Adaamaa: Dhaabbanni Abbagaar Ummata Itoophiyaa kan humnisaa eeyyame furee kan humnasaatiin ol ta’e immoo paarlaamaadhaaf dhiheessuuf dirqama qabaatus, paarlaamaan qorannoo dadhabbii hedduun dhihaateef fudhatee tarkaanfii barbaachisu fudhachuurratti qaawwa bal’aa kan qabu ta’uu ibse.
Miidhaa bulchiinsaa sadarkaalee adda addaatti lammiilee biyyattii mudachaa jiran furuuf dhaabbatichi of fooyyessee gara hojiitti galus qaawwi gama paarlamaatiin jiru garuu tattaaffiisaa kan laaffisu ta’uu dhaabbatichatti daarikterri Seeraafi Qorannoo Oliyyannoo Obbo Dannaqaa Shaanqoo, Leenjii Ogeeyyota miidiyiyaatiif kennamaa turee dheengadda xumuramerratti ibsaniiru
Bakka paarlaamaan cimaa ta’eefi dhiibbaa qaamota raawwachiiftuu jalaa bilisa hinta’initti hojiiwwan dhaabbatichi baasiifi dadhabbii guddaan hojjachaa jiru bu’aa qabatamaa argamsiisuu waan hindandeenyeef paarlaamichi qaama kamiurraayyuu bilisa ta’uu akka qabu hubachiisaniiru.
Miidhaa bulchiinsa lammiilee biyyattiirra gahaa jiru qolachuuf ga’een dhaabbilee dimokraasii murteessaa ta’uu kan himan immoo Ittaantuun Abbagaar Dhaabbatichaa Aadde Saraawit Silashiiti.
Keessattuu dhaabbilee miidiyaa rakkoo kana furuu keessatti shoora dursummaa fudhachuu akka qaban ibsanii, dhaabbatichi miidiyaalee waliin qindoominaan hojjachuuf qophii ta’uus dubbataniiru.
Bu’aawwan qorannoo miidiyaaleerratti dhiheessuudhaan akka hawaasni irraa baratu gochuufis hojiitti galameera jedhanii, raawwachiiftotni seeraa ol of fakkeessuun hojii dhaabbatichaa gufachiisuuf tattaaffatanis gocha akkasiirraa of qusachuu akka qaban dhaamaniiru.
Gaazexaa Bariisaa Caamsaa 14/2013