Finfinnee: Ogummaan gaazexeessummaa daran rakkisaafi siyaasa biyya keessa jiranirratti waan hundaa’uuf, gaazexeessitoonni rakkoo keessa jiraachuu Gaazexeessaa hangafti Dhugaa Jabeessaa gaafdeebii Sanbata darbe Gaazexaa Bariisaa wajjin taasisaniin ibsan.
Akka isaan jedhanitti, rakkoon gaazexeessaa duriifi ammaa walfakkaataadha. Aanga’oonni bara Dargii gaafa mudaansaanii itti himamu “seera cabsite” jedhanii qoratu. Ammas taanaan dhugaa jiru baasanii hojjechuurratti rakkoo guddaa qabu. Yoo dhugaan jiru kana jedhanii gabaasan “ilaalcha akkanaa qaba/qabdi” jedhanii maqaa itti baasuun ni mul’ata.
“Karaa biraatiin ilaalchi gaazexeessaan se’anaa ummata biraa qabus gaarii miti. Isa keessa beekutu hubataaf malee “sobduun kun” jedhama. Kun ta’uu hinqabu. Ummannis keessa seenee rakkoo jiru qaba malee duuchumatti haala kanaan moggaasuu hinqabu. Hanga danda’ametti ummanniifi gaazexeessaan osoo walhubatanii gaariidha” jedhu.
Akka waliigalaatti gaazexeessaan duris ta’u amma mirga guutuu qaba jechuun akka hindanda’amneefi bilisa ta’ee waan sammuunsaa itti amane hojjeta amantaa jedhu akka hinqabnes ni dubbatu.
Haalonni kunneen jiraatanis gaazexeessaan hunda caalaa naamusa ogummaasaatiif amanamaa ta’uu akka qabu kan himan Gaazexeessaa Dhugaan, odeeffannoo walmadaalu dhiheessuun sababaafi furmaata wantootaa agarsiisuuf hojjechuun irra jiraata jedhu.
Gama biraatiin dhaloonni har’aa eenyummaasaa beekuurratti dhaloota warra duraa akka caaluufi inaaffaan eenyummaa keessaa bobo’u ta’uu kaasaniiru.
“Ta’us tokkummaa dhabuufi waldhabuun Oromoo daran na gaddisiisa. Oromoon utuu tokko ta’e, utuu waldhaga’ee, gaafa mirga tokko argatu itti fayyadamee waan hafe argachuuf tattaafate natti tola. Wanti nuti waggoota muraasa kanatti arganne waan salphaa nutti fakkaata malee waa baay’eedha. Wantoota nu hafan ammoo walmormuufi xiiqiidhaan osoo hinta’iin karaa tasgabbiifi obsa qabuun utuu itti deemnee gaariidha” jechuun gorsu.
Turtii Gaazexeessaa Dhuga Jabeessaa walii taasifame guutuusaa fuula Keessummaa Bariisaarraa argattu.
Saamraawiit Girmaatiin
Gaazexaa Bariisaa Caamsaa 14/2013