qoodni Ministeera Nageenyaa maali? Maaliis hojjetaa jirtu? 

Aadde Warqinash: Kanarratti waliigala akka biyyaatti yommuu ilaallu humni biyyattiin nagaa akka hintaane barbaadu Juuntaafi ABO Shaneen sadarkaa biyyaatti shororkeessoo jedhamanii moggaafaman badiin isaan raawwataa turan bal’aadha.

Keessumaa juuntaan yeroo ammaa karaan hundi itti dukkanaa’ee, abdii kutee badee, akka bofaatti dhakaa jala lo’ee, halkanii guyyaa wixxifachaa jira. Bakka jirutti ammas hawwiifi abjuu aangoof qabu keessaa dhumuu waan dadhabeef nageenyi akka hinjiraanneef sochiilee garagaraa taasisaa jira.

Maallaqa qabu hunda fayyadamuunis karaalee na baasa jedhu hundatti dhimma ba’uun biyyattii jeequuf wixxifachaa jira. Kanarraa kan ka’e bakkawwan mijateef hundatti yaalii ni taasisa. Yaaliisaa harki caalaan garuu fashalaa’eera. Bakkawwan tokko tokkotti ammoo ammayyuu wantoonni mumul’atan jiru.

Kunis yeroo muraasa booda waan sirratuudha. Akka waliigalaatti yoo ilaalle garuu ummanni keenya nagaa barbaada. Waan barbaadeefi qabsaa’eefis galmaan ga’ateera. Amma kan barbaadu misooma, guddinaafi tasgabbii qofa. Kanarraa ka’uun qaamni nagaa booressuu barbaadu kun qaanii keessa jira. Bakkeewwan tokko tokkottis nama ajjeesuufi qabeenya gubuun nama shororkeessuu barbaada.

Haala aadaafi duudha biyya kanaa keessa hinjirreen maqaa Waaqaa dha’ee morma namaa gorra’uu, dubartii ajjeesanii harma irraa muruufi kkf raawwachiisaa jira. Gochi kunimmoo fakkii biyyattii guutummaatti agarsiisu miti. Waliigala biyyi yoo ilaalamtu nagaa qabdi. Nageenyi kun guutuu akka ta’uuf ammoo hojii guddaa hojjechuutu nurra jiraata.

Bariisaa: Ministeerri keessan nageenya biyya keessaa qofarratti hojjetaa? Fakkeenyaaf dhiheenya kana mootummaan Itoophiyaafi Ameerikaa wantoota irratti waliigaluu dhaban qabu. Isa kana keessa seentanii karaa qabsiisuuf aangoo qabduu?

Aadde Warqinash: Ministeerri keenya hojiilee nageenyaan walqabatan kamuu hojjechuuf waan boodatti jedhuuf hinqabu. Maqaa biyya kanaa beeksisuufi guddisuu wajjin walqabatee ni hojjeta. Dippilomaasiidhaan walqabatee hojichi kallattiidhaan kan Ministeera Dhimma Alaa ta’us, wantoota waliin hojjechuu qabnurratti wajjummaan hojjenna. 

Bariisaa: Dhumarratti, ummanni nageenyasaa dammaqinaan akka eeggatuuf maal dhaamtu?

Aadde Warqinash: Nageenyi biyya tokkoo qaama nagaa eegsisuun qofa eegama jechuun hindanda’amu. Nageenyi kan eegamu ofirraa kaaseetu. Kanaaf qaamoonni hundi nageenyasaanii eeggachuu qabu. Yoo nageenyi hinjiraanne homtuu hinjiru.

Dhala godhatani barsiifachuu, hojjetanii qabeenya horachuufi waan yaadan raawwatachuun hinjiru. Kanaaf bu’uura waan hundaa kan ta’e nagaa keenya ofii keenyaan eeggachuutu nurra jiraata. Isarra darbee kan dhufu garuu mootummaan biyyattiin biyya olaantummaa seeraa qabdu ta’uusheetiin sirreessanii sarara qabsiisuuf humnaafi qophii ga’aa akka qabu hubatamuu qaba.

Gaazexaa Bariisaa Waxabajjii 19/2013

Recommended For You