Adeemsa Baankiin Siinqee keessa darbeefi karoorasaa gara fuulduraa

 Finfinnee: Waldaan Aksiyoona Liqiifi Qusannaa Oromiyaa (WALQO)n bara 1987 hanga walakkeessa bara 1989tti sadarkaa pirojektiitti kan hundeeffame yoo ta’u, Adoolessa 28 bara 1989 irraa eegalee gara Dhaabbata Maayikiroo Faayinaansiitti jijjiiramuun waggoota 23n darbaniif Oromiyaa keessatti tajaajila kennaa ture.

Waldaan qarshii miliyoona 5.2fi dameelee afuriin hojii eegale kun kaappitaala qarshii biliyoona torba horachuudhaan dameelee 400 caalan banachuun tajaajila maayikiroo faayinaansii kennaa ture Wiixata darbe gara baankiitti ce’e, Baankichas Siinqee jechuun moggaaseera. Dhagaan bu’uuraa ijaarsa gamoo baankichaas Finfinnee, Kutaa Magaalaa Booleetti Pirezidaantii BMNO, Obbo Shimallis Abdiisaatiin kaa’ameera.

Pirezidaantiin baankichaa Obbo Zawudee Tafarraa saganticharratti akka jedhanitti, Baankiin Siinqee kaappitaala qarshii biiliyoona torbaan hojiitti seene. Seenaa baankii Itoophiyaa keessatti Baankii Siinqeetiin ala baankiin kaappitaala qarshii biiliyoona 7n hojiitti seene hinjiru. Sheeriin baankichaas qarshii biiliyoona 15tti gurguramuufi kanaan dura sheeriin hanganaas biyyattii keessatti gurguramee hinbeeku.

Baankichi sadarkaa kanarra akka ga’uuf mootummaan naannichaa deggersaa olaanaa kan taasiseef ta’uu himanii, ummata sadarkaa gadaanaa, giddugaleessaafi baadiyyaafi magaalaa waan ta’eef ummatni Oromoo baankichatti akka qusatuuf gaafataniiru.

Baankichi waggoota shanan dhufanitti akka biyyaatti Baankii Daldalaatti aanee dorgomaa cimaa ta’uuf kan hojjetu ta’uu himanii, waggoota kurnan dhufanitti ammoo baankota Afrikaa sadarkaa 1fa hanga 10fatti jiran keessaa tokko ta’uuf onnatee kan hojjetu ta’uus himaniiru.

Pirezdaantiin BMNO Obbo Shimmallis Abdiisaa gamasaaniitiin akka jedhanitti, baankonni hedduun magaalaa keessaa ba’anii ykn asfaaltiirraa bu’anii hojjechuu hinbarbaadan. Baankiin Siinqee garuu hawaasa keenya baadiyyaafi magaalaa jiraatu bira gahee tajaajiluurratti xiyyeeffatee hojjeta. Baankichi qabeenya guddaa horatee tajaajila guutuu akka kennuufi dorgomaa cimaa akka ta’uuf ummatni Oromoo baankichatti qusachuu akka qabuufi diyaaspooraan Oromoo biyya alaa jiraatanis karaa baankichaa qarshii firootasaaniitiif akka ergan gaafataniiru.

Haadholiin Siinqee saganticharratti akka jedhanitti, Sirna Gadaa keessatti haadholiin maqaa ‘Haadha Siinqee’ jedhuun beekamu. Siinqeen ulee qal’oo Haadholiin Siinqee, mirgasaanii kabajchiisaniifi nageenya buusuuf itti fayyadamaniidha. Baankichi maqaa ‘Siinqee’ jedhamuun moggaafamuusaatti guddaa gammaduu ibsaniiru.

Siinqeen nagaa, jaalala, tokkummaafi misooma waan ta’eef ummanni Oromoo baankichatti qusachuun maqaan ‘Siinqee’ jedhamu sadarkaa addunyaatti akka beekamuuf waliin hojjechuu qabna jedhaniiru.

Ogeettiin Waajjira Aadaafi Turizimii Godina Arsii Lixaatti Aadde Saaraa Duubee yaada Gaazexaa Bariisaaf kennaniin, baankiin maqaa Siinqeetiin hundaa’e kun dubartootaafi ummata Oromootiif hiikaa guddaa qaba. Baankichi Siinqeen moggaafamuunsaa keessumaa dubartootaaf gammachuu guddaadha jedhu.

“Haadholiin keenya durumaa kaasanii qarshii waan gurguranii argataniifi waan bitanii irraa hafe sabbatatti guduunfachuudhaan beekamu. Yeroo ammaa ammoo Baankii Siinqee ummata keenya baadiyyaafi magaalaa bira ga’ee tajaajilutti qusachuu qabu” jedhu.

Akkuma Oromoon “Ol kaa’an, ol ka’anii fuudhu ykn Qunxur mana fixxi, cimmis mana guutti” jedhu ummatni keenya aadaa waan argaterraa qusachuu gabbifachuu qaba. Qarshiin xiqqaan har’a of bira dabarsinee qusatannu bor jireenya ofiifi maatii keenyaa jijjiira waan ta’eef waan argannurraa xiqqoodha jedhee utuu hintuffatiin baankichatti qusachuu qabna jechuun dhaamu.

 Natsaannat Taaddasaatiin

Gaazexaa Bariisaa Caamsaa 21/2013

Recommended For You