Natsaannat Taaddasaatiin
Keessummaan keenya har’aa Luba Doktar Goofaree Addishoo Shaattoo jedhamu. Goofaree jechuun ‘Goota koo’ jechuudha. Lubni kun yeroo ammaa Siminarii Waldaa Makaana Yasuusiitti barsiisaa saaykolojiifi gorsaa maatii, dargaggootaafi daldaltootaa ta’anii tajaajilaa jiru. Waggaa 25f barsiisummaa, gorsaafi geggeessummaan kan hojjetan yoo ta’u, kana keessaa waggoota 21 geggeessummaarra hayyuu tajaajilaniidha.
Bariisaa: Bakka dhalootaafi haala barnoota keessanii gabaabaatti utuu nuu ibsitanii?
Doktar Goofaree: Godina Arsii, Aanaa Muneessa Qarsaa naannawaa Waajjiyaa Shaargee jedhamuttin dhaladhe. Mana barumsaa sadarkaa tokkoffaa bakkuma dhaloota kiyyattan baradhe. Mana barumsaa sadarkaa lammaffaa ammoo bakka Qoreefi Kofaleettan jedhamuttin hordofe. Dippilomaa koo Yunivarsitii Aalfaatti bulchiinsa humna namaatiin, digirii koo tokkoffaa Siminarii Makaana Yasuusittan baradhe.
Digriikoo lammaffaa Yunivarsitii Finfinneerraa ‘Social Psychology’n, digrii koo sadaffaa ‘Biblical Study’ online biyya alaattan baradhe. Ammaan tanas digrii lammaffaa ‘Organizational Leadership’n barachaan jira.
Waldaan keenya hojiilee misoomaa fayyadamummaa hawaasaa mirkaneessan hedduurratti xiyyeeffattee waan hojjettuuf hojiilee misoomaa hedduurratti hirmaadhee hojjedheera. Mana barumsaafi waldaa kiristaanaa ijaaruufi babal’isuurratti hirmaadhees hojjechaa tureera. Namoota harka qal’eeyyii gargaaruufi waliinga’iinsa bishaan dhugaatii qulqulluurrattis hojjechaan ture.
Jireenya maatii, dargaggootaafi geggeessummaarratti hojiilee hedduu hojjedheera. Geggeessummaan maaliidha akkamitti geggeessina, yeroo geggeessinu rakkoolee akkamiitu nu mudata, maaltu nu mufachiisa kan jedhurratti leenjiifi barumsa bal’aa kenneera.
Dargaggoonni akkamitti of bulchuufi ofiifi maatiisaanii geggeessuu akka qabanirrattis barumsiiseera. Leenjiifi gorsas bal’iaan kennaan ture. Dargaggoonni jaarsa ykn maanguddoo borii waan ta’aniif akkamitti geggeessaa ammaafi maanguddoo egeree ta’uu akka danda’anirratti nan gorsa.
Hundeen biyyaa maatiidha. Hundeen maatii ammoo jireenya abbaa warraafi haadha warraa irraa jalqaba. Jireenyi maatii ammoo walitti dabalamee waan biyya ta’uuf maatiin akkamitti jiraachuufi ijoolleesaa guddisuu akka qaburratti gorsaafi barsiisaan jira.
Jireenyi maatii gaarii yoo ta’e geggeessummaan, amantiin, ollaafi biyyi gaarii ta’a. Yoo maatiin rakkoo qabaate biyyis rakkoo qabaatti. Fakkeenyaaf yoo maatiin tokko ijoollee kudhan qabaate maatiin sun waliigalaan namoota 12 ta’a. Maatiin kun yoo ollaatti gad ba’e bal’aadha. Maatiin kun rakkina, geggeessummaa, amantii, gaddaafi gammachuu biyyaa keessattis gahee guddaa qaba.
Bariisaa: Haati warraafi abbaan warraa akkamitti maatii gaarii ta’uu danda’u?
Doktar Goofaree: Maatiin tokko maatii gaarii ta’uuf walhubachuu, walsimachuu, waldhaga’uu ulfina walii qabaachuu qaba. Maatiin waldhaga’uufi walhubatu nama biraas ni hubata, ni dhaga’as.
Maatiin walsimachuu, walhubachuufi waldhaga’uu hindandeenyeefi ulfina walii hinqabne garuu ollaafis ta’e nama biraatiif ulfina hinqabaatu. Kanaafuu maatiin walhubachuu, waldhaga’uu, walsimachuufi ulfina walii qabaachuu qaba. Yoo maatiin kana godhan ijoolleensaaniis nama hubatu, waliifis kabajaa qabaatu.
