Artisti Girmaa Bultii: Artistii waggoota 30 oliif aadaafi duudhaa Oromoo fakkiifi bobbocaan ibsaa jiru

Dhalli namaa gaafa lafa kanarra jiraachuu eegalerraa kaasee dandeettii waa kalaquusaatti fayyadamuun, haala jiruufi jireenya ummataa bara ofiisaatii keessa jiraachaa ture sana fakkii isaaf bakka bu’uu danda’an jedhee yaade sana kaasuudhaan ol keewwataa ture.

Kun immoo haala jijjiirama yerootiin walqabatee fakkiin dur namni tokko dandeettii uumamasaa qofatti fayyadamuudhaan haala jiruufi jireenya ummataa, akkasumas uumama itti kaasaa ture gara saayinsiin geeddaramuutti ce’uunsaa waan hinoolle ta’a.

Seenaa biyya keenyaa keessatti hojiiwwan aartii fakkiifi bobbocaa yeroo garaa garaatti artistoota garaa garaatiin hojjataman keessaa isaan filataman iddoowwan akka, masaraa mootummaa, mana amantii garagaraa, muuziyeemiifi giddugaloota aadaa garagaraa keessa ol kaa’amaniiru.

Artistoota hojii aartii gosa fakkiifi bobbocaatiin aadaafi duudhaalee biyyattii sadarkaa addunyaatti beeksisanii darban keessaa kanneen akka Doktara Kabajaa Artisti Lammaa Guyyaa, Looreet Afawarqi Takleefi kanneen biroo maqaa dhahuun ni danda’ama.

Artistoota yeroo ammaa ogummaa fakkiifi bobbocaatiin hojiiwwan gurguddoo beekamtii dhuunfaasaanii bira darbee maqaa biyyasaanii sadarkaa Afrikaafi addunyaatti beeksisaa jiran keessaa immoo inni tokko Artisti Girmaa Bultiiti.

Artisti Girmaan hojii fakkiifi bobbocaasaa keessatti haala fayyadama halluurratti waan Looreet Afwarqi Takleetiin wal isaan fakkeessu hedduu akka qabantu himama.

Hojii kanaanis sadarkaa Afrikaatti  beekamtii kan qabu barruu akka Afrikaa Jornaal irratti ogeeyyota fakkii ciccimoo keessaa isa tokko ta’uun eeramuu danda’eera.

Waggoottan sadiin dura Waldaa Faayin Aartii Oromiyaa hundeessuudhaan Pirezdaantii waldichaa ta’ee tajaajilaa kan jiru Artisti Girmaan, keessummaa Bariisaa Torbee kanaa taasifanneerra.

           Dhalootaafi Barnoota

Namni fakkii takkaan haala jiruufi jireenya ummata tokkoo ibsu, jecha fakkiin bakka buusuun namatti ulfaatu dhugoomse kun kan dhalaten magaalaa guddoofi haala jiruu mijataa keessatti osoo hintaane, qonnaan bulaa irraa ganda qonnaan bulaa keessatti.

Artisti Girmaa Bultii bara 1963 Godina Arsii nannawa magaala xiqqoo Abbomsaa jedhamutti dhalate. Barnootaa sadarkaa jalqabaafi lammataa achumma iddoo dhalootasaatti kan hordofe yoo ta’u, barnoota sadarkaa olanaatiif immoo gara magaalaa Finfinneetti galuudhaan itti fufeera.

Sana booda immoo gara kolleejjii seenuun yaada ganamaan onneesaa keessatti biqilte gara hojii qabatamaatti geeddaruuf akka isa gargaaruuf saartifikeetii jalqabaa fudhate. Gosoota barnootaa ogummaa aartiin walqabatan garagaraas sadarkaa adda addaatti fudhateera. Sadarkaa Dippilomaarraa kaasee hanga digrii lammataatti gosoota barnootaa kanneen akka, Faayin aartii, Giraafik diizaayinii, viizyuwaal kominikeeshiinii, viidiyograafifi kanneen birootiin ogummaasaa gaabbifateera.

