Itoophiyaan waggoota darbanitti guddina dinagdee itti fufaa galmeessistus karaan guddinni dinagdee kun ittiin galmaa’e fayyaalessa ta’uu dhabuun misoomni dinagdee akka gad bu’u taasiseera. Guddinni lakkoofsaan mul’ates sababa liqiintiin itti fufuu hindandeenye.
Jijjiiramicha hordofee tarkaanfiiwwan fudhatamamanin dinagdeen lammiilee karaa haqaan fayyadamoo taasisuufi dhiibbaa liqiin guddina dinagdee biyyattii kirkiree ture deebi’ee akka bayyanatuuf riifoormii gochuun, tarsimoon guddina dinagdee biyya keessaa bocamee hojiirra oolaa jira. Yeroo ammaa biyyattiin dhiibbaa liqii keessaa baatee hamma ta’e boquu ol qabachuun sochiin dinagdee biyyattii kallattii qabateera.
Pirojektoota gurguddoo eegalamanii maallaqnisaanii qisaasa’ees iddoo isaan itti dhaabatanii eegalchiisuun gara xumuraarra gahaa jiru. Hojiin ijaarsa pirojektoota gurguddoo kanneen akka Shukkaraafi Hidha Guddicha Haaromsaa Itoophiyaas karaa hordoffii cimaa qabuun adeemsifamaa jiru.
Dinagdeen biyyattii rakkoo hamaa keessa galee tures tumsa hayyootaafi uummataatiin gara karaa sirriitti deebisuun pirojektoota eegalaman yeroo qabameef keesatti xumuruun muuxannoo biyyattiin argachaa jirtudha. Muuxannoon kun aadaa akka nuuf ta’uuf hojimaata diriirsuun irratti hojjetamaa jira. Yaadota dhihaatan gochattti jijjiiruun wantoonni jalqabaman yeroon akka xumuraman taasifamaa jira.
Biyyi keenya qabeenya turizimiin badhaatuu taatus sektericharraa bu’aan baraadamu hinargamne. Jijjiiraman asitti qabeenya kana misoomsuufi beeksisuun Afriikaarra adda duree ishee taasisuuf pirojektoonni hedduun Finfinneefi nannolee biyyattii keessatti bal’inaan hojjetamaa jiru.
Hojii misooma qonnaa ammayyeesuufi guddisuun dinagdee gama kanaan jiru cimsuunis galma ijoo keenya ture. Rooba eeggachuun waggaatti yeroo tokko omishuun sektera kana jijjiiruun waan hindanda’amneef qabeenya bishaanii qabnutti sirnaan fayyadamuu, lafoota qonnaaf ta’an adda baasuun misoomsuu, jallisiin qamadii misoomsuun qamadii alaa galu kan biyya keessatiin bakka buusuuf kutannoon hojjenneerra.
Tamsa’inni dhibee koviid-19, weerarri hoomaan awaannisaafi finxaaleyyiin bakkaa bakkatti waraana uumuun dinagdee biyyattiirratti miidhaa qaqqabsiiseera. Kana malees qormaatawwaniifi balaawwan namtolcheefi uumamaa mudatan hunda karaa xiyyeeffannoo barbaaduun murtoon barbaachisaa ta’e irratti fudhatameera. Qormaatawwaan nu mudatan dandhamachuu qofa osoo hintaane dhimmoota yeroo dheeraaf hudhaa nutti ta’an hiikuu dandeenyeerra.
Aadaan qusannoo biyyattii guddisuudhaan hanqina maallaqaa waggoota hedduuf dinagdee biyyattii qoraa ture furuun danda’eera. Kunis liqii damee dhuunfaadhaaf liqii akka dhiyeesinu nu taasiseera. Daldalli biyya alaa waggoota walitti aananiif baay’ee gadi bu’aa ture, waggaa darbee kaasee gara guddina giddu galeessaatti deebi’eera.
Barana qofa akka biyyaatti guddinni harka 21n dabaluun kan galmaa’e yemmuu ta’u, yeroo jalqabaaf ji’a 10ffaa keessaa osoo hinseeniin galiin daldala biyya alaa Doolaara biiliyoona lama caaluu danda’eera. Kunis raawwii bara darbee yeroo walfakkaataa waliin yoo madaalamu %17n caala.
Dhiibbaawwan mudatan keessaas tokko qala’insa gatiidha. Qala’insi gatii yeroo hedduuf rakkoo dinagdee biyyattii ta’ee tureeraa. Qaala’insa gatii rakkoowwan biyyaafi addunyaa waliin kan wal qabate waan ta’eef jireenya uummata keenyaarratti dhiibbaa inni uume hubachuudhaan qala’insa jireenyaa hiikuuf dhimmoota furtuu ta’an irratti karaa qorannoofi qo’annoon deeggarameen murtoo fudhachuu eegaleeraa.Abbootiin dhuunfaa meeshaalee nyaataa barbaachisoo ta’an haala salphaa ta’een biyya alaatii akka galchan taasisuudhaan qala’insa gatii to’achuuf hojjetamaa jira.
Mootummaan tooftaa fooyya’insa diinagdee biyya keessaatti fayyadamuun tarkaanifiiwwan fudhateefi fudhachaa jiru rakkoo diinagdee keessaa baasuun badhaadhina Itiyoophiyaa kan dhugoomsan ta’uu shakkiin tokkollee hinjiru. Yeroo ammaa biyyattiin diinoota biyya keessaafi alaan dhiphattee yeroo jirtu kanatti rakkoo keenya hiikkachuuf tokkummaan dhaabbannee walgargaaruu qabna. Rakkoo diinagdee furuuf tarkaanfiiwwan fudhannurratti uummannii akka nu waliin dhaabbatu waamicha keenya dhiyeesina.
Bakka geenyu kan nutti agarsiisuu ka’umsa keenya. Milkaa’ina yeroo ka’umsaa galmeesine cimsuun badhaadhina biyyattii ni dhugoomsina. Rakkoowwaniifi baay’inni qormaataa deemsa badhaadhina Itoophiyaa gonkumaa hindhaabsisu.
Ibsa Koree Dinagdee Walii Gala Biyyaalessaa Ebla 22 bara 2013 kenname
Gaazexaa Bariisaa Ebla 23/2013