“Finfinneetti barsiisonni Afaan Oromoo qabsaa’ota Oromummaatisi” – Obbo Zalaalam Mulaatuu

Warraaqsa qabsoo siyaasaa Oromoon mirgi sabichi Finfinneerratti qabu deebisuuf taasisaa tureen qeerroofi qarreen Oromoo wareegama qaalii hanga aarsaa lubbuu gaafatu kaffalaniiru.

Qabsoo kun ogeessota dameelee adda addaatiin deggaramee, hayyootaan waa’elchamee cimee finiinuusaatiin biiftuun dimokraasii jaarraa tokkoofi walakkaaf goobantee turte akka saaqamtuuf qabsaa’aa dhaloota mirgasaatiif falmu omishuun barsiisaan adda durummaan gucha qabsiiseera, karaa baaseera.

Imala qabsoo hadhaa’aafi obsa fixachiisaa taasifamaa ture keessattis qoonni barsiisotaa olaanaa yoo ta’u keessumaa Finfinneetti Afaan Oromoon afaan barnootaa gochuuf qoodni barsiisotaa olaanaa ta’uudha Hogganaan Biiroo Barnoota Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee gaafdeebii dheengadda Gaazexaa Bariisaa wajjin taasisaniin kan ibsan.

Gaadeebii bal’aan  Finfinnee keessatti hojiin Afaan Oromootiin baruu barsiisuu sadarkaa akkamiirra akka jirurratti xiyyeeffatee hogganticha wajjin taasifame akka armaan gadiitti dhiyaateeraa dubbisa gaarii.

Bariisaa: Barsiisota jalqaba, otoo haalonni hinmijaa’iin  magaalattiitti Afaan Oromootiin barsiisuu eegalan akkamitti ibsitumee?  

Obbo Zalaalam: Kabajni ani barsiisota kanneeniif qabu daran olaanaadha. Barsiisonni mana barumsaa Afaan Oromoo keenya  barsiisota qofa osoo hintaane qabsaa’ota Oromummaatisi.

Ulfinni guddaa isaaniif mala. Warreen jalqaba ijoolleen Oromoo Finfinneetti Afaan Oromdhaloosaaniitiin akka baratuuf karaa saaqan waan ta’aniif isaan galaa dhalootaa, guca qabsoofi jijjiiramaati.

Bariisaa: Barsiisonni kunniin qe’ee, waatiifi maatiisaanii baadiyyaatti dhiisanii imala qabsoo Oromummaa lafa qabsiisuuf warreen duulaniidhaatii gama faayidaasaanii eegsisuutiin hoo maaltu hojjetame?  

Obbo Zalaalam: Dhugaa dubbachuuf aarsaafi wareegama barsiisonni kunniin Finfinnee keessatti eenyummaa Oromoo lafa qabsiisuuf taasisaa jiraniin qixa faayidaasaanii eegsisneerra jechuun hindanda’amu.

Oromummaan Finfinneetti akka cimuuf humnasaanii guutuun hojjetaa jiru. Nutis guutamaa ta’uu baatus gaaffiisaanii tokko tokko deebisaa jirra. 

Bariisaa: Gaaffiiwwan akkamiitu deebi’e, kanneen hafan akkamiin ibsamu?

Obbo Zalaalam: Haala ifaajiisaaniin gituun waanti deebi’e hangas quufsaa ta’uu baatus garaa garummaan kaffaltii kiraa manaa akka sirratu ta’eera.

Kaffaltiin kiraa manaa duraan qarshii 850 ture walqixxeessinee qarshii kuma sadii kaffalaafii jirra. Kun immoo dhaabbiidhaan rakkoo mana jireenyaasaanii ni fura jedhamee yaadamuu baatus  dhimma mana jireenyaarratti hojjetaa jirra.

Bariisaa:  Barsiisonni kunniin mana jireenyaa akka argatan gochuuf tattaaffiin taasifame yoo jiraate?  

Obbo Zalaalam: Gaaffiin mana jireenyaa barsiisotaa kan baroota dheeraa lakkoofsise ta’us hamma tokko deebisuuf xiyyeeffannaan hojjetaa jirra. Hojiileen duraa hundi dhumanii mirkaneessuu qofatu hafa. Yoo akkam ture ji’a tokko booda furmaata argata jennee yaanna.

Kantiibaa ittaantuun keenyas rakkoo kana hubachuun furmaata waaraa kennuuf xiyyeeffannaan hojjetaa jiru. Rakkoon barsiisota mana barumsaa Afaan Oromoo mana wajjin walqabatee ka’u kan warra kaanirraa adda.

