“Finfinnee keessatti Oromoon qabeenyaa of danda’e akka ba’uuf hojjechuu yaadna” -Obbo Qajeelaa Gamteessaa

Magaalaa Finfinnee qixxa lamaan Boolee naannawaa Madaaniyaalamii jedhamuun beekamutti tti Gamoon abbaa qabeenyaa Oromoo tokko ni argama. Gamoon kun giddugala daldalaa Milkoomii jedhama. Abbaan qabeenyaa gamichaa bara Oromoon dingadeedhaan mitii, jiraachufuu dhiibamutti dhaabbata gorsaa dinagdee bananii hojjetaa turan. Laga Dhidheessaarratti riizortii, magaalaa Naqamteetti ammoo hoteela abbaa urjii afurii ijaaraniiru. Nutis milkaa’ina jireenyasaaniirraa muuxannoo horattu jennee waan amanneef keessummaa torban kanaa taasifanneerra.

Bariisaa: Mee dubbistoota keenyaan wal baraa

Obbo Qajeelaa: Tole, Qajeelaa Qalbeessaan jedhama. Dhaladhee kanin guddadhe Wallaga Bahaa naannawaa Gatamaa, bakkee Arjoo Guddattu jedhamutti. Barnootakoos kutaa 1-12tti magaalaa Arjootti ganamaaf galgala miilaan kiloomeetira (KM) 12 jechuunis guyyaatti KM 24 deemaan baradhe. Akkas ta’uus barataa qaxaleen ture. Barataa sadarkaa ta’een kutaadhaa kutaatti darbaa xumure.

Guddinniikoo akkuma ilma baadiyyaa tokkooti. Abbaankoo ijoollummaatti waan narraa du’eef kan na guddise haadhakooti. Haatiikoo dubartii jabduu turte. Caalaattimmoo hawaasnifi firoonnikoos guddinakoo keessatti ga’ee olaanaa qabu. Keessumaa obboleessikoo hangafti harka qabee kan mana barnootaa na galche isa.

Barnootakoo kutaa 12 ergan xumuree booda digiriikoo jalqabaa Yunvarsiitii Haramaayaa, Kolleejjii Qonnaa kan yeroos yunvarsiitii ‘Addis Ababaa’ jala turettin ramadamee akaakuu barnootaa Qonna Dinagdee (Agricultural Economics)tiin bara 1977 eebbifame.

Akkuman xumuree Jimmatti Dhaabbata Bunaafi Shaayii jalatti Korporeeshinii Misooma Biqiltuu jedhamuu keessa ogeessa dinagdee ta’uun sadarkaa garagaraarra hojjedheera. Ergan waggaa afur hojjedhee booda bara 1982 carraa barnootaa naa kennanii biyya Hindiitti baradheen Yunvarsiitii Saayinsii Qonnaa biyyichaarraa digiriikoo lammaffaa fudhe.

Isaa boodas biyyatti deebi’e dhaabbata barnootaaf na erga takka tajaajileen gara Oromiyaatti dhufuun Biiroo Bunaafi Shaayii Oromiyaatti sadarkaa garagaraarra hojjedheera. Ergan waggaa lama hojjedhee boodammoo dhaabbata mitimootummaa ‘GIZ’ qindeessaa bajataa ta’een qacarame.

Achis waggaa shan hojjedheen hojjetaadhuma waajjiraa ta’uun na jibbisiise. Yommuu humni, beekumsiifi dandeettiin kee dabalaa deemu wanti walfakkaataan si jibbisiisa. Wanti keessikee hawwuufi dandeettiin kee waan si yaadu qaba. Sunimmoo miira “nan danda’a” jedhu si keessatti uuma.

Anaanis miiri kun na keessatti uumamnaani hogganaa dhaabbatichaa lammii Jarman tureen deemeen “Ani har’aa kaasee ofii kootiif maanaajara (hogganaa) ta’uun barbaada. Kanaaf ammoo atis barcumakee naan laattu, anis naa kenni jedhee sin gaafadhu. Kanaaf har’aa kaasee hojii dhiiseera” jedhee itti himeen hojii dhiise. Guyyaa sanaa jalqabee ani maanaajara ta’een hojjechaa jira jechuudha.

