Ministeerichi sanyii filatamaa kuntaala miliyoona 1.7 walitti qabuuf karoorfatee hojjechaa jira

Sinqinash Alamuutiin

Finfinnee: Ministeerri Qonnaa, barana sanyii filatamaa kuntaala miliyoona 1.7 walitti qabuuf karoorfatee hojjechaa jiraachuufi hanga ammaattis kuntaala miliyoona 1.2 walitti qabuusaa ibse.

Ministeerichatti daarektarri galtee qonnaafi gabaa Obbo Mangistuu Tasfaa ibsa dheengadda Gaazexaa Bariisaatiif  kennaniin, sanyii filatamaan biyya keessatti waan omishamuuf yeroon waliittiqabuu, raabsuu, sadarkaa qulqullinaasaa mirkaneessuu waan barbaaduuf kana raawwachuun fedhii qonnaan bulaa guutuuf hojjetamaa jira.

Walgeettii mirkaneessuufis biyyattiitti yeroon miidhaan ittin facaasan bakkaa bakkatti garaagarummaa waan qabuuf qonnaan bulaan dursee galteewwan barbaachisoo fayyadamuun, dabalataan kan dhufu eeggachaa raabsa galteewwanii dhugoomsuun hanqina uumamu furuun barbaachisaadha jedhaniiru.

Galteewwan qonnaa ammayyaa fayyadamuurratti fedhiin qonnaan bulaa waggaa darbe waliin walbira qabamee wayita ilaalamu fooyya’aa ta’uus eeranii,  sanyiin falatamaa bara darbe kuntaala miliyoona  1.4 ture gara kuntaala miliyoona 1.7tti yoo guddatu xaa’oofi keemikaalonni biroonis haaluma walfakkaatuun daballii agarsiisuu ibsaniiru.

Omishaafi omishtummaa dabaluuf galteewwan qonnaa, qoricha ilbisaafi haramaafi sanyiin filatamaa ganna dhufuuf qophaa’e waggaa darbe waliin walbira qabmee wayita ilaalamu kan dabale ta’uufi haalli qonnaan bulaan omishtummaa guddisuuf galteewwan qonna ammayyaatti  fayyadamaa jiru muuxannoon qonnaan bulaa guddachaa dhufuu agarsiisa jedhaniiru.

Akka ibsa Obbo Mangistuutti, ganna dhufuuf omishaafi omishtummaa dabaluuf xaa’oo kuntaala miliyoona 18, kuma 169fi 216 kan barbaachisu yoo ta’u mootummaanis guutummaan bittaa raawwateera, xaa’oon kuntaala miliyoona 10 bitamee buufata galaana Jibuutii gaheera, kuntaalli miliyoona saddeet geejibamaa jira.

Galteewwan qonnaa guutummaatti biyya keessa galchuuf hanga Waxabajjii 15 bara 2013tti irratti xiyyeeffatamee hojjetamaa jira jedhanii, xaa’oo buufata galaana Jibuutii gahee keessaa kuntaala miliyoona 9.4 biyya  galuu, kuntaalli miliyoona 1.8 qonnaan bulaaf raabsamuu ibsaniiru.

Haala raabsaarratti qaamota dhimmi ilaallatu waliin qophii barbaachisu taasisuun baaburaan geejjibsiisuurratti hojiin jajjabeeffamuu qabu hojjetamuufi keemikaalli qonnaa liitiraa kiiloogiraama miliyoona  1.4 adeemsa bittaa keessa jira jechuun himaniiru.

Gaazexaa Bariisaa Ebla 16/2013

Recommended For You