Adaamaa: Biiroon Barnoota Oromiyaa (BBO) Roobii darbe barattoota qormaata biyyaalessaa kutaa 12fa bara 2012 fudhatanii qabxii 600 ol galmeessisan 152 tokkoon tokkoonsaanii qarshii kuma 20, 20 Magaalaa Adaamaatti badhaaseera. Barattoota kanneen keessaa koorniyaa lamaaniin qabxii olaanaa galmeessisuun 1fa hanga 3fatti kan ba’an ammoo taabileetii ammayyaa’aa ‘S6’ jedhamuufi meedaaliyaa badhaafamaniiru. Barattoota kunneen keessaa 100f carraan barumsa biyya alaa mijaa’eera. Manneen barnootaa sadarkaa 1fa hanga 3fatti ba’an ammoo kompiwutaraafi waancaa badhaafamaniiru.
Hogganaan BBO Doktar Tolaa Bariisoo sirna eebbichaarrarti akka jedhanitti, barattoonni naannichaa bara 2011 qormaata biyyaalessaa kutaa 12fa fudhatanii qabxii 600 ol galmeessisan 16 kan turan yoo ta’u, barana gara 152tti guddisuun danda’ameera. Kun hojiilee qulqullina barnootaa mirkaneessuuf naannichatti raawwatamaa turaniin bu’aa argameedha. Bara darbe sababa koviid-19n yeroo barattoonni manatti deebi’an barattoonni barumsarraa akka hinfagaanneef barumsi karaa televiizhinii kennamaafii turuufi ji’a saddeet booda erga barumsatti deebi’aniis barsiisota qaxaleedhaan titooriyaaliin akka kennamuuf ta’eera .
Bara 2011 barattoonni naannichaa qormaata biyyaalessaa kutaa 12fa fudhatanii qabxii 350 hanga 599 fidan barattoota kuma 32fi889 turuu eeranii, barana gara kuma 75fi463tti guddisuun danda’amuu ibsu. Bara 2011 baratoonni naannichaa yunivarsitii galan kuma 35fi985 yoo ta’an, barana ammoo barattoota kuma 56fi 565 ta’uufi baay’ina barattootaa jiran waliin yoo ilaalamu kana caalaa cimamee hojjechuu akka barbaachisu agarsiisa jedhu. Barattoonni qabxii olaanaa galmeessisuun badhaafaman kunneen yunivarsitiittis qabxii olaanaa galmeessisuuf cimanii hojjechuu akka qaban yaadachiisaniiru.
Naannichatti qarshii miliyoona 132 ramaduudhaan godina Addaa Oromiyaa naannawaa Finfinneefi naannawaa horsiisee bulaatti nyaatni barattootaaf dhiyaachaa jirachuu himanii, kun barattoonni barumsasaaniirratti akka xiyyeeffataniifi sammuunsaanii barumsaaf akka qophaa’u taasisuudhaan qulqullina barnootaa mirkaneessuufi qabxii barattootaa fooyyessuu keessatti gahee olaanaa kan qabu ta’uu himaniiru.
Barnootni qulqullina akka qabaatuuf ‘ICT’n deggeramuu qaba kanjedhan Doktar Tolaan, manneen barnootaa naannichaa hunda keessati barnoonni ‘ICT’n akka deggeramuuf mootummaan naannichaa mootummaan biyya Chaayinaa, Ingiliziifi Arabaa deggersa akka taasisaniif gaafachaa jiraachuus eeraniiru.
Barana barsiisota hundaaf leenjiin kennamuu, sadarkaa mana barumsaa, aanaafi godinaa, naannoofi biyyaatti beekamtii akka argatan taasifamuu himanii, kun gahee isaanirraa eegamu akka bahataniifi barattoota akka gargaaraniif isaan kakaasuusaa dubbatu. Manneen barnootaa fooyyessuufi hawwatoo taasisuudhaafis hojiileen ajaa’ibaa kan raawwataman ta’uu dubbataniiru.