Bariisaa: Hojii akkamii hojjechuu eegaltan?

Obbo Qajeelaa: Eeyyama baafadheen hojii gorsaa misoomaarratti babba’e. Yommuun hojii kan aeegalee, “Ani maanaajara” ofiin jedhu, hojjetaa qacaradhee hinqabu, konkolaataa hinqabu. Chaaphaadhuma baafadheen waan hunda ofii kootiin hojjetaa ture. Ganamaafi galgala gaafan hojii galuufi ba’u, namaa wajjiin waldhibee taaksii qabadheen hojjedha. Kun tarii hojiirratti dhiibbaa qabaachuu mala. Garuu ani carraa kanaan dhaloota ammaaf kaniin gorsu “nan danda’a” jedhanii ba’uun barumsa namaa laata.Utuun gaafas haala mijataa ilaalee pirojektii sana keessatti hafeera ta’e sadarkaan har’a irra ga’eerra hinga’u. Utuu dhaabbatichi konkolaataa naa kennee miindaa gaarii naa kaffaleera ta’e silaa achumattin hafa. Bagayyuu naaf hinkennin. Yeroos anaan na dhiiban; Garuu waan gaariitti na baasan. Namni waan garagaraatii yommuu dhiibamuufi keessasaatti miirri “nan danda’a” uumamu bakka guddaa ga’uun ni danda’ama.

Haala kanaan ergan gorsaa misoomaa ta’ee, Waaqayyoos na gargaaree hojiin naa dhudhufuutti ka’ee. Hojii afur shantu miinjaalakoorra taa’ee na eeguu jalqabe. Isaan konkoolaataa xiqqoo bitadheen hojiikoo itti fufe.

Isaa booda bara 1991 gara Dhaabbata Gorsaa Dinagdee Waabeekboon dhaabbata dhuunfaa Itti gaafatamnisaa murtaa’e (WABEKBON DEVLOPMENT CONSULTANTS PLC)tti jijjiire. Isa jalatti ogeessoota garagaraa mindeessuun pirojektoota garagaraarratti bobbaasuun eegale. Anis akka qindeessaatti ta’een gaggeessuurrattin argama. 

Bariisaa: Dhaabbata gorsaa yommuu jedhamu hojii gorsuuti kan hojjettan? Hanga yoonaawoo dhaabbilee akkamiif hojii gorsaa hojjettaniittu?

Obbo Qajeelaa: Namni baay’ee gorsuu gaafa jedhamu akkuma haakimni tokko taa’ee dhukkubsataa tokko gorsuutti fudhatu. Kan keenya garuu akkas miti. Dhimma tokko fudhannee qorannoodha kan gaggeessinu. Kunis pirojektiirratti hundaa’a. Fknf amma pirojektii waa’ee wabii midhaan nyaataarratti hojii bal’aa hojjenneerra. Gaafa kana hojjennu hawaasa bira buunee, gaafdeebii garagaraa taasifnee, gadi fageessinee qoranna jechuudha. Kana malees, pirojektiin tokko haala inni irra jirus ni qoranna. Ciminaafi dadhabiinasaa adda baafnee yaada furmaataa (recommendation) keenyaaf.

