“Hawaasni waan hubate hojiitti hiikuu dhabuun rakkoo nutti uumeera” -Obbo Tashoomaa Mohaammad

Finfinnee: Magaaloota Oromiyaa tatamsa’inni vaayirasii koronaa itti baay’atu keessaa Magaalaan Shaashamannee ishee tokko. Magaalittiin giddugala daldalaa akkasumas, geejibni magaaloota garagaraa deemu kan keessa qaxxaamuru ta’uusheetiin magaalaa sochii ho’aa qabduudha. Kunimmoo tatamsa’inni vaayirasichaa akka dabaluuf sababa ta’eera.

Obbo Tashoomaa Mohaammad Ittigaafatamaa Waajjira Eegumsa Fayyaa Magaalaa Shashamannee yoo ta’an gaaffiifi deebii Gaazexaa BAriisaa waliin dhiheenya kana taasisaniin akka jedhanitti, magaalaan Shaashamannee giddugala daldalaa ta’uunshee, daandiiwwan gurguddoon kallattii shaniin magaalattii keessa waan qaxxaamuranii, haalli teessumashees magaalaa Hawaasaatti dhihoofi Oromiyaafis gidduu ta’uusheetiin namni baay’ee gara magaalattiitti ni dhufa. Baay’inni ummata magaalattis baay’eedha. Kanarraa ka’uun tatamsa’inni dhukkubichaa sadarkaa ganda hundumaa jedhamutti tatamsa’eera.

Tatamsa’inni vaayirasichaa akka hindaballeef erga koviid-19 biyya seenee eegalee hojii bal’aan hojjetamaa jiraachuu eeranii,keessumaa hojiin hubannoo hawaasaa uumuu, namoota dhukkubichaan shakkaman qorachiisuu, kanneen qabaman ammoo akka yaalamaniif tajaajila barbaachisu kennuu xiyyeeffannaadhaan irratti hojjetamaa jiraachuu kaasu.

Hojiilee kanneenin walqabatee gama hubannoo uumuutiin hawaasni waan hubate sirriitti hojiirra oolchuutiin walqabatee hanga har’aattiyyuu rakkoo uumaa jiraachuu kan himan ittigaafatamichi, kanarraa ka’uun dhaabbilee baay’inaan ummata tajaajilan waliin marii taasisuun, abbootii amantiifi qaamolee mootummaa kanneen akka abbaa taayitaa geejibaa, abbaa alangee, poolisiifi qaamolee taaksifoorsii hoggansa olaanaa wajjiin mariin gaggeeffamuusaa dubbatu.

“Marii kanaanis bu’uura labsii Ministerri Fayyaa baaseen tajaajilli kennamu kamiyyuu maaskiifi ofeeggannoo barbaachisaa ta’e osoo hingodhatiin kennuun akka hindanda’amne irratti waliigalameera. Kanarrattis hubannoon erga kennamee booda tarkaanfii gudhachuunis eegalameera. Kana malees namni bakkaa bakkatti socho’u kamittiyyuu maaskii akka fayyadamu, harka dhiqannaasaa akka cimsuufi  bakka bishaan dhibetti ammoo saanitaayizarii akka fayyadamu, yoo mallattoon dhukkubichaa irratti mul’atu hatattamaan gara mana yaalaa akka deemee qooratamu, yoo dhukkubhichaan qabame adda of baasee yaala barbaachisu akka argatuuf hojiin hubannoo bal’inaan hojjetamaa jira” jedhu.

Akka ibsa Obbo Tashoomaatti, gama tarkaanfii fudhachuutiin manneen nyaataafi dhugaatiirratti qaamolee qindoominaan hojjetaniin to’annoon taasifamaa jira. Gama kanaan jalqabarratti hojiin barsiisuu bal’inaan kan hojjetamu yoo ta’u, isarra darbee argamnaan garuu bu’uura qajeelfamaatiin tarkaanfiin kan fudhatamu ta’a. Kana malees poolisiifi tiraafikii waliin ta’uun taaksiiwwaniifi baajaajiwwan irratti konkolaachisaafi imalaan maaskii akka godhatan barsiifamaa kan jiru yoo ta’u, kanneen hubannoo kenname hojiirra oolchuu dhaban irratti ammoo tarkaanfiin fudhatamaa jira.  

“Akka magaalaa Shaashamanneetti tatamsi’ana qofa osoo hintaane lakkofsi namoota sababa koviid-19n lubbuunsaanii darbuus dabaleera. Keezii waggaa tokko keessatti hinmul’anneetu ji’oota lama keessatti mul’ataa jira. Akka magaalaa Shaashamanneetti namoota kuma ja’aa ta’aan qorataman keessaa kanneen kuma tokko ta’an vaayirasichaan kan qabaman yoo ta’u, kanneen qoratamanis namoota qoratamanii vaayirasichaan qabamuun beekameefi isaan waliin tuttuqqii qaban jedhamanii shakkamaniidha. Utuu hawaasa bal’aa bira qaqqabanii qorachuun danda’amee baay’inni namoota vaayirasichaan qabamanii kana caalaa dabaluu danda’a.  Hanga yoonaas namoonni 30 ta’aan lubbusaanii mana yaalaatti kan dhaban yoo ta’u, kanneen keessaa walakkaa ol  ji’oota lamaan darbanitti lubbuusaanii dhaban” jedhu.

Qajeelfamni kan ba’e faayidaa ummataaf ta’uus hawaasni ammayyuu sadarkaa guutuutti jedhamuun hojiirra oolchaa akka hinjirre kaasanii, hawaasnis kana hubachuun of dagannaa duraa keessaa ba’uun malawwan ittisaa taa’an sirriitti hojiirra akka oolchu gaafatu.

Saamraawiit Girmaatiin

Gaazexaa Bariisaa Caamsaa 7/2013

Recommended For You