    Addunyaa hojii

Mana Qopheessaa Bulchiinsa Magaalaa Finfinneetti diizaayinara aartii ta’uun tokko jedhee gara hojiitti seenuun dandeettii uumamaan qabu sana barnootaan cimsachuun gara hojii qabatamaatti gale.

Ittaansuudhaanis bulchiinsa magalattii keessatti dursaa garee odiyoo viizyuwaaliitti, Biiroo Aadaafi Turiizimii Magaalaa Finfinneetti immoo qorataafi suparvizyina aadaa ta’uun waliigalatti waggoota  hedduuf  sadarkaa garaa garaatiin bulchiinsa magaalatti tajaajilaa tureera.

Waggoottan kudhanii oliif immoo Muuziyeemii Biyyaaleessaa Itoophiyaatti ogeessa faayin aartiifi agarsiisaatti tajaajilaa kan jiru yemmuu ta’u, hojii idilee kana cinatti immoo carraa argame hundatti fayyadamuun hojii aartii fakkiifi bobbocaa ogummaasaatiin hojjate agarsiisaaf dhiheessaa tureera; ammas dhiheessaa jira.

Hojiin aartii fakkiifi bobbocasaa irra jireessaan kan xiyyeeffatu jiruufi jireenya hawaasa baadiyyaa irratti yemmuu ta’u, kun immoo ijoollee baadiyyaa ta’uusaatiin walqabatee dinqisiifannaa  uumamaaf qabu kan ittiin agarsiifatudha.

            Imala  agarsiisa aartii fakkiifi bobbocaa waggoota  30

Hojii aartii fakkiifi bobbocaa hanga ammaatti agarsiisa garaa garaatiif dhihaatan walii galaan 900 ta’an qopheessuudhaan ummata biraan kan gahe ogeessi kun, keessattuu  waggoottan soddoman darbaniif marsaalee soddoma ta’aniin ummata biraan gahuu dubbata.

Hubannoon akka hawaasaattis ta’ee mootummaatti damee kanaaf kenname gadaanaa ta’uusaatiin hojii aartii fakkiifi bobbocaa kana marsaa tokkoffaarraa eegalee hanga marsaa sagalaffaatti qarshii tokko osoo irraa hinbuufatiin jaalala aartiif qabu qofaadhaan ummataaf dhiheessaa kan ture yemmuu ta’u, agarsiifni hojii aartii fakkiifi bobbocaa mata dureewwan garaa garaatiin marsaalee sagalaffaa booda turan garuu gara qalbii namaa qabachuufi ummata biratti fudhatama argachuutti waan galaniif bu’aa qabatamaa irraa argachaa hojjachuu danda’eera.

Inistitiyuutii Aadaa Jarmaan irraa hanga Inistitiyuutii aadaa  Xaaliyaaniitti, Giriik Kilab Artii irraa hanga Egzibiishiinii Paan Afrikaatti, Muuziyeemii Biyyaaleessa Itoophiyaa irraa hanga Egzibishiinii Imbaasii Ameerikaatti, Tiyaatira biyyaaleessaa irraa hanga Giddugala Aaadaa Oromootti, Hoteela Sharaatanii hanga Hiltaniitti hojii aartiisaa dhiheeffachaa tureera.

Waggaa waggaadhaan yoo xiqqate agarsiisa aartii bobbocaafi fakkii kana qopheessuudhaan daawwattoota biyya keessaafi biyya alaatiif dhiheessaa kan ture ogeessi bulaan aartii kun,  hojiin aartii kun ummata biyyaattiirra caalaatti kan daawwatamaafi dinqisiifamaa ture lammiilee biyyoota alaatiin akka ta’e ibsa.

Waggoottan dheeraa hojii aartii bobbocaafi  fakkii irratti dabarse keessaa irra caalaadhaan kan xiyyeeffatu haala jiruufi jireenya dhala namaafi uumamaa irratti yemmuu ta’u,  hojiiwwan hanga ammaatti fakkiidhaan ykn immoo bobbocaan dhihaatan keessaa immoo dhibbantaan 80 aadaafi duudhaalee Oromoo irratti kan xiyyeeffataniidha.