Akkasumas, qorannoo sarara hundee (base line assessment) ni taasifna. Fknf Abbaataayitaa Daandiiwwan Itoophiyaaf qorannoon hojjenne ni jira. Aanaalee 76 irratti hojiisaaniifi daandii baadiyyaan (yuro up)  hojjetan pirojektii qarshii miliyoona 20 olii waggaa sadiif hojjetaa turre. Kunis daandiin sun faayidaa maalii qaba, dhiibbaa gaarii (positive impact) maalii fida” isa jedhu qorachuudha. Daandiin baadiyyaa hojjetamuun dhuguma jijjiirama ni fida, garuu qabatamaadhaan barnootarratti, jireenya hawaasummaarratti, qabeenyarratti, qonnarratti, qilleensa naannawaafi kkf bu’aa hammamii akka fide lakkoofnee hojjenneerra.   Haala kanaan dhaabbilee mootummaa kanneen akka Ministeera Qonnaa, Ministeera Albuudaafi Inarjiif hojjenneerra. Akkasumas, Biiroo Misooma Magaalaafi Konistiraakshinii Oromiyaaf magaaloota 41 irratti ji’oota 18f hojii gorsaa hojjenneerra. Kunis magaaloonni sadarkaa lammaffaa jedhaman kunneen haala isaan karoora itti qopheeffachuu danda’an, bajata qabachuu danda’aniifi dhimmoota biroorratti leenjii garagaraa kennaafi maanuwaalii garagaraa kennaafii hojjennerraaf. Yeroo ammaa kanas Ejensii Tiraansformeeshinii Qonnaaf haala waldaaleen liqiifi qusannoo itti gaggeeffamuu qaban irratti qorannoo gaggeessuun maanuwaalii qopheessaafi jirra. 

Walumaagalatti waggoottan 22n darban dhaabbilee mootummaafi miti mootummaa, akkasumas dhuunfaaf hojiilee qorannoo hedduu jireenya hawaasa baadiyyaa waliin walqabatan gaggeessineerra.

Bariisaa: Hiikni maqaa dhaabbata keessanii ‘Wabekbon” maalii?

Obbo Qajeelaa: Ani nama maatii dhaabbatee haadha warraakoo Aadde Buzaayyoo Fidaarraa ijoollee dhiiraa sadii horatedha. Ijoolleen koo lama biyya Ameerikaa jiru, barumsaaf jechuudha, Inni hangafti Waahil jedhama, Kompiwutar Saayinsiidhaan eebbifamee hojiirratti argama. Akka inni dhufee nu gargaaru gaafataa jirra. Inni lammaffaa hoggansa biznasii barataa jira. Innimmoo Beekan jedhama. Inni sadaffaa amma kutaa 12 xumuree innis gara Ameerikaa deemuuf qophii xumureera; maqaansaan Boonsaa jedhama. Kanaaf maqaan dhaabbatakooti jalqaba maqaa sadan isaanii kan qabatedha jechuudha.

Bariisaa: Akka nuuf kaastanitti, qorannoowwan heddu gaggeessitaniittu? Wantoonni isin qorattan dhaabbati isin qorachise itti fayyadamee gaafa jireenya hawaasaa jijjiiru argitaniittu? Yoo ta’eewoo miira akkamiimmoo namatti uuma? 

Obbo Qajeelaa: Hojiin keenya rakkoo adda baasee fala kaa’a. Hojiirra oolchuun kan dhaabbata nu qacaree nu qorachiisedha. Fknf dhiheenya kana waa’ee wabii miidhaan nyaataarratti aanaalee 50 Oromiyaa, Amaaraa, Kibbaafi kanneen biroorratti qorannoo gaggeessineerra. Achirratti komiin jiru maalii, qaamni dhimmichi ilaallatuwoo haalaan hojjetaa jiraa kanneen jedhaniifi kkf qorannee Ministeera Qonnaaf laanne. Egaan kana duukaa bu’ee  dhimmichaaf hiika kan laatu jira jechuudha. Kun haaluma dhaabbataafi hogganaarratti hundaa’a. Tokko tokko dafee mala furmaataa nuti keenye hojiitti hiikuun rakkoolee ni fooyyeessa. Tokko tokkommoo yeroo fudhata. Kanas ta’u sana yommuu qorannoo keenyaan rakkoon furamee jireenyi hawaasaa jijjiiramu arginu kanfaltii argannu caalaa fooyya’nsi jiru nu gammachiisa. Garuu hundi hojiirra ooleera jechuun hindanda’amu.

