Finfinnee: Mariin Gumii Balal marsaa sadaffaa Waajjira Pirezdaantii Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaatiin geggeffamuufi dhimma dinagdee naannichaafi biyyaa guddisuurratti xiyyeeffate dheengadda waajjira pirezidaantiitti geggeeffameera. Hayyoonni dinagdee yunivarsitiiwwan Finfinnee, Kotobe Metiropolotiyaaniifi Yunivarrsitii Naannoo Oromiyaarraa dhufanis maricharratti hirmaataniiru.
Sadarkaa Ittaanaa Pirezdaantiitti, Qindeessaan Kilaastara Baadiyyaa Doktar Girmaa Amantee haasaa baniinsaa maricharratti taasisaniin akka jedhanitti, dinagdeen naannichaas ta’e biyyattii qonnarratti xiyyeeffata. Ummatni biyyattii % 80 ol baadiyyaa kan jiraatu yoo ta’u, jiruufi jireenyisaa kan hundaa’e ammoo qonnarratti. Jiruufi jireenya qonnaan bultootaafi horsiisee bultootaa jijjiiruun qabatamaadhaan guddina dinagdee naannichaas ta’e biyyattii milkeessuu waan ta’eef omishaafi omishtummaa qonnaa guddisuufi baadiyyaa misoomsuu dhimma xiyyeeffannaan irratti hojjetamaa jirudha.
Mootummaan naannichaa jiruufi jireenya qonnaan bultootaa jijjiiruuf tarkaanfiiwwan bu’uuraa fudhachaa jiraachuu himanii, rakkoolee ummata baadiyyaa furuufis xiinxalli beekumsarratti hundaa’e hayyoota waliin geggeeffamaa jira jedhu. Qabeenya dilbii Oromiyaan qabdu sirriitti beekuun haala kamiin akka itti fayyadamuun danda’amurrattis hojjetamaa jiraachuu himu.
Akkasaan jedhanitti, qonnaan bulaafi horsiisee bulaa biyyattii qotiyyoodhaan qotuu keessaa baasuuf hojjechaa jiraachuu eeranii, barana marsaa duraatiin tiraaktaroota 310 marsaa lammaffaadhaan ammoo tiraaktaroota 950 yeroo dhiyootti qonnaan bultootaa biraan ga’uuf hojjetamaa jira. Hojiin dhiyeessa teknolojii qonnaas cimee kan itti fufu yoo ta’u, naannichatti lafti tiraaktariin qotamu % 20tti siqeera. Qonnaan bultoonniifi horsiisee bultoonni qabeenyasaanii qabsiisanii tajaajila qarshii liqii akka argatan taasisuuf haalli mijataan uumamaa jira.
Baankiin Daldala Itoophiyaas yeroo jalqabaatiif qonnaan bultootni hanga % 30tti qusatanii tajaajila qarshii liqii akka argatan taasiseera kan jedhan qindeessichi, meeshaaleen qonnaafi misooma jallisiif oolan ashuuraa malee akka galan ta’eera. Calla guddistuun waggaa 10 oliif qonnaan bulaan liqiidhaan akka hinfudhanne taasifamee tures waggaa darberraa eegalee qonnaan bultoonni harka qalleeyyii kilaastaraan gurmaa’anii liqiidhaan akka argatan taasifameera jedhu.
“Qonnaan bultoonnii horsiisee bultoonni qabeenya horatan gara invastimantiitti akka ce’aniif haala mijeesseera. Haaluma kanaan waggoota lamaan darban qonnaan bultoota kuma ja’a ta’an gara invasimantiitti akka ce’an taasifameera. Lafa invasimantii liiziifi kiraa irraa bilisaan akka argatanis ta’eera. Akkaataa itti hojii invasimantii adeemsisaniifi liqii argatanirrattis leenjiin kennameeraaf” jedhu.
Hojiin misooma qamadii dur baddaa Baaleefi Arsiitti beekamaa ture yeroo ammaa gara gammoojjii naannichaatti babal’isuudhaan misooma jal’isiitiin qamadii omishuu barana bal’inaan geggeeffamu kaasanii, hojiin kun gara fuulduraattis cimee kan itti fufu yoo ta’u, yeroo ammaa qonnaan bulaan aadaa hojiisaa jijjiiree lafa qonnaasaa keessa bulee hojjechaa kan jiru ta’uus eeraniiru.
Bu’uraalee misoomaa baadiyyaa keessatti babal’isuunis cimee kan itti fufu ta’uu kan himan Doktar Girmaan, qonnaan bulaan baadiyyaa bakkuma jirutti jireenya fooyya’aa akka jiraatuufi baadiyyaa giddugaleessa misoomaa taasisuuf mootummaan naannichaa xiyyeeffannaan irratti hojjechaa jiraachuu himaniiru.
Komishinara Ittaanaa Komishinii Karoora Federaalaa Doktar Namarraa Gabayyoo yaada marii saganticharratti dhiyeessaniin akka jedhanitti, yeroo jijjiiramni kun dhufe dinagdeefi siyaasni biyyattiis ta’e naannichaa hudhaa cimaa keessa ture. Hojiilee hanga ammaatti raawwatamaniin bu’aaleefi jijjiiramoonni qabatamaan galmaa’anis qaala’inni jireenyaa ammayyuu rakkoo ta’ee jira. Hojiileen omishaafi omishtummaa qonnaa guddisuuf raawwatamanif bifa eegamuun hinmilkoofne.
Carraa hojii umuuf hojiileen raawwatamaa turan damee hojii hunda utuu hintaane bu’uuraalee misoomaa qofarratti waan xiyyeeffataniif rakkoo hojidhabdummaa sadarkaa yaadameen furuun kan hindanda’amne ta’uu himanii, rakkoo gama kanaan jiru furuuf dameelee dinagdee hundarratti hojjechuun barbaachisaa ta’uu himaniiru.
Qonni lafee dugdaa dinagdee biyyattiiti kan jedhan Doktar Namarraan, omishaafi omishtummaa qonna keenya guddisuuf damee qonnaa faayinaansiidhaan deggeruufi hojiin wabii nyaataa mirkaneessuuf raawwatamaa jiran cimanii kan itti fufan ta’u. Omishaafi omishtummaa guddisuun furmaata rakkoo qaala’ina gatii ta’uus eeraniiru.
Gumiiin Balal dhimmoota nageenyaa, siyaasaa, dinagdeefi hawaasummaa naannichaafi biyyaa mirkaneessuurratti xiyyeeffa kun torban torbaniin kan itti fufu ta’uunis himameera.
Natsaannat Taaddasaatiin
Gaazexaa Bariisaa Ebla 23/2013