Yeroo tokko pirezidentiin Zimbaabuwee Rooberti Mugaabeen qoqqobbii biyya Awuroophaa ilaalchisanii haasawaa taasisan keessatti “Biyyoottan Awuuroophaa akka biyya isaanii hinseenne yoo qoqqobbii nurra kaa’an maaltu nu dhibe. Nuti lammiilee Awuroophaa miti” jedhan.
Biyya isaanii akka hinseenne yoo dhorkan tarii lammii isaanii qofaaf miidhaa qaba malee nuuf miidhaa hinqabu, biyya keenya jirra jechuu fakkaata. Qoqqobbiin akkasii biyya Zimbaabuwee qofa utuu hinta’in yeroo dhiyoo keessatti qoqqobbii aangawoota mootummaa viisaa dhorkachuu yookaan imala gara biyya Ameerikaatti ta’u daangessu biyyoottan hedduu irra keesseetti.
Keessumatti bara 2017 asitti qoqqobbii akkasii biyyoottan akka Kaamboodiyaa, Eertiraa, Giinii, Seeraaliyooniifi kkf irraa keesseetti. Isaan durattis biyyoottan akka Kaaba Kooriyaa, Iraan, Veenzu’eelaa, Kuubaa, Ruusiyaa, Siiriyaafi kkf., biyyootni hedduun qoqqobbii garaa garaaf saaxilamaniiru. Akkuma beekamu qoqqobbiin yeroo hedduu biyya tokkoon biyya biraa irra kan kaa’amu (unilateral sanction) yeroo ta’u inni kan biraa ammoo biyyootni waliin ta’anii waloon biyya seera addunyaa cabsite, mirga dhala namaa dhiibde tokko yoo ragaan deggeru jiraate kan itti amanamu ta’e qoqqobbii waloon biyyootni kaa’an (collective sanction) ta’a.
Inni kun akka biyyi sun gara seeraatti deebitu gochuufi dhiiga dhangala’uufi barbadaa’uu qabeenyaa hambisuuf yaadamee kan ta’uudha. Sadarkaa qoqqobbii kanaas yereoo ilaallu qoqqobbii salphaa (walitti dhufeenya laaffisuu) irraa eegalee hanga tarkaanfii cimaa humna waraanaan gidduu seenuutti deemuu danda’a.
Akkasumas qoqqobbiin bifa addaa addaatiin fakeenyaaf beekamtii walitti dhufeenya yookaan marii waliin qaban addaan kutuu (withholding diplomatic recognition), uggurraa taateewwan addaa addaa, qabeenya lammiilee adda baasuun dhorkuufi kkf., kan dabalate ta’uu danda’a.
Egaa isaan kun hunduu akka bakkeen ilaalamutti rakkoo uumame tokko furuuf, nagaan hiikuuf akka dandaa’amuuf yaadamee kan kaa’amu fakkaata. Karaa kan biraas garuu rakkoo hinqabu jechuun hindandaa’amu. Qoqqobbiin meeshaa ta’ee biyyoottan garaa garaa yeroo itti gargaaru jira. Isa kana garuu adda baafachuun murteessaadha. Armaan gadittis gabaabsinee ni ilaalla.
Karaa kan biraas qoqqobbii bakka gurguddaa hedduutti qooduun nidandaa’ama. Inni tokko quqqobbii dinagdee yeroo ta’u xiyyeeffannoon isaa qoqqobbii meeshaa waraanaafi daldalaa kan of keessatti hammateedha. Isa kana ilaalchisee yeroo dhiyoo asitti biyyi Ameerikaa biyyoottan garaa garaa irra yeroo kaa’uun gama kanaan dhiibbaa cimaa gochaa jirti.
Inni lammaffaan qoqqobbii dippiloomaasiiti. Qoqqobbiin kun walitti dhufeenya biyya wajjin qaban laaffisuu, embasii isaanii hanga cufuutti kan geessisuudha. Inni itti aanu qoqqobbii waraanaa yeroo ta’u biyyi tokko walitti bu’iinsa uumame dhaabsisuuf haala jiru gidduu humna waraanaan seenuu dabalata.
Karaa biraa qoqqobbiin ispoortiis jira. Inni kun akka biyyi tokko yookaan gartuun ispoortii tokko dorgommii addunyaa jiran irratti hinirmaanneef kan dhorkuudha. Qoqqobbiin namoota dhuunfaa irra kaa’amus (Individuals sanction) isa jedhamee beekamuudha.
Inni kun namootni tokko tokko addumaan angawoota siyaasaa dabalatee akka viisaa hinarganne kan daangessuudha. Inni kun haala geggeessitootni hawaasa geggeessanii wajjin qaban irratti hundaa’a. Yeroo dhiyoo asitti ammoo qoqqobbiin haala qilleensa naannoo hammatu edaa’ameera.
