Finfinnee: Filannoo marasaa 6fa biyyaalessaa geggeeffamuuf jirurratti hirmaannaan ummataafi amanamummaan dhaabbilee siyaasaa cehumsa sirna dimokraatawaaf murteessaa ta’uu hayyoonni dubbatan.
Yunivarsitii Jimmaatti hayyuun saayinsii siyaasaa barsiisaa Abiyoot Dastaa ibsa torban darbe Gaazexaa Bariisaatiif kennaniin akka jedhanitti, haala qabatamaa biyyattii keessa jiruun yaadrimee siyaasaa mo’ataafi dorgomaa qabachuun filannoo biyyaalessaa marsaa 6fa dhufaa jiruuf murteessaa ta’uu dubbataniiru.
Akka ibsasaaniitti ce’umsa sirna dimokraatawaa dhugoomsuurra darbee ijaarsa sirna dimokraatawaa biyyattii lafa qabsiissuu keessatti hirmaannaan hawaasaafi amanamummaan dhaabbilee siyaasaa shoora olaanaa qabaata.
Biyya keenyatti filannoon biyyaalessaa geggeeffamu caalamaatti dimokraatawaa ta’ee akka xumuramuuf ummattoonni biyyattii carraa filachuu qabanitti fayyadamuun irra jiraata jedhan.
Kana qofa utuu hintaane yaada rime siyaasaa dhaabbilee siyaasaa biyyattii keessa jiranii wayita ammaa qabatanii duula filannoo geggeessaa jiran ummati sirriitti hubachuun,paartii isa fayyaduu dandahu ilachuun ce’umsa sirna dimokraasii biyyattii nagaafi iftooma qabeessa taasisuuf murteessitoota jedhaniiru.
Amanamummaan filannoo mirkanaa’uun olaantummaa seeraa mirkaaneessuudha, walharkaa fuudhiinsa aangoo karaa nagaa geggeeffamuufis bu’uura ta’a kan jedhan barsiisaan kun, bu’aansaa sochii hawaas dinagdee lammiilee fooyyessuun jijjiiramni dimokraatawaan akka mul’atu taasisas jedhaniiru.
Dimokraatawaa ta’uun filannichaa, hirmaannaa ummataafi amanamummaa dhaabbilee siyaasaa biyyattiif haala mijataa uumuu waan ta’eef miira kutannootiin hojjetamuu akka qabus dhaamaniiru.
Boordiin filannoo biyyalessaa loogiirraa bilisa ta’uufi humna raawwachiisummaa ga’aa ta’e qabaachuun milkaa’ina ce’umsa sirna dimokraasii Itoophiyaaf humna guutuun hojjechuun akka irra jiraatus dubbataniiru.
Hirmaannaan uummataa, amanamummaan dhaabbilee siyaasa biyyaattii, kutannoo mootummaa biyya bulchaa jiruu loogiirraa bilisa ta’uufi humna raawwachiisummaa ga’aa qabaachuun boordii filannoo biyyaalessaa milkaa’ina ce’umsa dimokraasii mirkaneessuun guddina hawaas-dinagidee cimsuun Itoophiyaa gara sirna dimokraatawaa dhugaattii ceessisa jedhaniiru.
Yunivarsitii Dirre Dhawaatti gargaaraan Pirofeesaraa Faajjii Caalaa gamasaaniin Itoophiyaa ce’umsa sirna dimokraasii murteessaa keessa akka jirtu eeruun, kanaan dura sirna dimokraasii sobaan afanfajahaa turuu kaasaniiru.
Kanarraa ka’uun rakkoo nageenyaa uumameen hawaasni hawaas dinagdeen akka kufuufi imalli guddina biyyattii akka harkifatuuf sababa ta’aa turuu himu.
Itoophiyaaf ce’umsi sirna dimokraasii dhugaan ni barbaachisa kan jedhan gargaaraan pirofeesarich, humnoonni adeemsa filannichaa cilee dibuuf olola sobaa uumanii hafarsan mul’achaa waan jiraniif irraa of qusachuun barbaachisaadha jedhaniiru.
Filannichi haqa qabeessa, dimokraatawaafi hirmaachisaa ta’ee akka xumuramuuf jaarmaayaaleen siyaasaas ta’e kutaaleen hawaasaa hirmaannaa taasisuu akka qaban dhaamaniiru.
Bu’aa boordiin filannoo ibsu hordofuun paartiin filannicha injifate bokkuu bulchiinsaa fudhatee hawaasasaa tajaajiluuf kutannoon hojjechuuf of qopheessuun murteessaa ta’uus, himan yaaliin seeraan ala aangoo qabachuuf taasifamu farra jaalala biyyaafi dimokraasii ta’uu ibsaniiru.
Gammachuu Kadiriin
Gaazexaa Bariisaa Caamsaa 7/2013