Dargaggoo Waasihuun Tafarraa abbaa hojiilee kalaqaa hedduu

Dargaggoo Waasihuun Tafarraa Godina Arsii Lixaa, Aanaa Heeban Arsii, bakka Goljotaa jedhamutti dhalate. Barumsasaa sadarkaa 1fa bakkuma dhalootasaatti kan barate yoo ta’u, sadarkaa 2fa ammoo Magaalaa Nagallee Arsiitti barate.

Dargaggoon kun bara 2009 irraa eegalee Yunivarsitii Saayinsiifi Teknolojii Finfinneetti damee barumsa ‘Electro Mechanical’ barachaa jira.

Barataan kun barumsasaa cinaatti hojiilee kalaqaa adda addaa hojjechuudhaan beekama. Hojiilee kalaqaa hojjeteenis badhaasotaafi beekamtii gara garaa kan argate ta’uu dubbata gaafdeebii Roobii darbe gaazexaa Bariisaa waliin taasiseen.

Barataan kun akka jedhutti, hojiilee kalaqaa adda addaa hojjechuu kan jalqabe yeroo barumsasaa sadarkaa 1fa barachaa tureedha.

Yeroo sana barnoota saayinsiifi herregaatiin Ministira Muummee yerosii Obbo Haayilamaariyam Dassaalanyiifi Pirezidaantii bulchiinsa mootummaa naannoo Oromiyaa kan turan Obbo Lammaa Magarsaa isa badhaasaniiru.

Baadiyyaatti dhaladhee waanan guddadheef carraa ifa elektirikii argachuu hinqabun ture kan jedhu barataan kun, yeroon mana barumsaa sadarkaa 1fa barachaa ture humna ibsaa qilleensaafi soolaarii irraa maddu kalaquudhaan akkasumas harkaan naannessuudhaan ifa maddisiisu kalaqeen ittiin qayyabachaa ture. Wantoonni ani yeroo sana hojjechaa ture hojii kalaqaa ta’uusaayyuu hinbeekun ture jedha.

Ijoollummaa koorraa kaasee hojii kalaqaa hojjechuufi akka nama tokkootti of danda’uun fedhii koo guddaa ture kan jedhu Waasihuun, kalaqa madda ibsaatiin alas sooftiweerii sirna tiraafiikiifi mana jireenyaa keenya ittiin to’annu hojjedheera. Hojii kalaqa hojjechuu akkan danda’u ergan baree booda hojiilee kalaqaa adda addaa hojjedheera jedha.

Naannawaa Arsii Nagalleetti, namoonni baay’een araqee baasuudhaan jireenyasaanii geggeeffatu. Araqee kana baasuuf muka ciranii qoraansaatti fayyadamu. Muka qoraaniif garmalee ciruun ammoo faalama qilleensaa  qaqqabsiisa.

Aarri qoraaniis qilleensa faaluudhaan sombaafi ija keenya miidha.  Rakkoo gama kanaan jiru furuudhaaf kalaqa humna ibsaa ykn gemmoo qoraan %50n qusachuudhaan araqee baasuuf fayyadu hojjedheera.

Bu’a qabeessummaa kalaqichaa ergan mirkaneeffadhee booda dizaayiniisaa  hiriyoota kootti gurgureen  akka omishan taasise. Kalaqichi faalama qilleensaa ittisuufi fayyaa namootaa eegsisuurra darbee namoota hedduudhaaf carraa hojii uumeera.  Hawaasa naannawichaas araqee baasanis fayyadamoo taasiseera jedha.

Yunivarsitii Saayinsiifi Teknolojii Finfinneetti ‘Electiro Mechanical’ barachaa kan jiru Waasihuun, waggaa sadaffaarraa kaasee waan barate gara bizinasiitti galchuun barumsasaa cinaatti hojiilee kalaqaa gara garaa ittiin hojjechaa jira. Bara darberraa kaasee Dhaabbata ‘Kookeet’ jedhamu karaa seera qabeessaan hundeessuudhaan hojiilee kalaqaa adda addaa hojjechaa jiraachuu dubbata.

Dhaabbatni Kookeet akkuma maqaasaa kan kootii kan keetis jechuudha kan jedhu barataan kun, dhaabbaticha kan hundeesse ana ta’us namoota beekumsaafi  dandeettii adda addaa qaban waliinan hojjechaa jiraachuu ibsa.

