Finfinneefi magaalota Oromiyaa tokko tokko keessatti haleellaa shororkeessumma raawwachuuf miseensota garee shororkeessaa socho’aa turan to’annaa jala oolchuu Koreen Waloo Nageenyaafi Tasgabbii Waloo torbanuma kana keessa ibseera.
Koreen Nageenyaafi Tasgabbii Waloo ibsa miidiyaleef ergeen akka beeksisetti, Finfinneefi magaalota Oromiyaa tokko tokkotti hokkara, shororkeessummaafi jeequmsa uumuun ajandaa siyaasaa dhokataa galmaan ga’uuf kan socho’aniifi humnoota badii biyya alaafi biyya keessa irraa deeggarsa kan argatan gareen shororkeessaa TPLFfi Shanee lubbuu namaafi qabeenyarratti miidhaa gudda geesisuuf shiruun kaayyeffatanii sochiitti seenuuf qopha’a osoo jiranuu hordoffii qindaa’aa korichaatiin to’annaa jala oolaniiru.
Gochaa badii shororkeessummaa kana raawwachuuf biyya alaatii deeggarsa qarshiifi loojistikii godhamuun ergama fudhatanii kan socho’a turan miseensonni garee shororkeessaa TPLF fi Shanee meeshalee waraanaa sasalpha hanga meeshaalee gurguddaa rasaasa, boombiifi wantota ibidda uuman wajjin itti fayyadamuuf kan qopheessan ta’us ergama badii kaayyefatame fashalessuu kan danda’e ta’uu ibsi kun addeesseera.
Ibsichi dabalataan shororkeessitoota kanaaf Finfinnee, Buufata Xiyyaaraa Idil Addunyaa Booleefi bakkoota birootti qarshiin waraqaa biyyoota adda addaa karaa seeraa alaatiin darbuuf akka turan eeree, hordoffiifi sakatta’iinsa cimaa taasifameen ergama badii kanaaf ooluuf kaayyeefame doolaara kuma 305 qarshii Itoophiyaa miiliyoona lamaa oli qabamuu ibseera.
Kanaan dura gochaa badii raawwachuuf hanga Tigraayitti hidhattoota addaan baasee garee shororkeessaa TPLF irraa leenjii akka fudhatan gochuun lammiilee nagaa irratti haleellaa sabummaarratti xiyyeeffate fudhachaa kan ture gareen shororkeessa Shaneen meeshalee waraanaa gosa adda addaa dabalatee deeggarsa qarshiifi loojistikii akka argachaa tureefi humnoonni nageenyaa mootummaa garee kanarratti tarkaanfii olaantummaa seeraa kabachiisuu duraa duubaan fudhataniin dadhabaafi kasaraa guddaan irra ga’a dhufuu isaa irraan kan ka’e bu’uraale misoomaa akka barbadeessanifi akkanumas namoota beekamoo, geggeessitoota mootummaa olaanoofi lammiilee irratti karaa qinda’aafi qoratameen ajjeechaa akka raawwataniif gartuu shororkeessitoota magaalaa Abbaa Torbee jedhee of waamuu gara magaalota adda addaatti ergeera.
Gareen shororkissitootaa kanaaf meeshalee waraana gosa adda addaa, boombii, meeshalee dhuka’oo akkanumas sanadoota dhossan kennuuf kan geejjibsiisa turanifi miseensa garicha ta’uun shakkaman to’anna jala seenuu Koreen Nageenyaafi Tasgabbii Waloo kun ibsasaa keessatti addeesseera.
Shakkamtoota kana keessaa Abdiisaa Xaafaa Qoccolteefi Eebbisaa Tarfaa Tokkoosaa kan jedhaman Naannoo Amaaraa bakka Humaraa jedhamuu qaama konkolaataa Miinibaasii koodii 2, kan lakkoofsi gabateesaa A70977 AA ta’e keessa meeshaalee waraanaafi rasaasa dhoksuun gara Oromiyaa Dhihaatti dabarsuuf karaa Dassee osoo Finfinnee galchaa jiranuu hordoffii dhoksaa taasifama tureen to’annaa jala galuu jaraa ibsichi addeesseera.