Maatiin tokko aadaasaas eeggachuufi kabajuu qaba. Aadaasaafi aadaa hawaasa keessa jiruu kabajuu qaba. Aadaa manasaa, sabasaafi hawaasa keessa jiraatuu kabajuu qaba. Yoo kana godhe safuu walii qabaata. Maatiin safuu qabu ijoollee safuu qabdu qaba. Yoo maatiin safuu qabaate ijoolleen waliisaaniifi ollaasaaniitiif safuu qabaatu. Maatii ollaa, sabaafi biyya jaalatu yoo ta’e ijoolleensaaniis amaluma maatii qabaatu.
Yeroo ammaa garuu maatiin of ta’uu dadhabe, akka aadaasaa ta’uu dadhabe, akka amantiifi aadaasaa ta’uu dadhabe. Amantii kamuu keessa haajiraatu amantiin kamuu jaalalaan wajjummaan akka jiraatu gorsa, jajjabeessa. Garuu maatii baay’een aadaafi amantiisaatti buluu waan dadhabeef rakkina keessa seene.
Bariisaa: Baay’achuu paartiilee siyaasaa ija ogummaa keessaniitiin maatiin wajjin walqabsiistanii akkamitti ilaaltu, dhiibbaa qabaatinnaa?
Doktar: Baay’achuun paartiilee siyaasaa akka maatiin siyaasarratti hubannoo hinqabaanne taasisa jedheen yaada. Siyaasa jechuun sirna bulchiinsaati. Sirni bulchiinsaa kun ammoo waljibbiinsaan hindhufu.
Paartiin siyaasaa tokko paartii siyaasaa biraa arrabsee waantidhufu hinjiru. Paartiileen siyaasaa walsimachuu dhabuun xiinsammuurratti jibbiinsaafi diinummaa uumuun namoonni ilaalcha sirrii hintaane akka qabaatan godha. Namootni akka biraatti akka walilaalaniifi walhubatan taasisa.
Bariisaa: Hubannaa maatiin ittifayyadama teknolojiirratti qabu akkamiti ibsitu mee?
Doktar Goofaree: Maatiin ittifayyadamummaafi rakkoo teknolojiin qaburratti hubannaa gahaa hinqabu. Maatiin adeemsa, kaayyoofi bu’aa siyaasaa addaan baafatee beekuurrattis rakkoo qaba. Kun walsimachuu dhabuun rakkoo guddaa maatii biratti mul’atuudha.
Maatiin adeemsaafi kaayyoo siyaasaa adda baasee hinbeekne siyaasaa kamiin deggeruufi kamiin ammoo dhiisuu akka qabu hinbeeku. Yeroo filannoottis paartii siyaasaa filatullee maaliif akka filatuufi eenyu akka filatu sirriitti hinbeeku.
Maatiin adeemsaafi kaayyoo siyaasaarratti hubannoo hinqabu taanaan geggeessaa isa barbaachisu akka addaan hinbaafanne isa taasisaa jira. Adeemsaafi kaayyoo siyaasaa adda baafachuu dhabuusaatiin akka jibbuufi irraa abdii kutatu, jaalala biyyaaf qabu akka dhabu isa taasisaa jira. Kun rakkina guddaa maatii quunnamee jiruudha. Kun rakkoo ilaalchaa maatii keessatti uumeedha.
Bariisaa: Teknolojiin babal’achuun maatiif faayidaafi miidhaa akkamii qaba?
Doktar Goofaree: Teknolojiin babal’achuun akkuma bu’aa guddaa qabu miidhaas ni qaba. Teknolojiin dandeettii yaaduu namaa bal’iseera. Maatiin waa’ee teknolojii utuu hinbeekin ijoollonni darbanii teknolojii bira gahuudha rakkoo kan fide. Maatiin teknolojiin duubatti hafuufi ijoollonni ammoo darbanii teknolojii bira gahuun rakkoo mataasaa qaba.
Sabni akkuma aadaa mataasaa qabu teknolojiinis aadaa mataasaa qaba. Teknolojiin mirga keeti yoo jedhu aadaan garuu ijoolle maaloo safuu qabaadhaa jedha. Teknolojiin waa’ee sammuu, dandeettii, hubannaafi waanhaaraa haasa’a.
Aadaan kottaa walqabannee deemna jedha. Teknolojiin ammoo ati caalii argami jedha. Aadaan ammo kottaa walqabannee deemnaa, kottaa walii wajjin tollaa jedha. Kunniin lamaan walitti dhufuu dhabuun ammoo ijoolleefi maatii gidduutti garaa garummaa uumeera.