Dhaabbatichi hojii ‘sooftiweerii’ omishuurratti xiyyeeffatee hojjechaa kan jiru yoo ta’u,  yeroo ammaa softiweerii ‘Koket Softwer Bulding Manegement’  jedhamu omishee qilleensarra oolchuufi sooftiweeriin kun Ameerikaatti yaaliin irratti adeemsifamaa jira. Softiweeriin kun kiraa gamoowwanii sirnaan walitti qabuuf kan gargaara jedha.

Kanaan dura vaayirasii koronaa ittisuuf meeshaa tuttuqqii malee hojiilee gara garaa fkn balbala banuufi cufuu, meeshaa tokko ol  kaasuu kalaqee gabaa biyya keessaafi alaatiif dhiyeesseerra kan jedhu barataan kun, meeshaa ho’ina qaamaa safaru kan biyya alaatii galus omisheera.

Meeshaan kun al tokkotti ho’ina qaamaa namoota baay’ee safaruudhaan akka ho’ina qaamasaanii safarachuuf hiriiranii hindhaabbanne taasisuudhaan vaayirasii koronaa ittisuuf kan gargaaruufi hoteelonni baay’een itti dhimma bahaa jiran ta’uu eera.

Dhaabbatichi hojiiwwan dizaayinii miidhagina manaa, biiroofi hoteelotaas hojjechaa jiraachuu kan himu barataan kun, waldaalee dargaggootaa adda addaatiif ammoo leenjiiwwan akka kennu ibsa.

Waldichi gara fuulduraattis hojiileefi teknolojiiwwan gara garaa kalaquufi  sammuu dargaggootaa jijjiiruurratti xiyyeeffatee hojjechuun dargaggoota dinagdeedhaan of danda’anii ummataafi biyyasaaniitiif bu’aa buusan horachuurratti xiyyeeffatee kan hojjetu ta’uu dubbata.

Hojiileefi teknolojiiwwan ani hanga ammaatti kalaqe hedduu waan ta’aniif kan galmaa’nis ta’e kan hingalmoofne jiru kan jedhu barataan kun, yeroo ammaa teknolojiiwwan 13 ta’an irratti hirmaatee hojjechaa jiraachuu eera.

Bakka hojiifi dhaabbanni teknolojiirratti fandii godhu dhabamuun hojiisaarratti dhiibbaa kan uumu ta’uufi  kiraa manaa bakka hojiitiif ji’aan hanga qarshii kuma 300tti kaffaluu hojjechaa jira. Mootummaan utuu bakka hojii sheediillee haata’u naa mijeessee ani gargaarsa biraa hinbarbaadu jedha.

Hojiilee kalaqaafi teknolojiiwwan gara garaa hojjeteen mootummaarraa beekamtii malee deggersi biraa naa hintaasifamne kan jedhu Waasihuun, namootni dhunfaa, abbootiin qabeenyaa biyya keessaafi biyya alaa jiraataniifi aanga’oonni mootummaa tokko tokko yaadaanis ta’e maallaqaan na gargaaraniif galanni koo guddaadha jedha.

Dhaabbanni ‘Kookeet’ namoota 100 oliif carraa hojii uumuus himee, waan hunda qofaa hojjechuun waan cimuuf mootummaan keessumaa bakka itti omishu akka mijeessuuf gaafateera.

Magaalaa Finfinneetti utuu bakka itti omishnu argannee hojii gaarii hojjennee galii fooyya’aa argachuudhaan mootummaafis gibira gaarii kaffaluu dandeenya. Hojiin keenya harki caalu wantoota biyya alaatii galan omisha biyya keessaatiin kan bakka bu’uudha jedha.

Omishaalee biyya alaatii galan biyya keessatti omishuun galiin sharafa alaarraa argamu meeshaalee biyya alaatii galan bituuf akka hinbaane taasisuudhaan dinagdee biyyattii utubuufis ni gargaara kan jedhu Waasihuun, baankonniifi dhaabbileen gara garaa sooftiweerii biyya alaatii bitanii itti fayyadamaa jiraachuu eera.

Softiweeriin dhaabbatichi hojjechaa jirus doolaara sooftiweerii bituuf ba’u biyya keessatti  hambisuufi biyya alaatti gurguruun galii sharafa alaa dabalataa kan argamsiisu ta’uu hima.

Dhaabbanni ‘Kookeet’ hojii sooftiweeriitiin dhaabiilee biyyoota gara garaa waliin hariiroo cimaa qabaachuu himee, hayyoonni Oromoo yunivarsitiiwwan biyyoota adda addaa keessa hojjetanis weebsaayitii dhaabbatichaa hordofuudhaan teknolojii ceesisuurratti nu deggeraa waan jiraniif galateeffachuun barbaada jedha.

