Keessummaan keenya maxxansaa kanaa hayyuu dinagdee Doktar Guutuu Teessooti. Doktar Guutuun Gaazexaa Bariisaa dabalatee miidiyaalee adda addaarratti dhimmoota dinagdeedhaan walqabatanirratti xiinxaluufi ibsa kennuun beekamu.
Hayyuun kun kanaan dura dhaabbilee mitmootummaa gara garaatti sadarkaalee hoggansaa gara garaatiin hojjechaa kan turan yoo ta’u, yeroo ammaa Gamtaa Awurooppaatti gorsaa olaanaa mootummaa Itoophiyaa ta’anii Hoggansa Sodaa Balaarratti hojjechaa jiru. Gaazexaan Bariisaas gaafdeebii hayyuu dinagdee wajjin taasise akka armaan gadiitti dhiyeesseera.
Bariisaa: Bakka dhalootaafi haala barnoota keessanii utuu nuu ibsitanii?
Doktar Guutuu: Godina Wallagga Lixaa, Aanaa Ayraa jedhamuttan dhaladhe. Barumsa koo sadarkaa tokkoffaafi lammaffaa bakkuma dhaloota koottan baradhe. Digrii koo tokkoffaa Yunivarsitii Haramaayaarraan Dinagdee Qonnaatiin fudhadhe.
Isa booda yeroowwan gara garaatti yunivarsiticharraa ikkonomiksiidhaan digrii lammaffaafi sadaffaa fudhadheera. Digrii koo sadaffaa biyya alaattan baradhe.
Bariisaa: Muuxannoon hojii keessanii maal fakkaata?
Doktar Guutuu: Dhaabbilee mitmootummaa gara garaa (‘Save the Children’ fi ‘world Vision’, keessaa hojjedheera. Dhaabbata ‘Save the Children’ keessatti ‘Emergency and Field Operation Manager’ ta’ee Itoophiyaafi Somaaliyaa kaabaafi Keeniyaa wajjin waggoota afuriif hojjedheera.
Dhaabbata ‘World Vision’ kan Riijinii Afirikaa keessa waggoota ja’aaf Naayiroobii taa’ee faalama qilleensaafi dandamannaa (‘Climate Change and Disasters Management’ irratti shojjechaan ture. ‘World Vision’ Itoophiyaatti deebi’ees hojjedheera.
Dhiyeenya kana ammoo dhaabbata mitmootummaa ‘Christian Fund Children’s of Canada’ Itoophiyaatti daariktara ta’ee waggoota lamaafi ji’oota lamaan darbaniif hojjedheera. Yeroo ammaa ammoo Gamtaa Awurooppaatti, oorsaa olaanaa mootummaa Itoophiyaa ta’een hoggansa sodaa balaarratti hojjechaa jira.
Bariisaa: Gamtichatti hoggansa sodaa balaatiin walqabatee maal hojjechaa jirtu?
Doktar Guutuu: Yeroon Naayiroobii waggoota ja’aaf turetti biyyoota saglan Afrikaa bahaa jiraniifi Afrikaa Lixaatii Gaanaa, Afrikaa gara kibbaatti ammoo Lesseettootti hoggansa sodaa balaafi saaxilamummaa faalama qilleensaa hir’isuurrattan hojjechaa ture. Yeroo ammaa muuxannoon qabuun mootummaa Itoophiyaa gargaaruuf dhufeen hojjechaa jira.
Gamtaan Awurooppaas imaammata Itoophiyaan ALA bara 2013 baafate akka hojiirra ooluuf deggersa humna namaa, gorsaa, teknikiifi maallaqaa taasisaa jira. Imaammaticha keessaa tokko hoggansa sodaa balaa waaltessuudha.
