Akka Amantaa ofiitti gahee ofii bahuu

Ji’oota lamaan  darban ummanni Kiristaanaa hordoftoota amantii Ortodoksii sooma isa guddaa jedhamu keessa ture; sooma Faasikaa. Hordoftoonni amantaa Ortoodoksii guyyoota Roobiifi Jimaataan alatti yeroo amantii guyyoota dheeraa soomaan dabarsan qabu. Isaan keessaa soomni guddaan Faasikaa isa tokkoodha. Soomni kun torban saddeetiif ykn guyyoota 56f kan turuufi hordoftoonni amantichaa kan bakka gudddaa kennaniifidha. Soomni kun boru hiikama. Asumaan hordoftoota amantichaatiin baga ittin isin gahe “Ayyaana gaarii isiniif haa ta’u”  jedhuun barbaada.

Haaluma walfakkaatuun hordoftooti amantaa Isalaamaas sooma Ramadaan isa guddaafi isa kabaja addaa qabu soomuu eddii jalqabanii bubbulaniiru. Sooma kana hiikuudhaaf  yeroo gabaabatu hafa. Hordoftoota amantaa kanaanis “Yeroo soomaa gaarii isiniif haa ta’u; Ramadaan Kariim”jechuuniin fedha.

 Hordoftoonni amantaalee lamaanuu falaasama amantii gara garaa qabu. Lamaanuu  akka qajeelfama amantaasaanitti soomaa jiru. Amantiin garaagara ta’ullee; sirni soomaa adda addummaa qabaatullee; bakki itti sagadan tokko ta’uu baatullee kaayyoofi galmi soomaa walitti isaan fida jedheen yaada. Amantaan kamuu uumaa ittiin bulu ykn itti bulu qaba. Uumaa (creator)  itti sagadu qaba. Kiristaanni  maqaa waaqayyoo dhaha. Musiliimni Allaa jedha.  Maqaan garagara ta’ullee  lamaan uumaa isaan uumeef galata galchu. Uumaa isaan uume kadhatu. Maqaa uumaa isaan uumeen waan gaarii hojjetu. Cubbuu ofirraa dhiqu.  Maqaa uumaatiin waan gaarii hojjatu. Kanaaf kaayyoon amantoota lamaaniituu galmisaanii tokko kanan jedheef. Yoon dogongora qabaadhe na ofkalchaa.

Biyyi Xoobbiyaa akkuma sabaafi sablammoota hedduun ijaaramte hordoftoota amantaa adda addaatiin dhaabatte. Amantaawwan biyya kana keessa jiran hedduudha.  Heerri mootummaa hundaafuu beekamtii kenneera. Kuni kiyya sun kan gandaati hinjenne. Amantaan lammiiwwan biyyattii hordofan hunduu walqixa akka ta’es mirkaneesseera.   

Akka biyyaatti beekaniis ta’ee osoo hinbeekin amantaa tokkoof xiyyeeffannaa kennanii kaan gadi xiqqeessuun tureera. Kanaaf fakeenya guddaa kan ta’u sirnoota bara dargii dura turaniidha. Yeroo sanatti amantiin Ortodoksii amantii mootummaa ture. Har’as kallattiidhaan dhiibbaan hinjiru yoo jedhamuu baatellee ilaalichi olaantummaa sammuu namaa keessaa hindhabamu. Akka waligalaatti, garuu,  qalbiidhaan yaadama akkasii keessaa bahameera. Mootummaafi amantiin seeran gargar bahaniiru. Amantiin mootummaa jedhamu hinjiru. Amantiin miti-mootummaas jira jedhee hinyaada.

Walqixxummaan amantii jiramoo hinjiru jedhee gaaffii hintaane keessas hingalu. Amantaa tokkoof looganii kan biraa ammoo jibbuun ni jiramoo hinjiru gaaffiin jedhus waan biraati. Garuu Heerriifi seerri amantiifi mootummaa ifaan ifatti gargar baaseera. Namni kamiyyuu amantaa fedhe hordofuufi sirna amantichaa raawwachuuf  mirga  qaba. Kunimoo  dhimma biyyaa keessatti amantiin hunduu gahee walfakkaatan akka qabaatan taasisa. Gaheesaaniis akka bahan itti gaafatama kenna.   

