Qaala’iinsi jireenyaa umurii dheeraa qaba. Biyyoottan hedduu bitaattessee har’a nucina ga’e. Namootni gama kanaan qoratan akka addeessanitti rakkoon kun kan har’a eegale utuu hinta’in rakkoo addunyaa bara dheeraa, dawaa walfakkaatuun tokkichaan yaalamee bara baraan kan dhibamsiifamus akka hintaane seenaa keessaa hubachuun nidandaa’ama.
Biyya Roomaa (Xaaliyaanii har’aa) keessatti bara 54 eegalee mallaqni meetii qulqulluurraa hojjetame harka namootaa keessa galee ture. Haa ta’u malee irraa jalaan maallaqni kun baay’atee namoota hunda harka akka galuuf jecha yerootii gara yerootti sibiila kna biraa itti ida’uun qulqullinni isaa gadi bu’aa deemeera. Maallaqni sun gatiin isaa isuma duraa meetii qulqulluu irraa hojjetamee wajjin kan walfakkaatu yoo ta’ellee bara 270 keessa meetiin keessaa bade sibilaa qofa ta’eera.
Inni kun qulqullinnisaa yerootii gara yerootti gadi bu’aa deemee dhuma irratti sibila qafa taasiseera. Akkasumas Chaayinaa, Misir, Awuroophaa Lixaafi biyyoota adda addaa keessatti maallaqni baay’inaan gabaatti gadi dhiifamuu wajjin walqabatee qaala’iinsa jireenyaaf sababa ta’aniiru.
Dhaabbatni International Monetary Fund jedhamu haala qala’iinsa jireenyaa ilaalchisee biyyoota tarreesse keessatti biyyi keenya argachuun nama hindhibu. Fakkeenyaaf biyyoota Afriikaa muraasa haala qaala’iinsa jireenya biyya isaanii waggoota sadan darban keessatti maal akka fakkaatu yoo ilaallu baay’een isaanii attamitti jiraatan jennee akka ajaa’ibsiifannu nutaasisa.
Fakkeenyaaf qaala’iinsi jireenyaa Sudaan Kibbaa bara 2017tti %187.6 kan ture yoo ta’u, hanga ammaatti waan sadarkaa tokkoffaa irra jirtu fakkaata. Sudaan Kibbaatti aansuu sadarkaa guddaa irra kan jirtu Sudaan yoo taatu, dhibbantaa 51’n ittifufti. Akkasumas biyyoota hedduu kan akka Laayibeeriyaa dhibbantaa 23.6; Angoolaan dhibbeentaa 17.1, Misir (bara 2018) dhibbeentaa 14.4, Naayijeeriyaa dhibbantaa 11.4, Zimbaabuween dhibbeentaa 10.6 yeroo ta’u Itiyoophiyaanis naannoo dhibbeentaa 15n tarree biyyoota qaala’iinsi jireenyaa hammaate keessa jirti.
Inni kun akka biyya Afriikaatti muraasa qofa kaafne malee kan kana caalanis danuudha. Haa ta’u iyyuu malee rakkoon qaala’iinsa jireenyaa kun maalii? Maaliif qaala’iinsi akkasii uumamee? Akka biyyoottan hedduu keessatti mul’atu ga’een baankii biyyoolessaa maalii?
Qaamni dhimmi kun ilaallatu rakkoo kanaaf deebii maalii kennaa? Gatiin nyaataa danuun isaanii yeroo ammaa kutaa biyyaa dabalatee yoo xiqqate dhibbeentaa dhibba tokkoo oliin ji’a muraasa keessatti dabaluun burqaan isaa eesssaa? Yeroo rakkoon akkasii mudatu muuxannoon biyyoottan addaa addaa maal fakkaataa?
Qaamni dhimmisaa ilaallatu maaliif tasgabbeessuu dadhabee? As keessatti fayyadamaafi miidhamaan eenyuu? Walumaagalatti gaaffii hedduu qabaachuu dandeenya. Akkuma beekamu qaala’insi jireenyaa karaa lamaan biyya tokko mudachuu danda’a. Inni tokkoffaan yeroo gosi nyaataa, gosa nyaataa alaafi tajaajilli garaa garaa fedhii uummataa wajjin walgituu dadhabu (demand-pull) kan uumamu yeroo ta’u, inni lammaffaan ammoo haalotni ittiin omiishni dhiyaatan akka gatiinsaanii ol ka’u (cost-push) isa jedhamuudha.