Gamtichi dandeettiifi ga’umsa sodaa balaa sadarkaa mootummaa federaalaa, naannoo, godinaaleefi aanaaleetti jiran cimsuun balaan yoo lolaa ykn waraanni mudate deebii hatattamaa akka kennan taasisuuf kan hojjetuudha. Baranumallee hoggansa sodaa balaa Oromiyaafi Amaaraatiif; karaa Hoggansa Sodaa Balaa Federaalaa naannolee Somaalee, Sidaamaafi Ummattoota Kibbaatiif deggersa yuuroo miliyoona 22 kenneera.
Balaan ongeen waajjiraalee qonnaa, qabeenya uumamaa, horsiisa beelladaa ni ilaallata. Balaan lolaa ammoo bishaan, jallisii, inarjii, fayyaafi barnoota ilaallata. Oggaa balaan mudatu sektaroonni baay’een waan qooda fudhatuuf hoggansa sodaa balaa waaltessuu qofa osoo hintaane idileessuun barbaachisaadha.
Gamtaan Awurooppaa imaammata Itoophiyaan ALA bara 2013 baafatte akka hojiirra ooluuf deggersa maallaqaafi humna namaa taasisaa jira. Gamtichi ALA bara 2020 Oromiyaa aanaalee 10 keessatti pirojektii bishaan dhugaatii qulqulluu ijaarameera, aanaalee sadii keessatti ammoo jallisii ijaarameera. Kana malees hoomaa awaannisa gammoojjii godinaalee Harargee Bahaafi Lixaa mudateefi lammiilee Wallagga Bahaafi Lixaarraa buqqa’aniif deggersa maallaqaa taasiseera.
Gamtichi waajjiraalee hoggansa sodaa balaa sadarkaa federaalaa, naannoo, godinaafi aanaatti jiran yeroo balaan mudatu utuu yeroo hinfudhatin sadarkaa jiranitti deebii hatattamaa kennuufi saaxilamummaa balaa hir’isuuf dandeettii, ga’umsa, humna namaa, qabeenyaa, geejjibaafi meeshaalee barbaachisoo akka horatan taasisuurratti xiyyeeffatee hojjechaa jira. Anis waajjiraalee hoggansa soda balaa sadarkaa mootummaa federaalaatii hanga naannootti jiraniif gorsaafi qajeelfama ijaarsa dandeettii kennuudhaan deggeraan jira.
Bariisaa: Hoggansi sodaa balaa Itoophiyaa tajaajila kennaa jiruun sadarkaa akkamiirratti argama?
Doktar Guutuu: Waajjirri hoggansa sodaa balaa Itoophiyaa yeroo balaan mudatu deebii hatattamaa kennuuf waggoota hedduu dura hundaa’e. Waajjirichi balaa mudateef deebii hatattamaa kennuu qofa osoo hintaane utuu balaan hinmudatin dursee akeekkachiisuun saaxilamummaa hir’isuufis hojjechaa jira.
Dhaabbileen mitmootummaa Ameerikaa, Ingiliz, Awurooppaa, Baankii Addunyaafi mootummoota gamtoomaniis waajjirichaaf deggersawwan gara garaa taasisaa jiru.
Gamtaan Awurooppaa deggersa doolaara miliyoona dhibboota hedduun lakkaa’amu dhaabbilee mitmootummaa taasisan waltajjii tokkootti fidanii waliin hojjechuuf waliigalteerra gaheera. Waldaan Fannoo Diimaa Addunyaas hojii kana keessatti hirmaachaa jira.
Bariisaa: Balaawwan uumamaafi namaan uumamu dursanii ittisuun akkamitti danda’ama?
Doktar Guutuu: Itoophiyaa keessatti saaxilamummaan balaa seenaa yeroo dheeraa qaba. Itoophiyaan yeroo jalqabaatiif ongeef kan saaxilamte Dhaloota Kiristoos dura bara 215 ture. Bara sana ongeen waggaa 20fi 10tti al tokko dhufa ture.
