“Kabachiisni olaantummaa seeraa cimee ittifufa” -Paartii Badhaadhinaa

Koreen Raawwachiftuu Hojii Paartii Badhaadhinaa xumura walga’iisaa guyyoota lamaaf gegeessaa tureerratti ibsa kaleessa baaseen kabachiisni olaantummaan seeraa eegalame cimee kan ittifuf ta’uu beeksiseera.

Balaa bitaa mirgaan nurratti aggaamame qolachuuf, qolannees gara imala qaroominaa eegalleetti arreeduuf akka nama jecha tokko dubbattuutti, garaa tokkorraa gorsuu taanee yeroo itti dhaabannuudha jedha ibsi.

“Keessumaa ergamawwan ijoo fuuldura keenya jiran sirnaan bahachuudhaan Itoophiyaan akka ijoollee qabdu mirkaneessuu qabna. Ergamniwwani lamaanis guutiinsa hidha guddichaa milkeessuufi filannoo biyyaalessaa karaa nagaqabeessa ta’een xumuruudha” jechuun ibseera.

Lamaanuu carraa egeree Itoophiyaanotaafi Itoophiyaa murteessu. Filannaa biyyaalessaa xumuruuf boqonnaa dhummaarra geenyeerra. Galmeessi dorgomtootaafi filattootaa xumuramee duulli na filadhaa adeemsifamaa jira. Amma kan hafe sirna adeemsa sagalee kennuuti jedha ibsi korichaa.

Kana milkaa’inaan xumuruun biyya keenyaaf injifannoo guddaa fidee dhufa. Imala Itoophiyaan gara dimokraasiitti ce’uuf taasistu sadarkaa tokko akka guddisu shakkiin hinjiru. Fucha kanaan filannicha nagaqabeessaafi amanamaa ta’ee akka goolabamuuf hundumtuu qoodasaa akka bahatu waamicha dhiyeessina jedheera.

Hojiileen olnaantummaa mirkaneessuu gama mootummaatiin eegalaman cimanii ittifufu. Lammiilee sababoota adda addaatiin buqqa’anis hatattamaan gara qe’eesaaniitti akka deebi’aniif mootummaan ummataafi qaamolee adda addaa waltaasinuun ni kan hojjetu ta’uunis eerameera.

Mootummaan hojii deebsianii dhaabuu Naannoo Tigraayitti eegaleefi deggarsa namummaa deggartoota wajjin ta’uun cimsee kanitti fufu ta’uus ibsichi eereera.

Addummaa sabaafi amantii akka eebbaa qofatti lakkaa’uun tokko taanee akka baay’ee, baay’ee taanee akka tokkootti taanee socho’uun pirojektota eegalle hunda haala sadarkaasaafi si’aayina eeggateen xumuruun waadaarra gochaaf dursa kenninee raayyaa ittisaa keenya humna guutuudhaan utubuudhaan, qondaaltonni siyaasaa siyaasa qofarratti akka xiyyeeffatan gochuuf kan hojjetamu ta’uus ibsichi eereera.

Namoota hidha guddicha ilaalchisuun waltajjiilee adda addaarratti falmaniif Itoophiyaan kabaja olaanaa kan qabdu ta’uus ibsichi beeksiseera.

Gaazexaa Bariisaa Caamsaa 21/2013

Recommended For You