Artisti Fayyisaa Furii hojiileesaa

Umrii daa’imummaatti walaloo muuziqaaf ta’an barreessuun “Jibichi komaaf ta’u haadarratti beeksisaa” qabatamaan mirkaneesse. Komiifi mufii keessoosaa sirbatti geeddaree osoo gaazexeessaa ta’uuf yaaduu nama muuziqaa (artistii) ta’ee tasa of arge.

“Lakkii dhiisi fira kiyya” hanga Akkamiin akkam goonaatti, Beenu beenuu hanga Qondaalaatti, sirboota jaalalaa hanga sirboota aadaafi bara qabsoo qeerroottis sirboota qabsoo dhiheessuutti, dhiheenya kana immoo sirba haaraa namoota hedduu biratti fudhatama argate kan qopheesse Artistii Oromoo qe’een Sikkoo Mandoo biqilchite Artisti Fayyisaa Furii.

Artistoota dhaloota Haacaaluu hundeessaa keessaa nama tokko kan ta’e Fayyisaan, artisti sagaleen kiiloleesaa gurra namoota hedduutiif akka dawaatti tajaajiludha.

Gaazexaan Bariisaas Artisti Fayyisaa Furii keessummaa torbaan kanaa taasifachuun turtii isa waliin taasifame akka armaan gadiitti dhiheessineerra.

Bariisaa: Mee Fayyisaa eessatti dhalatte, guddatte?  

Artisti Fayyisaa: Iddoo dhaloota koorratti namootni garagaraa hubannoo addaddaa qabuu. Ani kanin dhaladhe Arsii Lixaa Aanaa Nageellee Arsii, Ganda baadiyyaa Goondee Daalattii jedhamtutti.

Namootni tokko tokko akka waan ani Shaashamannetti dhaladheetti, kanneen biroo immoo Nageelletti akkan dhaladheetti hubatu.  Magaalota kanneen lamaanuu keessatti baradhee keessatti guddadhe malee kan itti dhaladhe baadiiyyadha.

Bariisaa: Barumsa hoo eessatti barattee Hanga sadarkaa kami baratte?

Artisti Fayyisaa: Barumsa hanga sadarkaa kolleejjiitti baradheera. Kanin eegale garuu ganduma baadiyyaa itti dhaladhe sana Mana Barumsaa Goondee sadarkaa 1fatti kutaa tokkoo hanga ja’aatti baradhe. Sana booda immoo hanga kutaa 10fatti Mana Barumsaa Nageelleetti, ittaansuun immoo kutaa 11fafi 12fa immoo Kuyyaraatti xumure.

Ergasii Kolleejjii Barsiisoota Baalee seenee ogummaa barsiisummaa baradhe. Dabalataanis otoon Yunvarsiitii Riiftivaaliitti barachaa jiruu xiyyeeffannoon koo gara muuziqaatti duufnaan addaan kute jechuudha.

Bariisaa: Sirba yoom eegalte?

Artisti Fayyisaa:  Ani sirba kanin eegale osoo mana barumsaa sadarkaa gara gadii jiru jechuun ni danda’ama. Fakkeenyaaf sirba albama kiyya isa jalqabaa keessa jiru keessaa inni “Akkamittiin Akkam goona” jedhu sun walaloonsaa kan barraa’e osoo kutaa torba baradhuuti. Yeroo sana ani mucaa umrii 14 ta’eeti jechuudha.

Waan si dhibu walaloo sana immoo osoo kutaa torba barannu hiriyyaan kiyya tokko intala takka jaalateeti xalayaa erguufii barbaada ture. Kanaaf intalattiin walaloo kanaan garaa laafuu dandeessi kan jedhurraa hiriyyaan kiyya sun walaloo akka barreessuuf na gaafatee jennaan barreesseefi. Walaloo xalayaa nama jaalataniif erguuf jecha barraa’e sanatu boodarra sirbatti jijjiirame jechuudha.

Animmoo amalumakootiin walaloos ta’ee wantoota yeroo adda addaatti barreessu sirnaan ol kaayyachuu irratti muuxannoo waan qabuuf wanti sun hedduu na gargaareera.