Bariisaa: Adeemsa hojii keessan keessatti wantoonni danqaa ta’aaniifi dadhabsiisoodha jettan maalfaadha?

Obbo Qajeelaa: Hojiichi dadhabsiisaadha. Halkaniifi guyyaa hojjechuu gaafata. Namoonni hojiicha haala gaariitiin ilaalan akkuma jiran haala yaraatiin kan ilaalanis ni jiru. Akka fkntti, waajjirri ani maqaa dhahu hinbarbaanne tokko gabaasa si’a 13 nu barreesisaniiru. Takka kana sirreessaa, takka sana sirreessaa jedhu. Isa sirreessine osoo hinilaaliin kan biraammoo sirreessaa jedhu. Haala kanaan pirojektiin ji’a ja’aatti dhumuu qabu gara waggaa lamaatti deemeera. 

Inni biraan hojiin keenya haalarratti hundaa’ee gaafa namoonni 100 -200tti ykn namoonni afurii hanga shaniitti irratti hirmaatan ni jira. Kana keessatti akkuma ogeessoonni ciccimoo jiran kan maqaadhumaaf ragaa sirrii osoo hinsaassaabiin kaaffeedhuma keessa taa’anii hojjetan jiru. Inni akkanaa nus maqaa nu balleessa; warra imaammata qopheessuus dogoggoorsuu danda’a. Waan akkanaa yeroo bira geenyu baasii mataa keenyaatiin irra deebinee hojjechuuf dirqamna. Kanarraa kan hafe hojiichi dorgommii barbaada, kana keessa darbuuf ammoo tattaaffii keenya gaafata.

Bariisaa: Mee waggoota 22n darban keessumaa haalli ture ni beekamaatii, maqaa Afaan Oromoo qabatanii dorgomuun dhiibbaa isinitti hinuumnee?

Obbo Qajeelaa: Dhugaa dubbachuuf maqaan dhaabbatakoo namoonni baay’een maal akka ta’e hinbeekan. Garuu maqaakoo inuma argu. Ta’uus iddoo baay’eetti Waaqayyoo beekumsas addas nuu kennee nu dabarsa. Bakka dorgomneetti hojiidhuma keenyaan mo’achaa turre. Rakkooleen muraasni jiraatanis maqaadhuma kana qabannee mo’achaa as geenyeerra. Ati caaltee argamnaan namoonni kaan si hordofu malee sin danqan. Ati beekumsaafi dandeettii qabaattee akka mootu yoo baran si kabaju. Yoo ati mataa gadi qabattee yaadasaanii ofitti fudhatte garuu sirra ejjechuu barbaadu. Ba’aa baay’ee baannee as geenye; ba’aan keenya ulfaataas tureera. Garuu ba’aa keenyaan karaatti kufne osoo hintaane irraa kuffisaa hiika itti laachaa deemnee as geenye.

Dhaloonnis wanti kanarraa barachuu qabu, danqaraan yoo nama fuuldura jiraateyyuu dafanii baranii irra utaalanii darbuu qabu. Gadi qabaa namaa ofitti fudhachuu dhiisuun murteessaadha. 

Bariisaa: Akka naa kaaftan rakkoo wabii nyaataa biyya kanaarratti qorannoo addaddaa adeemsiftaniittu. Mee biyyattiin wabii nyaataatiin akka of hindandeenyeef maaltu rakkoo itti ta’e jettu akka ogeessaatti? 

Obbo Qajeelaa: Dhugaa dubbachuuf waa’ee qonna biyya kanaa fooyyeessuuf barnoonni baratameera, kitaabni hedduu barreeffameera, mootummaanis xiyyeeffannaa itti kennee tattaaffii garagaraa taasisuun hojii baay’ee hojjeteera. Namni dhuunfaas akkasuma. Garuu wanti beekamuu qabu biyyootuma guddatan keessa rakkoon wabii nyaataa ni jira. Fknf Ameerikaa keessa namoota of hindandeenyee mootummaan isaanii kennu (hand out) ni jira. Kanaaf hiyyummaa dhibbantaa dhibba dhabamsiisuun hindanda’amu. Biyyi garuu rakkoo dhufu dandamatee gargaraasa alaa malee rakkoosaa hiikuu danda’udha wabii nyaataatiin of danda’uun. Kanaaf rakkoon biyya kanaa inni guddaa waan olka’aattu (reserve) dhabuusheeti. 

