“Badhaadhinni hirmaannaa cimaa waldaalee hojii gamtaatiin milkaa’aa” – Doktara kabajaa Hayilee Gabree

 Sinqinash Alamuu

Adaamaa: Biyyoota addunyaa hedduu kessatti lammiileesaanii gurmeessuufi misoomaaf kakaasuun, kanneen akka waldaalee hojii gamtaa fayyadamuun miseensonnisaanii qabeenya akka horatan taasiisuun hirmaannaa qabeenyaa haqarratti hundaa’e mirkaneessuun guddinasaaniif bu’uura kaa’aniiru.

Itoophiyaattis waggoota kudhanii as mootummaan hiyyummaa injifachuuf imaamatoota misoomaa, nagaafi dimokraasii hawaasa biraan ga’uuf hirmaannaa lamiileen misooma kessatti qaban gabbisuun guddina dinagdee biyyaalessaa mirkaneessuuf waldaaleen hojii gamtaa gahee olaanaa taphataa turaniiru.

Hundeeffama waldaalee hojii gamtaa keessatti shoora olaanaa kan taphatan Doktara Kabajaa Obbo Hayilee Gabree sagantaa kabaja guyyaa waldaalee hojii gamtaa addunyaa torban darbe Adaamaattti kabajamerratti akka jedhanitti, mootummaa sirna kaappitaalizimii gabaa bilisaa hordofun dinagdee dhunfaarratti waan xiyyeffatuuf damee hawaasummaa akka guddisuufi jajjabeessu eeguun waan hinbarbaachisneef, waldaaleen walijaaruun hojjetanii biyyattii badhaadhinatti ceesisuu akka qaban himaniiru.

Abbootiin qabeenyaa biyyattiitti argaman hedduun damee qonnaafi idustirriirratti hirmaachaa waan hinturreef dhaabbata dhuunfaa hundeessuun maatiisaanii gargaaruun ala humna dinagdee lammiilee kaaniifis hafu uummachuu nidandeenye jedhaniiru.

Badhaadhinni waldaalee hojii gamtaa malee galma hinga’u jedhanii, Itoophiyaan waldaalee hojii gamtaa yoo jabeessite hiyyummaa seenaa gochuun waggoota digdamman dhufanitti biyyoota addunyaa durooman digdama keessaa tokko akka taatu hinshakku jedhu.

Daarektarri Ejensii Hojii Gamtaa Federaalaa Obbo Usmaan Suruur akka jedhanitti, biyyattiitti sochii waldaalee hojii gamtaa gurmeessuufi jajjabeessuuf taasifameen miseensota miliyoona 23.3, waldaalee kuma 94fi 500, waldaalee yuniyeenii 395, federeshinoota hojii gamtaa afur hundeessuun danda’ameera.

Ejansichi qarshii kappitaala biliyoona 30fi qusannaan biliyoona 21 ol walitti qabuun, liqii miseensotaaf qopheessuun, naannoo jiraatanitti hojiilee galii argamsiisan garagaraarraafi qonnarratti akka bobba’an taasiisuun ,galiinsaanii guddisuun, sadarkaa jireenyasaanii foyyeessuun, lammiilee miliyoona lamaa ol ta’aniif kessummaa dubartootaafi dargagootaaf carraa hojii uumuun danda’amuu himaniiru.

Qonnaan bulaafi horsiise bulaan dameewwan hojii galteewwan teknoloojii calla guddistuu dhiyeessuufi raabsuun, daldala, omishaa, qusannaa, turizimiifi misooma manneeniirratti hirmaataniiru jedhanii, waldaaleen kuma tokkoofi 650 waliin ta’uun industirii omishaalee qonnaa qindeessu ijaaruun miseensotasaaniif galii dabalataa uumuu danda’uu ibsaniiru.

Karoora waggoota kudhan dhufanii kessatti waldaalee hojii gamtaa dhibbantaa 40irraa gara 65tti,carraa hojii miliyoona 2.07 gara miliyoona 14tti, damee daldala alaa dhibbantaa shanirraa gara 50tti, galii waliigalaa dolaara dhibbantaa 10 gara 50tti guddisuuf xiyyeeffanoon hojjetamaa jiraachuus beeksisaniiru.

Doktarri kabajaa Obbo Hayilee Gabree kanneen ejansii hojii gamtaaf bu’uura kaa’aan ta’uun badhaafamaa turan.

Gaazexaa Bariisaa Waxabajjii 19/2013

Recommended For You