Sinqinash Alamuutiin
Finfinnee: Paartiin Bilisummaafi Walqixxummaa wayita kaayyoosaa miidiyaaf ifoomseetti, ifni dimookraasiifi jijjiramni amma mul’ataa jiru ummatoonni Itoophiyaa osoo saba, amantiifi ilaalcha siyaasaan wal hinqoodiin aarsaa kaffalaniin kan argamedha. Cancalli dimokraasii kana itti fufsiisuuf filannoon biyyaalessaa marsaa 6fa seenaa filannoo biyyattii kessattii akka tasaa kan mudate waan ta’eef ummatni mootummaa biyya bulchuu danda’u filuu danda’uu qaba jedhe.
Durataa’aa paartichaa kan ta’an Doktar Abdulqaadir Adam sagantaa ibsa miidiyaaf dheengaddaa kennaniin akka jedhanitti, filannoowwan kanaan dura biyya kana keessatti waggoota 25 dura gaggeefamaa turan adeemsiifi firiin filannichaa sirna dimookraasii kan hinhordofne, bilisummaafi mirga lammiilee kan sarbeefi walitti bu’insaan kan guutame ta’ee ilaalchaa addaa kan hinkeessumeesine ture. Filannoon baranaa haala amma deemaa jiruun lammiileen mootummaa barbaadaniin akka bulan carraa kan banu jedhamee abdatama.
Itoophiyaanoonni kanaan dura mirga filuufi falatamuu kabachisachuuf aarsaa ta’aa turaniiru. Gareen gita bittaa faallaa fedhii dimookraasii dhaabbatan mirga filuufi filatamuu ummatootaa mulquuf hojii ummata ukkaamsuu bal’aa hojjeechaa turaniiru. Kanas ummatoonni Itoophiyaa wareegama barbaachisu kanfaluun ofirraa mulqanii gatuun mirga filuufi filatamuu goonfachuu danda’aniiru jedhu.
Akkasaan jedhanitti, haalli biyyittin keessa jirtufi seenaa filannoo dadhaabaafi sodaachisaa biyyittiin qabdu waliin filannichi abdii nama kutachiisuufi amantaa ummanni filannorratti qabu kan hir’isu ta’uu danda’a. Filannoon marsaa 6fa nagaa, bilisaafii haqummaan gaggeefamuu dhaba yaada jedhuun lammiileen akka shakkii keessa seenan taasiseera. Haata’u malee rakkoolee wayitawaas ta’e akka seenaatti jiran furuuf mirga filuufi filatamuutti fayyadamuun adeemsa filannichaa keessattii ummatoonni biyyatti hunduu dammaqinaan hirmaachuun murteessaa ta’uu himaniiru.
Paartichi filannoon biyyaalessaa marsaa 6fa dogoggoroota fiannoowwaan kanneen kanaan dura mudatanirraa bilisa akka ta’u ummatoonni biyyatti adeemsa filannoo jalqabamee hanga xumuramuutti nagaa qabeessa akka ta’ufi firiin filannoos ummatootaan, taajjabdootaafi paartilee morkatootaan akka fudhama argatu hanga humnisaani danda’e hojjeechuu akka qaban ibsaniiru.
Ummatoonni biyyatti hundi paartii nagaafi tasgabbii mirkaneessu, mirga namummaafi dimoorkaasii lammilee kabaju, hiyyummaa hamaafi qaala’ina jireenyaarran adda baasu, lammiileef keessaayyuu dargagootaaf carraa hojii uumuu danda’u, sirna ofiin of bulchuu lammiilee mirkaneessu, dimookraasii dhugoomsu, imaammatawwan dhimmoota alaa fayyadamummaa waloorratti hundeessuufi seera kabajee kabachiisuu itti yaadee filachuun ijaarsa biyyaa keessatti gaheesaa bahachuu qaba jechuun dhaamaniiru.
Gaazexaa Bariisaa Ebla 9/2013