Baatuu: Omishaafi omishtummaa dachaan dabaluun fayyadamummaa qonnaan bulaa mirkaneessuuf sochii mootummaan taasisaa jiru jajjabeessaa ta’us alseerummaan golgaa seeraatiin raawwataman tokko tokko damichaaf hudhaa ta’aa jiru.
Hudhaaleen fayyaddamummaa qonnaan bulaa miidhanii alseerummaa jajjabeessan kunniin damee qonnaa booddeetti harkisaa waan jiraniif tarkaanfiin fudhatamuu eegaluu Bulchaan Godina Shawaa Bahaa beeksisan.
Bulchichi Obbo Abbaabbuu Waaqoo ibsa dheengadda Gaazexaa Bariisaatiif kennaniin, abbootiin qabeenyaa lafa babal’aa qaban maqaa investimentiin xaa’oo hedduu fudhachuun seeraan ala qonnaan bulaatti gatii dabalanii otoo gurguranii irra gahamuu dubbataniiru.
Abbaan qabeenyaa qonnaan bulaa teknolojiitti hinmadaqne madaqsee fayyadamaa taasisuuf bira dhaabachuu osoo maluu golgaa seeraa abbaa qabeenyummaa kennameef sababa godhachuun gatii seeraan alaa itti dabaluun qonnaan bulaan komii akka kaasu sababa ta’aa jiru jedhan.
Dhiyeessiin guddistuu callaa eenyumaafuu kennamu gatii madaalawaa ta’uu qaba kan jedhan Obbo Abbaabbuun, yaaliin tibbana gatii seeraan alaatiin qonnaan bulaa Godina Shawaa Bahaarratti gaggeeffame hordoffii taasifameen irra gahamuu beeksisaniiru.
Eeruu ummanni kenne qabachuun hordoffii abbootii qabeenyaa kanneenirratti taasifameen mankuusasaanii waliin to’achuus beeksisaniiru.
Akka ibsasaaniitti, abbootiin qabeenyaa lama seera qabeessaan xaa’oo omishasaaniif fudhatanitti gatii hinmalle dabaluun dabarsanii qonnaan bulaatti gurguruusaaniitiin to’annoo jala oolaniiru.
Gochichi alseerummaa hamaadha kan jedhan Obbo Abbaabbuun, lafa bal’aa qabna jedhanii xaa’oo seeraan fudhatanii daldala seeraan alaa gatii dabalanii gurguruun yakka ta’uus kaasaniiru. Dhimmi kun kanaan durallee komii kaassisaa akka ture himanii, amma irraa kaasee hanga dakaatti hordoffiin taasifamaa jiraachuu dubbatu.
Yerichis yeroo dhiyeessiileen qonnaa qonnaan bulaaf itti dhiyaatan ta’uusaatiin walqabatee daldalli seeraan alaafi daballiin gatii humnaa olii akka hinraawwanne caasaaleen hundi hordoffii akka taasisan gochaa jiraachuus ibsaniiru.
Raabsaa dhiyeessii qonnaa marsaa jalqabaatiif akka godinichaatti taasifameen abbootiin qabeenyaa lama to’annoo jala oolanii dhimmisaanii qoratamaa jiraachuu himanii, ammas raabsaa marsaa 2fa kana keessa alseerummaan akka hinraawwanne hordoffii taasisaa jiraachuu bulchichi dubbataniiru.
Yuniyeenonnis ta’an dhaabbileen dhimmi ilaallatu dhiyeessiilee qonnaa kamuu sirnaan raabsuufi oggaa gochoonni hinmalle raawwataman eeruu kennuu akka qaban kallattiin taa’uus eeraniiru.
Warreen kaanis gocha alseerummaa farra misoomaa akkasiirraa of qusachuu akka qaban Obbo Abbaabbuun yoo dhaaman oomishaa fi oomishtummaa dachaan dabaluuf akka godinichatti kutannoon hojjetaa jiraachuu hubachiisaniiru.
Waasihun Takileetiin
Gaazexaa Bariisaa Caamsaa 14/2013