Qonnaan bulaaf sanyii filatamaafi xaa’oo dhiheessuu, teknolojii fiduu, jal’isiidhaan misoomsuu yeroodhaa yerootti haalaan fooyya’aa deemaa jira. Teknolojiin waggaa 20, 30 dura hinjirre har’a qonnaan bulaa bira ga’aa jira. Jal’isiinis haala gaarii ta’een itti hojjetamaa jira. Garuu ammayyuu ga’aa miti. Keessumaa qorannoowwan karaa wiirtuulee qorannoo ba’aan ga’aa miti. Fknf biyya Hindiitti nyaanni baay’ee beekamu ruuziidha. Ruuzii kana nuti akaakuu lama sadii beekna. Garuu isaan qorannoodhaan baay’isanii yoo xiqqaate akaakuu 200 oltu jira. Kanaaf sadarkaan qorannoo keenyaa guddachaa deemuun irra jira.

Humniifi qabeenya qabnu hojii bal’aa nu hojjechiisuu dhiisu danda’a garuu yaaliifi tattaaffii cimaa taasisuu barbaada. Kana malee egaa rakkoleen uumamaa kanneen akka  jijjiirama haala qilleensaas gufuu ta’uu malu.

Inni biraa dhaloonni ammaa barnoota garagaraa baratee ba’aa jira. Garuu humna baadiyyaa keessa jiruutti dhimma ba’uurra gara magaalaatti galuu filata. Dhugaadha magaalaatti galuun barbaachisaadha. Dura garuu waanuma tokko guduunfachuu barbaachisa. Jireenya ofii fooyyeeffachuuf baadiyyaattis fooyyeeffachuu yaaluu qaba. Barnoonni baranne jireenya baadiyyaa akka jijjiiru taasisuu qabna. 

Bariisaa: Tarii qonni keenya hamma barbaadamu ammayyaa’uu dhabuun isaa baadiyyaan keenyas akka hinmisoomne taasiseeraa laata?

Obbo Qajeelaa: Eeyyee. Teknolojiin hanga tokko ammayyaa’aa jira. Garuu kun qofti ga’aa miti. Ijoolleen keenya baratanii beekumsaafi dandeettii qaban baadiyyaa keessa jiraatanii yoo ammayyeessan malee akka barbaadame hinta’u. Qonna keenya kan jijjiiru numa mataa keenya jechuudha. Hojii dhabne jedhanii ta’uu osoo hintaane maaltu naannawaakoo jira, maal hojjechuun danda’a jedhanii tattaafachuun murteessaadha.

Bariisaa: Mee isin hojii gorsummaa kana alatti invastimantiirratti bobbaatanii jirtu. Maal maal hojjechaa jirtu? Yaadisaawoo akkamitti dhufe?

Obbo Qajeelaa: Hojiidhuma gorsarraa kan ka’e biyyoota alaafi biyya keessa iddoo baay’ee deemeera. Keessumaa biyya keessa naannoo ani hindeemne hinjiru. Yeroo baay’ee gara Aksum, Laalibalaa, Gondariifi bakkeewwan seenaa jedhaman deemeera. Gaafa deemnu xiyyaaraan deemna. Yommuu deemnus xiyyaaricha keessaa harki 95 ol faranjoota. Gaafan kana argu “Dhuguma faranjiin hammi kun biyya keenya ni dhufaa” jedhee gaaffii natti uuma ture. Ijoolleen naannawaa sana jiran tikeen illee Afaan Ingiliffaan faranjootatti haasa’aa karaa itti agarsiisanii qarshii irraa argatu. Ijoollee lixa Oromiyaa jiran yoo ilaalte garuu faranjii gaafa argan akka waan Waaqa arganiitti ilaalu. Kun keessakootti inaaffaa natti uume. Maaliif gara Lixa Oromiyaatti turizimiirratti hinhojjedhu, maal gochuun danda’a? kan jedhu keessakoottii deddeebi’e.