Barsiisonni kunniin qabsoo Oromoo milkeessuuf manasaanii dhiisanii mana kiraa keessa jiraachuun kutannoofi jaalalli isaan eenyummaasaaniif qaban guddaa ta’uu kan agarsiisuudha. Kanaaf isaaniif mana mitiitii kennaan isa caaluyyuu ni malaaf  jennee waan amannuuf irratti hojjetaa jirra.  

Bariisaa: Afaan Oromoo sirnaan hojiirra akka ooluuf gama hundaan maaltu hojjetamaa jira?

Obbo Zalaalam: Barsiisonni Afaan Oromoo afaanicha guddisuuf tattaaffii cimaa taasisaa jiru. Jijjiiramnis mul’ataa jira. Manneen barnootaa hundatti Afaan Oromoo akka gosa barnootaa tokkootti kennamaa jira.

Baay’inni barattootaas yeroorraa yerootti dabalaa jira. Barsiisonni keenya kunniin siidaa Oromummaa dachee Oromoo, Finfinnee keessatti dhaabaa jiru.  Hedduunsaanii warreen maatiisaanii bittinsanii dhufaniidha; Oromummaaf bakka guddaa kennuun.

Nutis aarsaa isaan kaffalaniifi kaffalaa jiran kana utubuun kaayyoo Jeneraal Taaddasaa Birruu ilmaan barate mirgasaaf qabsaaha jedhu lafa qabsiisuuf humna qabnuun hojjetaa jirra. Yeroo ammaattis manneen barnootaa magaalattiitti argaman maratti hojiin baruu barsiisuu Afaan Oromootiin gaggeeffamus haala gaariirra jira.

Bariisaa: Kaka’umsa hawaasni Finfinnee Afaan Oromoo barachuufis ta’e ilmaansaa barsiisuuf qabu akkamiin ilaaltu? Isinoo gama kanaan maal hojjetaa jirtu?

Obbo Zalaalam: Maatiin hedduu ilmaansaa afaan dhalootaatiin barsiifachaa jiraachuusaatti daran gammadeera. Sababnisaas gaaffii bara dheeraa Oromoon qabsaa’aafii turetu ija godhachuu eegale waan ta’eef.  

Daa’immanis miira gammachuutiin afaansaaniitiin barachaa jiru. Yeroo ammaattis mana barumsaa oolmaa daa’immaniirraa kaasnee hanga kutaa 12fatti Afaan Oromoo afaan barnootaa akka ta’u hojjenneerra.

Bariisaa: Dhiibbaa sirnoota darbaniitiin Finfinneetti Oromoon eenyummaasaa irraanfate hedduudha. Namoota kanneen dadammaqsuun akka isaan afaansaanii baraniifi barsiifataniif  yaaliin taasifame jiraa?

Obbo Zalaalam: Xumura bara barnootaatti jechuunis Adoolessaafi Hagayya keessa barsiisonni keenya afaanicha hawaasa bal’aa akka barsiisaniif hojiitti jirra.

Yeroo ammaattis fandiiwwan gara garaa barbaannee ganna dhufu daa’imman Afaan Oromoo hinbeekneefi maatiisaanii afaanicha barsiisuufi qabsoo eegalame ittifufsiisuuf karoorfannee humna guutuudhaan hojjechaa jirra.

Bariisaa: Tattaaffii Afaan Oromoo afaan hojii mootummaa federaalaa taasisuuf taasifamaa jiru akkamiin deeggaraa jirtu?

Obbo Zalaalam: Tattaaffii kanaaf Afaan Oromootiin Finfinnee keessatti barsiisuu eegaluun isa tokko yoo ta’u, sadarkaa biiroo keenyaatti tajaajilli afaanota lachaniinuu akka kennamu ta’eera.

Barsiisonni keenyas itti tajaajilamaa jiru. Kana malees loogoon Biiroo Barnoota Magaalaa Finfinnees Amaariffa, Afaan Oromoofi Ingiliffaan qophaa’ee tajaajilarra jira.

Kunniin hundi bu’aa guca qabsoo qeerroofi qarreen qabsiisanii barsiisonni milkeessaa jiraniiti. Gabaabumatti gaaffii Oromoo bara dheeraa deebisaa warreen jiraniidha.

Bariisaa: Manneen barnootaa Afaan Oromoo dhiphinarraa kan ka’e sadarkaa (istaandardii) ol barattoota baay’ee daree tokko keessatti barsiisaa turanii kunoo furameeraa laata?