Barattoonni duudhaasaanii eeganii akka guddataniif baranarraa eegalee barnoonni Sirna Gadaa kutaa 1fa hanga 8fatti kennamaafii jiraachuu himanii, sirni barnootaa waa hunda of keessaa qabus jijjiiramaa jira. Bara dhufu hojiin baruu barsiisuu naannichas sirna barnootaa haaraadhaan hojii kan jalqabu ta’uu Doktar Tolaan eeraniiru.
Pirezidaantiin Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shiimallis Abdiisaa akka jedhanitti, barattoota 152 qabxii olaanaa galmeessisan keessaa 100f carraan barnoota alaa mijaa’eera. Oromiyaan barumsaafi teknolojiidhaan yoo utubamte jijjiirama barbaadame bira ga’uu dandeessi. Kanaafii mootummaan naannichaa barnootaafi tekinolojiirratti xiyyeeffatee hojjechaa kan jiruuf. Manni maxxansaa sadarkaa Afrikaatti tokkoffaa ta’e ijaaramee xumuramuun maashiinonni barbaachisan guutamanii guyyoota muraasa keessatti kan eebbifamu ta’uus eeraniiru.
Barattoonni qabxii olaanaa galmeessisan kunneen kan maatii qofa osoo hintaane kan ummataa, naannoofi biyyaa waan ta’aaniif abdiifi ergama guddaatu isaanirraa eegama kan jedha pirezidaantichi, kanaafuu akka waan ofiisaaniif barattaniitti utuu hintaane akka waan ummata naannichaafi biyyattii bakka bu’anitti ittigaafatamummaa olaanaadhaan hubatanii gara fuulduraattis qabxii olaanaa galmeessisuuf cimanii barachuufi qo’achuu akka qaban yaadachiisaniiru.
Naannichatti qulqullina barnootaa mirkaneessuuf hojii guddaan raawwatamaa jiraachuu kan himan Obbo Shimallis, gama kanaan manni barumsaa bultii addaa WMO hojii guddaa raawwachaa jiraachuu kaasu.
“Barattoota keenya Afaanota Faransaay, Chaayinaafi Arabaa dabalataan barsiisuudhaan barattoota gabaa addunyaarratti dorgomoo ta’an horachuuf hojjechaa jirra. Waggoota shanan dhufanitti barattoota qabxii olaanaa galmeessisaniifi jijjiirama olaanaa fidaniifi hawwiifi fedhii ummata keenyaa milkeessan kumaatamaan horachuuf ni hojjenna. Barnootarratti yoo xiyyeeffanne waahunda qabna, barnootarratti yoo kufne ammoo waahundaan kufna waan ta’eef xiyyeeffannaan barnootaafi tekinolojiif kennamaa jiru cimee kan itti fufu ta’a” jedhu.
Barataa Naa’ol Ballaxaa Magaala Adaamaa mana barumsa ‘Excel’ irraa qormaata biyyaalessaa kutaa 12fa baranaatti qabxii 665 galmeessisuun akka biyyaatti qabxii olaanaa lammaffaa galmeessise. Barataan kun Gaazexaa Bariisaatti akka himetti, qabxii olaanaa galmeessisuuf karoorfatee sirriitti qayyabachaa ture. Bara darbe yeroo manni barumsaa sababa weerara vaayirasii koronaatiin ji’oota saddeetiif addaan cite tures barnootasaa sirriitti qo’achaa akka tureefi yeroosaa harka caalu qo’annaafi gaaffiilee qormaata biyyaalessaaf kutaa 12faf isa qopheessan hojjechaa akka ture dubbata.
“Karoorri koo qabxii olaanaa galmeessisuudha. Akkuman karoorfadhee hojjechaa ture qabxii olaanaa galmeessiseera. Gara fuulduraatti ammoo ‘Electrical and Computer Engineering’ barachuudhaan biyya koo damee teknolojiitiin tajaajiluun barbaada. Badhaasi argadhes gara fuulduraattis qabxii olaanaa akka galmeessisuuf kan na kakaasudha” jedha.
Natsaannat Taaddasaatiin
Gaazexaa Bariisaa Caamsaa 14/2013