Ittaansuun immoo wallee  “beenu beenu” jedhus utuman barachaa jiru kanin hojjadheedha. Isaan hafan immoo ergan barnoota xumuree booda kan hojjatamaniidha.

Bariisaa: Albamii kee isa jalqabaarratti jarri ati “lakkii dhiisi fira kiyya” jettuun sun dhiisanii amma? Eenyuun dhiisi jetteeyyu gaafas?

Artisti Fayyisaa: Eeyyee, amma hunduu dhiisanii jiru. Anis dhiiseera. Gaafas” lakkii dhiisi fira kiyya” kanin jedhee kallattiidhaan abbeeraafi adadaa tiyyaan ture. Jarri lachuu obboloota abbaakooti. Akka carraa ta’ee jarri biyya Ameerikaa jiruu fooyya’aa jiraachaa; ana aanteesaanii dhiibuunsaanii sirrii akka hintaane agarsiisuuf daba firri firasaarratti hojjatu saaxile.

Wanti asirratti beekamuu qabu garuu, firasaatiin kan dhiibame ana qofa miti. Akka tasaa ta’ee kiyya wanti adda godhu yoo jiraate sirbatti geeddaramee nama hedduu bira ga’uusaati.

Waamaraafuu amma fira kiyya sana waliin nagaa qabna. Anis akka gaafa ijoollummaa sana waan hunda itti hinaaru, jarriis akka duriitti na aarsuuf daba hindalagan.

Bariisaa: Sirbootakee keessatti aadaan Sikkoo Mandoo (Arsii) baay’inaan calaqqisa. Hangam aadaa sana qorattee beeksisuuf yaalte?

Artisti Fayyisaa: Ani aadaa Sikkoo Mandoo keessatti dhaladhe malee waan gadi fageenyaan qorannoo irratti adeemsise hinqabu. Haa ta’uu malee odeeffannoon ani aadaafi duudhaa hawaasa sanarratti jaarsoliifi beektotarraa argadhe waan tuffatamu miti.

Ani daa’imummaakoo irraa eegalee jaarsoolii waliin ooluun jaaladha. Nama aadaafi seenaa beeku waa gaafachuus hedduun jaaladha ture. Kanaaf qorannoo addaa taasisuu baadhus aadaa keessatti dhaladhee guddadheefi maanguddoota irratti gaafadhe sana immoo bifa muuziqaatiin akka qindaa’u taasiseera.

Hojiiwwan gama aadaafi aartii hawaasaa kana akkan sirriitti hubadhu namoota na gargaaran keessaa garuu nama tokko bifa addaatiin kaasuun barbaada. Namni Obbo Boonsamoo Mi’eessoo jedhamaniifi amma lubbuudhaan hinjirre waan isaan gama kanaan hojjatan kana jedhee himuu hindanda’u.

Obbo Boonsamoo mana kitaabaati jechuun ni danda’ama. Akka aadaa naannawa sanaa hubadhuufi irrattis hojjadhu tumsi isaan taasisan bakka bu’ummaa hinqabu. Ani garuu waan isaan natti himan sanayyuu akka isaan naaf himanuun hojjachuurratti hanqina qaba.

Kanaaf manguddoota waliin ooluun kiyya waa’ee aadaafi duudhaa hawaasaa isa ganamaa irratti hubannoo akka horadhu na taasiseera. Har’ayyuu anin irra caalaa wajjin ooluu kanin filadhu maanguddootuma.

Bariisaa: Ji’oota muraasa dura wanti Baaleetti simudate jedhamu maal ture?

Artisti Fayyisaa: Ani akka carraa ta’ee hojii biznasii wayii nama waliin eegalee ture. Hojiin daldalaa sun immoo re’oota Baaleefi iddoo adda adda irraa bitnee warshaa re’oota qalee foonsaanii biyya alaatti ergu tokkoof dhiheessaa turre.