Akkuman sila kaase biyyi kun biyya amantaa hedduu qabduudha. Raga istaatistiksii yoo dubbisan hordoftoonni amantaa kiristaanaa Ortoodoksii baay’inaan sadarkaa tokkoffarra jira; %43.5n. Baay’inaan kan itti aanu hordoftoota amantaa Islaamaati. Ummata biyya kanaa keessaa % 33.9 kan ta’u  Islaama. Sadarkaa sadaffaatti kan dhufu amantaa Pirootestaantiiti. Dhibbenttaa %18.6 ta’u. Waaqeeffataa, Kiristaana Kaatolikii, Jobaa, Jiwish, kkf amantoota biraa biyya kana keessa jiraniidha.

Kun ragaa tureedha kan bara 2007 Jiddugalli Istaatiksi biyyattii baase. Lakkoofsi ummataa biyya kanatti eddii gaggeeffamee waan tureef ragaan kun hanga tokko jijjiiramuu danda’a. Waanuma fedhe haata’u, garaagarummaan lakkoofsaa jiraatullee biyyattiin biyya amantaa hedduu akka taate dagatamuu hinqabu. Dhaabbileen amantaa kunniin nagaa buusuu keessatti, ummata walitti fiduufi jaalalaan akka waliin jiraatan barsiisuu keessatti gahee mataasaanii qabu. Yeroo soomaa kanas gaheesaanii caalaatti bahuu akka qaban yaadachiisuun barabaachisaadha.   

Keessattuu amantaaleen lameen, Ortodoksiifi Islaamaa biyya kana keessatti baay’ina ummata jiru keessaa toora %77 qoodatan nagaafi waliin jireenya dagaagsuu keessatti dhageettiin qaban guddaadha. Hordoftootaasaanii akka nagaa buusan, akka obso godhatan, akka walkabajanii waliin jiraatan barsiisuurratti waan guddaatu irraa eegama.   

Akkuma beekamu haalli yeroo ammaa biyyi keenya keessa jirtu kan namatti tolu miti. Kan qalbii namaa boqachiisu osoo hintaane kan jeequudha. Yeroo hamaa akkanaa kana gaheen dhaabbilee amantaafi abbootii amantii guddaadha. Yeroo ummanni sababa adda addaatiin du’aa jiru, yeroo qe’eesaarraa buqqa’aa jiru, yeroo hidhamaa jiru, yeroo walajjeesaa jiru kanatti soomni qofti cubbuu namarraa hinhaqu. Gochaan waan amantaan ajaju mul’isuun barbaachisaadha. Abbootiin amantii qaama walgaarreffatu walitti araarsuu, qaama waldhabe walitti firoomsuun qoodasaaniiti. Kanaaf sooman nyaata dhiisuu ykn lagachuu qofa osoo hintaane gochaa cubbu qabeessarraa of qusatanii qaamni biraas gochaa fokkataarraa akka of qusatu gochuun qulqullina isa guddaadha.  

Gochaawwan uumaanni jaal’atu keessaa tokko walgargaaruudha.Walgargaaruu qabeenya (material support), waldeegarsa yaadaa, afuuraafi kkf taasisuudha. Akkuman sila kaase biyyattiin rakkoo keessa jirti.  Waggootan darban keessa sababa adda addaatiin miidhaan lammii keenyarra gaheera. Dhalatattoonni biyya kanaa amantaan osoo adda hinbahin du’aaf saaxilamaniiru. Sabaafi sablammiilee amantaan osoo hinqoodamin carraan qe’eesaaniirraa buqqa’uu dhaqabeera. Ammas kan buqqa’aa jiran baay’eedha. Namoonni hedduun lafa irra jiraniin osoo adda hinbahin godaansaaf saaxilamaniiru. Rakkoowwan akkanaaf furmaata barbaaduu keessatti shoorri dhaabbileen amantiifi hordoftoonni amantii qaban kan lammii kaanii wajjin yoo walbiratti ilaalamu olaanaadha.

Abbootiin amantaafi hordoftoonni amantaa tokko tokko akka ummanni Oromoo hinbuqqa’iniifi warra kaan qe’eesaanirraa buqisaa jiruutti yoo dubbatan dhagahama. Kun gonkumaa dogongora.  Kan biyya kana keessatti yeroo jalqabaaf miliyoonaan buqqa’e Oromoodha. Har’as akkuma  lammii biyyattii kaamiiyyuu  waan hundaafuu saaxilamaadha. Wanti “ dabaree” jedhamu hinjiru. Gaariifi yaraa sabaafi sablammii wajjin qoodataa jira. 