Se’ana garuu ongeen waggaa waggaadhaan mudachaa jira. Baranumallee naannoleen biyyattii ongeedhaan miidhaman hedduudha. Naannoon Somaalee, Affaariifi godinaaleen Oromiyaa Booranaafi Gujiin kutaalee biyyattii ongeedhaan daran hubamaniidha. Balaan ongee kun waggaatti ummata miliyoonaan lakkaa’amu miidhaa jira.
Balaan lolaa dur seenaa Itoophiyaa keessa mul’atee hinbeekne ALA bara 2006 Dirre Dhawaatti uumamee ture. Balichaan lubbuu lammiilee, qe’eefi qabeenya hedduun badeera. Bara sanaa kaasee naannoo Oromiyaa, Ummattoota Kibbaa, Gambeellaatti miidhaa hamaa qaqqabsiiseera. Bakkawwan dur saaxilamummaa balaa lolaatiin hinbeekamnettillee daran hammaachaa dhufeera.
Waggoota shanan darbanii as ammoo hoomaan awaannisaa aanaalee tokko tokkotti omisha qonnaarratti qisaasama harka 60 hanga 70tti qaqqabsiiseera. Diilalli cabbiis (frost) Godina Shawaa Kaabaafi Baaleetti hammaachaa dhufeera. Dhukkuboonni beelladootaa, namootaafi biqilootaas yeroo gara yerootti dabalaa dhufuun balaa uumamaa wajjin walqabatu.
Balaawwan namni uume loliisa daangaadhaan walqabateen buqqaatiin lammiilee yeroo gara yerootti dabalaa dhufeera. Waggoota lamaan sadan darbanitti rakkoo balaan ongee Itoophiyaatti fidu caalaa balaan sababa walitti bu’iinsaatiin qaqqabaa tures ni eerama.
Itoophiyaan buqqaatii lammiilee biyya keessaatiin sadarkaalee dura keessatti argamti. Rakkoon gama kanaan jiru dinagdee, hawaasummaafi siyaasa biyyattiirrattis miidhaa guddaa geessisaa jira.
Saaxilamummaa balaa uumamaafi namtolchee biyyattii hir’isuu dadhabuun keenya akka sabaatti, mootummaatti, mitmootummaafi lammiilee biyyattii hundaaf salphina. Bokkaa dhabuu jechuun beela jechuu miti. Biyyootni addunyaa lageeniifi bokkaa hinqabne hinbeel’an hindheebotanis.
Rakkoon keenya guddaan sodaa balaa dursinee akeekkachiisuufi qophii barbaachisu taasisuu dhabuu keenya. Fakkeenyaaf hoomaan awaannisa gammoojjii utuu biyya kana hindhufin ji’a saddeet dura mootummaan Itoophiyaafi caasaaleensaa akkasumas, Dhaabbanni Ittisa Awaannisa Gammoojjii Afrikaa Bahaa Finfinneetti argamu quba qabaatanis qophii duraa waan hingooneef miidhaa guddaa qaqqabsiiseera.
Walitti bu’iinsa daangaa Somaaleefi Oromiyaarraa barannee utuu dursinee of qopheessineerra walittibu’iinsota biroo hinkeessummeessinu ture. Biyya kanatti xiyyeeffannaa olaanaan kan kennamu siyaasaafi dhimmoota isaan walqabataniifi.
Rakkoolee mudatanirraa baratanii utuu rakkoon hinuumamin durasanii irratti hojjechuun biyya keenyatti hinbaratamne. Utuu dursee raagnee irratti hojjennee balaa ongeetiin re’ee tokkoyyuu hinduutu ture.
Bariisaa: Omishniifi omishtumman qonna biyyattii maal fakkaata? Damichi dinagdee utubuu keessatti qooda akkamiis qaba?
Doktar Guutuu: Omishaafi omishtummaan qonna biyyattii fooyya’ina qaba. Utuma omishaafi omishtummaan qonnaafi lafti qotamu dabaluu ummata biyyattii miliyoona 120 ta’u sirnaa qallabuun hindanda’amne. Ta’us omishaafi omishtummaan qonna biyyattii fooyya’iinsa agarsiiseera jennee fudhachuu ni dandeenya.
