Dhimmi miidhamtoota qaamaa kan hawaasa maraa ta’uu qaba

Natsaannat Taaddasaatiin

Finfinnee: Federeeshiniin Waldaalee Miidhamtoota Qaamaa Itoophiyaa, waldaaleen mitmootummaa miidhamtoota qaamaarratti hojjetan gara garaa waliin ta’uudhaan Wiixata darbe gaazexeessitoota miidiyaalee gara garaarraa baba’aniif leenjiin kennameera. Leenjichi haala ittiin miidiyaaleen dhimmoota miidhamtoota qaamaa gabaasaniifi odeeffannoo biraan gahuu danda’anirratti kan xiyyeeffatuudha. 

Yunivarsitii Finfinneetti  Barsiisaan Seeraa Obbo Yohaannis Taakkalaa leenjicharratti akka jedhanitti, miidhamtummaan qaamaa hawaasaafi biyya addunyaa kamuu keessa kan jiru yoo ta’u, sababa dhukkubaa, rakkoo uumamaafi namtolcheedhaan yeroofi bakka kamittiyyuu nama kamiyyuu mudachuu kan danda’uudha.  

Baay’ina ummata Itoophiyaa  miliyoona 100 ol ta’u keessaa %20 ol miidhamtoota qaamaati. Hojiilee raawwataman hunda keessatti kutaa hawaasaa kana ilaalcha keessa galchuun hirmaannaafi fayyadamummaasaanii milkaneessuufi waliigalteewwaniifi seerota mirgootasanii kabachiisan sirriitti hojiirra oolchuun barbaachisaa ta’uu himu.

Bu’uuraaleen misoomaa mootummaadhaanis ta’e dhuunfaadhaan hojjetaman hedduun garuu miidhamtoota qaamaa ilaalcha keessa kan galchan miti.

Ijaarsi daandiiwwaniifi gamoowwanii hedduun miidhamtoota qaamaa  wiilcheeriidhaan deemaniifi qarodhabiiyyii  ilaalcha keessa galchuudhaan miti kan hojjetaman. Gamoowwan hedduun daandii miidhamtoonni qaamaa wiilcheeriidhaan deeman irra deeman hinqaban.

Liiftiiwwan gamoowwan baay’ee dhiphaa waan ta’aniifi darbii meeqaffaarra akka ga’an sagaleedhaan waan hindhageessifneefi lakkoofsa darbii qarodhabeeyyiin qaqqabatanii dubbisan waan hinqabneef miidhamtoonni qaamaa wiilcheeriidhaan deemaniifi qarodhabeeyyiif  mijatoo miti jedhu Obbo Yohaannis.

Miidhamtoota qaamaa akka waan isaan hindandeenyeefi gargaarsa nama biraatiin qofa jiraataniitti yaaduun sirrii miti kan jedhan barsiisaan kun, kan akka hindandeenye isaan taasisu hojiiwwan dhimma miidhamtoota qaamaa ilaalcha keessa utuu hingalchin raawwataman ta’uu dubbatu.

Ilaachi miidhamtummaa qaamaa akka dhukkubaafi abaarsa Waaqaatti ilaaluus jijjiiramuu qaba.  Miidhamtummaan qaamaa dhukkuba utuu hintaane sababa dhukkubaatiin mudachuu kan danda’u ta’uus eeraniiru.

Dhimmi miidhamtoota qaamaa kansaanii qofa osoo hintaane kan hawaasa maraa ta’uu qaba kan jedhan Obbo Yohaannis, gamoowwaniifi dhaabbileen tajaajila kennan hundis dhimma miidhamtoota qaamaa ilaalcha keessa galchuu akka qabu dubbatu.

Seerotaafi waliigalteewwan miidhamtoota qaamaa ilaalchisuun sadarkaa biyyaafi biyyoolessaatti ba’an hojiirra oolchuurratti rakkoolee mul’atan furuun dhimma xiyyeeffannaa barbaadu ta’uus dubbataniiru.  

Ogeessi seeraa Obbo Yiliqaal Hassaabee gamasaaniitiin akka jedhanitti, miidiyaaleen dhimmootni miidhamtoota qaamaa akka xiyyeeffannaa argatan, mirgoonnisaanii akka kabajamaniifi seerotniifi waliigalteen miidhamtoota qaamaa ilaachisuun bahan akka hojiirra oolan taasisuu keessatti gahee olaanaa qabu. Miidiyaaleen miidhamtoonni qaamaa odeeffannoo barbaachisu akka argataniifi yaada saaniis akka ibsatan taasisuu keessatti gahee isaanirraa eegamu bahachuu akka qabanis yaadachiisaniiru.

Miidhamtoonni qaamaa namoota qaama miidhamtoota hintaane waliin qixa carraa barnootaafi hojii akka argatan taasisuun dhimma xiyyeeffannaa barbaadu ta’uu himanii, dhimmoota adda addaarrattis qixa akka hirmaatan taasisuun barbaachisaadha. Karaa barreeffama Bireelii, sagaleefi afaan mallattootiin odeeffannoo gahaa akka argatan taasisuunis dhimma irratti xiyyeeffatamee hojjetamuu qabu ta’uu himaniiru.

Mirgootaafi fayyadamummaa miidhamtoota qaamaa kabajchiisuun kan danda’amu yoo mirkoonniifi waliigalteewwan bahan seeraan hojiirra oolaniifi wantoonni hojjetaman hundi dhimma miidhamtoota qaamaa ilaalcha keessa galchuudhaan raawwatamaniidha kan jedhan Obbo Yiliqaal, dhaabbileen dhuunfaas dhimma miidhamtoota qaamaa ilaalcha keessa galchuu akka qaban yaadachiisaniiru.

Gaazexaa Bariisaa Ebla 23/2013

Recommended For You