Haalli qilleensa ganna dhufuu hidha haaromsaa guutuuf carraa gaarii uuma

Finfinne: Ejensiin Meetiworoloojii Biyyaalessaa  tajaajila raaga haala qilleensaa qonnaa, fayyaa, humna qilleensaa (Aviyeshiinii)fi haayidiroometrolojii kennuun badii  balaan uumamaa geesiisu xiqqeessuufi ofeeggannoo barbaachisu taasiisuu  keessatti gahee olaanaa qaba.

Darekrarri ejensichaa Obbo Faxxanaa Tashoomaa ibsa dheengadda Gaazexaa Bariisaatiif  kennaniin akka jedhanitti, raagni haala qilleensaa ejensichi kennu guutummaatti ta’uu baatus hanga tokko dhugaa lafarratti mul’atu waliin waan walfakkaatuuf sektaroota adda addaa raaga haala qilleensaa fayyadaman biraa duubdeebii gaariin isaan qaqqabaa jiraachuu himaniiru.

Itoophiyaan raaga haala qilleensaa yeroo dheeraa dursitee  kennuun biyya beekamtu ta’uu eeranii, ejansichi raagni haala qilleensaa sochii hawaasummaafis ta’e dinagdeerratti dhibbaa qabu hubachuun dursee raaguun fedhii maamiltootasaafi fayyadamtoota raaga haala qilleensaa guutuuf kutannoon hojjeechaa jira jedhaniiru.

Ejensichi kenniinsa tajaajilasaa foyyeessuun gamaagama raaga haala qilleensaa waqtilee sadii taasisuun of eggannoo gochuufi ummata balaa uumamaa jalaa oolchuuf  akeekkachiisa kennuuf akka fayyadu ibsaniiru.

Ejansichi biyyattiin jijjiirama gama hawaasummaa, misoomaafi dinagdeetiin eegalte galma akka ga’uufi badhaadhinni waliigalaa akka mirkanaa’uuf yeroo kamuu caalaa hanqinoota kenninsa tajaajilaarratti mul’atan foyyeessuun kutannoon akka hojjetu beeksisaniiru.

Raagni haala qilleensaa waqtii arfaasaa kennamaa ture wayita amma irra deebiin wayita gamagamamuutti haala qabatamaa lafarratti mul’ate waliin kan walsimu ta’uu mirkaneeffanneerra jedhanii, kunimmoo  raagni ganna dhufuu giddugaleeffatee kennamuuf galtee mirkaneefannaa akka ta’u himaniiru.

Waktii gannaa dhufutti kutaalee biyyattii baay’eetti roobni idileefi idileen olii jiraachuu akka danda’uufi  roobni kunis hidha haaromsaa guddichaafi biyyoota yaa’a gadiif faayidaa guddaa kan kennu ta’uu eeranii, haala qilleensa biyyattii tibba gannaa raaguun haala gaarii biyyattiin qabdu fayyadamuufi dhiibbaa fiduu danda’u hir’isuufi karoora misooma biyyattiin dameewwan garagaraatiin qabatte milkeessuuf akka carraa gaariitti kan ilaalamu ta’uu dubbataniiru.

Rooba waqtii  arfaasaa ture ilaalchisee roobni idileefi idileen gadii seensaafi ba’iinsasaa ilaaluun ni argama jedhamee kan tilmaamame ta’uufi seensisaa baatii Eblaa keessa yoo ta’u, baatii Caamsaa keessammoo roobni idileefi idileen olii kan argame ta’uu  himaniiru.

Roobni dhuma baatii Eblaafi giddugaleessa Caamsaa keessa roobaa ture sochii hawaasdinagdeef gahee olaanaa qabaachuu eeranii, naannoo horsiisee bultootaarratti hanqina marga dheedichaa furuu keessatti faayidaa olaanaa qaba jedhan.

Raaga haala qilleensa ganna dhufurraa hanqinni roobaa akka hinjirre, carraan ongeen uumamuu gadaanaa ta’uu himanii, hidha haaromsaa guddicha bishaaniin  guutuuf carraa olaanaa kan kennu  ta’uufi karoora ashaaraa magariisaa haala barbaadamuun raawwachuuf galtee ta’a jedhaniiru.

Sinqinash Alamuutiin

Gaazexaa Bariisaa Caamsaa 21/2013

Recommended For You