Bayyanaa Ibraahimiin
Jigjigaa: Yeroo dheeraadhaaf taarifni tajaajila intarneetii Itiyoo Telekoom kennaa ture qaalii ta’uusaatiin fayyadamtootni hedduu irraa dheessaa kan turan yemmuu ta’u, waggoota lamaan darbanitti garuu yeroo adda addaatti fooyya’iinsa taarifaa taasifameen maamiltoota hedduu horachaa jiraachuu dhaabbatichi ibseera.
Milkaa’inni damee telekoomii babal’ina bu’uraalee misoomaa tajaajilichaaf oolan qofaa osoo hintaane itti fayyadamtoota dhaabbii horachuu akka qabu kan himan hoji gaggeessituun Itiyoo Telekoom Dubree Fireehiwoot Taammiruu, kanarraa ka’uudhaanis yeroo ammaa hojii waliinga’iinsa tajaajila intarneetiin cinatti hawaasni gatii madaalawaa ta’een akka tajaajilamuuf tarkaanfii qabatamaa fudhachaa jiraachuu dubbatu.
Sagantaa tibbana tajaajila intarneetii ‘4G LTE Advanced’ magaalota torba fayyadamoo taasisu eegalchiisuudhaaf Jigjigatti adeemsifamerratti haasaa taasisaniin, dhaabbannisaanii tarsiimoo waggoota sadii baasee gara hojiitti galuusaa eeranii, tajaajilli intarneetii ‘4G LTE Advanced’ riijinii Baha Bahaatiif guyyichatti eegalames qaamuma tarsiimoo kanaa ta’uu ibsu.
Keessattuu yeroon amma keessa jirru kun iddorraa iddotti socho’uun sababa koronaatiin ugguramaa waan jiruufi darbees teessumni lafa baha biyyattii babal’ina bu’uraalee misoomaa telekoomiitiif hedduu ulfaataa ta’us kutannoo fayyadamummaa ummataa mirkaneessuuf qabanirraa kan ka’e garuu hojicha milkeessuun kan danda’ame ta’uus ni himu.
Jigjigaa, Godee, Fooqi, Dagahabur, Qabiribayah, Waardeerfi Qabiridaar immoo magaalota riijinii baha bahaa tajaajila intarniitii ‘4G LTE Advanvced’ argataniidha.
Gaazexaa Bariisaa Ebla 2/2013
6 Comments to ““Waggoota lamaan darbanitti taarifa intarneetii hir’isuun maamiltoota hedduu horanneerra” -Dubree Fireehiwoot Taammiruu”