Aartii fakkiifi bobbocaa dhibbantaa 80 aadaafi dhuudhaa Oromoorratti hojjataman

Fakkiin tokko jechoota kuma tokko ol waan tokko ibsuudhaaf dandeettii akka qabu ragaaleen garagaraa kan mirkaneessan yemmuu ta’u, ogummaan fakkiidhaan waan tokko ibsuu kun garuu nama hedduu biratti waan mul’atuu miti.

 fakkiin tokko ogummaawwan kanneen biroo hunda ibsuudhaaf dandeettii  qabaatus, ogummaawwan kanneen biroo garuu hundisaanii ogummaa fakkii ibsuu kan hindandeenye ta’uu aartistiin kun ni dubbata.

Maaluummaa siinqee irraa kaasee hanga aangoo siinqee, eenyummaa haadha siinqee irraa kaasee hanga ga’ee haadha siinqee isa jechi kumaatamootni ibsuudhaaf hindandeenye fakkiifi bobbocaan dhiheessanii ummata ajaa’ibsiiseera.

Maalummaa Irreechaafi haala irreeffannaa osoo barreeffamaan ibsama ta’eetii kitaaba tokko gaafachuu danda’u fakkii tokkoon ibsuudhaan dandeetti aartii agarsiiseera.

Aadaa waliin jireenya sabichaa keessatti iddoo olaanaa kan qabu aadaa dhiifamaa waliif taasisuu fakkii takkaan bakka buusuudhaan ummatatti dhiheessee, maalummaa Gubaafi  sirna gadaa Oromoo keessatti immoo Gubaan bifa kamiin akka raawwatamu qalamaafi waraqaa hedduu osoo hinqisaaseessin fakkii tokkoon lafa kaa’eera.

Hunda caalaa immoo kan nama ajaa’ibsiisu jechootaafi wantoota fakkiidhaan ibsuun hin yaadamne hedduuf fakkiifi bobboca wanta sana bakka bu’uu danda’an qopheessuusaati.

Akka fakkeenyaatti yemmuu ilaallu immoo jecha “Itti gaafatamummaa” jedhu kana akkamiin fakkiin ibsamuu akka danda’u yemmuu yaadamu nama hedduuf bowwuu mataa akka ta’u shakkiin hinjiru.

Warra ganamaan dandeettiin fakkiidhaan waan tokko ibsuu onneessaanii keessatti biqiltee barnoota ogummaatiin dagaagdeef dubbichi hojii daqiiqaa muraasaati.

Hojii fakkiifi bobbocaa inni hanga ammaatti qopheessee ummataaf dhiheesse keessaa inni jecha “Itti gaafatamummaa” jedhu bakka bu’uudhaan qophaa’e sun garuu hojii hedduu ajaa’ibsiisaa ta’eedha.

‘’Huddeellaa fardaa” irraa hanga qophii fardeen gara waraana Aduwaatti imalaa jiranii fakkii miira namaa qabuun lafa kaa’uus danda’eera.

Fakkiin inni fardeen gara waraana Aduwaatti imalaa jiran agarsiisu sun hiikkaan inni nama tokko biratti qabuufi nama isa biraatiif qabu garuu garaagarummaa akka qabaatan shakkiin hinjiraatu. Sababnisaas hiikkaan fakkii ykn bobbocaa akka abbaan hubatetti waan ta’eef.

Kaayyoon abbaan bobbocichaa itti kaaseef kan biraa, namtichi jalqaba bobboca sana ilaale kan hubate kan biraa, namni itti aansuudhaan ilaales kan hubate kan biraa ta’uu danda’a.

Hunda caalaa garuu warrootni fakkii ykn bobboca sana daawwatan hunduu waan isaanitti fakkaateen hiikkaa garaa garaatti hiikkatanis, abbaan bobboca sana hojjate garuu hiikkaa hojjateef inuma beeka.

Bobbocni fardeen duula Aduwaa hirmaachuuf deemaa jiranii sun nama tokkoof fardeen adamoo bineensotaa irratti hirmaachuuf deemaa jiranii bakka bu’uu danda’a. Nama birootiif immoo fardeen shiftaa bosona maandheeffatee loon isaanii jalaa hataa ture adamsanii waraanuudhaaf ykn immoo qabuudhaaf hiikkaa jedhu kennuu danda’a.