Akka carraa ta’emmoo gaafan hojiidhaaf gara Naqamteefi Gimbii deddeebi’u naannawaa Dhidheessaa gaafan ilaalu uumamnisaa turistootaaf hawwataa akka ta’een hubadhe. Isarraa ka’uun riizoortii ‘Dhidhessa Green Valley Resort’ lafa heektaara 10 irratti baasii miliyoona 15 ta’uun waggoota 10 dura ijaare.

Yommuu hojicha eegalu mul’ata Lixa Oromiyaa bakka guddaa turistoonni daawwatan goona jennee kaane. Erga riizortichi ijaaramee lammileen alaa Jarman, Ispeen, Holaandiifi biyyoota biroorraa dhufanii bashannananii deebi’aaniiru. 

Asirraa wantin baradhe tokko “ni danda’ama” isa jedhudha. Turistii biyya keenyatti fiduun ni danda’ama. Nageenyi jiraannaan lixa Oromiyaa bakka hawwata turiistii gochuun ni danda’ama isa jedhu mirkaneeffadheera.

Inni biraammoo hawaasa naannawaafis carraa uumeera. Riizortichatti gara namoota 20tu miindeeffamee jira. Fkn tokkon siif kaasa. Guyyaa tokko qonnaan bulaan ana biratti mindeeffamee hojjetu tokko na dhaabee na galateeffate. “Maaliin sii godhe” jedhee gaafannaan “miindaa isinii naa kaffaltanittiin sangaa bitadhe” naan jedhe. Ani kennaa hinkennineef hojjeteedhuma miindaasaatiin bitate. Nama kanaaf sangaa bitachuun baay’ee irraa fagoo ture jechuudha. Kun baay’ee nama gammachiisa, Kanaaf hawaasa naannawaafis bu’aa buuseera jechuudha.

Bariisaa: Gaafa riizortichi ijaarame namoonni baay’een aadaa daawwannaas waan hinqabnees, hubannoonis waan hinjirreef “amma dhuguma nama baasaa, namni asirratti riizortii hojjete kun hinkasaaruu?” jedhanii yaada kaasaa turan. Bu’a qabeessa turee?

Obbo Qajeelaa: Gaafa hojii eegallu lafasaa sirreessuunuu hojii guddaa ture. Lafasaa misoomsinee miidhagsanii, biqiltuu dhaabnee, bishaan jal’isnee miidhagsine. Kanaaf akka daldalaatti yoo yaadde hojii akkanaa jalqabunuu barbaachisaa miti. Bu’aan utuu argamee eenyuuyyuu hinjibbu. Garuu al tokko tokko kaayyoonis nama geessa. Ani durumayyuu kan na geesse kaayyoodha malee biznasii gurguddaa hojjechuuf Finfinneenu ga’aadha. Anaaf naannawaa sana turistiin biyya keessaafi alaa daawwachuun bu’aa guddaadha. 

Fuuldurattimmoo namoota naannawaa sanaafi lammileen alaa qofti hindaawwatan. Akkuma asii ka’aamee Hawaasaa, Arbaaminci, Bahirdaar deemamu, asii ka’aamee Dhidheessa, Dhaatii Walal, Finca’aa Soorifi kkf yeroon itti deemamu ni dhufa. Kunimmoo, nageenyaafi qabeenya waliin deema. Biyyi keenya nagaa taatee, namni keenya qabeenya horannaan namni bakka itti dhaqee boqotu inuma barbaada. Waaqayyoo waan hunda dabarsee waan gaariin ni dhufa. Hammasitti dadhabaniifi kasaanii ummata ofiif bu’aa buusuun gammachuu guddaadha.