Dur heektaara tokkorraa omisha kuntaala sadii hanga shaniitu argamaa ture. Yeroo ammaa garuu lafa heektaara tokkorraa callaan kuntaala 50 hanga 70tti argamaa jira. Kun qonnaan bultootaafi horsiisee bultoota leenjisuudhaan, sanyii filatamaafi gudhistuu callaafi yaaliin teknolojiiwwan qonnaa dhiyeessuuf taasifameen bu’aa argameedha. Dhaabbileen qorannoo qonnaas sanyii ongeefi lolaa dandammatu dhiyeessaa jiru. Kunniin hundi walitti ida’amanii omishaafi omishtummaa qonna biyyattii fooyyessaniiru.
Sadarkaa guddina qonna biyya keenyaa kan biyyoota ollaa waliin yoo madaalle qonnaan bulaan keenya akkuma waggaa 100 duraa gindoo, sangaa, harreefi fardaan qotaa jira. Qonnaan bulaan harki caalu harkaan qota, harkaan arama, harkaan sassabee galcha. Akkuma waggaa dhibba har’aa omishni qonnaa keenya harkaa gara afaaniiti.
Bara biyyoonni biroon wabii nyaataatiin of danda’uurra darbanii addunyaa qallabaa ykn omisha irraa hafaa omishanii galaanatti naqanitti nuti biyya wabii nyaataatiin of dandeesse ijaaruu dadhabne. Biyya keenyatti sanyii filatamaa, xaa’oofi lafa argachuun siyaasa.
Hanga qonni siyaasummaarraa adda hinbaanetti wabii nyaataa mirkaneessuun hindanda’amu. Omisha qonnaatiin biyyoota ollaa Keeniyaa, Sudaaniifi Misirii gad taanee jirra. Omishni qonnaa keenya har’as ongee, lolaafi awaannisa gammoojjiitiif saaxilamaadha. Qonni keenya teknolojiidhaan waan hindeggeramneef hanga fooyya’uu, guddachuufi misoomuu qabu waan hinmisoomneefi hiyyummaa keessaa nu baasuu hindadeenye.
Bariisaa: Ittifayyadamni misooma jallisii biyyattii maal fakkaata?
Doktar Guutuu: Waanti nama dhibu bishaan Itoophiyaa keessaa gara biyyoota ollaatti yaa’u malee ollaadhaa gara Itoophaatti dhangala’u hinjiru. Lageen kanneenitti sirnaan fayyadamnu hindandeenye. Lageen Mormor (Abbayyaa), Fincaa’aa, Daabus, Baaroo, Shabalee, Awaash utuu qabnuu beela’uun salphina.
Lafa biyyattii jallisiidhaan misoomuu danda’u keessaa hanga ammaatti %15 hinmisoomsine. Laga Mormor Haroo Xaanaarraa ka’ee hanga Sudaanitti yaa’u misooma jallisiitiif ittifayyadamnee hinbeeknu. Laga Awaash, Gannaalee, Daabusiifi Baaroorraa bakka xiqqoo qofa misooma jallisiif fayyadamne.
Bariisaa: Haalli ittifayyadama qabeenya uumamaa keenya ammoo maal fakkaata?
Doktar Guutuu: Waggaa 40 dura uwwisi bosona biyyattii harka 40 ture. Qabeenya kanatti waan seeraan ala fayyadamneef har’a harka afuriifi shanitti gad bu’eera. Akki nuti qabeenya uumamaa keenya ittiqabannuufi fayyadamnu daran boodatti hafaadha. Haalli ittifayyadama qabeenya uumamaa keenyaa nama diinummaadhaan biyyarratti bobba’e fakkaata.
Bariisaa: Horsiifniifi ittifayyadamni qabeenya beelladootaa keenyaa ammoo maal fakkaata?