Dhaabbatichi ALA bara 2030tti akka Afrikaa Bahaatti dorgomaa taasisuuf karoorfatee hojjechaa jiraachuu eeree, omishasaas biyyoota Afrikaa keessatti babal’isuuf  Ruwaandaa, Burundiifi Taanzaaniyaarraa muuxannoofi leenjiiwwan gara garaa argachuu ibsa.

Karoora yeroo dheeraatiin ammoo dhaabbata maqaa Oromootiin moggaafame kana sadarkaa addunyaatti dorgomaafi beekamaa taasisuuf kan hojjetu ta’uu dubbata.

Ummata Itoophiyaa hiyyummaa keessaa baasuun kan danda’amu hojii humnaatiin osoo hintaane teknolojiitti fayyadamuudhaan ta’uu qabna. Omishaafi omishtummaa  qonnaa guddisuufis teknolojii qonnaatti seeraan fayyadamuu qabna.

Fakkeenyaaf Israa’eel lafa guddaafi bishaan baay’inaan dhabdus teknolojii qonnaatti fayyadamtee qotuudhaan omishaalee qonnaa biyyoota gara garaatti ergaa jirti. Itoophiyaanis omishaafi omishtummaa qonnaa guddisuudhaaf  tekinolojii qonnaatti haalaan fayyadamuu qabdi jedha.

Akka Waasihuun jedhutti, teknolojii malee guddinni hinjiru.  dameen hojii kamuu teknolojiidhaan deggeramuu baannaan guddachuufi bu’aa barbaachisu argamsiisuu hindanda’u. Hojiin kamuu teknolojiidhaan yoo deggerame malee omisha gahaa kennuu hindanda’u.

Koriyaan kan guddatte qonnaan utuu hintaane meeshaalee teknolojiirratti xiyyeeffattee waan hojjeteefi. Kanaafuu mootummaan Itoophiyaa, Ministeerri Inoveeshiniifi Teknolojiifi Ministeerri Saayinsiifi Barnoota Olaanaa guddina teknolojii biyyattiif xiyyeeffannaa kennanii hojjechuufi teknolojiiwwan biyya keessatti omishmaniifis deggersa barbaachisu taasisuu akka qaban yaadachiisa.

Barattoonni barumsa barachuu waan fedhaniif qofa osoo hintaane maaliif akka baratan beekuu qabu. Barumsi isaan baratan isaanis ta’e biyyattii kan jijjiiru ta’uu qaba. Barumsi bu’aa kan qabaatu yoo waan baratan sanaan bu’aa buusuu danda’aniidha. Warri baratan jireenya ummata utuu hinbaratin isa barsiisee jijjiiruu qabu. Jireenya ummataa jijjiiruu kan dandeenyu waan baranne sana yoo hojiirra oolchine qofa jedha.

Barattoonni yunivarsitiiwwan adda addaarraa eebbifamanii ba’anis hojii mootummaa qofa eeggachuu utuu hintaane  hojii dhuunfaasaanii  utuu ummatanii gaariidha kan jedhu Waasihuun, aadaa hojii tuffachuu keessaas ba’uu qabu.

Hojiin xiqqaarraa ka’anii sadarkaa guddaarra ga’uun ni danda’ama. Maatii sooressaarraa dhalatanii sooressa ta’uun nama hinboonsu. Hojii xiqqaarraa ka’anii sadarkaa guddaarra ga’uun garuu addunyaatti nu beeksisa. Hojii xiqqaarraa kaatee guddachuun gatii kee guddisuun ilaalcha namni sii qabu akka dabalu taasisa. Kan nama boonsu hojii xiqqaarraa ka’anii sadarkaa guddaarra ga’uudha jedha.

Yeroo ammaa dargaggoonni hedduun yeroosaanii harka caalu miidiyaalee hawaasummaarratti dabarsaa jiraachuu kan himu Waasihuun, dargaggoonni yeroosaanii harka caalu hojiirratti dabarsuun ofiisaaniifi biyyasaanii jijjiiruurratti xiyyeeffachuu qabu. Hojiilee irratti hirmaatan hundas fedhiifi jaalalaan hojjechuu akka qaban gorsa.

Natsaannat Taaddasaatiin

Gaazexaa Bariisaa Ebla 23/2013

Recommended For You