Obbo Zalaalam: Jalqaba wayita baruu barsiisuun Afaan Oromootiin Finfinneetti eegalu rakkoon akkasii mudachaa ture, amma garuu guutummaatti furameera.

Keessumaa manneen barnootaa akka Finfinneetti jiran maratti Afaan Oromootiin barsiisuun eegalmuun walqabatee rakkoon istaandardii dareefi barataa wajjin walqabatee ture hiikameera.  

Bariisaa: Ammaan tana hojiin baruu barsiisuu Afaan Oromootiin manneen banootaa meeqatti kennamaa jira?

Obbo Zalaalam: Afaanichaan sadarkaa oolmaa daa’immaniirraa kaasee hanga sadarkaa 2fatti walumaagala manneen barnootaa 273 keessatti kennamaa jira. Kanneen Afaan Oromoon qofa yoo ilaalle, oolmaan daa’immanii 10, sadarkaa 1fan 11fi 2fan afrtu jiru. Manneen barnootaa afaan lachaniin dabareen barsiisan oolmaa daa’immanii 79, sadarkaan 1fa126, lammaffaan 43tu jiru.

Waliigala akka Finfinneetti oolmaa daa’immanii 89, sadarkaa 1fa 137, sadarkaa 2fa 47 keessatti baruu barsiisuun Afaan Oromootiin haala gaariidhaan kennamaa jira.

Bariisaa: Barumsa sadarkaa eeggate kennuuf hanqinni gama baay’ina barsiisaatiin jiru akkamitti ibsama?

Obbo Zalaalam: Hanqinni barsiisaa jira. Hanqina kana furuufis tattaafachaa jirra. Fedhiin Afaan Oromootiin barachuu yeroo ammaa hawaasa keessatti uumamaa jiru olaanaadha

Akkuman dura sii kaase maatiin hedduu dur Afaan Oromoorraa fageeffamaa turan gammadanii daa’immansaanii galmeessisuurra darbanii ofiis barachuuf fedhii guddaa agarsiisaa jiru.

Bariisaa: Tatamsa’ina koronaatiin walqabatee baruu barsiisuun addaan cite teknoloojiin deeggaramee kennamaa turuun yaadatamaatiii kun qulqullina barnootaarra miidhaan akkamii uume, firiin barattootaa hoo maal fakkaata?

Obbo Zalaalam: Vaayirasichi baruu barsiisuu gufachiisuunsaa niyaadatama. Ta’us barsiisonni keenya otoo humnasaanii hinqusatiin of eeggannaa guddaadhaan barattootasaanii barsiisaa turan. Kana darbee harcaatiiwwan gara garaa mudatanillee firiin barattootaafi ifaajeen barsiisotaa bu’aa cululuqaa buuseera.

Barattoonni kutaa 8farraa gara 9fatti darban qabxii olaanaa nama boonsu galmeessianiiru. Kunniin marti dhamaatee barsiisota keenyaati.

Bariisaa:Tatamsa’ina vaayirasii koronaa ittisuuf dhiyeessiin galteewwanii maal fakkaata?

Obbo Zalaalam: Hordoffiifi deeggarsi barbaachisu taasifamaa waan jiruuf haniqni dhiyeessii hinjiru. Tooftaa ittisaasaarrattis hubannoo uumuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jira. Manneen barnootaa hundaaf walxiqa dhiyaataa jira.

Barattoonnis ta’e barsiisonni akkasumas hawaasni mana barumsichaa gorsa kennamu hordofuun of eeggannoo taasisaa jiru. Ta’us rakkoo humnaa olii ta’ee kan mul’atu hinjiru.

Komii mindaa, kaffaltii mana kiraafi dhimma mana jireenyaa wajjin walqabatee ka’uuf kutannoon hojjetaa turreerra, akkuma irranatti sii ibse kunniin ji’a tokko booda fumaata argatu jennee abdanna.

Bariisaa: Finfinnee keessatti manneen barnootaa Afaan Oromoo mitmootummaan deeggaramaa jiran meeqatu jiru? Maalirras jiru?

Obbo Zalaalam: Manneen barnootaa lamatu jiru; Burqaa Waayyuufi Gaara Guurii. Dhaabbata mitmootummaa Almaktuum Faawundeeshin jedhamuun deeggaramaa jiru.

Bariisaa: Manneen barnootaa kunneen eenyuun hogganamu?

