Sinqinash Alamuutii
Finfinnee: Filannoon ulaagaa dimokrasiin ittin shaakalamu keessaa tokko. Filannoon marsaa jahaffaa Wiixata darbe gaggeeffames biyyattiin deggarsa qaama kamuu malee ummatasaa dimokraasii shaakkalsiisuu akka dandeessuufi ummannis akka nagaafi dimokraasii barbaadu kan ittiin mirkaneesseedha.
Yunvarsiitii Finfinneetti Barsiisaafi Qorataan Siyaasaafi Federaalizimii Tasfaayee Jimaa (‘PhD’) ibsa kaleessa Gaazexaa Bariisaatiif kennaniin akka jedhaniitti, filanncihaan walqabatee rakkooleen addaddaa ni uumama jedhamee sodaatamee turus filannichi haala nagaqabeesaafi dimokraatawaa ta’een hanga halkan walakkaatti gaggeeffamee xumuramuu eeran.
Filannichi wayita dhibbaan alaafi keessaa biyyattii mudachaa jirutti adeemsifamuun dhibbaa keessaa tasagabbeessaa nagaan adeemsisuu danda’uun xiyyeeffannoon mootummaan dhimmichaaf kenneolaanaa ta’uu agarsiisa jedhanii, kana keessatti qoodni humnoota nageenyaas olaanaa akka ture beeksisaniiru.
Taajjabdoota Gamtaa Awurooppaa filannicha taajjabuu dhabuun akka hanqinaatti eeramus bakka isaan hinjirretti mirgi namummaafi dimokraasii akka kabajamuu danda’u filannoo barsiisee darbe ta’uu dubbataniiru.
Ummanni biyyattii hanga halkan wallakkaatti obsa guddaan, nagaasaa eeggatee, beela, dheebuu osoo hinjedhiin filannicha gaggeessuun adeemsicha seena qabeessa taasiseera kan Doktar Tasfaayeen, Boordiin Filannoo Biyyaalessaa yeroo gabaabaa keessatti firii filannichaa waan beeksisuuf ummanni firii sobaa miidiyaalee hawaasaatiin tamsa’anirraa of eeguu akka qabu dhaamaniiru.
Hayyuu siyaasaa buleessi Jaal Galaasaa Dilboo gamasaaniin, ummanni haala ho’aafi nagaqabeessa ta’een filannicharratti hirmaachuun biyyattiin dimokraasii shaakaluu jalqabuushii kan agarsiisuudha jedhan.
Qaamoleen alaafi keessaa tokko tokko otoo haala ummataa sirnaan hinhubatiin burjaaji adda addaa uumuuf yaalanillee ummanni jijjiirama qabsaa’ee fidee tiksaa, biyya nagaafi dimokraasiin ittidagaage, dinagdeen badhaate ijaaruu akka barbaadu filannoo bilisaa gaggeessuun akka of ibse dubbataniiru.
Filannoon barannaa kanneen darbanirra walaba waan ta’eef ummanni kana sirnaan qabatee sirna dimokraasii caalu ijaaruuf, biyya nageenyi waaraan ittimirkanaa’e taasisuuf ofqopheessuu qaba jedhaniiru.
Gaazexaa Bariisaa Waxabajjii 19/2013