Invastimantiin biraammoo Hoteelaa abbaa urjii afuriifi sadii gidduu jiru abbaa darbii ja’aa kan magaalaa Naqamteetti argamuufi waggaa tokkoon dura ijaaramedha. Kunis Hoteela Milkoomii jedhama. Hoteelicha sadarkaa magaaloota gurguddaattilee sadarkaasaa kan eeggate yoo ta’u, sireewwan 36, reestoraantii, galma walga’ii ammayyaawaafi kkf kan qabudha. Namoota 50 oliifis carraa hojii baneera. Baasii qarshii miliyoona 60 ta’uun lafa kaaree meetira kuma tokkorratti ijaarame.

Invastimantiiwwan lamaan kanneen utuu Finfinneetti hojjetanii galii guddaan irraa argachuu ni danda’ama. Garuu “lakkii hawaasakoof carraa uumuuf anis ga’eekoon ba’aadha” jedheen hojjedhe. Namni gaafa ofiisaa buddeena tokko nyaatee bulu, ollaasaa yaadachuun dirqama. Kanaaf ammoo lafa jiranitti fakkeenya ta’uu gaafata. 

Egaan invastimantiiwwan lamaan kanneen gara fuulduraatti walitti qindeessinee hojjechuu yaadna. Riizortiin Dhidheessaa haala qabatamaa amma jiruuf xiqqoo akka qabbanaa’u gooneerra. Koviid 19n walqabatees turistoonniin baay’inaan dhufaa hinjiran. Fuulduratti garuu namni Hoteela Milkoomii dhufu guyyaa tokko lamaaf ammoo Dhidheessa akka deemuuf walitti hidhuu yaadna.

Bariisaa: Finfinneedhaawoo invastimantii hinqabdanii?

Obbo Qajeelaa: Bakki amma teenyee haasa’a jirru Gamoo Milkoomii keessatti. Gamoon kun abbaa darbii afurii yoo ta’u lafa kaareemeetira 702 ta’urratti baasii qarshii miliyoona 60n ijaarame.

Egaa hoteelli inni Naqamtees gamoon inni Finfinnees maqaansaanii Milkoomii kan ta’eef milka’aa jedhanii eebbisuufi. Eebba ofii arganne namas eebbisna jechuudha. Waaqayyo nu eebbisee as geenyeerra; nummoo dhaloota eebbisaa jirra jechuudha. Gamoon kun hojii daldala garagaraaf kan oolu yoo ta’u tajaajila biznasii garagaraa ni kenna. Namoonni baay’ee ijaarsasaa gaafa arganiifi maqaa kanaan Finfinneetti yoo argan itti gammadu.

Bariisaa: Boolee keessatti lafa argatanii gamoo akkanaa ijaaruun hincimuu, keessumaa Oromoof?

Obbo Qajeelaa: Waa’ee kanaa gabaabsee yoon kaase namnis irraa barata jedheen yaada. Bara 1997 yommuu lafti liiziidhaan gurguramaa ture, lafti kaareemeetira kuma tokkoofi 404 ta’u kun ba’e. Anis caalbaasiidhaan dorgomeen kaaree tokko herrega qarshii kuma lamaafi 501n mo’e. Akka labsii imaammata mootummaattimmoo liizii gaafa mootu % 20 dursite kanfaluu qabda. Isa durammoo ragaa itti inni dorgomamu qarshii kuma 35n biteera. Kanaaf % 20 qabsiisuuf gara kuma 700 deema. Animmoo kanin qabu kuma 300 hincaalu.

Yeroo kanatti namoota baay’ee gaafan haasofsiisu namni na amanee qarshii naa kennu dhibe. Yoona abdii kutadhee qarshii ishee kuma 35s nan nyaatame jedheen gadde. Isaa booda namni ani hojiidhaan beeku tokko akka carraa biirookoo dhufnaan haasaa keessa dhimmicha haasofsise. Innis daqiiqaa 30 keessatti dhaqee qarshii kuma 300 baasee dhufee natti kennee, dhaqii galchi naa jedhe.