Knaafuu maatii gara teknolojiitti fiduufi ijoollonni ammo maatii akka eegan gochuun barbaachisaadha. Teknolojiin aadaa, afaaniifi safuu keenya balleessaa waan jiruuf dargaggoonni beekumsaan teknolojiitti fayyadamuu qabu.
Dur maatiin ijoolleesaasafuu barsiisa. Safuun maal akka ta’e akkoofi akaakayyuurraa barachaa guddanne. Amma garuu maatiin ijoolleesaa waa’ee safuu barsiisaa hinjiru. Maatiin ijoolleesaatti mobaayilii bitee itti kennuu malee akkamitti akka fayyadaman hinbeekan.
Teknolojiin mobaayilii, komputaraafi miidiyaa hawaasummaarra jira. Maatiin yeroo ammaa ijoolleesaa mana barumsaatti erguu malee kun safuudha jedhee waan itti himu hinqabu. Teknolojiin badaadha jedhanii teknolojii jibbuufi ijoolleen karaarraa goran jedhanii dhiisuu utuu hintaane walhubannaa, walsimannaafi ilaalcha sirreessuurratti hojjechuun barbaachisaadha.
Bariisaa: Jijjiirama waggoota sadii asii akkamitti ilaaltu?
Doktar Goofaree: Mootummaan dhufee darbu kamuu qaama cimaafi laafaa qaba. Jijjiirama waggoota sadan darbanii keessattis wantoonni hedduun raawwataman jiru kan hafanis jiru. Isa hojjetameef galateeffannee isa hanqate ammoo yoo gaafanne humna walii taana. Waan hunda hubannaadhaan ilaaluu qabna.
Bariisaa: Akka abbaa amantii tokkootti dargaggootaaf ergaa akkamii qabdu?
Doktar Goofaree: Dargaggoonni yeroo ammaa waan ta’aa jiru hubannaadhaan ilaaluu qabu. Namni ani eenyu jedhee yoo of hubate waan gochuu qabuufi gochuu hinqabne beeka. Dargaggoonni duraan dursanii yoo of beekan siyaasa deggeranis ta’e hindeggerre adda baasanii beeku. D
argaggeessi tokko ittigaafatamummaasaas beekuu qaba. Maal gochuu akka qabuufi hinqabne hubachuu qaba. Waan hojjetu maaliif akka hojjetu beekuu qaba. Fkn filannoo biyyaalessaa marsaa 6fa iftaan adeemsifamurratti dargaggoonni gahee irraa eegamu beekuu qabu. Maal gochuufi maal gochuu akka hinqabne sirriitti hubachuu qabu. Dargaggeessi tokko murtee mataasaa qabaachuu qaba. Dargaggoonni saba, ollaasaa, aadaafi biyyasaanii jaalachuu qabu.
Dargaggeessi of beeku, ittigaafatamummaa beekuufi ofiin murteeffatu tokko maal gochuu akka qabuufi hinqabne addaan baasee beeka. Dargaggeessi geggeessummaa fudhachuuf barumsaan of qopheessuu qaba. Dargaggeessi sammuudhaan, qaamaafi miiraan kan qophaa’e ta’uu qaba.
Bariisaa: Namni tokko geggeessaa gaarii ta’uuf ulaagaalee akkamii guutuu qaba?
Dokter Goofaree: Namni tokko geggeessaa gaarii ta’uudhaaf geggeessummaan maal akka ta’e beekuu qaba. Geggeessaa gaarii ta’uuf carraa argatanii filatamuu qofti gahaa miti. Geggeessaa gaariin tokko maal akka geggeessuufi akkamitti akka geggeessus beekuu qaba.
Geggeessaa gaariin rakkoo geggeessummaa keessatti isa mudatuuf nama furmaata kennuu danda’u ta’uu qaba. Geggeessaa gaariin tokko geggeessummaa keessatti isa mudatuuf fala uumee nama keessa darbuu danda’u ta’uu qaba. Geggeessaa gaariin tokko ga’umsaafi dandeettii geggeessummaa qabaachuu qaba. Geggeessaan ulaagaalee armaan olii guutu rakkoolee isa mudatan hundaaf furmaata barbaaduudhaan hojii geggeessummaasaa milkaa’inaan ittifufuu danda’a.
Geggeessaa gaariin nama obsa qabu, namoota biroo barsiisuufi gorsee deebisuudha. Amala namoota gara garaa akkuma amalasaaniitti obsaan danda’ee nama geggeessu ta’uu qaba. Geggeessaa gaariin tokko ummata ykn saba geggeessu waliin yeroo gara garaa mari’achiisuufi waan isaan jedhan dhaggeeffatee itti dhiyeenyaan beekuu qaba.