Obbo Zalaalam: Deeggarsa ogummaa waliif taasisuun ala ofiin of hogganu. Bulchiinsa mataasaanii qabu. Dhimma waloorratti waliin hojjenna.

Bariisaa: Dhaabbanni Almaktuum Faawundeeshin jedhamu kun ji’oota afuriif barsiisotaaf mindaa kaffalaa hinjiru jedhamee komatamaatii isin kana quba qabduu?

Obbo Zalaalam: Eeyyee quba qabna. Manni barumsichaa daangaa seeraa cabsee gocha alseerummaa mindaa barsiisotaa dhaabuun barsiisota rakkoo hamaaf saaxilaa ture. Ji’oota afur guutuu barsiisaan waan nyaatu dhabee rakkachaa ture.

Rakkinasaa kana dandamatee otoo hojii baruu barsiisuu guyyaa tokkollee hindhaabne. Falmii ulfaataa booda mindaansaanii adda cite akka kaffalamuuf taasisneerra.

Bariisaa: Maddi rakkoo kanaa maalinni?

Obbo Zalaalam: Hoggansi dhaabbatichaa nama lammii Sudaani. Wayita barbaadu biyya keessa, yeroo kaan biyyasaatti gala. Inni nama komii kanaaf gurra kennu miti. Dhimma kanarratti gadifageenyaan hojjetamuu baannaan egeree mana barumsichaafi hawaasa mana barumsichaaf balaadha.

Bariisaa: Mindaan barsiisotaa gatii sharafa doolaara dur mindeeffamaniin  kaffalamaafii jiras jedhama. Wayita mindeeffaman doolaarri tokko qarshii 27 ture amma 47 gaheeraatii adeemsa kana biiroon keessan akkamitti ilaala?  

Obbo Zalaalam:Yaanni kun numattuu hudha guddaa ta’eera. Komiin ka’aa jirus sirriidha. Rakkoon mana barumsichaa  keessa jiru gadi bu’amee sakatta’amuu qaba. Dhalootatu achitti miidhamaa jira.

Jaarraa kana keessa qe’ee ofiitti saamamuun  salphina waan ta’eef dhimma xiyyeeffannoo miidiyaafi seeraa argachuu qabuudha.

Qaamni ji’a afuriif mindaa barsiisaa dhaabe saamicha doolaaraa yoo taasise maal nama dinqa?. Gaaffiin barsiisotaa sirrii waan ta’eef nutis itti adeemaa jirra. Dhimma kanarratti hoggansiifi hawaasni mana barumsichaa ilaalamuu qabu.

Rakkoo hoggansi dhaabbatichaa uumeen barsiisonni waan nyaatan dhabanii beelaaf saaxilamaa turaniiru. Nutis rakkoo kana furuuf hojii guddaa hojjenneerra. Isa seenaatu ragaa baha.

Bariisaa: Gara fuulduraatti barsiisonni otoo jalaa hinciccitiin mindaasaanii akka argatiif wabii ykn abdiin jiru akkamitti ibsama?

Obbo Zalaalam: Haala hoggansi dhaabbatichaa amma ittijiruun kanarratti nutis yaaddoo qabna. Miirri tuffiifi maal nadhibdee waan jiruuf haalichi hordoffii cimaa barbaada. Komiin barsiisotaas hordoffiidhuma kana keessa furamuu danda’a. Kun ta’uu baannaan yaaddoon amma jiru ittifuu danda’a.

Bariisaa: Manneen barnootaa dhuunfaa tokko tokko kaffaltii humnaa olii gaafachuusaaniitti hawaasni komachaa jiraa kanarratti hoo maal jettu?

Obbo Zalaalam:Kunis sirriidha. Gabaan gabaa bilisaati isa jedhu sababa godhatanii gatii humnaa olii kaffalchiisaa jiru. Sochiin misooma barnootaa babal’isuu dhaloota qaruun ala carraa hojii kan uumudha jedhamee waan amanamuuf damichi jajjabeeffamaa ture.

Komii kaffaltii wajjin walqabatee ka’aa jiru furuuf sadarkaa manneen barumsaa mootummaa fooyyessuun mala ta’ee waan argameef kallattiin kaa’amee irratti hojjetaa jirra.

Bariisaa: Kaffaltiin humnaa olii akka hingaafatamne gochuun hindanda’amuu?

Obbo Zalaalam: Dhimma kanarratti hammas kaffalaa hangas hinkaffaliinaa jennee murteessuu hindandeenyu. Kanaa achi manneen barnootaa mootummaa sadarkaasaanii eeggatan ijaaruun hudhaa kana bu’uurarraa furuuf sochii cimaan taasifamaa jira.

