Waasihun Takileetiin
Finfinnee: Dhiibbaan gama kanaan taasifamaa jiru walabummaa biyyattii kan hubu ta’uun walqabatee tumsi diyaaspooraawwan biyya keessaafi alaan taasifamu cimuu akka qabu diyaaspooraawwan Oromoo biyya keessa jiran bsan.
Marii dhimma haala yeroo biyyarratti tibbana Waldaa Diyaaspooraawwan Oromiyaa waliin Finfinneetti taasifamaa tureen dhiibbaan alaa olola sobaan Itoophiyaarratti maxxanfamaa jiru fashaleessuuf qoonni diyaaspooraawwan Oromoo olaanaa ta’uu miseensi waldichaa Artisti Leencoo Abdishukur dubbateera.
Artisti Leencoo Abdishukur ibsa Gaazexaa Bariisaatiif dheengadda addatti kenneen diyaaspooraawwan Oromoo biyya keessaafi ala jiran dhimma biyyasaaniirratti sagaleesaanii dhageessisuufi deeggarsa barbaachisu taasisuu qabu jedheera.
Biyyoonni Awurooppaa miira namalee calaqqisiisuun sirrii akka hintaaneefi olola sobaa gama kanaan jiru saaxiluufi dhugaa jiru baasuuf diyaaspooraawwan murteessitoota jedha.
Dhiibbaan alaa akkanaa gaafa mudatu tokkummaa biyya keessaa cimsuun barbaachisaa ta’uus kaasee rakkoo keessoo mariin hiikkachuuf waliigaluun murteessaa ta’uu dubbata. Filannoon iftaan gaggeeffamu karaa nagaatiin akka xumuruufis ilaafi ilaameen jiraachuu akka malus kaaseera.
Oromiyaa naannoo nageenyi waaraa keessatti mirkanaa’e misoomni keessatti lafa qabateef gahee nama tokkoo qofa godhanii ilaaluun sirrii akka hintaanes himuun, hunduu ogummaa qabuun deeggaree hiyyummaa seenaa gochuuf hojjechuu qabas jedha.
Artistia Leencoon erga gara biyyatti deebi’ee diyaaspooraa biyya keessaa ta’ee hojiilee artii gara garaan misooma biyyaafi Oromiyaarratti hojjetaa akka jiru himeera.
Keessumaa bayyanachiisa haroo haramayaa, dhimmoota nageenya Awwadaay, Dirre Dhawaa, koviid-19, Adwaa, Hidha Haaromsaa, misooma sululaa, Ashaaraa magariisaa dabalatee kiliippiiwwan 11 hojjechuu ibseera. Akka ibsasaatti hojii hubannoo uumuu bifa artiin qindaa’e afaanota 11n akka hojjete dubbateera. Raafama siyaasaa dhiibbaa alaatiin qaqqabaa jiru maseensuuf kutannoon hojjetaa jiraachuus ibseera.
Biyyi ofii mana jireenyaa galgala ofii kan itti baqatan malee kanirraa baqatan akka hintaaneef waliigaluun murteessaadha kan jettummoo Aadde Elsaabeet Abbaa Giddiiti. Kanaan dura biyya Arabaa waggoota 21 oliif jiraachuu eertee, haalli yeroo Itoophiyaa daran kan ishee yaaddessu ta’uu himteetti. Yaaddoon kun akka hafuuf ammoo waliigalteen jaarmayaalee siyaasaa Oromoo gidduu jiru cimuun murteessaadha jetteetti.
Gara biyyaatti erga dhuftee misoomawwan gara garaarratti bobba’uuf karoora qabaattus haala yeroo wajjin walqabatee karoorrishii milkaa’uu dhabuu eerteetti. Sochiin diyaaspooraan Oromoo misoomarratti hirmaachisuuf taasifamus laafaa ta’yy eerti.
Misoomni isheen karoorsite oolee bulees hojiirra ooluu dandaha akka danda’u ibsitee, dhimmi nageenyaa Oromiyaa xiyyeeffannoo lammiilee kan argachuu malu ta’uus kaasteetti. Ilaalcha siyaasaatiin garaagarummaan yaadaa jiraatus rakkoolee ijoo ta’anirratti mari’atanii furuuf tumsuun barbaachisaa ta’uu dubbatti.
Diyaaspooraan Oromoo qabeenyasaa osoo hinmararfatiin lammiilee qe’eef qabeenyasaaniirraa buqqa’an deeggaraa biyya ijaaraa turuu kan himanimmoo Ittigaafatamaa Dhimmoota Diyaaspooraa Oromiyaa, Obbo Amiin Jundiiti.
Diyaaspooraawwan Oromoo biyya keessaafi ala jiran faaydaa dhuunfaasaanii caalaa warreen biyyasaaniif bu’aa buusaniidha jedhanii, kallattiin gara misooma barbaadaniitti akka galan haalli mijataa uumamaafii akka hinturre ibsaniiru. Isa kana furuuf mootummaan hojjetaa jiraachuu yoo ibsan raafama siyaasaa biyyattiirratti qaqqabaa jiru maseensuuf tumsisaanii ijoodha jedhan.
Duula alaa Itoophiyaarratti banan fashaleessuuf deeggarsa taasisuun alatti filannoon marsaa jahaffaa karaa nagayaatiin akka xumuramuuf tumsisaanii cimuu akka qabus gaafataniiru. Ministira De’eetaan Minstira Dhimma Alaa Ambaasaaddar Burtukaan Ayyaanoo gamasaaniin, diyaaspooraawwan Oromoo dhimma biyyarratti sagaleesaanii dhageessisuu qabu jedhan.
Diyaaspooraawwan Oromoo haala barbaadameen deeggaramaafi misooma fedhanirratti bobbahaa akka hinjirres himanii, qabeenyaafi ogummaasaanii osoo hinqusatiin lammiileesaanii biraan akka gahan gaafataniiru.
Gaazexaa Bariisaa Waxabajjii 12/2013