“Hubannoo Oromoon nagaaf qabu uumaa, uumamaafi nama hunda hammata” -Obbo Guyyoo Dooyyoo

Kutaa Qophiitiin

Finfinnee: Mariin idilee Gumii Balal jdhamuufi Waajjira Pirezdaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaatiin geggeeffamu dheengadda marsaa lammaffaaf mata duree “Sona filannoo dimokraatawaafi nageenya” jedhuun adeemsifameera.

Maricharratti yaada ka’umsaa kan dhiheessan Hayyuu Falaasamaafi Gorsaa Pirezdaanii Oromiyaa Obbo Guyyoo Dooyyoo akka jedhanitti, ilmi namaa fedhii ofii guuttachuuf nagaa barbaada. Nagaan yoo jiraatee fedhiin ilmaan namaa guuta.

“Akkaataa yaadama Oromooti nagaan qabiyyee lama qaba. Tokkoffaa, nagaa Waaqaa-lafaa (uumaa, uumamaa-bineensotaafi biqiltootaa, akkasumas nama gidduutti walitti dhufeenya jiru yoo ta’u hubannoo Oromoon nagaaf qabu uumaa, uumamaafi nama hunda hammata jechuudha, inni lammaffaa ammoo badhaadhina (jireenya, hormaata, gabbinna, dagaaginaafi bal’ina) hammata. Nagaan qabeenya waloo waan ta’eef kunuunsa barbaada” jedhu.

Gama biraatii filannoo baranaa ilaalchisuun yaada kennaniin, filannoon mootummaan dimokraatawaa fedha ummataatiin karaa bilisaafi haqa-qabeessa ta’een filatame akka biyya bulchuuf karaa kan banu ta’uu kaasu.

Jaarmiyaaleen dimokraasii guddachuufi gabbachuu dhabuun, namuusa dhabuufi faffaca’uun paartilee morkattootaa, abdii kutachuufi tokkummaa dhabuun ummataa, to’annaa jalaa walaba ta’uu dhabuun dhaabbilee siiviliifi irraanfatamuun duudhaalee aadaa nagaafi tasgabbii biyyaa miidhaa turuu ibsu.

Biyyittiin danqaafi carraadhaan marfamtee filannoo fuuldura keenya jiruuf qopha’aa jirtu kanatti ummatni Oromoo waliin qofa osoo hintaane ollaa, sabaafi sablammoota biroo wajjin nagaa isaa tikfachuuf marii cimsee akka itti fufu qabu hirmaattonni Gumii Balal ni dhaamu.

Gaazexaa Bariisaa Ebla 16/2013

Recommended For You