Finfinnee: Mariin Balal marsaa 4fa mataduree “Hidha Haaromsaa Guddicha Itoophiyaafi Kabaja Biyyaalessaa” jedhuun dheengadda Waajjira Pirezidaantii Oromiyaatti geggeeffameera.
Maricharratti yaadni ka’umsa marii Dubbii Himaa Ministeera Dhimma Alaa Itoophiyaa Ambaasaaddar Diinaa Muftiin kan dhiyaate yoo ta’u, hirmaattota marichaa yunivarsitiiwwan Finfinnee, Amboo, Ministeera Dhimma Alaafi waajjiraalee mootummaa gara garaarraa dhufaniin marii bal’aan adeemsifameera.
Ambaasaaddar Diinaan akka jedhanitti, Lagi Abbayyaa %86 Itoophiyaa keessaa madda. Misir laga kanaaf bishaan gumaachitu tokkoyyuu utuu hinqabaatin %85 itti fayyadamaa kan jirtu yoo ta’u, Itoophiyaan garuu waan fayyadamte tokkoyyuu hinqabdu.
Misir waggoota
hedduuf lagichatti qofaashee fayyadamaa waan turteef akka qabeenyaa
dhuufaasheetti ilaalti. Itoophiyaan lagicharra akka hinfayyadamneef ammoo
danqaalee gara garaa uumaa turte; uumaas jirti.
Misir Ijaarsi Hidha Haaromaa Guddicha Itoophiyaa laga Abbayyaarratti ijaaramaa jiru gufachiisuufis humna keessaafi alaatti fayyadamtee Itoophiyaa keessa nageenyiifi tasgabbiin akka hinjiraanne taasisaa jirti. Ijaarsi hidhichaa garuu Masiriin yoo fayyade malee waan miidhu hinqabu.
Ijaarsa hidhichaa duraan deggeraa kan turte Sudaan yeroo ammaa yaadashee jijjiiruun Masiriin gargaartee Itoophiyaatti duulaa jirti kan jedhan dubbi himichi, hidhichi Sudaan balaa lolaatiif akka hinsaaxilamne waan taasisuuf mormuu utuu hintaane deggeruun akka irra ture eeran.
Ijaarsi hidhichaa xumuramee wayita ibsaa maddisiisuu jalqabus Itoophiyaarra darbee Sudaan dabalatee biyyoota olaallee ni tajaajila. Hidhichi Sudaaniifi Misir miidhaa kan hinqaqqabsiifne ta’uun qorannoodhaan mirkanaa’eera. Masir garuu dhugaa kana fudhachuu hinbarbaaddu. “Misir hanga ilaalcha Itoophiyaan laga Abbayyaarraa fayyadamuu hinqabdu jedhu hinjijjiiretti gara waliigalteetti dhufuu hindanddeessu” jedhu.
Misir laga Abbayyaatti fayyadamuudhaan ummatnishee %100 tajaajila elektirikii akka argatu taasifteetti kan jedhan ambaasaaddarichi, ummatni Itoophiyaa %65 garuu ammayyuu tajaajila elektirikii hinarganne.
Itoophiyaan mariin ijaarsa hidhichaa biyyoota sadan gidduutti geggeeffamaa jiru Gamtaa Afrikaatiin ilaalamee waliigalteerra akka gahamu barbaaddi. Masir garuu Ameerkaan akka gidduu galtu barbaaddi. Dhimmi biyyoota Afrikaa biyyootuma ardichaatiin ilaalamuu qabu jedhu.
Dhimmi ijaarsa hidha haaromaa kan mootummaa biyya bulchaa jiruu qofa osoo hintaane dhimma hunda keenyaa ykn biyyaa ta’uu hubachuu qabna jedhanii, Misir bishaanicha akka qabeenya dhuunfaasheetti akka ilaaltu kan taasise waliigaltee bara kolonii Masir laga Abbayyaarraa %35 Sudaan ammoo %18 akka fayyadamtuuf waliigalame ta’uu eeru.
Misir utuu hanqinni bishaanii ishee yaaddesseera ta’ee qabeenya bishaan lafa jalaa guddaa qabdutti fayyadamuuf karoora baafatti ture.
Misir dhimma Laga Abbayyaarratti Itoophiyaa waliin waliigaltee uumuurra biyyoota Arabaafi ollaa waliin walitti nu buusuu barbaaddi kan jedhan ambaasaaddarichi, Itoophiyaan haqa laga Abbayyaarratti qabdu ummata biyyyattiis ta’e addunyaas sirriitti hubachiisuu qabdi.
Ummatni biyyattii Laga Abbayyaarratti hubannoo gahaa akka qabaatuuf miidiyaaleen afaanota adda addaatti fayyadamuun hubannoo gahaa uumuu akka qaban yaadachiisaniiru. Ummatni keenya faayidaa biyyaalessaafi fedhii siyaasaa adda baasee beekuu qaba. Tokkummaa biyyaalessaa uumuun, misoomaafi guddina biyyaaf hojjechuun faayidaa biyyaalessaa waliin kan walqabatu ta’uu himu.