Doktar Guutuu: Itoophiyaan qabeenya beelladaatiin Afrikaarraa tokkoffaadha jennee odeessina. Sadarkaa kana akka qabannu kan nutaasise horsiisee bultoota. Garuu xiyyeeffannoon horsiisee bultootaaf kenname daran gadaanaadha.
Qabeenya beelladootaa qamnuttis seeraan fayyadamaa hinjirru. Sangaa qabnu lubbuuusaatiin kottee, lafee, gaafa, gogaafi mi’a garaasaa wajjin biyya Arabaatti gurguraa jirra. Lafeen sangaa xaa’oo ta’uurra darbee waantota baay’eedhaaf fayyada. Sangaa kana utuu foonsaa, lafeesaa, kotteesaa, gaanfasaa, gogaasaa qofa qofaatti sona itti daballee gurgurree biyyattiif sharafa alaa guddaa argamsiisa.
Akaakuuwwan beelladootaa Itoophiyaa keessa qofaatti argaman kanneen akka loowwan Booranaa qabna. Loon Booranaa kanaan kan beekamu garuu biyyoota ollaati. Har’a Jibuutiin Wiirtuu Alergii Beelladootaa hundeessiteetti. Nuti garuu qabeenya beelladootaa keenya seeraan ittifayyadamuurratti hanqina guddaa qabna. Oggaa ongeen mudatu beelladoota kuma 500 ta’an ajjeesee darba.
Bariisaa: Qonna biyyattii ammayyeessuufi maaltu hojjetamuu qaba jetturee?
Doktar Guutuu: Qonna biyyattii ammayyeessuufi omishaafi omishtummaasaa guddisuuf qonnaa akka galtee siyaasaatti ittifayyadamuun hafuu qaba. Qorannoowwan damicharratti adeemsifaman sirnaan hojiirra oolchuufi qonna saayinsiifi teknolojiidhaan deggerame taasisuu qabna. Omishaafi omishtummaa qonnaa keenyattis sona dabaluun gabaa biyya keessaafi alaatiif dhiyeessuu barbaachisa.
Ummata biyyattii %85 qonnan bulu harka caalu gara industirii, sarvisiifi sektaroota biroo geessuudhaan hojiin qonnaa haala ammayaa’een qonnaan bultoota muraasaan adeemsifamuu qaba. Qonna faalama qilleensaa dandammatus hordofuu qabna. Yoo akkas ta’e malee qonni keenya ammayyaa’uufi gabaarratti kan xiyyeeffate ta’uu hindanda’u.
Qonni keenya ittiin bulinnaarraa gara ittiin duroomuutti ce’uufi gabaarratti xiyyeeffachuu qaba. Biyyoota birootti qonni daldala. Biyyoonni Ameerkaa Kibbaa fuduraafi muduraa omishanii Ameerkaatti erguu qofaan jiraatu. Israa’eel ammoo jallisii cophaatiin kuduraafi muduraa omishtee addunyaa qallabdi. Qonni ammayaa’eefi gabaarratti xiyyeeffate madda galii ittiin qabeenya guddaa horataniidha.
Aadaan hojii ummata keenyaas jijjiiramuu qaba. Lafatti gad facaasanii utuu hinaramin haamuuf ykn sassaabuuf deemuun dhaabbachuu qaba. Humna sa’aatii 24:00 hojii qonnaarratti hirmaatu horachuu qabna. Aadaafi amaleeffannaan hojii keenyaa jijjiiramuu qaba. Ji’a lamaafi sadii hojjechuurraa gara guyyoota 365 hojjechuutti ce’uu qabna.
Bariisaa: Maddoonniifi furmaatni qaala’iinsa gatii biyyattii mudatee maalinni?