Gaafa tokko namni dur waliin hojjataa turreefi  re’oota  achirraa naaf ergaa ture tokko akka duriitti hojii sirnaan hojjachuu didee jennaan ofii kiyyaaf re’oota fiduuf gara Baalee Bahaatti imale.

Gindhiiritti ijoolleen lamaan takka na simattee na keessummeessite. Nama re’ee naaf dhiheessuu danda’u waliin nu qunnamsiisuufis gara Aanaa Beeltootti na geessanii jaraan wal na barsiisan.

Ijoollee sana waliin haala itti hojjachuu dandeenyurratti walii gallee galgala gaafa hirribaaf Hoteela tokkotti gallu wanti hin yaadamne tokko uumame. Osoo ani  salaata Ishaayii salaataa jiruu itti gaafatamaan waajjira nageenyaa meeshaa waraanaatiin na gubbaa dhaabbate.

“Karaa dheeraa kana hunda nagumaaf dhuftee” jedhees na gaafate. Anis nagumaaf akka dhufeefi sababa hojii dhufeefis itti hime. Inni immoo “Lakki karaa kana hunda kan dhufteef hojii kana duwwaaf hinfakkaatuu” jedhee naa deebise.

Anis rifadhee “maaliif dhuferee” jedhee deebisee gaafadhe. Innis “Ati ergama addaatiif dhufte” jedhee waan garaasaatti yaade natti hime.

“Eessaa kaatee dhufte?” jedhee yemmuu na gaafatu. Anis “Shaashamannee irraa ka’ee Gindhiir buleen as dhufe” jedhee itti himee jennaan, haala kanaan dhuftee “nagaaf dhufte jennee hin yaadnu” naan jedhe.

Erga hanga tokko wal mormineen booda immoo, waahillan koo dhufaa jiru jedhee namoota lamaa nutti dabale. Jarri nutti dabalaman immoo hoggantoota hojii turan.

Ittigaafatamtoota kanneen keessaa tokko, “Dhimmin dhufeef hojiif osoo hintaane ergama biraati jedhii amanitii gadi silakkifnaa” naan jedhe. Ani immoo akkamitti waan dhufeef dhiisee waan biraati jedha yaada jedhuun walmormuun eegale. Booda waliigaluu dhabuun nan hidhame.

Bariisaa: Atakaroo Baaleetti uumameen guyyaa meeqa hidhamte?

Artisti Fayyisaa: Guyyaa 15 na hidhanii guyyaa 16ffaa irratti gadi na dhiisan. Wanti nama dhibu garuu mana murtiitti kan dhihaadhe guyyaa 10 erga hidhameen booda ture. Seerri immoo namni tokko mana murtiitti kan dhihaatuu qabu sa’aatii 48 keessatti ta’uu qaba jedha.  Ani garuu sa’aa 48 dhiisii guyyaa saddeetittis mana murtiitti dhihaachuu dadhabee isumaayyuu kadhaa meeqaan guyyaa 10n booda dhihaadhe. Mana murtiitti dhihaachuun qofti garuu gahaa hinturre. Sababnisaas ana nama waan tokko harkatti hinqabanne mootummaa humnaan fonqolchuuf socho’a jedhanii beellama dheeressuudhaan balleessaa tokkoon malee yeroo hedduu narratti guban. Boodarratti manni murtii bilisaan gadi na lakkise.

Bariisaa: Himannaan sirratti baname maal ture?

Artisti Fayyisaa: Himannichi hedduu nama ajaa’iba ture. “Qaamota mootummaa fonqolchuuf socho’an “Shanee” waliin bosonatti qabame” kan jedhu ture.

Boodarra beellama gaafachaa guyyaan dheeratus abbootiin seeraa mana murtichaa haalota hedduu walxaxaa ta’e keessa darbamee bilisaan akka bahu murteessinaan na baasan.

Bariisaa: Hojiin daldalaa sun achumatti dhaabbateree, amma sadarkaa maal irra jira?

