Hojii qabatamaa Bulchiinsi Magaalaa Finfinnee qonnaan bultoota deebisee dhaabuuf taasisaa jiru

Yeroo hedduuf qonnaan bulaashee sababa maqaa misoomaa jedhuun ofirratti nyaachaa kan turte Finfinneen, har’a immoo gaabbitee sadarkaa qonnaan bulaa sana nyaachisuu irra gahuu sochii qabatamaa yeroo ammaa magaalattiin keessa jirtu irraa hubachuun ni danda’ama.

Dhaabbata maqaa qonnaan bulaa qabu hundeessuu irraa hanga qonnaan bultoota kanaan dura dhiibamanii turan walitti qabdee dhaabuutti, beela’anii turan nyaachisuutti, lafti irraa fudhatamee iddoo ijaarsa manaa dhabaniif mana kennuutti gahaa jirti.

Komishiiniin Qonnaan Bulaafi Misooma Qonnaa Magaa Finfinnee immoo dhimma kana abbummaadhaan fudhatee galma yaadameen gahuudhaaf tattaaffii cimaa keessa galuu Komishiinnarri Komishiinichaa Obbo Mokonnin Leenjisaa ni ibsu.

Hojii walii gala komishiinichi raawwachaa jiru irratti Gaazexaa Bariisaa waliin turtii kan taasisan Obbo Mokonnin, qonnaan bultoota maqaa misoomaan buqqifamaa turan deebisanii hundeessuuf hojjetaa jiraachuu kaasu.

Bulchiinsa magaalaa Finfinnee keessatti namoota hojii qonnaa irratti bobba’anii jiraachaa turaniifi sababoota misooma garaa garaatiin lafasaanii irraa buqqa’anii turan deebisanii dhaabuudhaaf hojiilee ijoo raawwataman.

1. Qonnaan Bultoota misoomaaf lafasaanii irraa kaafaman adda baasuudhaaf seerota diriirsuu ilaalchisee hojiiwwan hojjataman

-Qonnaan bultoota deebisanii dhaabuudhaaf kan nama dandeessisu danbii lakkofsa 79/2009 akka bahu taasisuudhaan raggaasisuu

-Danbicha hordofuudhaan qonnaan bultoota buqqaattota misoomaa ta’an deebisee kan dhaabuu danda’u dhaabbata sadarkaa Prijeektiitti hundeessuu.

-Hojmaatota qonnaan bulaa deebisanii ijaaruu itti raawwatamu qopheessuudhaan kaabinee bulchiinsa magaalattiitiin akka ragga’u taasisuu.

Qajeelfamootni dhimma kanaan wal qabatanii bahan kunniinis qajeelfama qonnaan bultoota buqqaatota misoomaa galmeessuufi addabaasuuf bahe qajeelfama lakkofsa 001/2009fi qajeelfama qonnaan bultoota buqqaatota misoomaa deeggaruuf bahe laakkofsa 002/2009 dha.

-Hojmaatonnii fi qajeelfamootni kunniin akkaataa  ittiin hojirra oolan, maanuwaalii galmeefi addabaasii akkasumas  maanuwaaliin deeggarsaa qophaa’anii akka ragga’an taasifamaniiru.

-Dhaabbanni dura sadarkaa projeektiitti gurmaa’ee ture qonna magaalaa ofitti dabaluudhaan gara sadarkaa komishiiniitti ol guddatee akka gurmaa’uuf labsii laakkofsa 64/2011 deeggaramee Komishiinii Qonnaan bultootaafi Qonna Magaalaa jedhamee hundaa’eera.

2. Qajeelfamicha bu’uura taasifachuudhaan hojii galmeefi adda baasuun walqabatee

-Bara 2010fi 2011 kanneen galmaa’an dhiirota 17,741 dubara 18,982 walii galaan qonnaan bultoota 36,723

Bara 2013 immoo qajeelfamicha fooyyeessuudhaan dhiirootni 4,302, dubartii 4,400 waliigalaan qonnaan bultoota 8,702 akka galmeeffaman taasifameera.

Bara 2010 irraa eegalee hanga ammaatti dhiira 22043, dubara 23382 walii galaan qonnaan bultootni kuma 45,425 ta’an galmaa’uu danda’aniiru.

3. Qonnaan bultoota galmaa’anii turan galii isaanii bu’uura godhachuudhaan addabaasuuf kan dandeessisu qajeelfama bahe laakkofsa 001/2009 irratti hundaa’uun hojii hojjatame

3.1, Ittifufiinsaan ykn dhaabbiidhaan deebisanii akka dhaabbatan taasisuuf hojii hojjatame ilaalchisee

-Qonnaan bultoota galii homaatuu hin qabneefi hojiis hojjachuu hin dandeenyeef kallattiidhaan deeggarsi nyaataaf wantoota bu’uraaf isaaniif barbaachisu bara 2011 irraa eegalee haaluma qajeelfamichi heeyyamuun  akka guutamuuf taasisuu.