Doktar Guutuu: Sirna nuti baroota dheeraadhaaf hordofaa turre abbootiin qabeenyaa jajjaboon qonnarratti bal’inaan akka hinhirmaanne taasisaa ture. Akkasumas gabaa dorgomaan akka hinjiraanne taasisuun abbootiin qabeenyaa mursaasni dinagdee biyyattii hudhanii akka qaban taasiseera.
Walitti bu’iinsonni biyyattiitti uumamaa turanis omishtummaan akka qisaasa’u, warshaaleen akka cufamaniifi abbootiin qabeenyaa akka hinguddanne taasiseera. Hojiin qonnaas sirnaan adeemsifamaa waan hinturreef omishni gahaan akka hinomishamne.
Dhibeen koviid-19 hunda keenya manatti galchuudhaan sektara tajaajilaa, industiriifi qonnaa laamshesseera. Har’a rakkinicha keessaa ba’uun gaara nutti ta’eera. Addunyaanis dhibee kanaan walqabatee rakkoo cimaa keessa jirti. Hoomaan waannisa gammoojjii mudates omishaafi omishtummaa keenyarratti dhiibbaa uumeera.
Waggoota kurnan darban qarshiin Itoophiyaa %120 oliin kan gad bu’e yoo ta’u, gatiin boba’aa dabaluun walqabatee qaala’inni jireenyaa mudateera.
Bariisaa: Rakkoo qaala’ina jireenyaa kana keessaa akkamitti ba’uun danda’ama?
Doktar Guutuu: Rakkoo kana keessaa ba’uuf furnaatni jalqabaa siyaasa biyyattii dhukkubsatee fayyisuudha. Siyaasni biyyattii hinfayyu taanaan samiin tarsa’ee qabeenyi guutuun yoo dhangala’e, qaala’ina jireenyaa biyyattii furuufi dinagdeeshee fooyyessuu hindanda’u. Maallaqa biyya kanaa jijjiiruunis hojii yeroosaa malee raawwatame waan ta’eef qaala’inni jireenyaa akka mudatu taasiseera.
Bariisaa: Bu’aafi rakkoon ijjiiramuu qarshiitiin walqabatee dhufe akkamitti ibsama?
Doktar Guutuu: Biyya kamuu keessatti rakkoon dinagdee yoo mudate qarshii jijjiiruun filannoo isa dhumaati. Maaliif yoo jenne baasiinsaa guddaadha, akkaataan itti jijjiiraniifi raabsan yeroo dheeraa waan fudhatuufi. Namootni qarshii haaraa maxxanfame waliin dafanii waan walhinbarreef namootni maallaqa sobaa hojjetanii gabaatti naqaa turan.
Qarshiin kun jijjiiramuusaatiin garuu qarshiin seeraan ala harka nama dhuunfaa ture akka gatii dhabu taasiseera. Qarshii biiliyoona 113 ol baankiidhaa ala ture hangi ta’e akka sassaabamu taasiseera. Kanarraa kan hafe rakkoo sektara faayinaansii biyya kanaa wajjin walqabatee jiru haala gaariin fureera amantaa jedhu hinqabu.
Bariisaa: Rakkoo hojidhabdummaa biyyattii mudatee jiru kana akkamitti furuun danda’ama?
Doktar Guutuu: Rakkoon hojdhabdummaa biyya kanaa imalli ce’umsa qonnarraa gara industiriitti taasifamu lafarra harkifachuurraa madda. Carraa hojii bal’aa uumuuf sadarkaa tokkoffaarra kan jiru industiriidha.
Rakkoo hojdhabdummaa kana furuuf nageenya biyyattii mirkanaa’uu qaba. Mootummaan yeroo hundaa waa’ee nageenyaa yaada taanaan hojii dinagdee, qonnaafi misoomaa hojjechuuf yeroo hinqabu. Kanaafuu rakkoo waloo keenyaa kan ta’e nagaafi tasgabbii buusuuf wajjummaan hojjechuun dirqama ta’a.
Natsaannat Taaddasaatiin
Gaazexaa Bariisaa Caamsaa 7/2013