Artisti Fayyisaa:  Hojii mitii anayyuu waan hin yaadamneen nayakkanii na hidhan siin jechaa jiraa bar! Wanti biraa haahafuutii gaafa manni murtii bilisaan akka hidhaadhaa bahu murteessee bahu sanayyu “kana booda garana dhufuu mitii fuulaanis gara Baalee ilaalte akka hin fincoofne” jedhanii waan of eeggannoo natti kennaniif akkamiin achitti deebi’ee hojiikoo hojjadharee?

Anis osoo hojjachuuf hamileefi kaka’uumsa qabu sababa danqaa uumame sanaaf jecha hojii akka gaarii ho’aa jiru dhaabuuf dirqame jechuudha.

Bariisaa: Ati ofiikeef yoo achi dhaquu yoo dhiisteyyuu namni biroo bitee akka siif ergu maaf hingootu?

Artisti Fayyisaa: Ani akka achi deemuuf wanti na dirqamsiise bar namni dur naa dhiheessaa ture sun akka garaa kiyyatti waan naaf hojjachuu dideefii. Osoo namni sun akka anin yaadeetti hojjatee anis achi hindeemuun ture. Achi osoon deemuu baadhee immoo hinhidhamuun ture jechuudha. Kanaaf nama biraatiin akka naaf ergamu gochuun sunis isuma dura yaalee ta’uu dide waan ta’eef hojichuma dhaabuuf dirqame.

Bariisaa: Hojii sana dhaabuu keetiin duratti re’oota hangam guyyatti dhiheessaa turtan warshichaaf?

Artisti Fayyisaa: Baalee dhaquu kootiin dura ani maallaquman hojii sana keessaa qaba malee hirmaannaa hangas maraa hinqabu ture. Garuu dhiheessiin re’ootaa hanguma argameefi humni eeyyameedha. Re’oota konkolaataa tokkoo hanga sadiis haalli itti ergamu ni jiraata. Konkolaataan tokko immoo hanga re’oota dhibba sadii fa’as fe’uu ni danda’a.

Bariisaa: Hojiin duraa sun sababa humna keetii ol ta’e kanaan gufateera. Amma hoo hojii ykn daldala gara biraa wanti yaaddu hin jiruu?

Artisti Fayyisaa: Akkamiitti yaaduu dhaba jetteeti? Namni muuziqaa qofaan jiraatu bar inuma hinjirree biyya kana keessa. Keessattuu artistootni Oromoo gama kanaan heddu miidhamu. Muuziqaan waggoota hanga ta’e keessatti bahu maatii bulchee, ijoollee barsiisee waan danda’uu miti. Kanaaf carra biroo barbaadee gara hojii biroottis galuuf ammas yaadaan jira.

Rakkoon amma jiru yaada hojii burqisiisuu dhabuu osoo hintaane maallaqa ittiin hojii jalqaban waan ta’eef ittuma yaadaa jira malee hojiin dura waan danqameef jedhee abdii kutadhee hin taa’u.

Ani immoo dhalootumaan nama hojii garaa garaa irratti carraa argame hundaan hirmaachuuf tattaafatuudha waan ta’eef ammas kanaan hamileen koo tuqamuu hindanda’u.

Bariisaa: Sirbakee dhiheenya kana bahe irratti deebiin ummataa maal fakkaata?

Artisti Fayyisaa: Deebiin ummataraa kennamaa jiru gaariidha. Sirbichis xiqqoo haala adda ta’e keessatti kan sirbame waan ta’eef ummanni isan eege caalaatti fudhatee jaallate jechuu ni danda’a.

Bariisaa: Qabiyyeen sirba qeenxee kanaa irra jireessaan jecha “Qondaala” jedhurratti deddeebi’a waan ta’eef Qondaaltichi eenyu?

Artisti Fayyisaa:  Qondaala jechuun goota, nama diinaaf hinjilbiiffanne kan diina jilbiifachiisee, ajjeesee mirga argate jechuudha. Kan gaafa biyyi rakkoo keessa galte rakkoo keessaa nama baasee makkootti nama ceesisu jechuudha. Kan geeraru immoo nama diina ajjeesee qondaalummaansaa mirkanaa’eedha akka aadaatti.

