Finfinnee: Filannoon biyyaalessaa marsaa 6fa Waxabajjii 14 bara 2013 geggeeffamu biyyattiin gaaga’ama siyaasaa adda addaatiif wayita saaxilamteefi dhibbaa biyya keessaafi alaan gahu gidduu ta’uun kan adeemsifamu ta’uusnaa filannoo seena qabeessa taasisa.
Dura taa’aan Sochii Ummattoota Gaambeellaa Obbo Piitar Amaan ibsa dheengadda Gaazexaa Bariisaatiif kennaniin akka jedhanitti, bu’aa filannoo marsaa 6fa booda ummattoonni Gaambeellaas ta’e Itoophiyaa hundi mirgoota dimokraasii kanaan dura hinshaakkalle ni argatu, nishaakalus jennee abdanna jedhan.
Paartiinsaaniis,seeraafi heera biyyattii kabajaa, qajeelfama boordii filannoo biyyaa lessaa Itoophiyaa hordofaafi sanada sirna ittiin bulmaata paartiileen kanaan dura mallatteesan hojiirra oolchaa jiraachuu dubbatu.
Warraaqsa dimokiraatawaa gaggeessaa jiran kanaanis misooma, nagaafi hariiroo, naannoon Gaambeellaa naannolee biroon dinagdee walmadaalu akka qabaatu kan hojjetan ta’uu ibsaniiru.
Yeroon qilleessaa miidiyaalee paartiilee hundaaf walqixa kennamuun sirni dimokraasii dagaagaa jiraachuu kan ibsuufi biyya waloon qabnu nagaashee eeguufi egsiisuun, filannoon naga qabeessa akka ta’u ittigaafatamummaa nurraa eegamu nibahanna jedhaniiru.
Dura taa’aan Paartii Dimokraatawaa Ummata Walanee Obbo Faayisal Abdulaaziiz gamasaaniin akka jedhanitti, paartichi Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Ummattoota Kibbaa keessa socho’aa akka jiruufi filannoon biyyaalessa marsaa 6fan nagaan akka adeemsifamuuf waan barbaachisu hunda taasisaa kan jiruufi gara fuulduraafis kan booddeetti hinjenne ta’uu himu.
Dhiibbaan alarraa biyyattirratti taasifamaa jiru tokkummaa ummattoota Itoophiyaan fashalaahuu akka dandahu yoo himan dhiibbaawwan biyya keessammoo hanga karaa nagaafi dimokraasiin taasifamaniitti mootummaan gaaffilee ummataafis deebii barbaachisu kennuun tasgabbii uumuu qaba jedhaniiru.
Filannoo keessatti gareen moo’u akkuma jiru kan mo’amullee jiraachuu amannee, yoo mo’anne gama hawaasumma, dinagdeefi siyaasaan hojii ummata fayyadamaa taasiisu kan hojjennu yoo ta’u, yoo mo’atamnemmoo qabsoo nagaa kan itti fuufnu ta’a jedhaniiru. paartiileen morkatootaa biroos karaa kana hordofuu qabu jechuun dhaamaniiru.
Dura taa’aan Paartii Dimokiraasummaa Booroo Obbo Amantee Gashiis gamasaaniin paartichi Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Beenishaangul gumuuz keessa kan socho’u ta’uu ibsanii, rakkoon nageenyaa naannawa Kaamaashiifi Matakkalitti mul’ataa ture duula nafiladhaa haala gaariin adeemsifamaa turerratti gufuu ta’eera jedhu. Haala qabatamaa naannoon Beenishaangul Gumuz wayita ammaa keessa jiruutti filanno haqaqabeessa taasisuuf rakkisaa ta’uus ni kaasu. Kun ta’us boordiin filannoo biyyalessa Itoophiyaa rakkoolee filannoon walqabatan wayita uumamanitti sochiin furuuf taasisu jajjabeessa waan ta’eef filannichi milkaa’aa ta’a jedheen abdadha jechuun ibsaniiru.
Sinqinash Alamuutiin
Gaazexaa Bariisaa Caamsaa 14/2013