Finfinnee: Torban darbe guyyoota torbaaf Itoophiyaa Finfinnee keessatti arguun salphaa ture, sanuu bakka tokkotti. Naannoleen biyyattii hundi aadaa uffannaa, nyaata, sirbaafi faayasaanii Paarkii Michummaa keessatti bakka qophaa’eefitti fidanii dhufaniiru. Mooraa sana keessatti Itoophiyaa hubachuun daran salphaa ta’ee darbeera.
Torbanichi kabaja guyyaa sabootaafi sabalammootaarraa adda kan taasisu hirmaattonni sagantichaa uffannaafi sirbasaanii qofa osoo hintaane, aadaa, bakkeewwan hawata turizimiifi wantoota nu ibsu jedhanii yaadan suuraa, suursagaleefi qabatamaadhaan fidatanii dhufaniiru. Namoonni feesitivaalicharratti argamuun daawwatan waan arganitti gammadaafi ittiin bohaaraa, hanga danda’an suuraan hambifataa turaniiru.
Naannoleen walii waliisaaniitiinis muuxannoo ittiin waljijjiiruun aadaafi seenaa walii ittiin baraniiru. Waanti nama dhibu gaafa daaw’atan akkuma bakkichatti argamanitti fudhachuun gaafa namni bilbilee “eessa jirta?” jedhuun “Oromiyaan, Dirree Dhawaan… jira” jechuun himataa turan.
Aadde Beezaayee Taaddasaa jiraattuu magaalaa Finfinnee yoo ta’an yaada Gaazexaa Bariisaaf kennaniin akka jedhanitti, feestivaalli akkanaa qophaa’uun daran kan nama gammachiisuufi Itoophiyaa bal’oo bakka tokkotti beekuuf waltajjii mijataadha. Namni tokko osoo baasii guddaa hinbaasiiniifi fagoo hindeemiin asumatti biyyasaa ilaaluu danda’uun waan baratamuu qabuudha.
Osoo wiirtuun akkanaa dhaabbiidhaan Finfinnee keessatti hundeeffameemmoo caalaatti gaarii ta’uu eeranii, turistoonni guyyaa muraasa qofa qabaatanii gara Itoophiyaa dhufan, aadaa, seenaafi duudhaa biyyattii bakka tokkotti ilaalanii deebi’uu danda’u jedhu. Kana malees jiraattonni Finfinneefi naannawashee darbees, keessummummaaf naannoolee garagaraa gara magaalattii dhufan haala salphaadhaan biyyasaanii barachuu akka danda’an kaasu.
Komishinarri Ittaanaa Komishinii Turizimii Oromiyaa Obbo Naggaa Wadaajoo gamasaaniin, sagantaan akkanaa qophaa’uunsaa naannoleen aadaa qaban akka beeksifataniifi kan walii baruun muuxannoo akka walqooddataniif kangargaaru ta’uu kaasaniiru.
Feestivaalicharrattis akka bal’ina Oromiyaan qabduuf waa hunda dhiheessuun dadhabamuus hanga danda’ametti aadaa godinaalee hunda hammate agarsiisuun danda’amuu eeranii, kanaanis nyaata, meeshaa, huccuufi agarsiisa aadaa akkasumas, hambaaleefi ibsamoota kiliyaa kanneen akka Sirna Gadaa, Irreecha, Araara ykn Gumaa, omishaalee qonnaa, bakkeewwan turizimii hirmaattotaafi daaw’attootaaf dhiheessuun danda’amuu dubbatu.
Gama nyaataatiin cuukkoo akaakuuwwan addaddaa, ukkaamsaa, cumboofi kkf, gama omishaalee qonnaatiinis kanneen biyya keessatti baay’inaan itti fayyadamamuufi alaatti ergaman, quyyisa, buna godinoota garagaraa fiduun daaw’attootaafi hirmaattota dhandhamsiisuusaanii addeessu.
Akka Obbo Naggaan jedhanitti, qophii sagantichaatiif yeroon qophii kenname ga’aa ta’uu baatus, wanti dhihaate garuu miidhagaadha. Fuulduratti ammoo osoo wiirtuun dhaabbataa aadaafi seenaa saba tokkoo ibsu hundeeffamee, namni dhaabbataadhaan keessa hojjetus mindeeffame bu’aa gaariin irraa argamuu danda’a.
Finfinnee teessoo dippilomaatootaafi gamtaa Afrikaa, Magaalaa Guddoo Itoophiyaafi Oromiyaa ta’uusheetiin namoota hedduu keessummeessaa waan ooltuuf wiirtuu dhaabbataa qopheessuun osoo itti yaadame gaariidha.
Obbo Gabayyoo Wagaayyoo ammoo Waajjira Aadaafi Turizimii Bulchiinsa Magaalaa Dirree Dhawaatti, Qindeessaa Duudhaa Aadaati. Akkasaan jedhanitti, feestivaalicharratti qabeenyawwan uumamaa, filannoowwan invastimantiifi duudhaa waliin jireenyaa, jaalalaafi walkabajaa magaalattiin ittiin beekamtu agarsiisuun danda’ameera.
Sagantichi, naannoleen aadaafi qabeenyasaanii beeksifachuun fuulduratti carraa hawata turizimiifi invastimantii akka argatan taasisuuf galtee guddaa ta’uu himanii, caalaatti faayidaa kan qabaatu garuu osoo giddugallii dhaabbataan aadaan sabaafi sablammootaa itti agarsiifamu dhaabbiidhaan hundeeffamee gaarii ta’uu eeru.
Saamraawiit Girmaatiin
Gaazexaa Bariisaa Caamsaa 21/2013