Sosochiin dhiibbaa warreen lixaa mormu eegalame

 -Manni marichaa jidduseenummaa Itoophiyaarratti taasifamaa jiru balaaleffate

Finfinnee: Sosochiin biyyaalessaa dhiibbaa biyyoonni lixaafi dhaabbileensaanii ijaarsa Hidha Guddicha Haaromsa Itoophiyaarrattiifi sochiilee biyyaalessaa biroorratti taasisan mormu eegalame.

Sirna baniinsa sosochichaa kaleessa Galma Tiyaatira Haagar Fiqiritti adeemsifamerratti namoonni beekamooniifi lammiileen Itoophiyaa jaalatan hirmaataniiru.

Itoophiyaan seenaadhuma kam keessattuu dhiibbaawwan alaa alaatiif akka hinjilbeeffanne bal’inaan kan irratti ibsame sirnichi, warreen lixaafi deggartoonnisaanii hidha haaromsaarrattis ta’e dhimmoota biyyattii biroorraa harkasaanii akka kaasan gaafatameera.

Sirnicharratti ergaawwan “Kabajni biyyaalessaa wajjummaan” jedhamuun geggeeffamuun Abbayyaan laga kooti; hidhicha maallaqa kooti; hinjilbeeffannu  jedhanfaan darbaniiru.

Mormiin dhiibbaa kun yeroo ittaanutti magaalota naannoleettis kan ittifufu ta’uun ibsameera.

Oduudhuma walfakkaatuun bu’uurasaa Ameerikaa kan taasifate Manni Marii Lammiilee Itoophiyaa Ameerikaa jidduseenummaa dhimma keessoo Itoophiyaarratti taasifamu balaaleffate.

Manni marichaa hamnoota adeemsa filannoo Itoophiyaa keessa seenan ykn otoo sagaleen tokko hinkennamiin bu’aasaarratti shakkii uumuu yaalan hunda kan balaaleffatu ta’uu xalayaa haala yeroo ilaalchisee Pirezidaanti Joo Baayidaniif ergeen ibse.

Manni marichaa utubaawwan dimokraasii Itoophiyaatiif daran darbaachisoo ta’an keessaa tokko kan ta’e filannoo ifaa geggeessuuf boordii biyyaalessaa loogmaleessa ta’e hundeessuu ta’uus yaadachiisee, kunis ce’umsa dimokraatawaa siyaasaatiif tarkaanfii barbaachisaa ta’uudha kan eere.

“Humnoota alaa adeemsa filannoo keessa seenan ykn otoo sagaleen tokko hinkennamiin dura kanneen bu’aasaarratti shakkii uumuu yaalan hunda cimsinee balaaleffanna” jedheera.

“Xiyyeeffannaa Mootummaan Ameerikaa dhimmoota Itoophiyaatiif kenne dinqisiifachaa jidduseenummaa barbaachisaa hintaaneen dhimma keessoo biyya tokkootti galuun balaan hordofsiisu garuu nu yaachisa” kan jedhe manni marichaa, duulli seera kabachiisuu Itoophiyaatti adeemsifame haleellaa raayyaa ittisa biyyaarratti raawwatame hordofee ta’uu hubachiiseera.

Mootummaan Itoophiyaa tarkaanfii biyyi birmadummaa qabdu oggaa dhimmi akkanarraatti irratti raawwatamu kan fudhate ta’uu eeruun; “Tattaaffiin Mootummaan Itoophiyaa tokkummaafi birmadummaa biyyasaa eegsisuuf taasisuun utubamuu qaba” jedheera.

“Ameerikaan shororkeessummaa dhabamsiisuuf Itoophiyaa wajjin hojjechaa jirtu murna shororkeessaa Itoophiyaafi Gaanfa Afrikaa hunkuruuf wixxirfatu, ABUTfi dhaabbilee alaa waltaatotasaa hordofuu qaba” jechuun hubachiiseera, manni marichaa.

“Ameerikaan filannoon biyyaalessaa 6fan milkaa’inaan akka xumuramuuf; gutiinsa bishaanii marsaa lammaffaa hidha guddichaatiif deggarsa akka taasistuufi dhimmi daangaa Itiyoo-Sudaan mariidhaan akka furamuuf akkasumas hojii deebisanii dhaabuufi deggarsa sabummaa Itoophiyaa kaabaatti taasifamu utubuudhaan gumaachashii akka bahattu ni amanna” jedheera.

Manni marichaa, “Dhibantummaa cimaafi waldeggaruun Itoophiyaafi Ameerikaa bara pirezidaantummaa Teedii Ruzvelti eegalameefi waggoota 115 lakkoofsise badhaadhina wajjummaatiin fuulduratti akka tarkaanfatu ni amanna” jechuun ibseera.

Riippoortara Gaazexichaatiin

Gaazexaa Bariisaa Caamsaa 14/2013

Recommended For You