Dantaa Oromoo kabachiisuun kan ummata Itoophiyaas kabachiisuudha

Finfinnee: Dantaa bu’uuraa Oromoo kabachiisuun akka biyyaatti dantaa waloo kabachiisuu keessatti gumaacha olaanaa akka qabu ibsame.

Waltajjii marii marsaa 6fa Waajjirri Pirezidaantii Oromiyaa dheengadda mataduree, “Dantaa Oromoo, Horata Hawaasummaafi Jijjiiramaa” jedhuun geggeeffamerratti hayyoonni akka jedhanitti dantaa Oromoo kabachiisuun karaa biraatiin kan ummata biyyattii mara kabaachiisuudha.

Maricharratti barreeffama ka’umsa marii kan dhiyeessan Piroofesara Gargaaraa Faajjii Caalaa akka jedhanitti, jijjiirama kamuu keessatti horati hawaasaa ni jijjiirama.

Jijjiiramicha hordofees gaaffiileen ummataa danuun dhiyaachuu malu. Gaaffiilee gama kanaan ka’an deebisuufi horata hawaasummaa ummata Oromoo jabeessuun akka biyyaattis horata hawaasummaa waloo jajjabeessuu keessatti shoora olaanaa jedhan.

Akka ibsasaaniitti, dhimma horata hawaas-dinagdeefi  siyaasa keessatti qaamni ilaallatu marti qindoominaan dantaa waloosaanii eegisisuuf walhubachuun hojjechuu qabu. Horati hawaasaa gama dinagdee, barnootaafi aadaattin cimuu qaba.  

Sirni Gadaa deebi’uun, Finfinneetti manneen barnootaa Afaan Oromootiin barsiisan banamuun, ashaaraa magariisi geggeeffame horata hawaasummaa Oromoo cimsuu keessatti shoora olaanaa qaba.

Miidiyaan Oromoos  sabaafi sablammoota ollaa Oromiyaa jiran wajjin gama dinagdee, siyaasaafi aadaatiin hariiroo cimaan akka jiraatu taasisuu, dantaa Oromoofi waloo kabachiisuu keessatti gumaacha olaanaa kan qabu ta’uunis ibsameera.

Mariin Gumii Balal hawaasni rakkoolee dinagdee Oromoo mudatan mariidhaan furuuf eenyurraa maaltu eegama dhimma jedhurratti hubannoo uumuuf barbaachisaa ta’uu kan eeran Gargaaraa Pirofesaraa Faajjiin, marichi dantaa bu’uuraa Oromoofi horata hawaasummaa cimsuun faayidaa dhuunfaafi waloo jabeessuu keessatti gahee olaanaa akka qabu dubbataniiru.

Gammachuu Kadiriin

Gaazexaa Bariisaa Caamsaa 14/2013

Recommended For You