Haala kanaanis maatiin 1606 ta’u deeggarsa kallattii kanaan fayyadamaa ta’aa kan jiru yemmuu ta’u, birriin miliyoona 130 ta’u immoo hojii kanaaf ooleera.

-Namoota galii homaatuu hin qabne garuu immoo hojjachuu danda’an 3,029 ta’aniif immoo deeggarsa yeroo waggaa tokkoof walakkaaf tureen birriin miiliyoona 27 ol baasii ta’uudhaan akka deeggaraman ta’eera.

-Kanneen hojjachuu danda’aniif immoo hojiin gurmeessuufi leenjisuu sirnaan raawwatamaa kan ture yemmuu ta’u, kanaanis waldaalee hojii gamtaa 545 jalatti gurmeessuun danda’ameera. Baay’inni miseensota galmaa’anii waldoota kanneen jalatti hammatamanii immoo kuma 5fi 479 ta’u.

Kanneen keessaayis qonnaan bultootni waldaalee hojii gamtaa 420 jalatti hammataman 4,424 leenjii fudhachuu danda’aniiru.

4. Qonnaan Bulaan lafasaarraa yemmuu sababa misoomaa garaa garaatiin kaafamu beenyaa gahaa hin taaneen waan ta’eef manneen jireenyaa mootummaan ijaaru keessaa fayyadamoo akka ta’anis taasifameera.

Hojii gama kanaan raawwatameenis bulchiinsi magaalatti qonnaan bultoota 22,915 ta’aniif manneen jireenyaa waliinii akka argatan taasifameera.

Isaan gama kanaan carraa mana jireenyaa kana argatan keessaa immoo qonnaan bultoota kuma 21,714 ta’aniif kaartaan kan qophaa’e yemmuu ta’u, kaartaan kuma 20 ta’au hanga ammaatti xumuramee qonnaan bultoota kanneen harka ga’eera.

-Manneen jireenyaa waliinii keessaa immoo 2293 kan ta’u qonnaan bultoota buqqaatota misoomaa ta’an kunniin gurmaa’anii akka itti hojjataniif murtaa’eefii jira.

5,Ijaarsa giddu gala hojiifi gurgurtaa oomishaalee buqqaatota misoomaa ilaalchisuudhaanis lafa kaareemeetira  kuma 140 irratti kan ijaaramu giddu galli horsiisa beeyladaafi bu’aawwansaa ijaarsi marsaa duraa xumuramee jira.

Kanumaan walqabatees ijaarsi manneen barnootaa sadarkaa jalqabaa lama xumuramee ilmaan qotee bulaa misoomaaf lafasaaniirraa kaafamanii  akka itti barataniif qophaa’anii jiru.

6. Mirkaneessa qabiyyee akka argatan taasisuudhaaf hojiiwwan raawwataman ilaalchisuun immoo;

-Qonnaan bulaan lafasaa irratti mirkaneessa qabiyyee seera qabeessa ta’e akka argatu taasisuudhaan qonnaan bulaan dura sababa kanaan baroota hedduuf buqqa’aa ture akka dhaabbatuuf yaaliin cimaan taasifameera. Hojii gaaffii waggoota dheeraaf qonnaan bultootni kunniin gaafataa turan deebise kanaaf immoo qajeelfamni haaraa bahuudhaan qonnaan bulaan hundi lafa qaburratti mirkaneessa qabiyyere seera qabeessa ta’ee akka argatu taasifamurratti argama.

Haaluma kanaan;

Qonnaan bulaan tajaajila kana argachuuf galmaa’e kuma 27,548

Faayilli gurmaa’ee kutaalee bulchiinsa magaalattii hojiirra oole  kuma 22,321 Kanneen laftisaanii tajaajila kanaaf safarameef kuma 16,531

Kanneen kaartaan qophaa’eef kuma 6,805dha. Hojiiwwan kunniin hundi rakkoo qonnaan bulaan Finfinnee keessatti isa mudachaa ture furuudhaan, magaalaa qonnaan bulaa ofirraa dhiibaa guddattu osoo hintaane, magaalaa qonnaan bulaa hammattee guddattu uumuuf kaayyoo qabame galmaan ga’uuf yaadameeti.

Gaazexaa Bariisaa Waxabajjii 19/2013

Recommended For You