Mariin Gumii Balal Waajira Pirezidantii Mootummaa Naannoo Oromiyaatiin qophaa’ee torbanitti al tokko dhiyaatu har’a mataduree “Federaalizimii fi Ijaarsa Biyyaa” jedhuun geggeeffameera.
Marii kana irratti yaada ka’umsaa kan dhiyeessan Dr. Brihaanuu Leenjisoo, Ogeessaa Saayinsii Hawaasaafi Dura ta’aa Piraayim Miidiyaa yeroo ta’u, marii kana kan geggeessan ammo Obbo Daani’eel Asaffaa, Gorsaa Dhimmoota Seeraa Waajjira Pirezidantii Mootummaa Naannoo Oromiyaati.
Dr. Brihaanuun yaada ka’umsa mariichaa yeroo dhiyeessan qabxiilee ijaarsa mootummaa biyyoolessaa (state formation), ijaarsa biyyaa (nation building) fi federaazimii ilaallatan irratti xiyyeefatan. Qabxiile gurguddon Gumii Balal har’aa irratti ka’an akka armaan gadiitti dhiyaatu:
– Yaadni ijaarsa mootummaa biyyoolessa (State Formation) seena keessatti jaarraa 17fa Awuroophaa keessa jalqabe. Biyyootni mootumma biyyoolessaa of danda’e ijaarratan kun Empaayiroota burkata’an irraa maddan.
– Ijaarsi mootummaa biyyoolessaa seena ilma namaa keessatti kalaqa isa guddaa akka ta’e himama.
– Afriika keessatti seenaan mootummaa biyyoolessaa ijaaruu akka hambaa koloniyaaliziimitti (gita bittoota Awuroophaa) ilaalama.
Biyyootiin daangaan jaraa humna koloneeffattotaatin uumaman har’a mootummoota biyyoolessaa ta’anii hafaniiru.
– Mootummaan Itoophiyaa ammayyaa injifanno Aduwaa booda giddu-gala Shawaa irraa ka’ee babal’ataa daangalee amma jiran haammate.
Ijaarsi mootummaa biyyoolessaa Itoophiyaa hambaa gita-bittootaa Awuroophaa yookiin bu’aa Empaayiroota kufanii irraa adda.
– Babal’achuun mootummaa giddu-galeessa Shawaa kaayyoon isa inni olaanaa lafa qabachuu ture. Haa ta’u malee adeemsi kun rakko gurguddaa lama uumeera: rakkoo lafaafi rakkoo aadaa fi afaanii.
Sabaafi sablammoonni kibbaa mootummaa giddu galeessa jala seenan balaa aadaafi afaan isaanii dhabuu keessa seenanii turan.
– Rakkooleen ijaarsa mootummaale biyyoolesaa wajjin wal qabatan qaama seena biyyoota adda addaati malee kan keenya qofa miti.
– Biyya ijaaruu (nation building) soooftweerii ijaarsa mootummaa biyyoolessaa uumuuti. Uummata daanga biyya tokkoo keessa jiraatuuf waan waloo uumuu jechuu dha. Yaalii biyya ijaaruu keessatti rakkoolen uumaman baayye turan.
– Adeemsa ijaarsa mootummaa biyyoolessaa Itoophiyaa keessatti rakkoo inni guddaan “Nuffii” inni uume. Ijaarsa biyya jechuun adeemsa nuffii kanaaf furmaata kennuu jechuu dha. Kan miidhe dhiifama gaafatee, kan miidhames fuuldura mil’achaa waliin deemuun barbaachisa dha.
– Seenaa ijaarsa mootummaa biyyoolessaa keessatti gaga’amni guddaan hanga yoonaa uumame mootummaa fudhatama hundaa qabu uumuu dha. Kun gaaga’ama isa jalqabaa ti.
– Mootummaan fedha uummataa guutuun filatames jiraachuun dhabuus qaama gaaga’ama kanaa ture.
– Sirni federaraalizmii muffii fi aarii uummattoota biyya keenya keessa tureef furmaata kennuuf dhaabbate. Kanaafu federaalizimii kana akka qaama ijaarsa biyyaatti ilaaluu ni dandeenya.
– Sirni federaalizimii uummattoota adda addaaf, aadaa fi eenyummaa isaaniiti beekamti kenna. Kun mufii jiru hambisuun sabaaf sablammiileen adda addaa gammachuun harka wal qabatanii biyya ijaaruu keessattu akka hirmaatan taasisa.
– Sirna federaalizimiifi sirna mootummaa giddu-galeessaa (ahadawi) wal bira qabnee yoo ilaallu, sirnoonni kun lamaan yoo dimokiraasin hin jirre bu’aa hin qaban. Sirnoonni lamaan heera biyyaa irraa aangoo argatu.
Sirna Federaalizmii keessatti mootummaan federaalaa fi mootummaaleen naannoo heera mootummaa irraa aangoo argatu. Sirna giddu-galeessaa keessatti garuu aangoon mootummoota naannoo heeraa biyyaa irra hin maddu.
– Waluma galatti rakkoolee ijaarsa biyya keenyaa bakka sadiitti qoodnee ilaaluun ni danda’ama: Seenaa, jaarmiyaaleefi hooggansa.
– Ijaarsi mootummaa biyyoolessaa Itoophiyaa keessatti walii galtee seenaa dhabuun rakkoo isa olaanaa dha.
Rakkoon kun gareeleen adda addaa seena gara barbadanitti akka jal’isanii barreessan taasiseera. Gareen tokko seenaan biyyattii waggota dhibbaaf shantama hin caalu yeroo jedhu, kaan ammo seena waggoota kumaa oli qaba jechuun wal morku.
Gareen lamaanuu walirraa mufii qabu. Adeemsa rakkoo ijaarsa mootummaa biyyoolessa hiikuu keessatti seenaa keenya kana keessatti rakkoo waliigaltee dhabuu mul’atu furuun barbaachisaa dha.
– Biyya keenya keessatti namoota aangoo qaban malee dhaabbileen ciccimoon hinjiran: dhaabbileen hanga hin jirretti, biyya sabaafi sablammiilee hedduufi fedhii addaa addaa qabdu walitti fidanii ijaaruun rakkisaadha.
– Rakkoo hooggansaa: Rakkoon kun bara dheeraaf biyya keenya keessatti madda rakkoole baayye ta’eera. Waggoota dhiyoo asitti waanti uumame garuu rakkoo kana suuta suuta kan furaa jiru fakkaata.
Hoggansi akka Muummucha Ministeera Dr. Abiyyi nama dandeetti hooggansaa cimaa qabanii jechuun ni danda’ama. Hoggansa kana jalatti rakkoon ijaarsa jaarmiyaalee hiikuu jalqabamee jira. Jalqabbiin kun ijaarsaa biyyaatiif baayyee barbaachisaa dha.
Gaazexaa Bariisaa Caamsaa 7/2013