Waamicha Doktar Abiyyi, sagantaa ashaaraa magariisaa sadaffaaf

Akkuma guddina nama tokkootiif nyaata madaalamaa malee nyaanni qofti akka hingeenyee biyyis waan madaalamaa barbaaddi.

Pirojektii ulfaataa akka Abbayyaa milkeessinee, paarkiiwwan indastirii guguddoo ijaarree, daandiiwwan ijoo biyyoota walitti hidhan hojjennee, magaalota keenya hanga dandeenyeetti ammayyessinee lafti keenya ona taanaan kasaaraa guddaadha.

Lagoonniifi haroowwan keenya goganii, burqituuwwan keenya gu’anii, mukkeen keenya goganii, bineensonni dhumanii, sinbiroonni yoo baqatan madaalliin uumamaa keenya waldhaha. Waldhahee qofa hindarbu motorri badhaadhina biyya keenyaas ni gu’a; guddinni keenya boodatti deebi’a.

Ashaaraa magariisi agarsiisa daandii badhaadhina keenyaati. Badhaadhinni walharkaa fuudhiinsa dhalootaan kan ijaaramu malee shallaggii raajii biraa hinqabu. Ashaaraa magariisi misooma Itoophiyaa ittifufsiisuufi jireenya nagaqabeessa ummattootasheef hojii murteessaadha.

Biyyoota Ardii Afrikaa ongeedhaan miidhaman keessaa Itoophiyaan ishee tokko. Hanga bosonashee hindeebisneefitti maraammartoon gogiinsaa wajjumaan ittifufa. Itoophiyaan biyya bosonni baay’inaan itti ciramuudha. Qonnaafi qoraaniif jedhamee waggaa waggaadhaan bosonni hektaara kuma 92 ni mancaafama. Kun kasaaraa guddaadha; qottoo mataa keenyaan gogiinsa ofitti harkiisuudha.

Bosononni eegamanii akka turan taasisuu keessatti ga’een dhaabbilee amantii olaanaa ta’uusaatiin galateeffatamuu qabu. Biyya keenyatti aadaan biqiltuu dhaabuu durii kaasee kan ture ta’us, lolli irra deddeebiin uumamaa ture, aadichi akka hir’atu taasiseera. Namoonni seenaa beekan wantoota, Itoophiyaa itti yaadatan keessaa laggeen isheefi mukeensheeti. Lamaan kanas qorichoota waliin walqabsiisanii ibsu.

Eegumsa naannawaa keenya ashaaraa magariisaa keenyaan cimsuudhaa yoo baanne gochaan kun seenaarra kan darbe hinta’u. nyaataan of haa dandeenyu yommuu jennu ashaaraa magariisa malee kan milkaa’u miti. Bokkaa gannaatiin alatti, lageeniifi haroowwan keenya  rooba bonaa nuuf ta’uu qabu.

Ashaaraa magariisi lafa bosonni irraa dhume deebisuurra darbee aadaa biqiltuu dhaabuu nu gonfachiisa. Ashaaraa magariisi duula miti;  mukkeen kan ciraman duulaan akkuma hintaane, hojiin ashaaraa magarisaas hojii duulaa ta’uu hinqabu.

Uumamni bosonoota hedduu kan eegalu biqiltuu tokkooni jedhama. Nuti garuu biqiltuuwwan biliiyoona afuriin eegalle. Waggoota 20 keessatti biqiltuuwwan biliyoona 20 dhaabuu karoorfannee marsaa sadaffaarraa qaqqabneerra. Kaayyoon keenya uwwisa bosonaa biyyattii %15 irra jiru waggoota muraasa keessatti % 40tti deebisuudha.

Sagantaa ashaaraa magariisaa baranaa adda kan taasisu biyyoonni gaanfa Afrikaaf carraa misooma bosonaatiin walitti hidhu kan uumuudha. Biqiltuu biliiyoona ja’a biyya keessa dhaabamu dabalataan, biqiltuu biliiyoonni tokko biyyoota ollaaf raabsamu qophaa’eera.

 Sagantaan ollaa hammataa ta’e kun “yoo waliin misoomne malee walii kasaarra” yaada jedhu kan qabu ta’uusaatiin waamicha qaxanaa ashaaraa magariisaati. Waamichi Itoophiyaafi biyyoota ollaa uwwisuu, waamicha Itoophiyaa uwwisuudha. Itoophiyaanoonni hundi, iddoofi yeroo murteessinee biyya keenya uwwisuuf haa kaanu. Hoggantoonni naannoolee, dhaabbileen tola ooltootaa, dhaabbileen barnootaafi dhaabbileen amantii ummata daddammaqsuudhaan ashaaraa magariisaaf wantoota barbaachisan guutuun ergamni biyya uwwisuu kun akka milkaa’uuf akka tumsitan waamichakoon dhiheessa.

Gaazexaa Bariisaa Caamsaa 14/2013

Recommended For You