Isaan kana keessaa inni guddaafi yaada hawaasa addunyaa harkisa jedhamee kan yaadamu qoqqobbii daldala irra kaa’amu, sochii mallaqaa, sochii namootaa daangessuufi kkf., kan of keessatti hammate ta’a.
Ganna digdama keessatti (1970-1998) biyyi Ameerikaa qoqqobbii akkasii yoo xiqqate si’a 117 ol biyyoottan garaa garaa irra keesseetti. Qoqqobbiin dinagdee yeroo hedduu biyyoottan miidhuufi miidhuu hindandeenye qaba.
Fakkeenyaaf biyyootni dureeyyii irratti miidhaa inni geessisu salphaa ta’uu danda’a.Qoqqobbii irra ga’e dandamataa keessa taruu danda’u. Garuu biyyoottan hiyyeessa nimiidha.
Yoo irraa barataniifis barumsa cimaadha. Akka jabaatanii hojjechuun harka namaa keessaa ba’anii of dandaa’aniif ija namaa bana. Biyyootni baay’een har’a jijjiirama of irrattis ta’e biyya lafaa irratti fidan, kaleessa garbummaa biyyoottan addaa addaa jala turan.
Fakkeenyaaf Ameerikaan har’a addunyaa kana irratti hirree cimaa agarsiisaa jirtu bara 1565 biyya Speeniin weeraramteetti. Yeroo jalqabaafis biyya Ameerikaa qubatteetti. Itti fufuun bara 1587 booda biyyi kun garba warra Ingilizii taatee hanga warraaqsa Ameerikaatti itti fufteetti. Dhoksaa sadarkaa har’aan ga’e yoo jiraate jabaatanii hojjechuudha.
Mul’ata ofii hojiitti geeddaruudha. Abjuu qofti jijjiirama hinfidu. Jijjiiramnis hojii malee hinjiru. Jijjiiramni carraas miti. Jijjiiramni akka tasaa kan ta’u miti. Jijjiiramni ayyaana miti; akka tasaa kan namarra bu’u.
Jabaatanii hojjechuu barbaada. Hojiin dhoksaa milkaa’inaati. Hojiin dhoksaa guddinaati. Hojiin harka namaa jalaa ba’anii ofitti amanamummaan akka jiraataniif sababa guddaadha. Jaabatanii hojjechuubaannaan bara baraan ciqilee namaa jala wiixxifachaa jiraachuu gaafata. Akkuma armaan olitti kaafne biyyi Ameerikaa Speeniin weeraramteetti. Ingiliziin weeraramteetti.
Har’a garuu achi hinjirtu. Warra koloneeffatanis darbaniiru. Sadarkaa isaaniin gargaaruu irra jiru. Dhoksaan isaa waan kan biraa miti. Kutannoon jijjiiramaaf hojjechuudha. Oduuf yeroo kennuu diduudha. Jijjiiramaaf tattaafachuudha. Ofii jijjiiramanii dhaloota jijjiiruuf abjuu dhugoomu qabaachuudha. Jijjiiramas simachuuf of qopheessuudha. Dorgomaa ta’uu danda’uudha. Itti gaafatamummaa fudhachuuf qophaa’uudha. Dhalootatti karaa agarsiisuu; dhaloota jalaa kaasuu; harka wal-qabatanii hojjechuu; malaammaltummaa dhaloota ciigga’u horachuu; hundee malaammaltootaa gogsuu; akka lammata hinkaane taasisuu gaafata. Dhaloota kan biyya namaatti ari’ee baqqataa taasise, mana daldalaa baay’ee kan cufsiise malaammaltummaadha.
Cimda hattootaa wal-xaxee jiruudha. Isa kana gogsuun dhaloota halkaniifi guyyaa hojjetu horachuu barbaada. Ciqilee namaa jalaa ba’uuf wantootni dhaloota takaalanii deemsa dhorkan daandii irraa maqsuu gaafata.
Dhaloota kalaqaa baay’isuu barbaada. Dhaabbilee dorgomtoota ta’an horachuu gaafata. Oomishni akka baay’atu, kalaqni akka guddatu, haalli daldalaa akka fooyya’aa deemu taasisuufi irratti hojjechuu barbaada.
Isa kanaaf karaan jiraachuu mala. Inni kun har’a nukeessatti guddatee jennaan wantootni nuti agarru kun seenaa ta’u. Abjuu halkanii ta’uun isaanii hinoolu. Ciqilee namaa of irraa qolannee dhaloota dhiibbaa geessisan ta’uun barbaachisaadha.