Bariisaa: Sochiin manneen barumsaa sadarkaasaanii eeggataniifi moodela ta’an ijaaruu kun mootummaa qofaan  milkaa’innaa?

Obbo Zalaalam: Manneen barumsaa sadarkaasaa eeggataniifi moodela ta’an  kan ijaaraman humna mootummaa qofaan osoo hintaane deeggarsa hawaasa mana barumasaa, dhaabbilee mootummaafi mitmootummaatiini.

Baruu barsiisuun keenya teknolojiidhaan kan deeggarame ta’uu qaba. Ce’umsa qonnarraa gara indastiriitti taasifamu milkeessuu keessatti itti fayyadamni teknolojii baruu barsiisuu keessatti hojiirra ooluunis murteessaadha. Kana guutuuf ammoo harka mootummaa qofa eeguun gahaa waan hintaaneef dhaabbileenis tumsa taasisuu qabu.

Bariisaa: Sagantaa nyaataafi uffata seeraa barattootaa  manneen barnootaa keessatti gaggeeffamaa jiru akkamiin ibsitu?

Obbo Zalaalam: Sagantichi haala gaariin gaggeeffamaa jira. Barattoonni mana barumsaa akka manasaaniitti akka ilaalan, yaaddoofi rakkoo tokko malee barnootasaanii akka barataniifi qabxiinsaanii akka guddatu gargaareera.

Maatiitti dhalasaatiif uffata seeraafi nyaata gahaa kanneen dhiyeessii barnootaatiin gargaaree barsiifachuun ni ulfaataadha. Kana hamma tokko furuuf bulchiinsi magaalattii humna guutuun hojjetaa jira.

Sagantaan nyaataafi uffata seeraa barattootaaf dhiyeessuu Finfinneetti eegalame kun Godina Addaa Oromiyaa Naannawa Finfinneettis akka babal’ateera. 

Bariisaa: Dhaloota ga’umsa qabu horachuuf leenjiin ijaarsa barsiisotaaf kennamu maalirra jira?

Obbo Zalaama: Ijaarsa dandeettii waliin walqabatee barsiisonni sadarkaa sadarkaasaaniif barnootasaanii dippiloomaarraa digriitti digriirraa digrii 2fatti akka fooyyeffatan taasisaa jirra.

Kun fuulduratti cimee kan ittifufu yoo ta’u, rakkoo waliingahinsarratti mudachaa jiru furuufis humna guutuun hojjetaa jirra.

Rakkoo dhiyeessii elektirooniksii furuufis sochiirra jirra. Oolmaa barsiisonni dhaloota qaruuf taasisaa jiran guutummaatti baasuun ulfaataa ta’us hamma tokko onnachiisuuf mootummaa waliin  xiyyeeffannoon hojjetaa jirra.

Kanamalees leenjiiwwan gaggabaaboo barsiisota humneessaniifi hojii hubannoo uumuu, hoggansarratti kennaa jirra. Agarsiistuun bu’aa leenjichaafi ijaarsa dandeettii barsiisotaas firii barattootaa galmaa’aa jiru yoo ta’u, qabxiin barana manneen barnootaa Afaan Oromoo keessatti galmaa’e akka fakkeenyaatti kan ka’uudha.

Bariisaa: Dhumarratti hawaasa barnootaatiif yoo dhaamsa qabaattan?

Obbo Zalaalam: Barsiisonni mana barumsaa Afaan Oromoo Finfinnee barsiisota qofa osoo hintaane falmattoota haqaa qabsaa’ota Oromummaati.

Qabsoon Finfinnee keessatti Oromummaa lafa qabsiisuuf eegalame milkaa’uu kan danda’u hayyoonniifi mootummaan harka walqabatanii yoo hojjetan waan ta’eef barsiisonni mootummaa wajjin dhaabachuu akka qabanin dhaama.

Bariisaa: Turtii nu wajjin taasistaniif guddaa isin galateeffanna.

Obbo Zalaalam: Kutaan Qophii Gaazexaa Bariisaas foolii Oromummaa Finfinnee keessaa badee deebisuuf tattaaffii barsiisonni keenya taasisaa jiran iyyaafatee ummata biraan ga’uusaatti galata qaba. 

Horaa Bulaa!   

Waasihun Takileetiin 

Suurri Haddush Abrahaatiin

Gaazexaa Bariisaa Caamsaa 21/2013

Recommended For You