Saamraawiit Girmaatiin
Finfinnee: Duudhaalee Itoophiyaan ittiin beekamtu keessaa akkaataan ayyaaneeffannaa ayyaanoota waggaa amantii isa tokko. Isa hinqabneef qooduun, mana ofiitti waamanii nyaachisuun, firriifi hiriyyaan buna walwaamee wajjiin kabajuun ibsamoota ayyaanaa keessaa isaan muraasa.
Waggaa tokkoo as garuu haala barameen kabajuurratti danqaan waan uumame fakkaata. Weerarri koviid 19 garmalee babal’achuun duudhaalee hedduu baranne akka dhiisnuuf nu dirqamsiiseera. Waggaa darbe yommuu jalqaba vaayirasichi biyya seene namni sodaatee walirraa dheessee ture. Amma garuu wantoonni baay’een bakkatti deebi’aniiru; tatamsa’inni vaayirasichaammoo garmalee dabalaa jira.
Kanaaf kiristaanoonni bor yommuu ayyaana Faasikaa kabajan, musliimoonni torban booda Ramadaana yommuu ayyaaneeffatan bifa vaayirasichaaf hinsaaxilamneen ta’uu akka qabudha Biiroon Eegumsa Fayyaa Oromiyaa (BEFO) kan hubachiisu. Akka qajeelfamni ittisaafi to’annaa vaayirasii koronaa lakkoofsa 30 dhiheenya ba’etti sagantaawwan hawaasummaa kanneen akka ayyaanota, guyyaa dhalootaa, guyyaa eebbaa, ‘maahibara’ waliin kabajuufi gadda ta’uu miseensa maatiitiin ala walitti qabamuu ni dhorka.
Hogganaa Ittaanaan BEFO Obbo Darajjee Abdannaas hawaasni ayyaana waggaatti dhufee darbuuf jecha lubbuunsaa darbuu waan hinqabneef qajeelfamicha hojiirra akka oolchan gaafatu.
Tatamsa’inni vaayirasichaa daran dabaluusaatiin namoonni baay’een lubbuusaanii dhabaafi dhukkubichaan dararamaa jiraachuu eeranii, lakkoofsi namoota du’aa jiranis guyyaa guyyaatti dabalaa jira jedhu.
Yeroo ammaa wiirtuuleen wal’aansaa dhukkubsattoota hanga tajaajila kennuu danda’an ol keessummeessaa jiraachuu kaasanii, oksijinii waliiga’uun dadhabamee namoota beellamuuf dirqamuu dubbatu. Guyyaa beellamaa gaafa dhukkubsataaf bilbilamus namni sun lubbuudhaan darbee argamuu kaasu.
Namoota saamuda kennanii sakkatta’aman keessaas walakkaan ol vaayirasichaan qabama jiru kan jedhan Obbo Darajjeen, osoo humni sakkatta’uu dabalee lakkoofsi namoota qabamanii kana amma jiru caalaa dabaluu akka danda’u himu.
Ta’us yeroo vaayirasichi garmalee babal’ate kanatti dagannaan hawaasaa kan nama yaaddessuu ta’uu kaasanii, keessumaa ayyaanonni waggaa amantii kiristaanaafi musliimaa gidduu kana kabajaman haala tatamsa’ina vaayirasichaa hir’iseen ta’uu akka qabu hubachiise.
“Ayyaanni har’a darbee boris ni dhufa. Yeroo biraa gaafa dhukkubichi bade ykn dawaa argatu jireenya hawaasummaatti deebi’uunis ni danda’ama. Kana hubachuun namni hundi ofeeggannaadhaan kabajuu qaba. Ofeeggannaan kan barbaachisus gaafa ayyaanaa qofa osoo hintaane sirna gabaafi qophiirraa kaasee ta’uu qaba” jedhu.
Hanga yoonaa Oromiyaatti namoonni kuma 35 ol vaayirasichaan kan qabaman yoo ta’u, 468 ammoo lubbuunsaanii darbeera.
Gaazexaa Bariisaa Ebla 23/2013