Finfinnee: Paarkiin Tokkummaa kaleessa cidha guddaa keessummeessaa oole. Ilmaan abbaa Gadaa godinaalee Oromiyaafi iddoowwan adda addaa hundarra walitti baba’an uffata aadaa alaabaa abbaa Gadaatiin faayamanii ganamumaan mooricha miidhagsan. Gaafuma isaan moora seenuuf hiriiran kuulli uffatasaanii waan alaabaa dheeraa qabatan malee, huccuu nama tokko tokkoon uffatame hinfakkaatu; edaa tokkummaan akkas miidhaga nama jechisiisa.
Uffannaansaanii kaayyoosaaniitiin walsima. Kan isaan akkanatti walga’aaniif tokkummaadhaan misoomaafi. Sagantaa cufiinsaa konfiransii waggaa Waldaa Misoomaa Oromiyaa (WMO)f ture. Waldichi keessumaa Finfinneetti waggaa kana konfiransiiwwan garagaraa adeemsisuun galiiwalitti qabaafi miseensota baay’ifachaa ture. Sagantaan kaleessaas xumurasaa ture.
Konfirasicharratti tasa argamuun haasaa gabaabaa kan taasisan Ministirri Muummee Itoophiyaa Doktar Abiyyi Ahmad akka jedhanitti, Oromoon baroota dheeraa rakkoolee adda addaa keessa tureera. Kanaa booda kan nurraa eegamu qabsaa’uufi mo’achuu miti. Isa raawwanneerra. Kan nurraa eegamu, injifannoo argame haalaan kununsanii ittifufsiisuufi bulchuudha.
Tokkummaa misoomarratti mul’ate, nageenyaafi badhaadhinarrattis irra deebi’uun hundarraa akka eegamu dhaamaniiru.
Pirezdaantiin Itoophiyaa Saahilawarqi Zawudees ministiruma muummee waliin tasa argamuun haasaa gabaabaa taasisaniiru. Isaanis, “Paarkiin Tokkummaa yeroo kaan caalaa miidhagee argeera. Kunis misoomaaf ta’uu dhaga’eera. misoomni biyya keenya boquu ol qabachiisuuf waan fayyaduuf daandii sirrii qabattaniittu” jedhan.
Egeree keenyaafis akkanuma kutannee, harka walqabannee Itoophiyaa addunyaarratti olkaasuu qabna jechuun dhaamaniiru.
Ministirri Muummee Ittaanaafi Ministirri Dhimma Alaa Dammaqaa Mokonnon gamasaaniin, Itoophiyaa ceesisuuf misoomaafi dinagdeen murteessaa ta’uu kaasanii, gama kanaan hojii WMOn waggoota darban hojjete qe’ee Oromoo hunda qaqqabuu dubbatu.
Hojii waldichi misoomarratti raawwate daran jajjabeessaa ta’uu eeranii, “Ta’uus isa hojjennerra inni nuti hinhojjenne, isa bira geenyeerra, isa bira hingeenyetu caala. Kanaaf waldichis, mootummaanis waliin ta’uun caalaatti hojjechuu barbaachisa.
Wayita ammaa qormaanni nu fuuldura jiru hedduudha. Itoophiyaan qormaata hedduu darbaa dhugaa qabattee ce’aa dhufteetti. Ammas tokko taanee daandii nurraa bareedu qabannee qormaataafi dhibbaa hunda ce’uu qabna. Na amanaa ni ceenas” jedhu.
Pirezdaantiin Baankii Misoomaa Afrikaa Dokta Akiniwumii Adeesinaas, Itoophiyaa daran akka jaalatan ibsanii, simannaa ho’aa taasifameefiif galateeffataniiru.
“Yommuu waa’een Afrikaa yaadamu Itoophiyaan biyya addaati. Kanaafi Gamtaan Afrikaas teessoosaa taasifatee kan filateef. Baankiin Misooma Afrikaas misooma biyyattiin eegalte tumsuuf marii taasisuuf gara Finfinnee dhufe. Hojii misoomaa dameewwan garagaraatiif akka ooluufis liqaa doolaara 1.7 mallatteessineerra.
Akkasumas ijaarsa daandii saffisaa Adaamaa- Awaash torban darbe eegaleerrattis, daandii kiloomeetira kuma tokko Keeniyaa Naayiroobiifi Mombaasaadhaan walqunnamsiisu ijaarsisuuf liiqiin mijeffamuuf waadaan seenameera. Kanaa booda tokko taanee guddanna, fakkeenya guddummaas ni taana” jedhan.
WMOn waggoota 28 dura gaafa hundeeffamu hojii misoomaa mootummaan hojjetu deggaraa ummata baadiyyaa bira ga’uuf ta’uu kan himan ammoo Daarektarri WMO Obbo Dajanee Itichaati.
Waldichi hanga yoonaa pirojektota kuma afurii ol hojjechuusaafi mana barnootaa bultii addaa moodeela ta’uu ijaarsiisuun akkasumas, ambulaansiiwwan 110 ta’aan aanaaleef raabsuudhaan deggaraa misoomaa ta’uu agarsiisaa jiraachuu ibsu.
Kantiibaa Ittaantuun Magaalaa Finfinneefi Walittiqabduu Ittaantuun Boordii WMO Aadde Adaanach Abeebee gamasaaniin, waan hunda caalaa biyyattiif kan barbaachisu tokkommaa ta’uuf, keessumaa yeroo ammaa yoomiyyuu caalaa tokkummaan akka barbaachisu dubbatu.
WMOn qarshii biliyoona 10 ol miseensotaafi deggartootasaarraa walitti qabuun hojiilee misoomaa hedduu raawwachuu kan danda’e waan tokkummaan jiruuf ta’uu eeranii, sosochii barana Finfinnee qofatti taasifameen qarshii miliyoona 300fi miseensota haaraa kuma 55 horachuu danda’uu dubbatan.
Isa Finfinneedhaa sassaabame Finfinneedhumatti akka hambisaniif lafa ijaarsa gamootiif waldichi gaafate eeyyamuun, lafa heektaara shan (kaareemeetira kuma 50) gumaachuu himanii, milkaa’inasaafis akkuma barame tokkummaan ni barbaachisa jedhan.
Saganticharratti kutaalee magaalaa hunda deggarsa taasisaniif waraqaan ragaan kan kennamee yoo ta’u, Kutaan Magaalaa Aqaaqii Qaallittii maallaqaafi akaakuudhaan qarshii miliyoona 8.3, Nifaas Silki Laaftoon qarshii miliyoona 7.7, Eekkaan ammoo qarshii miliyoona 7.2 sassaabuun badhaafamaniiru.
Saamraawiit Girmaatiin
Gaazexaa Bariisaa Caamsaa 28/2013