Tole jedheen waa hunda xumure. Erga waa hundi dhumee ji’a ja’a turee booda, maal goonu jennee mari’anne. Isaa booda laficha bakka lamatti hirmaannee gamoo mataa mataa keenyaa ijaarranne.

Kun ergaa akkamii dabarsa seete? Inni duraa Waaqayyo nama gargaara. Inni biraa namni waan xiqqoo harkaa qabuun abdii kutatee boodatti deebi’uu hinqabu. Bor Waaqayyoo carraa biraa namaa fida. Anis akkan hojjedhee qarshii guddaa fidu nan amanan ture. Kanaaf waa hunda dura “nan danda’a” jedhee amanuu qaba. Utuu gaafas qarshii hinqabu, akkamittin dorgoma jedhee yaadee har’a Boolee keessa Milkoomiin hinjiru.

Bariisaa: Yeroo baay’ee Oromoon qixxa lamaan magaalaatti biznasii keessa galu ni sodaata. Ofiin dhiibee moggaatti of baasa. Isa kanarratti muuxannoofi ogummaa keessaniin maal gorsitu?

Obbo Qajeelaa: Namni kan yaadu qabu wanti lafarratti invasti godhanii hojjetan bu’aansaa ofiif qofa miti; dhalootaafisi. Fknf riil isteetii yoo fudhatte har’a bu’aasaa waggaa 10, 20tti deebisuu dhiisuu danda’a. Bu’aansaa garuu dhaloota lama sadiif kan darbudha.

Magaalaa Finfinnee keessatti Oromoon gamoo hinqabu, biznasii hinqabu jennee kan yaaddoofnu har’a qofaaf osoo hinta’iin dhaloota egereef iyyuu rakkina guddaa ta’ee waan darbuufi. Fknf ani yoo xiqqaate gamoo kana keessatti, waardiyyaafi qulqulleessitu dabalatee namoota 20 ol ijoollee baadiyyaadhaa fideen carraa hojii baneef. Kana qofa miti, biznasiin Oromoo magaalaa kan keessa yoo baay’ate, inni tokko nama 10, tokko 20f yoo carraa bane, keessumaa ijoolleen utuu dandeettii qabanii Afaan Amaaraa wallaaluusaaniin carraa dhaban ni fayyadamu.

Kanaaf namni gaafa waan ofiisaa itti jiraatu argatu ittaansee kan yaaduu qabu hawaasaaf maal hojjechuun qaba. Akkamittiin namoota dandeettii qaban as baasee carraa uumuufi danda’a jedhanii yaaduun barbaachisa. Namni hundi yoo siyaasa keessa gale qofa bu’aa buusa miti. Inni dandeettii qabu siyaasa keessa, inni qabeenya qabu dinagdee keessa seenee hojjechuun bu’aa buusuu qaba. Kanaaf sodaa tokko malee miira nan danda’a onnatanii biznasiirratti hirmaachuun Oromoorraa eegama.

Akkanaan hundi keenya ga’ee keenya ba’achuu qabna yoo kana ta’e ani Oromoof kana buuseera jennee Afaan guunnee dubbannee ragaa ofii baana. Isa kanarratti dargaggootaaf haala karoora bizanasii qopheessuu danda’an, hariiroo itti uummataniifi kkfrratti tola leenjisuuf yaadaa jirra. Magaalaa kana keessatti sabni keenya qabeenyaan of danda’e akka ba’uuf hojjechuu yaadna.

Bariisaa: Akka waliigalaattoo karoorri keessan fuulduraa maali?

Obbo Qajeelaa: Fuulduratti egaa damee keenya babal’ifnee maanufaakchariingiifi albuuda keessa seenuuf mul’ata qabna. Kanaafis haaldureewwan barbaachisan fixaa jirra. Waaqayyoos akka nu gargaaru abdii qabna.

Saamraawiit Girmaatiin

Gaazexaa Bariisaa Waxabajjii 5/2013

Recommended For You