Akkasumas ummata ykn namoota geggeessuuf iddoo, carraafi ulfina kennuu qaba. Geggeessaa gaariin yaada koo qofaatu caala jechuu hinqabu. Namni ummatas ta’e dhaabbata kamuu geggeessu geggeessaa gaarii ta’uuf ulaagaalee armaan olii guutuu qaba.
Akka aadaa Oromootti xiqqaafi guddaadhaaf carraa kan kennu maanguddoota. Bor isintu bakka nu bu’a jedhanii ijoollonni ittigaafatamummaa fudhachaa akka guddatan taasisu. Akka aadaa Oromootti ijoollonni mariifi geggeessummaarratti akka hirmaataniif carraan ni kennama. Kun dargaggoonni ittigaafatamummaafi ofitti amanamummaa horatanii akka guddatan taasisuuf gargaara.
Bariisaa: Dargaggoota gara hojii dalalaatti seenuu barbaadaniifi hojii daldalaa keessa jiraniif dhaamsa akkamii qabdu?
Doktar Goofaree: Hojiin daldalaa adeemsa, kaayyoo, karooraafi falaasama ofiisaa qaba. Kanaafuu namni gara hojii daldalaatti seenuu barbaadu adeemsa, kaayyoo, tarsiimoo, falaasamaafi afaan daldalaa sirriitti beekuu qaba.
Maal akka daldaluufi eessatti akka daldalu beekuu qaba. Akkasumas neetwoorkii daldalaa beekuu qaba. Dargaggoonni gara hojii daldalaatti seenuu dura dhimmoota kanneen beekuu qabu.
Abalu hojii daldalaatti milkaa’eera jedhanii hojii daldalaatti seenuu utuu hintaane hojicha hojjechuu akka danda’an mirkaneeffachuu qabu. Akkamitti, maaliin, yoom hojicha raawwachuu akka danda’anis beekuu qabu.
Hojiin daldalaa fedha qofa osoo hintaane beekumsas ni gaafata. Dargaggoonni baay’een garuu hojii waan hinqabneef gara hojii daldalaatti seenu. Dargaggoonni hojii daldalaatti milkaa’uuf waa’ee daldalaa beekanii miiraan daldaluu qabu. Daldalli qarshii waan ofirkaa qabnuuf ykn namni nuu kenneef hojii hojjetamu miti.
Hojiin daldalaa aarsaa of godhanii hojjechuu barbaada. Hojii daldalaa keessa bu’aa argachuun akkuma jiru dhabuunis ni mudata. Dargaggoonni baay’een utuu kana hinhubatiin hojii daldalaatti seenanii kasaaranii utuu qarshii liqeeffatan hinkaffalin hojicha addaan kutanii ba’u. Hojiin daldalaa dandeettii, beekumsaafi aarsaa of gochuu gaafata. Kanaafuu dargaggoonni gara hojii daldalaatti seenuudhaan dura wantoota armaan olitti eeraman beekuu qabu.
Bariisaa: Filannoo biyyaalessaa marsaa 6fa iftaan adeemsifamu ilaalchisuun ergaa yoo qabaattan?
Doktar Goofaree: Dhugaa biyyaa biyyatti mul’aturraa ka’uun namoonni baay’een yeroo filannoo sodaa keessa galu. Yeroo filannootti biyyoota guddatan kanneen akka Ameerikaafaattiyyuu yeroo tokko tokko jeequmsi ni ka’a.
Kanarraa ka’uun ummatni biyya keenyaas yeroo filannoo sodaachuun sirrii miti jechuu hindandeenyu. Odeeffannoo miidiyaa hawaasummaafi miidiyaalee biroorraa arguufi dhaga’urraa ka’uudhaan akkas ta’uu danda’a jedhee sodaachuun waanuma jiruudha.
Filannoorratti paartiin carraa argatee mo’ateefi kan carraa dhabee mo’ame biyyattiif jecha walgargaaruu qabu. Paartiin mo’ame filannoorratti mo’ame isa mo’ateef carraa gaarii hawwee filannoo waggaa shan booda adeemsifamuuf sirriitti of qopheessuu qaba malee jeequmsa kaasuufi paartii mo’ate waliin qoccolloo keessa galuun barbaachisaa miti.