Rakkoolee aartii Oromoorratti xiyyeeffachuusaatiin isa mudataa turan

Waggootan soddoma darban keessatti hojiileen aartii fakkiifi bobbocaa hojjataman keessaa dhibbantaan 80 aadaafi duudhaalee Oromoorratti kan xiyyeeffatan ta’uu armaan olitti ibsameera. Kun immoo aadaa baratamaa biyyi tun waggoota hedduuf ittiin beekamtu isa “waan gaggaarii hunda  gara aadaafi duudhaalee gara kaabaa irratti xiyyeeffachuu qaba” jedhuun kan walfaalleessu waan ta’eef, dhiibbaan ture olaanaa akka ture Artisti Girmaan ni dubbata.

Hojii aartii kamirrattuu akka hojjatamaniif kan jajjabeeffamu isa aadaafi dhuudhaa warra kaabaa bakka bu’u duwwaa ture. Haala sana keessatti immoo aadaa Oromoo dabalatee ummattoota Kibbaa irratti hojjachuun taappeellaa  ‘Zaranyaa’  jedhu namatti maxxansiisa.

Kanaaf fakkiin ykn bobbocni tokko ulaagaalee saayinsaawaa ta’aniin qofa madaalamee beekamtii kan namaaf kennu qofaa osoo hintaane, fakkiin dhihaate sun kan warra kaabaafi moo isa biraati kan jedhus bifa dhoksaa ta’een kan ilaalamuudha.

Hojiiwwan aartii fakkiifi bobbocaa kanarratti immoo dhiibbaa geessisaa kan turan dhalattoota saba biroo qofa osoo hintaane, kanneen sabummaadhaan Oromoo ta’an dabalateeti.

Artistootni Oromoo ta’anii aadaafi duudhaa Oromootti qaanfatanis hedduudha. Eenyummaasaaniitti qaanfatanii eenyummaa isa biroo dagaagsuudhaaf warrootni carraaqaa turan danuu turan.

Har’a garuu haalli hundi jijjiiramee artistoota dhalootaan Oromoo ta’anii aadaafi aartii Oromootti qaanfachaa turan qofaa osoo hintaane, artistootni sabummaadhaan  Oromoo hintaanellee aadaafi duudhaa Oromoorratti hojjachuu eegaluusaanii yemmuu argu waan tanaan dura afaansaanii irraa bahaa ture kan isa yaadachiisu ta’uu ogeessi kun ni ibsa.

Sadarkaa aartiin Fakkiifi Bobbocaa yeroo ammaa irra jirurratti yaada kennu

Dameen aartii walii galaafi keessattuu immoo dameen fakkiifi bobbocaa biyya kanatti waggoota dheeraadhaaf xiyyeeffannoo gahaa osoo hinargatin turuunsaanii ni beekama. Kun immoo artistoota qofaa osoo hintaane, akka walii galaatti mootummaafi biyyattiis miidheera jechuun ni danda’ama.

Sababnisaa immoo, hojii turiizimii keessatti dameen iddoo olaanaa argachuu qabu tokko yoo jiraate fakkiifi bobboca.  Turistiin biyya alaa irraa dhufe tokko iddoo tokko deeme yemmuu daawwatu irra jireessaan fakkii  iddoosana bakka bu’uu daawwata.

Uumamaan immoo dhalli namaa waan baayyee dubbisee hubachurra fakkii tokko ilaalee waan hedduu achirraa hubachuu jaalata waan ta’eefi hawata turiizimii dabaluu keessatti shoorri fakkiifi bobbocaa olaanaa akka ta’e hubatamee irratti hojjatamuu qaba.

Haalli uumamaa biyyattiis ta’ee aadaan jiruufi jireenya biyyattii iddo tokkorraa kan biraatti garaa garummaa hedduu waan qabuuf waan akka salphaatti waraabamee dhumuun danda’amuu miti.

