Itiyoo Telekoom tajaajila ‘Telebirri’ mobaayilii fayyadamuun qarshii daddabarsuuf gargaaru hojiirra oolche

Finfinnee: Yeroo gara yerootti tajaajilasaa fooyyessaafi ammayyeessaa kan jiru Itiyoo Telekoom teknolojii ‘Telebirri’ jedhamuu kan mobaayilii fayyadamuudhaan qarshii daddabarsuufi bittaafi gurgurtaa raawwachuuf gargaaru Kibxata darbe Paarkii ‘Firendshiippiitti’ jalqabsiiseera.

Raawwachiiftuun Hojii Itiyoo Telekoom Firehiwat Taammiruu saganticharratti akka jedhanitti, teknolojiin ‘Telebirri’ qarshii harkatti qabannee utuu hindeemin mobaayilii keenya fayyadamuudhaan salphaatti utuu yeroofi bakkaan hindaangeffamin qarshii erguu, fudhachuufi hojii bittaafi gurgurtaa keenya milkeessuuf nu ggartaara. Tajaajilli kun baasii qarshii maxxansiisuuf ba’u hambisuudhaan guddina dinagdee biyyattii utubuu keessattis faayidaa guddaa kan qabu ta’uu himaniiru.

Tajaajila ‘Telebirri’ fayyadamuun qarshii harkatti baannee deemnu hambisuudhaan qarshii saamamuufi hatamuu kan hambisuufi baasii seeraan alaa baasuurraa nu baraaruun qarshii keenya akka qusannuuf kan nu gargaaru ta’uu himanii, tajaajilli mobaayilii teknolojii  salphaatti hawaasa magaalaafi baadiyyaa bira kan ga’uudha jedhan. Kanaafuu carraawwan tajaajilootaa mobaayiliin keenya nuu kennuitti sirriitti fayyadamuu danda’uu qabna jedhu.

Baay’inni maamiltoota mobaayilii Itiyoo Telekoom miliyoona 53 ta’uu himanii, isaan keessaa miliyoonni 25 fayyadamtoota intarneetiiti jedhaniiru. Waliinga’iinsi Itiyoo Telekoom %95 gaheera. Tajaajila ‘Telebirri’ kana namootni mobaayilii  qaban hundi ittifayyadamuu kan danda’an ta’uu himanii, waggaa jalqabaa maamiltoota  ‘Telebirri’ miliyoona 21 horachuun qarshii miliyoona  710 dadabarsuuf karoorfamee hojjetamaa jiraachuu eeraniiru.

Ministirri Muummee Doktar Abiyyi Ahmad saganticharratti akka jedhanitti, tajaajila ‘Telebirri’ jedhamu utuu ittihinfayyadamnin hanga ammaatti turuun keenya kisaaraa olaanaa qaqqabsiiseera. Tajaajila jalqabsiisuun dirqama yeroon gaafatuu waan ta’eef Itiyoo Telekoom yaalii olaanaa taasisuudhaan dafee teknolojicha babal’isee akka jalqabamu taasiseera. Piropoozaaliin teknolojichaa waggoota 10 dura guddina dinagdee biyyattiif faayidaa guddaa kan argamsiisu ta’uunsaa itti amanamee mootummaadhaaf dhiyaatee kan ture yoo ta’u, imaammatni mootummaa yeroo sanaa tekinolojicha hojiirra oolchuuf fedhii kan hinqabne ta’uu himu.

Teknolojiin kun utuu qarshii harkatti hinqabatin mobaayilii fayyadamuudhaan kaffaltii raawwachuudhaan tajaajiloota baay’ee akka argannu kan taasisu ta’uu himanii, tajaajilichi mootummaa, Itiyoo Telekoomiifi ummataaf faayidaa guddaa qaba.

Itoophiyaan lammiilee biyyattii maraaf tajaajila walqixa kennaa jira.  Dhaabbiileen mootummaa biroonis lammiilee biyyattii maraaf tajaajila walqixa kennuuf Itiyoo Telekoomirraa barachuu akka qaban hubachiisaniiru.

Natsaannat Taaddasaatiin

Gaazexaa Bariisaa Caamsaa 7/2013

Recommended For You