Natu caalaafi anatu danda’aan hafee isa Waaqayyo carraa kenneefi moosise deggeruun barbaachisaadha. Paartiin filannoo mo’ates amaanaatu natti kenname jedhee ittigaafatamummaadhaan biyyattii geggeessuu qaba. Paartii carraa dhabee mo’ameen anatu sicaale, anatu si mo’ate utuu hinjedhin kabajaa kennuufii qaba. Ummatnis paartii carraa argatee mo’ateef tole nu bulchi jechuu qaba.
Filannoorratti jeequmsa ka’uun jaarsa, jaartii, daa’imman, dargaggootatu du’a, biyyatu madaa’a, diinummaatu uumama, sammuu namaatu madaa’a, jireenya namaatu jeeqama, daldalatu jeeqama, nagaafi tasgabbiin dhabameetu biyyi guutummaatti jeeqama.
Kun gonkumaa akka hintaaneef ummatniifi paartiileen siyaasaa mo’aman paartii mo’ate waliin hojjechuu qabu. Humni kan ummataati, mootummaan namoota ummata keessaa ba’anii hoggansarra jiran utuu hintaane ummata. Hoggantoonni nu dura bu’anii nu qindeessu, walitti nuqabu malee ofiisaaniitii mootummaa miti. Mootummaan ummata.
Filannoo booda warri iddoo gaarii taa’anii walitti bu’iinsa uumuuf carraaqanis gochasaaniirraa of qusachuu qabu. Jeequmsa uumanii lubbuun namaa akka badu, dhiigni akka dhangala’u, lafeen akka cabuufi qabeenyi akka barbadaa’u gochuun Waaqa biratti, ummata biratti, darbees seenaa keessatti nama gaafachiisa.
Kun akka hintaaneef paartii filannoorratti carraa argatee mo’ate simachuufi isa mo’ame ammoo nagaan geggeessuun barbaachisaadha. Filannoorratti obsa godhachuufi tasgabbaa’uun daran barbaachisaadha. Akka kootti duutiyyuu carraadha. Utuu jaarsi dullachi na ajjeesi jedhee Waaqa kadhatuu mucaan ollaasaatii du’a. Kanaafuu filannoo mo’achuufi mo’atamuu akka carraattan ilaala.
Bariisaa: Akka abbaa amantii tokkootti ummata biyyattiif dhaamsa yoo qabaattan?
Doktar Goofaree: Itoophiyaan amantii kamuu haata’u biyya amantiiti. Ummatni biyyattii harki caalaan amantii qaba. Eenyu mo’us eenyu mo’atamus, jeequmsi jiraatus nagaan bu’us biyyattiin ittifufti.
Jeequmsi uumamnaan garuu harcaatiin ni jiraata. Waaqayyo akka gidduu galuuf ammoo ni kadhanna. Paartiin tokko filannoo akka mo’atuuf karaa ummataa carraa kan kennuuf Waaqayyo. Paartiin biyya ykn ummata akka geggeessuuf carraa argate nagaa buusuuf ittigaafatamummaafi imaanaa itti kenname ta’uu beekee hojjechuu qaba. Paartiin mo’ates ta’e mo’ame waliin biyyaaf hojjechuu qabu.
Jijjiiramni guddaan biyyattiitti dhufuu kan danda’u mariifi walhubannaan yoo jiraateedha. Anatu caalaafi anatu beekaan hafuu qaba, isan siin jedhe qofa fudhadhu jechuun hafuu qaba. Anatu siif beekaafi anatu caalaan diinummaa babal’isa. Dhimmi nageenyaafi biyyattii dursa argachuu qaba.
Kanaafis walsimachuu, waliin mari’achuufi biyya caalchifachuun waan guddaadha. Mariin jiraannaan walhubannaa, araara, nagaafi tasgabbiitu jiraata. Mariin kun jaalalaafi hubannaadhaan karaa amantii, jaarsolii biyyaafi bulchiinsaatiin adeemsisuun barbaachisaadha.
Yeroo baay’ee warra jeequmsa uuman utuu hintaane maanguddoota, daa’imman harmootiifi hiyyeessa waan nyaatee bulu argachuuf olii gad socho’utu miidhama. Filannoodhaan walqabatee sodaafi jeequmsi tokkollee akka hinuumamneef hundumtuu waliin hojjechuu qabu.
Keessumaa dargaggoonni dhimma nageenya kabachiisuu malee jeequmsa uumuurratti hirmaachuurraa of qusachuu qabu. Paartiileen hundinuus hanga biyyaaf hojjenna jedhanii dorgomanitti dhimma nageenya biyyattiif dursa kennuu qabu.
Gaazexaa Bariisaa Waxabajjii 12/2013
Suurri Haddush Abrahaa