“Ayyaana Faasikaa araaraafi dhiifama walii gochuutiin kabajuu qabna” -Abbootii Amantii Kiristaanaa

Taammiruu Raggaasaafi Gammachuu Kadiriin

Finfinnee: Abbootin amantii mana amantiiwwan kiristaanaa guyyaa ayyaana du’aa ka’uu Gooftaa Yasuus Kiristoos sababeeffachuun hordoftoota amantichaaf ergaa baga geessanii kan dabarsan yoo ta’u, guyyichas araaraafi dhiifama walii gochuutiin akka kabajan gaafataniiru.  

Paatiriyaarkiin Mana Amantii Ortodoksi Tawaahidoo Qulqulluu Abuna Maatiyaas akka ibsanitti, ayyaanni Faasikaa ayyaana jaalala qabaachuun, gad of deebisuun, obsuun, dhiifama gochuun itti barsiifameefi gochaan itti mul’ateedha. Kanaaf hordoftonni amantichaas yommuu ayyaanicha kabajan araaraafi dhiifama walii gochuun akkasumas, warra harka qalleeyyii yaadachuun  ta’uu akka qabu gaafatu.

Itti dabalatees namni hunduu nageenya biyyaaf  gahee irraa eegamu gumaachuu akka qabu dhaamsa dabarsaniiru.

Kaardinaalli Mana Amantii Kaatolikii Itoophiyaa Kaardinaal Biaanayasus gamasaaniin akka dubbatanitti, ayyaanni du’aa ka’uu Yasuus Kiristoos daandii dhalli namaa gidiraa irraa gara nagaatti ittiin ce’udha jedhu.

Namootin du’aa ka’uu Yasuusiin hammneenya lapheesaanii keessa jiru dhabamsiisuun kennaa ayyaana Waaqaa isa ta’e nagaa fudhachuun meeshaa nagaa ta’uu akka qaban eeranii,  garaagarummaa amantiifi sabummaa dahoo taasifachuun lubbuun namaa baduufi qabeenyi barbadaa’uu biyyattii keessatti mul’atu hafee kiristaanonni dhiifama waliif taasisuun du’aa ka’uu Kirstoosiin hamaa hundumaa akka ce’an gaafatu.

Kana malees amantoonni yommuu ayyaanicha kabajan bifa vaayirasii koronaaf hinsaaxilamneen ta’uu akka qabuufi kanaafis qajeelfamoota ogeessootaan kennaman hojiirra oolchuu akka qaban dhaamu. Filannoo fuulduraa adeesifamuus hamaa tokko malee akka xumuramuuf amantoonni hundumtuu kadhachuu akka qabanis Kaardinaal Biraanayasus gaafataniiru. 

Pirezdaantiin Waldaa Amantoota Warra Wangeelaa Makaane Yasuus Luba Yoonaas Yiggazuus Itoophiyaan biyya amantootaan guutte, kan kiristaanonni miliiyoonotaan  lakka’aman keessa jiraatan ta’uu eeranii, kanarraa kan ka’e biyyi keenya biyya qajeelummaan, firdii qajeelaafi nageenyi akka galaanaatti keessa yaa’uu ta’uu qabdi ture jedhu. Haa ta’u malee,  har’a biyyi keenya  kallattii arfanuutti  jeequmsi, hammeenyiifi duguggaan gara jabeenyaan guuttame baay’inaan mul’achaa jiraachuu kaasu.

Dhimma filannoo biyyaaleessaatiin walqabates lammileen biyyattii filannoo kanarratti qixa isaaniif kennameen hirmaachuu akka qaban ibsanii, paartiileen morkattootaas miira itti gaafatamummaan guutameen socho’uu akka qaban gaafatu.

Pirezdantiin Gamtaa Waldaa Warra Wangeelaa Paastar Tsaadiquu Abdoo gamasaniin, ayyaanni du’aa ka’uu Iyyasuus Kiristoos jaalala dhuma hinqabne ilmaan namaatif qabaachusaa kan itti mul’ise ta’uu eeranii, amantoonnis ayyaana kana yommuu kabajan jaalala giddu galeessa godhachuun ta’uu qaba jedhu.

Akkasaan jedhanitti, jaalalli gochaan kan mul’atu waan ta’eef hunduu jaalala waliif qabu gochaan argisiisuu qaba. Kana jechuunis nama hunda walqixa jaalachuun waan qabnu irraa nama biraaf qooduuniifi waldeggaruun miira jaalalaatiin kabajuu qabna.

Gaazexaa Bariisaa Ebla 23/2013

Recommended For You