Atooraruu jechuun immoo osoo hinajjeesiin geeraruu jechuudha; akka aadaa hawaasa ani keessatti guddadheetti. Urgoon immoo nama qondaala hinta’iin ykn niida hinajjeesiin ta’ee garuu nama kennaa geerarsaa qabu nama akka kiyyaa jechuudha. Kanaaf  geerarsi kan qondaalaa ta’us ani immoo dandeettii isaa waanin qabuuf geerara jechuudha.

Akka aadaatti wanti hundi tartiiba mataasaa qabaachuusaa asirratti hamma tokko agarsiisuudhaaf yaalee jira. Sadarkaan kabajaa, qoodni hojiifi naamusaa hundi haaluma aadaafi duudhaan kun heeyyamuun raawwatama jechuudha.

Bariisaa: Sirbichi hedduu jaalatamee jira waan ta’eef galiin achirraa argamu hoo hangam ta’inna?

Artisti Fayyisaa: Akkuma ati jette sirbichi namoota hedduu biratti fudhatamummaa argachuunsaa sirriidha. Garuu namni waan jaalateef qofa galii guddatu irraa argama jechuun ni ulfaata. Galiin achirraa argamu kan hundaa’u hanga nama sirba kana daawwatee ykn ilaalee irratti. Sirbichi nama hangamiin ilaallame kan jedhu immoo kan baramu ammaa miti. Amma kan beekuun danda’amu yoo jiraate hanga guyyaa har’aatti nama meeqaan daawwatame isa jedhu qofaadha malee isa hanga dhumaatti jiru baruun hindanda’amu.

Kanaaf dhaabbatichi ani waliigaltee walii mallatteesse sun haalota kana hunda hordofee dhumarratti kanfaltii yuutuubiin kanfalu sana naaf raawwata malee ammatti wanti beekamu hinjiru.

Bariisaa: Kana booda hoo dhiheenyatti dinqisiifattoonni kee maaliin si haa eegan?

Artisti Fayyisaa: Dhiheenya kanattis ta’uu baatu hojii kana caaluun ummatni akka itti bashannanuufi gammadu waan danda’e hunda nan yaala. Garuu sirbi haaraan kunuu dhaga’amee hinquufamne. Namootni baadiyyaa keessattuu warreen hanga ammaattuu sirbi kun bira hingeenye hedduun jiraachuu akka malan baruun salphaadha.

Kanaaf dura inni bahe hunda bira ga’ee dhaggeeffatamee ergaansaa sirnaan hubatamutu isarra jiraata. Kun taanaan hojii biraa dhiheenyatti hojjatanii ummataaf dhiheessuun salphaadha.

Hunda caalaa garuu amma haalli biyyattiin keessa jirtu gaarii natti hinfakkaatu. Akka ummataattis tokkummaan ummata Oromoo sadarkaa hayyootaatti jiru fooyya’uu qaba.

Waldiddaan beektootni siyaasaa uuman immoo saba giddutti waan hintaaneefi hinmalleen hamilee ummataa kallattii hinmalletti qajeelchuu hinqabu. Sirba qopheessuunis gaafuma tokkummaa hunda galeessa ta’e saba gidduu ture sana namatti tola malee haala amma keessa jirru kanatti wanti hundi xiqqoo nama dhiba.

Sirba haaraa kana keessatti dhageeffattee jirta yoo ta’e. rakkoolee amma jiran hunda dhiheessee waan ta’uu malan raagee dhumarratti

      “ Rakkotu harkaa nuqabaa

       Dubbachuuf nama dhibaa

     Callisuuf nama guba”

Jedhee kan xumureefis haaluma amma keessa jirru kana ibsuuf yaadeeti. Nuti immoo akka artistii Oromootti gara paartii kamittuu osoo hinloogiin tokkummaan ummataa akka hinmiidhamne waan nurraa eegamu bahachuuf dirqamatu nurra jira waan ta’eefi.

Bayyanaa Ibraahimiin

Gaazexaa Bariisaa Caamsaa 28/2013

Recommended For You