Kanneen armaan olitti maqaa dhoofne lamaan yeroo hedduu qaala’iinsa jireenyaaf yookaan ol ka’uu gatii mi’aaf sababa guddaa ta’u. Sababiin isaa barbaadamuun omiisha tokkoo yookaan tajaajilaa fayyadamtootaan baay’ee barbaadamaa yeroo ta’u qaala’iinsaa gabaa fida. Inni kun yeroo dhiyeessiin barbaadamuu gadi ta’uu jechuudha.
Omishni fedhii uummataa wajjin yeroo wal gituu dadhabu rakkoo uumamuudha. Fakkeenyaaf warshaan tokko fedhii uummataa guutuuf warshaa isaa bal’isaa, omisha isaa guddisaa deemuu yoo dadhabe, hojjettoota dandeettii qaban, fageessanii kan ilaalan, omisha fooyyessuun akka fedhii uummataa gutu gochuu yoo dadhaban, rakkoo mudatu dursanii arguu kan hindandeenye yeroo ta’an, albuudni omishaaaf barbaadamu yoo dhibe rakkoon qaala’iinsaa kun uumamuu danda’a.
Omishni jiru fedhii jiruu wajjin walgituu dadhaba. Yeroo omishni dhaabbata tokkoo uummata bal’aan barbaadamu dhaabbatichi omisha isaa irratti gatii dabala. Fakkeenyaaf dhaabbatni tokko teknooloojii haaraa gabaatti yeroo baasu barbaadamuun isaa guddaa ta’uu danda’a. Inni kun akka gatiin omisha haaraa gabaatti dhiyaatee kanaa ol ka’u taasisa. Kompiyuutarri tokko yeroo gabaatti dhiyaatu mallattoo dhaabbata tokoo (brand) yoo qabaate gatiin isaa ol ka’a. Inni kun sababa qaala’iinsaa keessaa tokko ta’uu danda’a. Dinagdeen guddataa deemuu wajjinis gatiin bittaa mi’ootaa ol ka’aa deemuun beekamaadha.
As keessatti garuu dagatamuu kan hinqabne yoo jiraate kan to’atamuu danda’u ta’uutu irra jira. Akkasumas baasiin mootummaa yeroo akka malee baay’atee galiin funaanamu garuu akka yaadame utuu hinta’in yoo xiqqate (discretionary fiscal policy), mallaqni garmalee hawaasa harka yeroo seenu gatiin mi’aa akka malee olka’uu taasisuu danda’a.
Kana qofa utuu hinta’in dhaabbileen mallaqaa baankii biyyoolessaa dabalatee mallaqa gar-malee liqeessuu irraa kan ka’e qaala’iinsi jireenyaa uumamuu danda’a. Inni kun tarii mallaqa kennu qofa utuu hinta’in liqa kallattii addaa addaan ta’an kan hammatu ta’a. Namootni daandii kana irra hojjetan gadi fageenyaan yaaduun maal akka gochuu qaban sirriitti fageessaanii miidhaa isaa ilaaluu hindandaa’an taanaan qaala’iinsa jiruuf sababa guddaa ta’uu nidanda’a.
Akkasumas gatiin yookaan humni bittaa mallaqa biyya keenyaa kan biyyoottan ambaa cina yeroo qabaman gadii bu’aa yeroo deeman omishni biyyoottan ambaatii galan gatiin isaanii waan dabaluuf nyaatas ta’e mi’oota nyaataan alaa irratti gatiin nidabalama. Inni kun ammas qaala’iinsa gabaaf sabab kan biraa ta’a. Akkasumas walii gala dinagdee jiru irratti qaala’iinsi akka uumamu taasisa. Inni kun gama tokkoon addumaan investeroota harkisuu irratti, akka isaan humna namaa gatii salphaan argatan yoo taasise illee miidhaa mataa isaa danda’es gama kan biraan niqabaata.
Tarii akka biyyoottan tokko tokko keessatti fakkeenyaaf bara 2013tii eegalee biyya Venezu’eelaa keessatti qaala’iinsa mul’ate yoo ilaallu mootummaan biyyasii callisee qarshii maxxansuu irraan kan ka’e qaala’iinsa hamaa (hyperinflation) akka uumee ture hindagatamu.
Inni lammaffaan qaala’iinsi jireenyaa akka uumamu kan taasisu hanqina dhiyeessiiti. Omishni xiqqatee fedhiin uummataa yoo caalee argame rakkoo ol-ka’iinsa gatii bittaa mi’ootaaf (Cost-Push Inflation) sababa guddaa ta’a. As keessatti wanti dagatamuu hinqabne tokko dhaabbatni yookaan warshaan dorgommii hinqabne tokko sababa malee omiisha hanga uummatni barbaadu akka hinomishamne taasisuun qaala’iinsi jireenyaa akka uumamu taasisuu nidanda’a. Inni kun akka biyya keenyaatti beekamaa ta’aa dhufeera.
