“Rakkoolee biyyattii mudatanirra kanneen hambisnetu caala” -Obbo Ahimad Sayiid

Sinqinash Alamuutiin

Finfinnee: Biyya lammiileef mijattuu ijaaruu keessatti hojiileen dhimmoota hawaasumma, dinagdeefi siyaasaarratti hojjeetaman barbaachisaa ta’uun ni beekama. Dhimmoota kunneen galmaan gahuuf ammo nageenyi barbaachisaadha; keessumaa bu’uura nageenyaa kan ta’e nageenya keessoo namoota dhuunfaati.  

Ministeera Nagaatti ittigaafatamaan waajjiraa Obbo Ahimad Sayiid ibsa waajjirasaanitti Gaazexaa Bariisaaf kennaniin akka jedhanitti, ministeerichi  hojiilee gurguddoo nageenya biyyattiif gumaachaan hojjetaa turuus komii ‘Ministeerri nagaa nageenya biyyattif hojjechaa hinjiru’ jedhutu ka’a. Haata’u malee ministeerichi rakkoolee nageenyaa biyyattii muudatan furuu qofarratti osoo hintaane rakkooleen hedduu akka hinuumamnes hojjetaa tureera.

Meeshaaleen waraanaa yeroo garagaraa  qabamaa turaniifi jiran hojii ministeerichi hojjeteen osoo hinto’atamnee ta’ee rakkoo guddaan biyyattii kan mudatu turuu eeranii, kanaaf ummanni rakkoo biyyattii mudate caalaa isa utuu hinuumamiin hafe akka caalu hubachuu akka qabu kaasaniiru.

Akka Ministeera Nagaatti ijaarsi nageenyaa akka damee tokkootti minister de’eetaan kan hogganamu yoo ta’u, wayita ammaa  haala baratameen humna nageenyaan nagaa fiduuf yaalu osoo hintaane namoonni hundi dhuunfaan nageenya mirkaneessuuf waa gumaachuu qabu jedhamee hojjeetamaa jiraachuu eeranii, kunis namni dhuunfaan nageenya keessoo akka qabaatu sana booda maatiisaafi hawaasa waliin nagaa akka ta’uuf  irratti xiyyeefatamee hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.

Hojiilee nageenyaarratti hojjetaman keessaa mariin gandoota biyyattiin qabdu hunda kessatti taasifame kan jajjabeefamuu ta’uu, akkasumas marsaa lammaffaafis gaggeessuuf qophaa’aa jiraachuu kan himan Obbo Ahimad, nagaa eeguufi eegsiisuuf ummatoonni gubbaa gadii kan itti fee’amu osoo hintaane achii ol dhimma biyyasaanirratti akka hirmaatan taasiisuuf hojjeechaa jiraachuu  beeksiisaniiru.

Hayyoonni seenaa biyyattiin qabdu gama gaariinis ta’u yaraan dhibbaan geesiisan guddaa waan ta’eef hawaasnis amantaa waan irratti qabuuf mariin hayyoota seenaa  ilaalcha garagaraa qaban taasifamaa turuufi waldaa ijaaraniin nagaa biyyattiif akka hojjeetan taasifamaa jiraachuu ibsaniiru.

Ministeerichi hojiileen kanaan dura dhimma nagaarratti hojjeteen namoonni walitti bu’iinsarraa fagaatanii bilisaafi nagaan akka filannoo biyyaalessaa marsaa 6fa irratti hirmaatan akkasumas, mirga filuufi filatamuusaanitti akka fayyadaman ni taasisa jennee abdanna jedhaniiru.

Hojiileen garaagraa vaayirasii koronaa, weerara hawwaanisaafi seera kabachisuu kaabaa Itoophiyaarratti hojjeetamuu yaadachiisanii, lammileen biyyattii dhimma nageenyaa hunda ministeerri nagaa ni hojjeeta jedhanii yaaduu akka hinqabneefi abbaan nagaa namoota dhuunfaa hunda ta’uu hubachuu akka qaban yaadachiisaniiru.

Gaazexaa Bariisaa Ebla 9/2013

Recommended For You