Haaluma walfakkaatun Arjuu Alamaayyoo Waaqoo kan jedhamtuufi miseensa Shanee kan Taateefi bilbila solaariin itti hidhameefi quunnamtii saatalaayiti qabun karaa Moyyaalee seensisuun Oromiyaa bakkeewwan gara garaatti raabsuuf osoo yaaltuu Kattaa Buraayyuutti harkaafi harkatti qabamuu kan eere ibsi koree waloo kun, Rabbirraa Waarituu Moosisaa, Darajjee Dhugaasaa Hordofaafi Wondasan Margaa Taaddasaa kanneen jedhamaniifi miseensonni garee shororkeessitoota kanaa kaneen biroo bilbiloota saatalaayitii gara adaamaatti galchuuf osoo yaalanii hordoffii iccitiin taasifamaa tureen to’annoo jala ooluu saanii ibseera.
Gareen Shororkeessa Shaneen karaa qindaa’aa fi ijaarama ta’een ajjeechaa akka raawwataniif Finfinneefi Magaalota Oromiyaa tokko tokko keessatti kan bobbaase miseensii Abbaa Torbee, walfakkaatani haleellaa ittiin raawwachuuf uffatta danbii Raayyaa Ittisa Biyyaa duraanifi meeshaalee waraanaa adda addaa dabalatee dhoksaadhaan utuu geejjibsiisa jiranii to’annaa jala galuu jaraa ibsichi mul‘iseera. Abarraa Mul’ataa, Lalisaa Addaamuu, Abarraa Geetaa, Mulee Siyyumeefi Abraham Abbuu kanneen jedhaman miseensonni garichaafi rawwatoonni gochichaa akkanumas konkolaachiftoonnifi gargaartonni jaraa qabamuu Koreen Nageenyaafi Tasgabbii Waloo beeksiseera.
Humni shororkeessa kun Magaalaa Jimmaatti halleellaa akka raawwataniif bobbii kan kenneef Iyyaasuu Lammaa, Kaalid Sayid, Abdalla Abaa Balaay, Seeyifuu Balaayiifi Nagaasaa Kennasaa maqaa jedhamaniin shakkamtoonni boombiifi shugguxiiwwan harkaa akkanumas meeshalee badii raawwachuuf dhimma itti ba’an biroo qabamaniiru.
Itoophiyanonniifi namootni dhalootan Itoophiyaanota ta’aniifi biyyoota alaa gara garaa keessa jiraatan garee shororkeessa Shaneetiif deeggarsa qarshiifi loojistikii taasisan jiraachuu jara kan mul’ise ibsi kun, jarri kunis Jambaruufi Abbabe Ameerikaarraa, Abdallaafi Tarfaa Awustiraaliyaarraa, Dhugaasaa Noorweeyirraa akkanumas Tolashii Taammiruu yookiin Gabbisee, Gammachuu Abbooyyee, Lammaa Raggaasaa yookiin Biqilaafi Jaarraa Tuulamaa Keeniyaa keessa akka jiraatan eereera.
Garee shororkeessaa kana kan deeggara jiran waluma galatti shakkamtoonni 15 eenyummaa jaraa qulqulleeffachuun seeratti dhiyeessuuf biyyoota Michuu Itoophiiyaa wajjin hojjatamaa jiraachu ibsuun biyya keessatti sochii shororkeessumma garichaa dhaabuuf tarkaanfii fudhatameen miseenstota seelii magaalaa garichaa dabalatee shakkamtoonni 71 to’annaa jala galaniiru.
Ibsichan walqabatee garee shororkeessaa kanaaf deeggarsa maallaqaa taasisaa kan turan shakkamtoota 80 ta’aniif sochiin herrega baankii jaraa adda akka citu kan taasifame ta’uu beeksisuun, kanaan kan walqabatee namoonni jaha garichaaf dura-buutummaadhaan qarshii dabarsu jedhamanii shakkaman to’anna jala galuu Korichi beeksiseera. Warren biroos seeran gaafachuuf hojjatamaa akka jiru ibseera.
Gaazexaa Bariisaa Caamsaa 7/2013