Yeroo hedduu omiisha uummataan barbaadaman gabaa irraa balleessuun akka uummatni hinargatne taasisu. Bifa kanaan daldaltootni hawaasa gar malee saaman danuudha. Isa kana ilaalchisee tarii gara fuula duraatti daldaltootni biyya keenyaa hangam akka hawaasa miidhan, cimda hamaa sekteroota addaa addaa wajjin uummachuun uummata bal’aa akka dararsan kanneen agarsiisan waan hedduu kaasuu nidandeenya.
Keessumatti dhaabbileen dorgamanii omisha barbaachisaa dhiyeesssuu dandaa’an hinjiran yoo ta’e akka isaan uummata dararsaniif karaa bana. Kanaaf dhaabbileen kallattii hundumaan dorgomtoota ta’an biyya keessa baay’achuun gam tokkoon rakkoo mul’atu kana hiikuu keessatti bu’aa qaba.
Karaa kan biraas balaan uumamaa yoo jiraate gatii omiisha garaa garaa irratti yeroof qaala’iinsa gabaa akka fiduu danda’u beekamaadha. Sababiin isaa balaan uumamaa warshaalee jiran miidhuu sababa danda’uuf omiisha hanga uummatni barbaadu omishuu dhiisuu nidanda’a. Fakkeenyaaf bubbeen akka Hurrican Katrinaa yeroo ka’e omiishni barbaachisaan hanga uummatni barbaadu akka gabaatti hindhiiyaanne taasisee ture. Inni kun gatii omiishaa irratti akka dabalamus taasiseera.
Akkasumas qabeenyi uumamaa xiqqachaa deemuu irraa kan ka’e bakka buusuuf hojjiiwwan hojjetaman qaala’iinsa jireenyaa yookaan gatii gabaa ol kaasuu keessatti ga’ee guddaa qaba. Fakkeenyaaf ‘Ethanol’ boba’aa jedhamu boqqolloo irraa omishuuf yaalii ta’uun boqqoloon nyaata irraa gara faayidaa garaa biraaf ooluu yeroo eegalu gatii nyaataa irratti idaa’amni jiraachuu danda’a. Akkasumas biyyootni yeroo sharafa mallaqa isaanii gadi buusan humni bittaa horii akkasuma gadi bu’a. Gatiin ittiin meeshaaleen biyya ambaatii gara biyya keessatti galan sababa ol ka’uuf yeroo gaba biyya keessaaf dhiyaatu gatiin isaa ol ka’a.
Akka biyya keenyaatti rakkoo qaala’iinsa gabaa yeroo ammaa mul’atu kana kanneen armaan olii keessaa hinba’u. Sharafni mallaqa biyya keenyaa gadi bu’uun meeshaalee alaa galan irratti dhiibbaa mataa isaa danda’e geessisuun isaa hinoolu.
Isa kanaa alatti rakkoon cimaan mul’atu sababa malee gatii omisha irratti ida’aa deemuufi gatiin omishaa fiixeefi (ceiling) gatiin xiqqaan (bottom line) dhibuu isaa miidhaa mataa isaa danda’e hawaasa irratti geessiseera. Yeroo ammaa gatii nyaataas ta’e nyaataa ala kan jiran yeroo kam caalaa dabaluun hawaasni harka qalleeyyiin hanga jiraachuu dadhaban geessisaa jira. Isa kana keessatti ga’een daldaltootaa cimaadha jedheen amana.
Haala ta’uun dahachuun namoota hawaasaaf hinyaadne wajjin cimda hannaa uumuun gatii nyaataa irraa eegalee hanga gatii meeshaalee ijaarsaa biyya keessatti omishamaniitti hawaasa saamaniiru, saamaas jiru. Qaala’iinsa jireenya irraa kan ka’e hawaasni akka guungumaa deemu gochuuf yaalii godhan fakkaata. Inni kun qaama hordofee sirreessu hinargatu taanaan daldaltootni bakka gatii fannisanitti hirraanfachuu danda’u.
Maqaa gabaa walabaatiin hawaasa saamuuf kan qindaa’an caasaa isaanii barbadeessuun, namootni gama kanaan hojjechuu qaban fageessanii kan ilaalan, furmaata kennuuf ariifatoo kan ta’an, ofirra uummataaf kan yaadan, beekumsa waraqaa irra tare kan gonfatan, namoota furmaataa ta’uu malu. Yoo akkas ta’e harka qalleeyyiin har’a dararamaa jiran furmaata argatu. Inni kun ammoo kan nama tokko irratti gatamu utuu hinta’in harka wal-qabatanii hawaasaa wajjin hojjechuu gaafata.
Zarihun Gabree
BARIISAA Ebla 30 /2013