Biyya kanatti namoonni heddumminaan qe’eerraa buqqa’an, kan du’an ykn ajjeefaman, kan biyyaa hari’ataman akkasumas rakkoo adda addaatiif saaxilaman  keessaa tokko dhalataa Oromooti. Garuu miidiyaa wacuuf hinqabu. Innis akka warra kaanii rakkoosaa hinlallabatu. Fakkeenyaaf shira siyaasaatiin Oromoo miliyoona tokko ta’u naannoo Somaaleetii buqqa’ee bittinnaa’ee hafeera. Kuun har’a, yeroo soomaa musiliimaa guddaa kana, ijoolleesaanii qabatanii daandii Finfinneerratti yaa’anii kadhachaa, waan kadhataniin sooma hiikaa jiru. Kanaaf Naannawa Xoor-hayilochiitti bahanii ilaaluun mirkaneeffachuun ni danda’ama. Oromoon naannawa Kamisee maalirra akka ture kan hundi keenyaa beeknuudha.

Akkuma waliigalaatti rakkoon biyya kanaa kan saba tokkoo qofa miti yaada jedhurratti walii galuun gaariidha. Naannoo Tigraayi keessa rakkoon ni jira. Naannoo Amaaraa keessa rakkoon jiru hamaataadha. Naanoo Beeniishangul keessa namni ni ajjeefama, qe’eesaarraa yeroo yeroon buqqa’a.  Somaaleefi Afaarittis darbee waanti dhagahamaa jiru gaarii miti. Naannoo Ummata Kibbaa keessatti bal’inaan uumamee argineera. Rakkoo kana hunda kan umme Waaqa ykn ummaa miti; dhala namaati. Dhala namaa kan amantaa qabu. Qe’ee amantaa dhaabbatee sagadu, nama soomee soomsisuudha. Ummata kana amantaa ittiin buluun yoo qaban rakkoon uumamu guutummaan baduu yoo baatellee gadi hir’achuu mala.

Ummanni keenya gaafa sooma guddaa soomaa bahe hiikuuf jedhu kanattis ta’ee gaafa soomarra jiru kana kan yaadachuu qabu lammiiwwan keenya kan akka keenyaa midhaan nyaatan hinqabane, godoo mataa seensifatan hinqabneefi huccuu ofirra buusan dhabanii qorriifi aduun irratti waljijjiiraa jiran yaadachuudha. Barsiisni amantaas kan ajaju kanaadha. Ofii qofa osoo hinta’in rakkataa yaadachuu, beela’aa nyaachisuu, dheebotaa dheebuu baasuu, kan dare daara baasuudha. Amantaan dhugaa kan ittiin mul’atu kanaadha. Nyaata ji’a lama lagatanii gaafa soomni hiikamu bokoka garaatiin rakkachuu miti. Machaa’anii sammuu dhabuu miti. Kanaaf yeroo kana waliif birmachuutu cubbuu namarraa dhiqa.   

Gama biraatiin  nagaa biyya kanaa buusuu keessatti dhabbileen amantaafi hordoftoonnisaanii gahee irraa eegamu bahuu qabu. Nageenyi biyya keenyaa rakkoo keessa jira. Rakkoon nageenyi kun biyya qofa osoo hintaane dhaabbilee amantaas ni jeeqa.  Hordoftoota amanataas waan soomaniif hinxuqu jechuun hindanda’amu. Kanaaf, dhaabbileen amantaa soomarra turanis ta’e kan soomaa jiran haala walirraa hincinneen miseensotasaanii yeroon itti argan yeroo kana.

Yero kanatti ammo jibba osoo hintaane jaalal lallabuu qabu,  waldhabdee osoo hintaane araara buusurratti hojjechuu qabu. Qamolee meeshaa walirratti kaasan meeshaa buusanii akka gara araaraatti dhufan dhiibbaa gochuu qabu.  Kanarratti gaheen amantaalee guguddoo lamaanii kanneen kaanii ni caala.  Qaamolee walgaarreffatan walitti araarsuuf kan isaan caalaa dhageettii qabu waan jiru natti hin fakkaatu. Kanaaf; gaheesaanii ba’uun  yeroon ammadha.

 Hordoftoonni amantaa Ortoodoksii baga guyyaa sooma hiikaa geessan. Hordoftoota amantaa islaamaaf Ramadaan Kariim.  

Torban gaarii!

Dachaasaa Roorrootiin

Gaazexaa Bariisaa Ebla 23/2013

Recommended For You