Sabaafi sablammootni akkasumas ummatootni biyyattii hundi eenyummaafi duudhaa mataasaanii qabaachuun madda turizimii kan bal’isuufi galii biyyattiin achirraa argachuu maltus bifa olaanaa ta’een kan dabaluudha.

Aadaafi duudhaalee sabaafi sablammootaa garaa garaa irratti qorannoowwan adda addaa gaggeessuun kunuunsuufi olkaa’uurratti kanaan dura hanqinoota heddutu ture.

Waggoota muraasa irraa eegalee garuu ilaalchiifi hubannoon jiru hamma tokko geeddaramaa dhufuuniifi dargaggoonni damee kanarratti baratan yuunvarsiitii keessaa eebbifamanii bahuun eegaluunsaaniifi  hamma tokko jijjiirama agarsiisaa jira.

Keessattuu waggoota sagaliifi saddeetii as hojiin aadaafi duudhaalee sabaafi sablammoota hundaa qoratanii faayidaadhaaf oolchuu kun bal’inaan hojjatamaa jiru.

Kanaaf bifa walii galaatiin yemmuu ilaallu damee aartii keessaa fakkiifi bobbocni xiyyeeffanno barbaachisu osoo argatanii guddina biyyaatiifis ta’ee damee turizimii guddisuu keessatti shoora olaanaa bahachuu akka danda’an ibsa.

Rakkoowwan gurguddoo yeroo ammaa dhimma kanarratti biyyattii mudataa jiran sadarkaa garagaraatti qoodanii ilaaluun ni danda’ama isaanis; rakkoo hubannoo, ilaalcha dogongoraa (walqixummaa sabaafi sablammootaa fudhachuu dhabuurraa kan maddu)fi hanqinni humna nama baratee damee kanaati.

Akka ogeessa aartiitti  sochiin akka dhuunfaattis ta’ee gareetti damee kana guddisuuf taasisaa jiru

Ogummaan aartiii akka dagaagu taasisuu keessatti ga’een qaamolee biroo akkuma jirutti ta’ee, ogeeyyotni damichaa mataansaanii shoora guddaa akka qaban baruudhaan sochii taasisaa jira.

Keessattuu damee aartii dagaagsuufis ta’ee achirraa akka biyyaattis ta’ee akka ogeessatti fayyadamuun kan danda’amu yemmuu dameen kun fooyya’e ta’uurratti hunduu waliif galu.

Kana hubachuudhaan immoo sochiin akka dhuunfaatti taasifnu akkuma jirutti ta’ee, akka gareetti immoo gurmaa’anii mirgaafi dirqamasaanii bahuuf akkasumas faayidaasaanii kabajsiisuudhaaf waggaa sadiin dura waldaa Faayin Aartii Oromiyaa hundeessanii jiru.

Hojiiwwan waldaan kun hojjatu keessaa immoo faayidaa hojjattootaa mirkaneessuufi  guddina damee kanaa fooyyeessuun hojii ijoo waan ta’eef, hojiiwwan gama waldaa kanaatiin hojjataman keessattuu gama aartii kanaa Oromiyaa keessatti  dagaagsuun wal qabatee bu’aa olaanaa qabaata.

                 Dhumarratti ergaa inni dhaamu

Dameen fakkiifi bobbocaa kun akka guddatu yoo barbaadame ijoollee lafaa dhufaa irratti xiyyeeffachuu feesisa. Barattoota sadarkaa tokkooffaa jiran irraa eegalamee warreen fedhiifi dandeettiin ogummaa kanaa keessoosaaniitti uumame adda baasuudhaan leenjiiwwan isaan deggaran akka argatan haala mijeessuu barbaachisa.

Umrii gadii keessatti ogummaa keessoosaanii jirurratti dabalanii leenjii dandeettii sana cimsu argachuun immoo gara fuula duraatti ogeeyyota ciccimoo akka ta’aniif haala kan mijeessu waan ta’eef, hojiin dhaloota duubaa dhufu irratti hojjatamu waan akka salphaatti ilaallamuu miti.

Bayyanaa Ibraahimiitiin

Gaazexaa Bariisaa Ebla 23/2013

Recommended For You