Akka Afriikaatti inni kun murteessaadha. Haalota nudaangessan of irraa qolachuun harkaafi sammuu nagaa baatanii nama hawwuufi kaajeeluu irraa bilisoomuun barbaachisaadha. Jabaatanii hojjechuuf bakki jiran daran murteessaa miti. Booree qabaachuu barbaada.
Namootni tokko tokko yeroo dubbatan bakki itti milkaa’inni hojii dura dhufu kuusaa jiechoota keessa qofa jedhu. Inni kun salphaa fakkaata malee dubbii jabaadha. Namni jabaataa hojjete nimilkaa’a. Nama beekumsa qabaatee hojjechuuf fedha hinqabne irra nama barumsa baay’ee hinqabne hojii jaal’atu wayya.
Namni baratee, beekumsa qabaatee ittiin hojjechuu hindandeenye waan lama bade. Yeroofi qabeenya barumsatti ba’eefi isa barate hojiitti utuu hingeeddarin hafuudha. Qorichi dhiibbaa namaa jalaa ba’uu jabaatanii hojjechuu qofa.
Harka namaa ilaaluu irraa ooluudha. Hiyyumaan akka namaatti dhalatanii akka namaa gadi ta’an nama taasisa. Sababa dhumiisa daa’immaniif illee sababa guddaadha. Fakkeenyaaf bara har’a keessa jirru kana sekoondii shan keessatti lubbuu daa’ima tokko kan butaa jiru baay’ina hojii utuu hinta’in hiyyummaadha.
Hedduun keenya akeekkachiisa mootummaa gamtoomanii bara 2020 akka dhageenyee turre nana amana. Hiyyumni yoo xiqqate daa’imman kuma dhibbaan lakkaa’aman akka duguuguu danda’u akeekkachiisee ture. Isa kana jalaa ofiifis ta’e dhaloota baasuuf daawaan isaa hojiidha. Jabaatanii hojjechuu!
Egaa qoqqobbiin baroota dheeraaf akka imaammata ambaa biyyoottan hedduutti tajaajilaa tureera. Yeroo lolaas qoqqobbiin dinagdee akka imaammata alaatti fayyadeera. Fakkeenyaaf biyyi Ateensi (Greek) dhaloota Kiristoos dura bara 432 Pericles nama jedhamu bulchaafi jeneraala Ateensi irra keesseetti. Inni kun ganna kuma lamaafi dhibba sadii dura jechuudha.
Qoqqubbiin namicha kana irra kaa’ame jijjiirama biyyichatti akka fide barreessitootni hedduun nimirkaneessu. Tarii bakka tokko tokkotti rakkoo jiru furruf yoo gargaare illee karaa biraa ammoo yaada nama biraan yookaan biyya biraan akka geggeeffamaniif karaa banuu danda’a. Fakkeenyaaf biyyi tokko ajaja ishee diduun yoo qoqqobbii biyya biraa irra keessi ta’e inni kun sababa isaa gadi fageenyaan itti yaaduu gaafata.
Qoqqobbiin seera addunyaatti biyya tokko deebisuuf, mirga dhala namaa kabachiisuuf, dhiiga dhangala’uu oolchuuf, badiisa hambisuuf moo fedha dhuunfaa biyya tokkoo bakkaan ga’uuf kan kaa’ame ta’uu isaa sakatta’uu barbaada. Haa ta’u iyyuu malee mudannoon akkasii yeroo akka biyyaatti qunnamu dhiphachuufi raafamuu hinbarbaadu.
Garu qoqqobbii kanatti aansee waan ta’u danda’u adda baafachuun rakkoo inni fidee dhufuu danda’u bilchaatinaan hambisuu yookaan salphissuun murteessaadha. Yeroo akkas jennu sababiin qoqqobbii tokkoo maaliif akka ta’e beekuu, miidhaa isaa adda baafachuu, itti fufee waan ta’uu danda’u beekuufi furmaata itti kennuu gaafata.
Waliigalatti, qoqqobbii biyyoottan addaa addaa irra kaa’aman waggoottan muraasa darbanii yeroo ilaallu baay’een isaanii dhiiga dhangala’uufi barbaada’iinsa qabeenyaa, dhiitamuu murga dhala namaafi seerri addunyaa akka kabajamuuf utuu hinta’in dantaa dhuunfaa biyyoottan dureeyyii kabachiisuu irratti kan xiyyeeffate, caalanii argamuufi abjuu isaanii meeshaa ittiin raawwatan ta’aa dhufeera. Inni kun gadi fageenyaan itti yaaduus nigaafata!
Zarihun Gabree
Gaazexaa Bariisaa Caamsaa 28/2013