Daariktara Ittaanaa Dhaabbata Qorannoo Imaammataa Afrikaa Bahaa Doktar Biraanuu Leenjisoo akka jedhanitti, ijaarsi hidhichaa milkeessuun kabajaafi birmadummaa biyyattii daran akka dabalu kan taasisu waan ta’eef tokkoon tokkoon keenya gahee nurraa eegamu bahachuu qabna.
Hojiin dippilomaasii keenyaas fooyya’uu qaba. Tokkoon tokkoon keenya keessumaa dhimma Laga Abbayyaarratti hubannoo gahaa qabaachuun ambaasaaddara biyyattii ta’uu qabna. Kun hojii fedhii keenyaan hojjennuudha jedhu.
Yunivarsitii Ambootti, Barsiisaafi Ittigaafatamaa Hariiroo Idil-addunyaa Obbo Seenessaa Damisee akka jedhanitti, Itoophiyaan dhugaafi haqa qabattee biyya sobaafi yaada dogoggoraa qabattee jirtu Masir waliin dorgomaa jirti.
Sagaleen guddatee dhaga’amaa jiru garuu kan Misiri. Itoophiyaan dhugaa qabdu biyyoota addunyaatti dhageessifachuufi mirga Laga Abbayyaa misoomsuufi itti fayyadamuushee mirkaneeffachuuf ijaarsa hidhichaa xumuruun dirqama ta’uu dubbatu.
Daarikteera Diyaaspooraa ta’anii Waajjira Pirezidaantii Oromiyaatti Tajaajilaa kan jiran Obbo Amiin Jundii akka jedhanitti, lammiileen Itoophiyaa biyyoota alaa jiraatan dhimmoota adda addaarratti yaada gara garaa qabaatanis dhimma laga Abbayyaafi ijaarsa hidhichaarratti yaada tokko qabu, deggersa cimaas taasisaa jiru.
Ji’oota saddeet darban keessa qofa ijaarsa hidhichaaf deggersa doolaara miliyoona 40 galii taasisaniiru. Jalqabarraa kaasanii ijaarsa hidhichaaf deggersa taasisaa jiru. Kun ijaarsi hidhicha ajandaa waloo ta’uu agarsiisa jedhu.
Gamtaa Afrikaarraa kan dhufan Obbo Muusaa Sheekoo akka jedhanitti, Misir Industirii Miidiyaa guddaa kan qabdu yoo ta’u, televiizhinii 200 qabdi. Miidiyaalee qabdutti fayyadamuudhaan Itoophiyaarratti duula geggeessaa jirti.
Dhiibbaan Misir Itoophiyaarratti geesisaa jirtu kan duraaniirra cimeera. Masir Sudaan keessaan dubbachaa jirti. Ummatni keenyas dhimma Laga Abbayyaa ykn ijaarsa hidhichaarratti hubannoofi ejjennoo cimaafi walfakkaataa qabaachuu qabna.
Miidiyaaleen biyya keenyaas dhimma Laga Abbayyaarratti xiyyeeffatanii afaanota adda addaatiin hojjechuu qabu. Lagi Abbayyaa kan naannoo tokkoo osoo hintaane qabeenya biyyaa ta’uusaas hubachiisuu qabu jedhu.
Hirmaattonni marichaa tokko tokko yaada kennaniin akka jedhanitti, biyyi kamuu mirga qabeenya uumamaasheetti fayyadamuu qabdi. Itoophiyaan Laga Abbayyaatti fayyadamuun mirga qofa osoo hintaane dirqamas. Ijaarsa hidhichaa xumursiisuun kabajaa Itoophiyaa sadarkaa addunyaatti beeksisu waan ta’eef hundi keenya gumaacha nurraa eegamu bahachuu qabna.
Miidiyaaleen elektironiksiifi maxxansaa biyyattiis dhimma laga Abbayyaarratti xiinxalaafi qorannoo gadfagoo ragaarratti hundaa’e hojjechuun ummata biyyattiis ta’e biyyoota alaa hubachiisuuf cimanii hojjechuu akka qaban yaadachiisaniiru.
Dhimmi laga Abbayyaa dhimma biyyaa ta’uurra darbee kan ardiifi addunyaa ta’eera. Yaadota dogoggoraa Masir laga Abbayyaarratti dhiyeessan hordofnee deebii kennuu qabna. Haala kamiin deebii akka kenninuufirratti ammoo waliin mari’achuu qabna. Lagni abbayyaa mootummaafi paartii siyaasaa kamirraayyuu adda waan ta’eef dhimma laga Abbayyaarratti ilaalcha tokko qabaachuu qabna jedhaniiru.
Natsaannat Taaddasaatiin
Bariisaa Ebla 30 Bara 2013